Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Masriin seera haraa loltoota hirmaannaa siyaasaa dhorku baafte

    Pireezdaantii Masrii, Abdel Fattaa al-Siisii,

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Masrii Abdul Fattaa al-Siisii, seera looltoota hojiirraa jiraniifi kan soorata ba’an filannoo pireezidantummaa ykn paarlaamaa irratti akka hin hirmanne dhorku raggaasisaniiru.

    Seerichi kanneen mana maree olaanaa waraanaa keessa jiran hin ilaallatu.

    Daabalataaniis seerri kun looltonni paartilee siyaasaa keessa akka hin seenne dhorka.

    Qeeqxonni seerri kun namootni waraanaa biroo akka isaaniin hin dorgomne goochuun aangoo pireezidantichaa jabeessuuf kan qophaa’eedha jedhu.

    Bara 2018tti hogganaa waranaa kan ture Saamii Anaan, eeyyama malee filannoo pireezidantummaaf dorgomuu yale jechuun humni waraanaa himatee to’annoo jala ooleera.

    Humni waraanaa Masrii keessatti guddatee mul’ata, keessuma erga biyyattiin walaboomte as pireezidantoota lamarraa kan hafe hundi isaani waraana keessa turani.

    Seerri haara kun hogganoota bulchiinsota 27 hundaaf gorsitoonni waraanaa akka jiraatan ni godha.

  2. Daa'imman torba halkan tokkotti hospitaala keessatti du'anii dhalatan

  3. 'Sababa koronaavaayirasiin maatiinkoo qoqqoodameera'

  4. US loltootashee 12,000 Jarmanii keessaa baasuuf jirti

    Xiyyaara waraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan looltoota 12,000 ta’an Jarmanii keessa jiran baasuuf akka jirtu beeksisfte.

    Kunis humna waraanaa Awuroppaa keessaa qabdu 'malaan' bakkaa bakkatti qaama sochosuuti jedhameera.

    Kunneen keessaa looltoonni 6,400 ta’an gara manaatti kan deebifaman yoo ta’u, kan hafan ammo biyyoota miseensa Nato ta’an kan akka Xaaliyaaniifi Beeljiyeemitti jijjiramu.

    Pireezidaant Tiraamp muurtee kana kan fudhatan sababa Jarmaniin baajata baasii Nato’n kaa’ee bira ga’uu waan dadhabdeefi jedhaniiru.

    Tarkaanfiin kun garuu yaaddoo Raashiyaan akka ija jabaattu godha jedhuun kongirasii irraa mormiin irra ga’eera.

    Anga’oonni olaanoo Jarmaniis yaddoo qaban ibsaniiru.

    Haasaa Roobii Waayit Hawuusitti taasisaaniin Doonald Tiraamp “humna keenya achii kan hir’isnu maallaqa kaffalaa waan hin jirreefi, salphaadha,” jedheera.

    Jijjiirraan kun moootummaa US gara doolara biiliyoona hedduu ni baasisa jedhamee yaadama.

  5. Jawar Mohaammed dhimmi hidhameef 'kan mana murtiitti ilaalamu miti' jedhe

  6. Itti aantuun Pirezidaantii vaayirasiin qabamnaan Pireezdaantiin Gaambiyaa adda of baase

    Pirezidaantii Gaambiiyaa Adaamaa Baaroow

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezdaantiin Gaambiyaa Adaamaa Baaroow, erga itti aantuun pirezdaantii biyyattii Covid-19n qaabamuun mirkanaa’een booda qophaatti of baasan.

    Pirezidaantittin torban lamaan dhufaniif qophaa turu jedhame.

    Ibsi Waajjira pirezidaantiin kenname akka jedhutti, Itti aantuun pirezidaantii Isaatoo Tooraay Covid-19n qabamtee jirti.

    Aaddee Tooraay gama isaanitiin ‘‘haala miira gaarii keessattiin argama. Amma adda of baasuun tuuruu eegaluufani’’ jedhaniiru.

    Biyyattiin hanga ammaatti namoota vaayirasichaan qabamun mirkanaa'ee 326 fi namoota sababiidhuma dhibee kanaatiin lubbunsaanii darbe saddeeti galmeesifte jirti.

