Masriin seera haraa loltoota hirmaannaa siyaasaa dhorku baafte

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Masrii Abdul Fattaa al-Siisii, seera looltoota hojiirraa jiraniifi kan soorata ba’an filannoo pireezidantummaa ykn paarlaamaa irratti akka hin hirmanne dhorku raggaasisaniiru.
Seerichi kanneen mana maree olaanaa waraanaa keessa jiran hin ilaallatu.
Daabalataaniis seerri kun looltonni paartilee siyaasaa keessa akka hin seenne dhorka.
Qeeqxonni seerri kun namootni waraanaa biroo akka isaaniin hin dorgomne goochuun aangoo pireezidantichaa jabeessuuf kan qophaa’eedha jedhu.
Bara 2018tti hogganaa waranaa kan ture Saamii Anaan, eeyyama malee filannoo pireezidantummaaf dorgomuu yale jechuun humni waraanaa himatee to’annoo jala ooleera.
Humni waraanaa Masrii keessatti guddatee mul’ata, keessuma erga biyyattiin walaboomte as pireezidantoota lamarraa kan hafe hundi isaani waraana keessa turani.
Seerri haara kun hogganoota bulchiinsota 27 hundaaf gorsitoonni waraanaa akka jiraatan ni godha.













