Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa keenya kallattii eegaleerra

    Hordoofta BBC Afaan Oromoo kunoo tamsaasa keenya kallattii harraa eegaleerra.

    Isinis yoo nu hordoftan odeessaalee biyya keessaafi addunyaa gutuu irraa gagabaasinee karaa kanaan ni argattu.

    Guyyaa gaarii isniif hawwiina!

    Biiftuu barii

    Madda suuraa, Getty Images

  2. Xumurre!

    Boru gabaasa kallattii biraan walitti deebina.

    Mammaaksi har'aa kana ture. Mammaksa keenya kan guyyuu Facebook gubbaatti argachuuf hashtag #mammaksaguyyuuBBC fayyadamaa.

    Horaa bulaa!

    Mammaaksa BBC
  3. Dorgommii maaratoonii Landan bara 2020 atileetota beekamoo qofatu walmorkata

    Kibchogee fi Qananiisaa

    Yaaddoo Koronaavaayirasiin uumeef dorgommii maaratoonii Landan bara 2020 atileetota dorgommiirratti hirmaachuun beekaman qofatu dorgoma.

    Dorgoommii baranaa sagantaa bal’aan namoonni 45,000 itti hirmaatani akka duriitti hin qopha’u, daaawwattoonnis akka yeroo kaanii kallattiin daawwachuuf irratti hin argaman.

    Haata’u malee,dorgommicharratti morkiin atileet Qananiisaa Baqqalaa fi atileeetiin Keeniyaa Aliyaad Kichogee wal mo'achuuf walmorkachuuf jiran ni eegama.

    Bifuma walfakkaatuun atileetonni dubartootaa 30-40 ta’anii hin caalle dorgommirratti walmorkachuuf jiru.

  4. Indiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii mil 2 caale

    Indiyaa

    Madda suuraa, Rooyitars

    Sa’aatii 24 keessatti namoonni 58,168 wayita haaraa qabaman, lakkoofsi namoota Indiyaa keessatti vaayirasichaan qabamanii 2,021,407 qaqqabe.

    Guyyoota 20 qofa keessatti lakkoofsi namoota qabamanii dachaan dabale.

    Saffisaan dabaluudhaan kan biyyoota lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman guddaa qaban US fi Biraazil ni caala.

    Amma yoonaatti Indiyaa keessatti namoonni 40,000 du’uun gabaafameera.

    Biyyi uummata bil 1.3 qabdu Indiyaan, lakkoofsa namoota du’aanii guddaa qabaachuun addunyaarraa sadarkaa 5ffaarra jirti.

  5. Weerarri Covid-19 garaagarummaa koorniyaa bal'ise - Qorannoo

    Koorniyaa

    Qorannoon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaaniitiin Tarkiitti qoratame weerarri vaayirasii kun garaagartee koorniyaa gadi xiqqeessuu caala addaan fageesse jedha.

    Weerarichi dhiironni muraasni hojii mana keessa hojjachuurratti sa’aatii dheeraa akka turan taasiseera jedha. Haa ta’u malee ba’aan guddaan dubartootarra jira jedha.

    Ebla keessaa dhiirota fi dubartoota 1,500 ol hirmaachisuun qorannoon qoratame kun wayita weerara dhibee to’achuuf biyyattin labsii baastetti dubartoonni harki 77.6 yeroosaanii hojiiwwan akka uffata miiccuufi mana qulqulleessurratti dabarsu, hojii walfakkaatu dhiirota harka 47 qofatu kana raawwata.

    Soorata bilcheessuuf dhiyeessuurratti dubartootni harka 59.9 yeroosaanii dabarsuu, hojii walfakkaatu kana dhiiroota harka 23.9 kanneen ta’anitu kana raawwata.

  6. Dargaggoonni sadi qawwee waliin iddoo bashannanaa Tiraampitti qabaman

    Iddoo bashannanaa Mar-a-Lago

    Madda suuraa, Reuters

    Dargaggoonni sadeen gosa qawwee AK47 fannifatanii turan osooo itti hin yaadin iddoo bashannanaa qabeenya dhuunfaa Pireezidaanti Tiraamp ta'e 'Mar-a-Lago' jedhamu keessatti of argan.

    Osoo taateen kun hin dhalatin dura konkolaataa naannawa bakka bashannanaa kana dhaaban keessa turan, dargaggoonni kunneen.

    Wayita poolisiin naannawa sana turan gara konkolaataasaaniitti qajeelan naasudhaan utaalanii mooraa mana bashannanaa sana seenan.