    Motummaanis faccaatii vaayirasichaa ittisuuf ummanni maaskii akka kaawwataniifi waliirraa fageenya isaanii akka eeggataniif gaafataa jira.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  7. Du'a Filooyid booda deeggarsi doolaara biiliyoona shanii ol sassaabame

    Hiriira jibba sanyummaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaa Minisootaa keessatti osoo to’annoo jala ooluu Poolisiin morma isaarra yeroo jilbeeffattutti lubbuun isaa kan dabre Joorji Filooyid jibba sanyummaa gurraachotarra gahu saaxiluun caala rakkoo kana maqsuuf sochiiwwan godhamaa turan daranuu jabeesseera.

    Erga du’a isaatii fayyadamummaa walqixaa hawaasa adii hin taanee cimsuuf deeggarsi walitti qabamaa ture biiliyonaan kan lakkaawamu ta’eera.

    Akka dhaabbatni deeggarsoota namoomaa hordofuufi xiinxalu ‘Candid’ jedhamu ibsutti Caamsaa 25 irraa eegalee waadaa fi deggarsi godhame doolaara biiliyona shan ta’uu mi ta'a.

    Arjoomni kuniis erga bara 2008 arjooma fayyadama walqixaa sanyummaa bu’ureeffateef (racial equity funding) sassaabaa ture keessaa harka walakkaa ta’a.

    Deeggarsi kun harkii caalaan kan sassaabame dhaabbilee gurguddoo teeknoolojii akka Google, Microsoft, dhaabbilee faayinaansii, dhaabbile bohaarti akka YouTube fi Netflix fi namoota maqaa guddaa qaban irraayi.

    Mallaqni kun arjoomawwan xixiqqoo gama GoFundMe sassaabaman hin dabalatu.

    Hangi maallaqaa kun kan arjomaa asii ol ibsameen qixxaachuu haa baatu malee garuu gumaachaa tuffatamuu mitis jedhama.

  8. Tamsaasa keenya kallattii eegalleerra!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo, odeessalee biyyaa keessaafi alaarraa gabaasa kallattii keenya guyyaa har'aa eegalleerra!

    Gabaasa guyyoota darbaniis asii gaditti argachuu dandeessu.

    Oolmaa Gaarii!

  9. Zimbaabween qonnaa bultoota adii lafa jalaa fudhatteef beenyaa kaffaluufi

    Qotee bulaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Zimbaabween qonnaan bultoota adii mootummaan lafa jalaa dhaaleef beenyaa biiliyoona 3.5 kaffaluufi.

    Kaffaltiin kun yeroo dheeraan boondii fayyadamuun kan raawwatamu yoo tahu, dhaabileen gargaarsaa immoo biyyattiin hanqina maallaqa kallattiin kennituu gatii hin qabneef deeggarsa gaafatamaniiru.

    Waldaan qonnaan bultootaa beenyaa isaaniif kennamu kana fudhataniiru. Haa tahu malee lafti deebi’ee akka hin kennamnes beeksifameera.

    Mootummaan biyyattii Roobart Mugaabeen bulaa turte qonnaan bultoota adii 4,500 lafa isaaniirraa kaasuun maatii gurraachotaa 300,000 tahaniif qoodeera.

  10. Itoophiyatti namoonni haaraa 610 Covid-19 qabaman, 14 du'an

    Itoophiyatti qorannoo sa'aatii 24 darban keessatti taasifameen namoonni haaraa 610 vaayirasichaan qabamuusaanii ministirri fayyaa biyyattii mirkaneesseera.

    Kanaanis lakkoofsi namootaa biyyattii keessatti koronaavaayirasiidhaan qabamanii 15,810'tti ol guddateera.

    Gama biraatiin namoonni 14 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru. Kunis lakkoofsi namootaa Covid-19 lubbuusaanii dhaban 253 akka gahu taasiseera.

    Qorannoo sa'aatii 24 darbaniin namoonni 159 vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u hamma ammaatti namoonni 6,685 bayyanataniiru.

    Biyyattiin sa'aatii 24 darban keessatti namoota 7760'f qorannoo koronaavaayirasiin kan taasifte. Kunis lakkoofsa biyyatti hamma ammaatti qorannoo Covid-19 taasifte gara 403,611'tti ol guddiseera.

    Haala Itoophiyaa
  11. Ilmi Doonaald Tiraamp Tiwiitara irraa yeroof dhorkame

    Donaald Tiraamp Jr.

