Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Indiyaatti walitti aansee guyyoota afuriif namoonni kuma 50 Covid-19'n qabamu beeksifte

    Indiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman dabalaa jira

    Madda suuraa, EPA

    Indiyaatti walitti aansuun guyyoota afuriif guyyatti namoonni 50,000 ol koronaavaayirasiin qabamuu biyyattiin beeksiifte.

    Kunis biyyattiitti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii kan waliigalaa miiliyoona 1.7 ol akka gahu taasiseera.

    Irra caalaan namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii kan kuma 30 ta’an kunneenis kan Kibba-baha bulchiinsa Andhraa Pradesh keessatti argameedha jedhameera.

    Bulchinsi kunis bakkeewwan biyyattii garmalee vaayirasichaan miidhaman keessa tokko.

    Indiyaan jalqabaratti wayita Bitooteessa keessa motummaan tarkaanfii sochii daangeessuu fudhate tureetti haala tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuun baatiiwwan lamaaf waan gaarii galmeessite turte.

    Garuu uggurri aa’amee ture miidhaa dinagdee fi namootaa waan dhaqqabsiisuu deemeef biyyattiin baatii Waxabajjii irraa kaasuun ugguricha laaffisuun garuu qoranno baayi'innaan gaggeessuu eegalte.

    Haa ta’u malee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii baay'ee dabalaa dhufeera.

    Kanarraa kan ka'e bulchiinsoonni baay'eenis uggura sochii bakkeewwan adda addaa irratti xiyyeefatan haaraa kaa’aa jiru.

    Mootummaan biyyattii garuu lakkoofsi namoota vaayirasichaa qabamanii garmalee dabalaa dhufuulleen lakkoofsi namoota lubbusaanii dhaban kan biyyoota kaaniin wali bira yoo qabamu gadaanaadha jechaa jira.

  2. "Gaa'elakoo keessatti akkan garba ta'etti natti dhaga'ama ture"

  3. Lammileen Jarman uggurra Covid-19 mormuun hiriira bahan

    Namoota hiriira mormii bahan

    Madda suuraa, Reuters

    Jarmanitti lammileen sochii sababa koronaavaayirasiif dhorkame mormuun hiriira bahan.

    Namoonni hiriira bahan kunneenis tarkaanfileen akka maaskii godhadhaa jedhan mirgaafi bilisummaa keenya kan sarbudha jedhaniiru.

    Poolisiinis namoonni hiriira bahan kunneen seera koronaavaayirasii ittisuuf bahe cabsaniiru jechuun bittineesseera.

    Hiriira mormii kanarratti namoonni 20,000 ta’an hirmaataniiru jedhan qondaaltonni biyyattii.

    Namoota hiriira kana keessatti qooda fudhatan muraasa qofadha kan maaskii godhatanii turan.

    Jarman biyyoota Awuroppaa keessa biyya Covid-19 haalan hin miidhamne taatus lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii garuu dabalaa jira.

    Guyyaa Jimaataa namoonni haaraa 900 koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman, torba ammoo du’aniiru.

    Qopheessitoonni hiriirichaa dhorkaa koronaavaayirasii booda “guyyaa bilisummaati” jedhaniiru.

    “Fedhiin keenya gara dimookiraasiitti deebi’uudha. Seerota haaraa Covid-19 kabajaa jedhamne hafee, maaskii garba nu fakkeessu dhiifnee,” jette dubartiin hiriira irratti hirmaatte.

    Jarmanitti namooni 210,000 ol koronaavaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni 9,000 ammoo dhibee kanaan lubbuusaanii dhabaniiru.

  4. Filannoo kaadhimamummaa Tiraamp irratti miidiyaaleen dhorkamuuf

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Paartiin Riippabiliikaanotaa nama pireezidaantummaaf dorgomu kaadhimuuf filannoo ji’a kana taasisurratti miidiyaaleen hin argaman.

    Dubbi himtuu Koonveekshinii Biyyaalessaa Riippabiliikaanotaa akka jedhanitti filannicha irratti miidiyaaleen akka hin argame kan taasifameef sababa weerara koronaavaayirasitiin jedhaniiru jedha gabaasni AP.

    Bakka buutonni paartichaa pireezidaant Doonaald Tiraamp kaadhimuuf Kaabaa Kaaroliinatti argamuuf.

    Bakka buutonni 336 gaafa Hagayya 24tti kan wal arganii filannicha taasisan.

    Paartichi waggoota hedduuf filannoo taasisuurratti miidiyaaleen akka hirmaatan gochuun beekama.