    Dargaggoonni umuriinsaanii waggaa 15 kunneen boodarra barbaadamanii akkuma meeshaasaanii fannifatanii jiranitti iddoo kana keessatti argaman.

    Iddoon bashannanaa kun yeroo ammaa cufamee waan jiruuf wayita taateen kun raawwate Pireezidanti Tiraamp achi hin turre.

    Osoo maatiin Tiraamp achi keessa jiraatanii eegdonni isaanii dargaggoota kunneen haleelanii turan kan jedhu poolisiin, kun ta'uu dhabuusaatiin ijoolleen kunneen carraa qabu jedheera.

    Namoonni maqaansaanii haga ammaatti hin beekamin kunneen meeshaa waraanaa qabatanii mooraa namaa seenuu, hookkarri osoo hin ka'in seeraan to'atamuu diduu fi meeshaa waraanaatiin yakka raawwachuuf yaaluusaaniitiin himatamaniiru.

    Erga Pirezidaanti Tiraamp bara 2017 aangoo qabatanii iddoo bashannanaa kana osoo hin affeeramin seeraan ala seenuun yeroo hedduu mudateera.

  7. Itoophiyaa Covid-19: Qorannoo sa'aatii 24n 564 qabamanii, 9 du'an

    Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii sa'aatii 24 darban keessa taasifameen namoota 564 irratti vaayirasichi yoo argamu, lubbuun nama 9 darbeera.

    Namoota qabaman keessaa 278 Finfinneetti yoo ta'u, 101 ammoo Oromiyaatti.

    Lakkofsi namoota sa'aatii 24 darban qoratamanii 9068 yoo ta'u, namootni haaraa 429 dandamatanii jiru.

    Ammatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan Itoophiyaa keessatti qabamanii 20,900 yoo ta'u kana keessaa 9027 dandamatanii jiru.

    Vaayirasichi erga biyyattii seenee lubbuu namoota 365 galaafatee jira.

    Gabaasa guyyuu Covid-19 BBC
  8. Beellamni mana murtii hogganoota ABO sababa Covid-19 Jimaatatti dabre

  9. Paastariin ‘Covid-19 kiristaanota hin qabu’ jedhe vaayirasichaan qabamnaan hidhame

    Deevid Laah  kiristaanota Covid-19'n qabu jedhee sobe

    Madda suuraa, EPA

    Paastariin lammii Kaanadaa biyya Miyanmaaritti ‘Covid-19 kiristaanota hin qabu’ jedhee lallabe ji’oota sadiif hidhamee, hojii humnaa akka hojjatu mana murtiitti itti murame.

    Deevid Laah seera sababii weerara dhibeetiif namoonni akka walitti hin qabamne dhorku darbeetu, Yaangon iddoo jedhamutti lallabaa ture.

    Namni ganna 43 kun Miyanmaaritti kan dhalate wayita ta’u, seera to'annoo yeroo balaa biyyattiin baafte darbee hidhame.

    Laallabaa Laah dabalatee, hordoftoonni isaa 20 saganticha booda vaayirasiin qabamanii argamaan.

    Laah lallabni inni koronaavaayirasiirratti dhiyeessee waraabamuun erga toora intarneetirratti qoqqoodamee booda mufii uume.

    Ragaan yuunvarsiitii Joon Hopkins irraa argame akka agarsiisutti Miyanmaar keessatti namoota 357 vaayirasichaan qabaman keessaa 6 du’aniiru.

  10. Caffeen naannoo Tigraay filannoo ilaalchisee heera naannichaa fooyyesse

  11. Lammii Kaanadaa qoricha tolche jedhame Chaayinaan du’a itti murte

    Keetamiin qorichaa bashannanaaf fudhachuun jaalatamaa dhufedha

    Madda suuraa, SCIENCE PHOTO LIBRARY

    Manni murtii Chaayinaa lammii Kanaadaa qoricha Keetamiin jedhamu hojjate jechuun du’a itti mure.

    Qorichi nam-tolcheen kun qoricha dhiphina sammuu laaffisuuf oolu yoo ta'u bashannaaf fayyada jedhanii namoonni fudhatu.

    Lammiin Kaanadaa Xu Weihong qoricha kana oomishuun himatame.

    Poolisiin akka jedhutti isa waliin kan himatame Wen Guanxiong hidhaan umurii guuutuu itti murameera.

    Jarri lamaan bara 2016 jalqabee qoricha Keetamiin oomishuu kan eegalan wayita ta'u, 120kg poolisiin harkatti qabeera.

    Lammiin Kanaadaa Chaayinaatti duuti yoo itti murtaa'u, kun yeroo sadaffaafi.