    Madda suuraa, Getty Images

    Ilmi hangafaa Doonald Tiraamp miidiyaa hawaasuummaa Tiwiitar irratti sa'aatii 12’f akka hin maxxansineef dhorkame.

    Tiwiitar murtee kana kan fudhate erga Donaald Tiraamp Jr. viidiyoo waa’ee bu’aa qoricha haaydirookiloroquwiini erga maxxansee boodadha.

    Namootni tokko tokko, Pireezdaant Tiraamp dabalatee, qoronnoo meedikalaan deeggaramuu baatus, qorichii busaa kun koronaavayirasii wal’aanuuf ni fayyada jechuun yaada kennaniiru.

    Tiwiitar wanti maxxanfame qajeelfama odeeffannoo sobaa Covid-19 kan cabsudha jedha. “Qajeelfama keenyarratti hundaa’uun tarkaanfii fudhanne,” jechuun Tiwiitar BBCtti himeera.

    Miidiyaaleen hawaasummaa US ijoo odeeffannooo sobaa koronaavaayirasii tatamsa’u dhaabuuf tarkaanfii fudhachuutti jiru.

    Dubbi himaan Doonaald Tiraamp Jr, Andii Surubiyaan ''murteen kun kan fudhatame hin qabnedha,” jechuun BBCtti himaaniru.

    ''Tiwiitarri vidiyoo ogeessonni meedikaalaa wa’ee fayidaa haydirookiloroquwiinii haasaan waan qoodeef Doonaald Jr’n dhorkuun isaa dhabbileen gurguddoo walabummaa yaada ofii interneeta irratti qoduu akka ajjeessuu barbaadan mul’isa.

    Akkasumas sagalee Rippaablikaanoota miidhuun filannoo irratti dhibbaa uumaas jiru,” jedha.

    ''Hawaasa meedikaalaa keessatti wal’aansa koronaavaayirasiif bu’aa haydirookiloroquwiiniin qabu irratti yaadni wal faallessu jiraatus, qorannoowaan qorichi kun wal’aansaaf filannoo tokko ta’uu akka danda’u agrasiisan miidiyaalee akka CNN irratti gabaafamniiru.''

    Namootni kun dhugaa akka hin taanetti ilaalaan sababoota siyaasaaf sobaa jiru.”

  12. Dajanee Xaafaa Covid-19n qabamuu waajirri abbaa alangaa mirkaneesse

  13. Hajjii baranaa irratti namoota 10,000 qofatu hirmaata

    Hajjii

    Madda suuraa, Reuters

    Imalli Hajjii wagga waggaan gaggeeffamu weerara koroonaavaayirasiif jecha lakkoofsi hirmaattootaa daanga'uun eegaleera.

    Imaltoonni biyyoota alaaraa Sa'uudii Arabiyaa Hajjiif imalan, barana dhorkamaniiru.

    Silaa osoo akka baroota dabranii, hawaasni Muslimaa miiliyoona lama tahan Hajjiif gara Sa'uudii Arabiyaa imalu.

    Barana garuu imaltoonni biyyoota biroorraa akka hin galle waan dhorkameef, lakkoofsi kun daran gadi bu'uun 10,000tti galeera.

    Hajjjiin ulaagaalee namni Musliimaa guutuu qabu shan keessaa isa tokkodha.

    Namni fayyaa fi maallaqa qabu jireenyasaa keessa al tokkollee ta'u akka Hajjii godhu ni jajjabeeffama.

    Sadarkaalee Hajjii
  14. Baqattoota Afriikaarraa gara Maaltaa imalan 65 irratti Covid-19 argame

  15. Gaazexessaa Somaaliyaa to'annoo Cov-19 irratti mootummaa qeeqe hidhame

    Somaaliyaatti namoonni 3,178 Covid-19'n qabamaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Somaaliyaatti namoonni 3,178 Covid-19'n qabamaniiru

    Gaazexeessaa Abdullaziiz Ahmad Gurbiyee toora Feesbuukiirratti tarkaanfii mootummaan weerara koronaavaayirasii to'achuuf fudhate qeequsaaf hidhame.

    Gulaalaan gartuu miidiyaa 'Goobjoog' jedhamu Moqdishuu keessa maadheffate kun oduu dharaa maxxansite,bulchiinsa fi mana murtii arrabsite jedhamee hidhame.

    Abukaatoon isaammoo seera adaba yakkaa hojirraa hin jirre eeranii dhaddachatti dhiyeessan jedhe.

