Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman
Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Kan har'aa Xumurre!
Boru gabaasa kallattii biraan walitti deebina.
Mammaaksi har'aa kana ture. Mammaaksa biroof #mammaaksaguyyuubbc
Horaa bulaa!

Qorataa fi barsiisaan fayyaa hawaasaa yuunivarsitii Aksuum Covid-19 dua'n

Madda suuraa, Aksum University/Facebook
Yuunivarsiitii Aksum mana barnoota fayyaatti ogessii to’annoo dhibeewwaan daddarboo beekaman Dr Fissahaa Alamsaggad Covid-19’n lubbuun darbe.
Gargaaraan pirofesaraa Fissahaa Alamsaggad ogummaasaaniitiin weerara koronaavaayirasii to’achuurratti hojjataa osoo jiranii vaayirasichaan qabamuun wal’aanamaa turanii A.L.I Hagayya 1, bara 2012tti lubbuu dhaban.
Fulbaana darbe osoo yuunivarsiitii Aksumitti hin geeddaramiin yuunivarsiitii Jimmaa institiyuutii saayiinsii fayyaa hawaasaatti barsiisaa fi qorataa ta’aniii waggoota 17 hojjataniiru.
Dr Fissahaan waraqaa qorannoo 50 ol wal’aansa haadhoolii fi daa’immanii, dhibee busaa, HIV/ADIS fi dhibeewwan fayyaa hawaasa miidhan biroo rakkoo hawaasaa hiikan ogeessa gumaachan turan.
Xiyyaarrii daandii qilleensa Indiyaa qubannaarratti iddoo lamatti cabe

Madda suuraa, KAVIYOOR SANTOSH BNI
Xiyyaarrii daandii qilleensa Indiyaa (Air India) namoota baatee qubannaarratti balaan irra qaqqabe.
Balaa kanaan balaliisaa xiyyaarichaa dabalatee yoo xiqqaate namoonni lama du'aniiru. Kanaa malees imaltoonni hedduun mada'uu dubbi himaan daandii xiyyaarichaa himaniiru.
Bulchiinsa Kibbaa biyyattii Keralaatti xiyyaarichi iddoo lamatti cabuu miidiyaaleen biyyatti himan.
Xiyyaarichi Dubaayirraa ka’uun buufata xiyyaaara Kaalkat qubachuuf wayita ka’utti balaan kun irra qaqqabe.
Naannichatti rooba yaandoo hordofee lolaa fi sigigni lafaa wayita qaqqabettii balaan kun mudate.
Oolmaa mana murtii hogganoota ABO, Caaltuu Taakkalaa fi Yaasiin Juumaa
Itoophiyaatti sa'atii 24 darban keessatti 552 irratti Covid-19 argame, 15 du'an
Itoophiyaan sa'atii 24 darban keessatti namoota 9203 koronaavaayirasiif qorattee namoota 552 irratti vaayirasichi argamuu mirkaneessite.
Akkasumas namoonni 388 dandamachuunis ibsameera.
Itoophiyaatti haga ammaatti namoota koronaavaayirasiin qabaman 21,452 keessaa namoonni 9415 dandamataniiru.
Namoota har'a vaayirasii kanaan du'an 15 dabalatee haga ammaatti namoota 380tu dhibee kanaan lubbbuu dhaban.

Baalee, Gindhiiritti hidhamtoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baalee Bahaa magaala Gindhiiritti namoota mana hidhaa keessa jiran 66 irratti Koronaavaayirasiin argame.
Ittigaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinichaa Obbo Xilahun Takkaa BBC’tti akka himanitti qorannoo waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi Waajjira Poolisii Aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota kanneen irratti vaayirasichi kan argame.
Hidhamtoonni Koronaavaayirasiin irratti argame kunneenis yaalaaf gara Hospitaala Roobeetti ergamuu eeran.
Waajjiraalee poolisii kanneenitti namootni of-eegannoo malee bakka tokko tursiifamuun dhukkubichi akka babal’atuuf sababa akka tures himaniiru.
“Yeroo ammaa kana iddoowwan koronaavaayirasiin itti argame kanatti keemikaalli biifameera. Namootni yakka sasalphaadhaan hidhaman wabiidhaan akka bahaniifis haalli mijachaa jira” jedhan.
Hawaasni hidhamtoota kunneeniif nyaata fidaa turaniin dhukkubichi gara hawaasaatti babal’achuu akka malu yaaddoon jiraatus hanga ammaatti saamuda namoota shakkaman irraa fudhatameen kan qabame akka hin jirre himan.
Balaa konkolaataa Harargee Bahaatti dhaqqaben lubbuun namoota 13 darbe