    Filannoo kanarratti miidiyaaleen dhorkamuunsaanii seenaa paartichaa keessatti jijjiirama guddaa fida.

  5. Tatamsa'ina Covid-19 ittisuuf walirraa fageenyi meetira lamaa gadii bu’aa qabeessa ta’aa?

  6. Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii miiliyoona walakkaa caale

    Afrikaa Kibbaatti namoota miliyoona walakkaa ol ta'an irratti koronaavaayirasiin argamuun mirkanaa'eera jedha ministeera fayyaa biyyattii.

    Akka gabaasa ministeerichaatti Sanbata kaleessaa qofa namoonni haaraa 10,107 kan qabaman yoo ta'u, walumaagalatti lakkoofsi namoota Afrikaa Kibbaatti koronaavaayirasiin irratti argamee 503,290 gaheera.

    Namoonni dhibee kanaan lubbuun darbe ammoo 8,153 taheera.

    Afrikaan Kibbaa biyyoota Afrikaa keessaa dhahichi koronaavaayirasii kun haalaan miidhedha.

    Namoota arditti irratti koronaavaayirasiin qabaman keessaa walakkaa ol kan ta'an Afrikaa Kibbaa keessatti argamu.

    Akka addunyaattis US, Biraazil, Raashiyaa fi Indiyaatti aantee sadarkaa shanaffaarra jirti.

    Lammilee Afrikaa Kibbaa

    Madda suuraa, EPA

  7. 'Covid-19n eessumakoo dhabeera amma immoo ofii koon qabame'

  8. Raashiyaan talaallii Covid-19 Onkoloolessa keessa kennuu jalqabuuf

    Ministirri Fayyaa Raashiyaa duulaa talaallii Covid-19 ji'a lama booda adeemsisuuf qophii xumuruu miidiyaalee biyya keessaa waabeffachuun Rooyitarsi gabaase.

    Talaalliin kun yaalii hunda xumuree galmaahuuf hojiileen beekamtii kennuu hojjetamaa akka jiran Ministeerri Fayyaa biyyattii Mikhail Murashko dubbataniiru jechuun maddi oduu Raashiyaa Interfax gabaaseera.

    Talaallii Covid-19 kana gidduugala qorannoo Raashiyaa magaalaa Mooskootti argamu Gamaleya jedhamutu qopheesse.

    Addunyaarratti hanga ammaattii talaalliiwwan Covid-19 hedduun sadarkaa yaaliirra jiru malee yaaliin isaanii xumuramee namootaaf kennamuu hin eeggalle.

    Murashkoon akka jedhanitti qaamoleen hawaasaa jalqaba talaallii kana argatan haakimotaa fi barsiisota.

    ''Duula talaallii guddaa Onkoloolessatti karoorsine'' jechuuniis dubbataniiru.

    Nama talaalliin kennamaaf jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  9. Tamsaasa kallattii Hagayya 03, 2020 jalqabneerra

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasni keenya kallattii ittiin odeeffannoo taateewwan addunyaa jala jalaan hordofnee isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Fuula kanaan addatti odeeffannooo koronaavaayirasii ilaallatan dursina.

    Aaga Dhaga'aa!

    Nuugii faranjii

    Madda suuraa, Getty Images

  10. Kan har'aa obbaasne!

    Gabaasa kallatti kan har'aa kanumaan goolabne.

    Gadi daddabarsuun gabaasaalee isin biraan gahaa turre argachuu dandeessu.

    Boru walitti dachaana, horaa bulaa!

  11. Itoophiyaa Covid-19 - Dabalataan namootni 469 qabaman, 10 du'an

    Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessa namoota qorannoon koronaavaayirasii taasifameef 7,358 keessaa 469 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

    Namootni haaraa 10 vaayirasichaan du'aniiru.

    Kanaanis lakkoofsi waliigalaa namoota qabamanii 17,999 yoo gahu kan du'an 284 gaheera.

    Sa'aatii 24 darbe keessa namootni 245 vaayirasicharraa dandamatanii jiru.

    BBC
  12. Manni Maree Federeeshinii filannoo Tigraay dhaabsisuu danda'aa?

  13. Dubartii faalama naannoo mormuun doolaara mil. 12 injifatte

  14. Addunyaarratti Jimaata qofa namootni 292,527 Covid-19'n qabaman

    magaalaa Istaanbul Masjiida keessatti farra vaayirasii biifamaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Jimaata qofa addunyaa guutuutti namootni haaraan Covid-19'n qabamuun isaanii mirkanaahe 292,527 ta'uu beeksise.