    Human Rights Watch fi dhaabni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ’’n himannaa kana balaaleeffataniiru.

    Himannaa isaas ji’oota 6’f kan itti fufe yoo ta’u, Somaaliyaatti himannaa dhiyeenyaatti gaazexeessaa beekama biyyatti irratti dhiyaate jedhameera.

  16. Yunivarsiitii Dambidoollootti Haacaaluu fi Eebbisaan gamoowwan moggaafaman

    Suuraa Haachaaluu fannifame

    Madda suuraa, Yuunvarsitiin Dambi Dolloo

    Yuunvarsitiin Dambi Dolloo gamoowwan haaraa doormii barattootaaf ijaarsise, yaadannoo artistota Oromoo Haacaaluu Hundeessaa fi Eebbisaa Addunyaatiin moggaase.

    Suuraan fuula Facebook Yunivarsiitichaa irratti maxxanfame, Haacaaluu fi Eebbisaa Addunyaatiin ''angafa weellistoota Oromoofi rogeessa mirga namoomaa,'' jedheeraan.

    Guyyuma kana yaadannoo artistoota kanaaf biqiltuun mooraa Yuunivarsiitichaa keessatti dhaabuu yuunvarsiitichi toora midiyaa hawaasarratti beeksiseera.

    Weellistootni lamaan kun sirboota qabsoo Oromoo jabeessuu sirbuun kan beekaman wayita ta'u, lamaanuu yeroo gara garaatti ajjeefaman.

    Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 ture lubbuunsaa ka dabarte.

    Gamoo moggaafama keessaa tokko

    Madda suuraa, Facebook/Dambi Dollo University

  17. 'Biyya alaa jiraachuun akka durii nama hin gojomaasisu'

  18. UKn qorannoo hariiroo sabaa fi vaayirasii gidduu jiru deeggarufi

    Saayintistoonni UK namootni saba lakkoofsaan bicuu ta'an irraa dhufan maaliif Covid-19’n caalatti hubamu isa jedhu qorachuuf mootummaa irraa deeggarsaa Pawundii miliyoonotaan argachuuf jiru.

    Qorannoowwan jaha daatafi ragaalee hawaasaa, fayyinaafi sochii guyyaa guyyaa, akkasumas dhibeef saxilamuun hidhata qaccee sanyii waliin qabu ni qorata.

    Tokko ammoo hojjattoota fayyaafi kunuunsa hawaasaa waggaa tokkoof ni hordofu.

    Argannoo irratti hundaa’uun tarkaanfiin hatattamaa ni fudhatama jedhu qorattoonni.

    Yunivarsitii Leestaritti hogganaa wiirtuu fayyaa BME kan ta’ee fi qorannoowwan sadii irratti kan hirmaatu Piroof Kamleesh Kuntii, bu’aan qorannowwan kanaa ji’oota keessatti qajeelfama gurraachoota, Eshiyaanotaafi gosota adii hin taane biroo gargaaruuf ni qopha’a jechuun BBCtti himaniiru.

    Covid-19

    Madda suuraa, Getty Images

  19. "Haacaaluun jagna, goota akka isaa miti kan ajjeese mucaakoo"

  20. US kutaalee biyyaa jahaatti lakkoofsi Covid-19 olaanaan galmaa'e

    Ameerikaatti vaayirasiin hammaachaa jira

    Madda suuraa, EPA

    Kutaaleen biyyaa Ameerikaa jaha Kibbaa fi Lixatti argaman lakkoofsa olaanaa nama koronaavaayirasiin qabamee galmeessan.

    Isaanis Kaalifoorniyaa, Arkansaas, Filooridaa, Moontaanaa, Origoon fi Teeksaasi.

    Teeksaas namoota qabaman 400,000 qabaachuun Kaalifoorniyaa fi Niwu Yoorkiitti dabalameera.

    Ittisa weerara vaayirasichaan hedduu kan qeeqaman pireezidant Donaald Tiraamp, ammallee Ameerikaa kutaaleen biyyaa irra hedduun vaayirasicharraa bilisa jechuun cichanii falmu.

    Ragaan mootummaa federaalaa garuu akka gaarii kan jiru kutaa biyyaa Vermoonti qofa ta'uu mul'isa.

    Ameerikaatti ammatti namootni vaayirasichaan qabaman miliyoona 4.3 yoo gahan, 149,000 ol ammoo vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.