Madda suuraa, Reuters
Taphattoonnii fi qondaaltonni kubbaa miilaa beekaa
taphattoota birootti qufa’an kaardiin diimaa keennamaafi jedhe Boordiin Waldaa
Kubbaa Miilaa Addunyaa.
Waldichi gochaan akkasii kun akkuma nama
arrabsuu fi mallattoo miira namaa cabsu agarsiisuutti lakkaa’amaa jedheera.
‘’Akkuma murteessaan dirree keessa jiru
seera achitti cabuuf bitaafi mirga ilaalee kan murteessu tahaa,’’ jedheera.
Qajeelfamni kun weerara koroonaavaayirasiin
wal qabateetu bahe.
‘’Yoo taphataan akka tasaa qufa’eefi
fageenya dheeraa keessatti tahe murteessaan adabbii kennuu dhiisuu danda’a’’
jedheera waldichi.
‘’Yoo haala mul’achuu danda’uun gochaan
namatti qufa’uu raawwatame garuu murteessaan adabuu danda’a,’’
jedha..
FA CUP illee kubbaa sadarkaa guddaa irra hin
geenyeef qajeelfama yeroo gabaabaatti hojiirra oolu baasuuf jira.
‘’Yoo gochaan raawwatame taphataan akka
tapha keessaa bahu kan hin goone yoo tahellee akeekkachiifni kennamuu
danda’a,’’ jedheera.
Haa tahu malee murteessitoonni nama qufa’uu
barbaadanidhuma adabuu hin dada’an ragaa qabaachuu qabu jedha.
Piriimiyar Liigii fi Liigii Kubbaa Miilaa
Ingiliiziif qajeelfamni barreefame waan hin jirreef murteessitoota adabbii
kana hojiirra oola.