    Bara 2018 hoggantuun Huwaei Kaanadaatti erga to'annoo jala ooltee booda hariiroon biyyoota lamaanii hammaateera.

    Dubbi himaan Ministeera dantaa alaa Chaayinaa murtoon kenname hariiroon Chaayinaa qorruuf jabaachuu wajjin kan wal qabatu miti, akkaata seerri Chaayinaa ajajuun raawwatame jedhan.

  12. Awustraaliyaan yaaddoo Covid-19f daangaashee cufatte

    Austraaliyaan weerara Covid-19 offirraa ittisuuuf jecha daangaa cufatteetti.

    Tatamsa’ina vaayirasichaan kan rifatte magaalaan Kuwiinsilaand jiraattonni magaalaa Viktoriyaa kamuu gara ishee akka hin galle dhorkiteetti.

    Dabalataan magaalota wiirtuu vaayirasichaa jedhaman kan akka magaalaa guddiitti Kanberaafi Niwuu Sawuuz Weels irraas dhorkiteetti.

    Buulchiisni Niwuu Sawuuz Weels magaalaasaa keessatti qajeelfama uggura cimaa kaa’eera.

    Imaltoonni magaalaa Viiktoriaa kan magaalicha seenuu danda’an yoo jalqaba Sidnii deemanii guyyaa 14 adda of baasan qofadha.

    Meelboorn

    Madda suuraa, Reuters

  13. Jarman namoota gara biyyattii imalaniif qorannoo taasisuuf

    Dubartoota lama

    Madda suuraa, EPA

    Jarma imaltoota gara biyyattiitti seenaan hundaaf qorannoo koronaavaayirasiif taasisuufi. Kunis imaltoota guyyaa Sanbataarraa jalqabee garas imalaniif qorannoon ni taasifama jedhaniiru ministeerri fayyaa biyyattii.

    Ministeerri fayya biyyatti Jens Sifaan kana kan jedhan erga namoonni haaraa 1,045 koronaavaayirasiidhaan qabaman boodadha.

    Ministeerri fayyaa biyyattii lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabaluuf sababa kan ta'e imaltootaa fi namoonni walirraa siquu dhabuudha jedhan.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 214,113 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 9,179 ammoo du'aniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joon Hoopkinsi.

  14. Firaans, Ispeen fi Giriik keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa jira

    Namoota maaskii godhatan

    Madda suuraa, Reuters

    Firaans, Ispeen fi Giriik biyyoota Awuroppaa keessaa guyyaa kaleessaatti biyyoota lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii itti dabaleedha.

    Firaansitti sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 1,695 koronaavaayirasiidhaan qabamniiru. Kunis lakkoofsa namoota biyyattii keessatti Covid-19 qabaman gara 228,576'tti ol guddiseera.

    Ispeenitti namoonni haaraa 1,772 sa'aatii 24 darbinitti Covid-19 qabamuun, walumaa galatti namoonni 305,767 qabamaniiru.

    Giriikitti ammoo namoonni 124 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru. Kanaanis biyyattiitti namoonni vaayirasichaan qabamanii 4,973 ta'eera.

    Lakkoofsi namoota Covid-19 biyyoota kanneen keessatti qabamanii erga biyyoonni qajeelfama uggurasaanii laaffisan boodadha kan dabalaa dhufe.

    Addunyarratti hamma ammaatti namoonni miiliyoona 18 vaayirasichaan yoo qabaman 700,000 ammoo du'aniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joon Hoopkinsi.

  15. Indiyaatti ibidda kutaa wallaansa Covid-19 keessatti ka’een namoota 8 du'an

    Namoota walitti bo'aa jiran

    Indiyaatti ibidda kutaa hospitaala namoota Covid-19n garmalee dhukkubsatan itti wallaanaman keessatti ka’een namoonni 8 lubbuu dhabuun dhagahame.

    Ibiddi magaalaa Ahmabaabaad hospitaala keessatti mudatee kun kan meedhaallee ofeeggannoo hojjattootaa irraa kan ka’e ta’u, qondaalli olaanoon Kutaa To’annoo ibiddaa Raajesh Baat BBC’tti himan.

    Ibiddichi elektirikaa irraa ka’uun erga meeshaallee of eeggannoo hojjattoota hospitaalichaatti qabateen booda garmalee faca’un balaa qaqqabsise.

    ‘‘Jalqaba hojjattoonni naasuudhaan kutaa keessa asiifi achi figaa waan turaniif ibiddi faca’u danda’e,’’ jedhan.