Madda suuraa, FBC Afaan Oromoo
Balaa konkolaataa guyyaa kaleessaa godina Hararge Bahaa aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Ifa Haqaatti mudaten lubbuun namoota 13 haala suukkanneessaan darbuu Qajeelchi Poolisii godinichaa beeksise.
Balaan kun kaleessaa halkan sa’aa 2:00 irratti uumamuusaa aanga'aan poolisii gopdinichaa Inspeektar Tolosaa Goshuu BBC'tti himaniiru.
“Konkolaataan fe’umsa meeshaa lakkoofsi gabatee isaa 3-09576 Finfinnee ta’e namoota 21 fe’ee magaala Bareedaa irraa Harawaacaa osoo imaluu garagaluu isaatin namootni 13 battalumati yeroo du’an namoota saddet irratti immoo miidhaan qaamaa cimaa dhaqqabeera” jedhan.
Namootni balaa kanaan lubbuu dhaban 8 dhiira yoo ta'an 5 ammoo dubartoota. Hedduun isaanii daldaltoota magaala oolanii galaa turan ta’uu Inspeektar Tolosaan himan.
Namootni miidhaan qaamaa irratti dhaqqabe saddet magaala Dardaritti wal’aansarra akka jiranis himaniiru.
Sababni balaa kanaa rooba roobeen konkolaatichi duubatti sigigaachuu isaa akka ta’es dubbatan. Dabalataan daandichi sadarkaasaa kan hin eeggannee fi mijataa waan hin taaneef konkolaattotni fe’umsa uummataa akka hin jirree fi namootni konkolaataawwan fe’umsa meeshaatti akka fayyadaman Inspeektarichi himu.
Balaan uummame lagannaa geejibaa tibbana ture walin hidhata akka hin qabnes dubbatan.
Konkolachisaan yeroof to’annoo jala kan hin oolle ta’uus Inspeektar Tolosaa Goshuu BBCti himaniiru.
Lebaanoon rakkinni nyaataa cimaan mudachuu mala - UN

Madda suuraa, Reuters
Ejansiiwwan gargaarsa dhaabbata motumoota gamtoomanii (UN) rakkinni nyaataa cimaan Lebaanon mudachuu akka malu akeekkachiisan.
Kunis sababii balaa buufata doonii irra qaqqabeen walqabatee dhiyeessiin nyaataafi daballiin gatiif madda ta’uu akka danda’u himan.
Dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa Jeenevaatti dubbi himtuu kan taatee akka jetteetti Lebaanoon nyaata harka 80 biyya alaatii galchu turan.
Dhaabbatichi saamsama nyaataa 5,000 kan tokkoon tokkoosaanii miseensa maatii shaniitiif ji’a tokkoof gahu ergaa jiraachuus hime.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gama isaatiin, sirni fayyaa biyyattii rakkina qabu ture amma ittuu garmalee manca’uun, hospitaaloonni sadii guutummaatti diigamaniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa amma meeshaalee namoota baayyee miidhamaniifi gubatan ittiin walaanuuf gargaaran 1,000 eerguuf jira.
Haa ta’u malee konteenaroonni 17 kan meeshaalee tajaajila ofeegannoo dhuunfaa Covid-19 ittisuuf Lebaanoniif ergamee ture dhohinsichaan man-kuusaa keessatti barbadaa’eera.
Haaluma walfakkaatunis ejjansii baqattootaa UNHCR meeshaalee dahoo yeroof tajaajilaniif kanneen biroo ergaatii jira.
Ejansichi dabaluunis dhohinsi qaqqabe baqattoota Siriyaa Lebaanoon keessa turan irratti, rakkina diinagdee caalaa keessa akka galan taasiseera jedheera.
Tiraamp morkataan isaanii Joo Baayidan 'Waaqa miidha' jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp morkataan isaanii Joo Baayidan faallaa Waaqaa nama deemuudha jechuun gamnumaan falmii filmaataa waan eegalan fakkaatu.
Irra deddeebiinis Baayidaniin dubbiin haleelaa jiru.
Aabba Tiraamp dubbii kan taasisan, wayita Ohaayootti imalan ture.
Kutaan biyyaa kun gaafa 2016tti filannoo injifatan kutaalee biyyaa murteessoo jedhaman keessaa ishee tokko turte.
''Namni kun faallaa Waaqaati. Faallaa qawweetis,'' jedhan pireezidantiin rippablikaanotarraa tahan kun.
Aabba Baayidan amantaa Kaatolikii hordofuun isaanii namuu beeka.
Jarri lamaan kun Sadaasa dhufutti morkii eegalu - ammaaf garuu yaada namootaa filannoo duraatiin bakka bu'aan deemookraatotaa kun dursaa jiru.
Pireezidantiin ittaanaa duraanii kun amantiin isaa akkamiin du'a haadha warraasaa fi intalasaa booda akka gargaareen irra deebiin dubbata.
Pireezidant Tiraamp amantaa Kiristaanaa kan waldaa Presbyterian hordofa.
''Baayidan ajandaa cichitootaa isa bitaa hordofa.
Keewwata 2ffaa heera biyyattii (Second Amendment) balleessuun qawwee isinirraa fudhata. Amantii ni balleessa... Macaafa Qulqulluus ni miidha, Waaqallee akkasuma.
Nama faallaa Waaqaa deemuudha. Qawwees ni balaaleeffata....'' jechuun dubbiin waraanan.
Qabeenyi hundeessaa Facebook, Zaakarbarg doolaara biiliyoona 100 ga’e