    Kuniis erga weerarri kun eegale lakkoofsa isa guddaa guyyaa tokkotti galmaahee ta'eera.

    Biyyootni lakkoofsi guddaan itti galmaahe keessaa Yunaayitiid Isteets, Biraaziil, Indiyaa fi Afrikaa Kibbaa ni argamu.

    Lakkoofsi namoota du'anii galmaahe ammoo 6,812.

    Lakkoofsi namoota guyyaatti qabamanii inni guddaan galmaahee kan ture torban har'aa ture. Gaafas kan qabaman 284,196 turan.

    Guyyaadhuma kanatti lakkoofsi namoota du'aniis 9,453 ture.

    Akka Gabaasa Joon Hoopkiinsitti namootni addunyaa kanarratti qabamanii miiliyoona 17 fi dhibba jahaa ol ta'eera.

    Kan du'an ammoo 679,966 oli.

  15. Raashiyaan talaallii Covid-19 ji'a lamaa booda lammiileef kennuu eegaluufi

  16. Indiyaatti guyyaatti namni 57,000 koronaavaayirasiin qabame

    Qondaalonni Indiyaa sa'aatii 24 keessatti namoonni 57,000 koronaavaayirasiin qabamuu himan.

    Lakkoofsa namoota guyyaatti qabamani isaa olaanaadha.

    Guyyoota sadiif walitti aansuun namootni 50,000 ol guyyaatti vaayirasichaan qabaman.

    Lakoofsi namoota guyyaatti qabamanii ammas saffisaan dabalauu akka danda'u sodaatama.

    Kanaan alatti namootni qabaman hundi gabaafamaa hin jiru shakkiin jedhullee jira.

  17. Obbo Daawud maaliif manaa bahuu dhorkaman?, akkamiin hojiitti deebi'an?

  18. Talaallii Covid-19 argachuuf hagamtu hafe?

    Talaallii Covid-19

    Madda suuraa, Getty Images

    Qondaalli olaanaa dhukkuboota daddarbanii Ameerikaa Dr Antoonii Faawuchi, xumura bara 2020tti talaalliin Covid-19 qophii akka ta'u abdii qabaachuu seera baastota Ameerikaatti himaniiru.

    Akka xiinxalli gabaasaa fayyaa BBC Jeems Gaalgar agarsiisutti talaalliiwwan 140 ta'an sadarkaa jalqabaarra jiru, 20 ol kan ta'an ammoo nama irratti yaalamaniiru.

    Kanneen keessaa:

    • Talaalliin Yuunivarsiitii Oksifoordiin qophaa'ee namarratti yaalame, humna dhukkuba ittisuu namaa dabalu, omishamee akka bal'inaan dhiyaatu waliigalamee jira.
    • Caamsa darbe keessa yeroo jalqabaaf talaalliin Ameerikaa keessatti namarratti yaalame namoonni akka qaamni namaa antiibodii ykn wanta dhukkuba ofirraa qolatu akka maddisiisu godheera.
    • Chaayinaa keessatti qorattoonni talaallii bu'aa walfakkaataa argamsiisee argataniiru. Talaallichi loltoota Chaayinaaf qophaa'aa jira.

    Akka waliigalaatti xumura bara kanaa ykn jalqaba bara 2021 talaalliin Covid-19 faayidaarra ooluu akka eegalu himu ogeeyyiin.

  19. Doktora 'nama 350 ol Covid-19 irraa fayyiseera' jettu Tiraampiin leellifamte

  20. Meeksikoon namni hedduun Covid-19'n irraa du'uun biyya sadaffa taate

    Bakka awwaalchaa Meeksikoo

    Madda suuraa, Reuters

    Meeksikoon namootni hedduun sababa Covid-19'n irraa du'an addunyaarratti biyya sadaffaa taate.

    Hanga ammaatti namootni 46,688 ta'an yoo jalaa du'an kan dhibee kanaan qabamanii jiran ammoo 424,637 gahaniiru.

    Hanga jimaata darbeetti US fi Biraaziil kan du'aatii guddaa galmeessuun tokkooffaa fi lammaffaa ta'anitti aantee jirtu UK turte.

    UK'tti kanneen sababa dhibee kanaan du'an 46,204 turan.

    Dhaabbtni Fayyaa Addunyaa dhiibbaan weerara kanaa ''waggoota kudhan dhufan'' keessatti illee akka mula'atu akeekkachiiseera.

    Mootummaan Meeksikoo ibsa baaseen tarii lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii kan gabaafamuun ol ta'uu mala jedheera.

    Biyyattii keessatti Jimaata qofa namootni 688 du'aniiru.