    Akkasumas poolisiin direktara hospitaalichaa tokko to’annoo jala oolchuun dhimmicha qorataa jira.

    Balaa ibiddaa qaqqabe to’achuuf sa’aatii tokkoofi daqiiqaa 40 kan itti fudhate kan himan Mr Bhatt, innifi hojjattoonni waajjirasaanii sochii to’annoo sanarratti hirmaatan waan dhukkubsattoota Covid-19 hedduun waliin walitti dhufaniif adda of baasuun turuuf jiraachu himan.

    Bakka balaan itti qaqabe

    Madda suuraa, Reuters

  16. Pirezdaantiin Gaambiyaa labsii yeroo muddamaa labse

    Gaambiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezdaantiin Gaambiyaa Adama Baroo, yeroo lakkoofsi namoota koronaaavaayirasiin qabamanii dabalaa dhufetti laabsii yeroo muddamaa labsuun biyyattitti sochiin halkanii guyyoota 21’f akka daangeeffamu murteessaniiru.

    Pireezdaantichi daangaan cufamee akka turuufi geejjibni qilleensaas kaargoo, dippilomaatootaafi namoota biyyaa biraa wal’aansaaf deeminiif malee akka cufamee itti fufu himaniiru.

    Lakkoofsi dabalaa deemuun isaa ‘yaaddessaa’ ta’uu miidiyaa Anadolu jedhamutti himaniiru.

    Biyyaatti keessatti namootni gara 700 kan qabaman yoo ta’u namootni 16 du’aniiru.

    Namootavaayirasichaan qabaman keessa itti anaa pireezdaantiifi ministeeroti sadii ni argamu, pirezdaantichi garuu qorannoo Wiixata taasiseen akka vaayirasicharra bilisa ta’e barameera.

    Manneen amantaa cufamanii kan turan yoo ta’u manneen barnoota ammo Adoolessa 17 irraa egalee barattoota qormaata dhumaa fudhataniif qofa banama.

    Manneen daldaalfi gabaa hundi Dilbata yeroo hunda qulqulleessuufi keemikalaa biifuuf ni cufamu.

  17. Feesbuukiifi Tiwiitariin Tiraamp adaban

  18. Firaansitti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii baatii lama keessatti ol-aanaa ta’e galmaa’e

    Akka lakkoofsi namoota haaraa koronaavaayirasiin Firaans keessatti qabamanii Robii kaleessaa bahe agarsiisutti erga baatii lamaatii isa ol-aanaa ta’e galmeessiteetti.

    Kunis sa’aatii 24 keessatti qofa namoonni haaraa 1,695 koronaavaayirasiin irratti argame mirkana’uu isaati.

    Firaans du’aatii sababa dhibee kanaa namoota 30,000 ol qabaachuun biyyoota Awurooppaa keessatti tarree warra baayyee miidhamanii jirti.

    UK fi Xaaliyaanitti aantee sadaffarratti argamti.

    Erga uggurri sochii ka’een booda biyyi Awurooppaa weerarri koronaavaayirasii keessatti dabale Firaans qofa miti.

    Roobii kaleessaa, Ispeen keessatti erga baatii Waxabajjii keessa uggura laaffistee as namoota haaraa 1,772 koronaavaayirasiin qabaman galmeessiteetti.

    Lammileen Firaans erga uggurri ka'een booda

    Madda suuraa, EPA

  19. 'Covid-19 yoo dubbataniifi yoo dhukkubsatan gargari' - Ittiiqaa Tafarii

  20. Yaaddoon weerara koronaavaayirasii Afrikaa Kibbaa marsaa lamaffaa mudate ‘ammallee akkuma jirutti’

    Ministirri Fayyaa Afrikaa Kibbaa Ziweelii Mikhizee weerarri dhibee koronaavaayirasii marsaa lamaffaa dhiyeenya kana biyyattii mudate dhuma Hagayyaa kana dhaabbachuu mala jedhan.

    Haata’u malee, yaaddoon balaan weerarri kun marsaa lamaffaa mudate kun ‘ammallee akkuma jirutti’ turuu waan danda’uuf tarkaanfiin ittisaaf fudhatamu akkuma kaa’ametti itti fufuu qaba jechuun akeekkachiisaniiru.

    Biyyattii keessatti dhum-torbee darba kana namoonni koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona walakkaa kan darbe yoo ta’u, Afrikaa keessatti biyya hedduu dha’icha kanaan miidhamtedha.

    Ministirri fayyaa Afrikaa Kibbaa Ziweelii Mikhizee

    Madda suuraa, Tiwiitera Ziweelii Mikhizee