Madda suuraa, Getty Images
Qabeenyii dhuunfaa hundeessaa Feesbuukii Maark Zaakarbarg erga sagantaa viidiyoo gabaabaa qopheessuun haaraan itti dabalamee as gara doolaara biilyoona 100tti guddateera.
Roobii irratti morkataa isaa aappii TikTok waliin dorgomuuf US’tti Instagram Reels gadhiisuu beeksise.
Maark qabeenya isaa kanaan gartuu addaa ‘Kilabii Sentibiliyeena’ jedhamuun beekamu kan akka hundeessa Amaazoon Jeef Beezos fi kan Maykiroosooft Biil Geetis of keessa qabutti makameera.
Dhaabbileen akka Feesbuuki, Amaazoon , Appil fi Google sababa koronaavaayirasiin sochii ugguramuu irraa bu’aa argataniiru, sababa dhorkii kanaan namootni hedduu tajaajila adda adda interneeta fayyadamuu eegalaniiru.
Waggaa kanatti qabeenyi dhuunfaa Maark doolara biiliyoona 22 kan dabale yoo ta’u, kan Jeef ammoo doolara biiliyoona 75’n dabaleera, akka gabaasa Biloombergitti.
Hong Kong lammiileef tajaajila qorannoo Covid-19 bilisaa kennuuf

Madda suuraa, Getty Images
Hoggantuun Hong Kongi, Keeri Laam lammiilee magaalichaa Covid-19f qoratamuu barbaadan kamiifuu bilisaan akka qoran ibsan.
Qorannoon ummataa kunis deeggarsa gareewwan Chaayinaa irraa dhufan waliin ta’uun yoo ta’u, torban lamaaf kan gaggeefamuudha.
Aadde Laam lammiileen Hong Kong waa’ee garee Chaayinaa deeggarsaaf dhufanii irratti shakkii qabaachuu hinqaban jettee jirti.
Erga baatiiwwan Caamsaa fi Waxabajjii keessa namoonni muraasni vaayirasichaan qabamuun himameen booda, Hagayya keessa garmalee waan dabaleef Hong Kongi deebiiftee seerawwan cimaa labsite.
Baayyinni namoota guyyaan vaayirasichaan qabamanii baatii kana keessa gadi bu’ulleen ammas 100 irratti argama.
Jawaar dabalatee nama 14 irratti jechi ragaalee Abbaa Alangaa dhagaahamuufi
Bulchaan Ohaayoo daawwannaa Tiraampii dura Covid-19 qabaman

Madda suuraa, Getty Images
Bulchaan bulchiinsa Ohaayoo karoora daawwannaa pirezidaantii Tiraampiin dura Covid-19n qabamunsaanii himame.
Bulchaa Ohaayoo kan ta’an Maayik Diiwaayiid erga vaayirasichaan qabamusaanii mirkanaa’een booda, karoorasaanii pirezidaanti Tiraampi waliin buufata xiyyaaraatti wal arguuf ture haqaniiru.
Guyyoota itti aanan 14’f mana keessatti adda of baasuun kan turan ta’u waajjirri isaanii beeksiise.
Mr Maayik Diiwaayiid vaayirasichaan yoo qabaman bulchaa US lammaaffaadha. Kana dura Bulchaan Oklaahamaa Keeviiin Sitiit Covid-19n qabamunsaa ni yaadatama.
‘Miira dhukkuubbii natti dhagahamu homaa hinqabu. Kanaafuu Covid-19n qabame jedhee sababiin yaadda’uuf hinjiru’’ jedhaniiru bulchaan kun haala fayyinsa isaanii yoo ibsan.
Bulchiinsa Ohaayoo keessatti qofaa namoonni kuma 90 vaayirasichaan qabamanii kanneen 3,500 ta’an ammo sababiidhuma dhibee kanaatiin lubbusaanii dhabaniiru.
Paaraasaayitiin qoricha busaa dandamatu argamuun yaaddoo uume
Mozaambiik 'waa’ee doonii dhohiinsa Beeyiruut quba hin qabu jechuun haalte’

Madda suuraa, EPA/TONY VRAILAS/MARINETRAFFIC.COM
Anga’oonni buufata doonii Moozaambiik, waa’ee doonii keemikaala dhohiinsa Beeyiruutiif sababa ta’e baatee ture quba hin qabnu jechuun haaluu isaanii AFPn gabaaseera.
Dooniin bara 2013tti gara Beeyiraa Moozambikitti imalaa ture, keemikaala amooniyeem naaytireetii fe’ee ture Beeyirutitti buusee darbe, kemiikaalichiis mana kuusaa keessa kaa’ame.
“Buufatichi, dooniin MV Rhosus buufata doonii Beeyiraa buufachuuf akka ture quba hin qabu ture,” jechuun anga’oonni buufata doonii Beeyiruut ibsaniiru.
Ibsa baasan kanaan akka barameetti dooniin buufaticha akka buufatu “guyyaa torbaa hanga 15 dursamee qoondaala doonichaan hojjataa buufatichatti beeksifama,” jechuun gabaafameera.
Qondaalli olaanaa buufatichaa eenyummaan isaa akka ifa ta’u hin barbaadne akka AFPtti himetti, “dooniin kun Beeyiraa buufachuuf kan ture ta’us, fee’iinsichi garuu gara Mozaambiik osoo hin taane, gara Zimbaabwee ykn Zaambiyaa deema ture, sababiinsaa keemikaalli amooniyeem naaytireeti hojii albuuda baasuuf meeshaalee dhohiinsaa uumuuf fayyada.”
Wiirtuun sochii dooniiwwanii to’atu Marine Traffic jedhamu, dooniin alaabaa biyya Moldoovaa qabu kun buufata doonii Beeyiruut bara 2013 saadasa 20 irratti ga’ee sana booda achii hin sochoone jedha.
Yuunivarsiitiin Jimmaa Haacaaluu Hundeessaa yaadate, faawundeeshinis dhaabuuf
Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii miiliyoona 1 darbe

Madda suuraa, Reuters
Akka gaabasa Dhaabbata To’annoo Dhukkubaa Afrikaatti (CDC) aardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miilyoona tokko darbeera.
Walakkaan lakkoofsa kanaa Afrikaa Kibbaa keessatti argama.
Biyyootii hedduu keessatti ammayyuu sadarkaan qoronnaa gaggeessuu gadaanaadha. Kana jechuun lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii kan gaabaafamerraa guddaa ta’uu mala.
Namootni vaayirasichaan qabaman hedduun magaalota gurguddoo keessatti argamu.
Afrikaa keessatti namootni 21,000 ta’an vaayirasichaan lubbuun isaanii darbee gara 670,000 ammoo irraa bayyannataniiru.
Hogganaan CDC Afrikaa Joon Nikengasoongi Akka BBCtti himanitti Afrikaa keessatti namoota vaayirasichaan qabaman keessaa %70 dandamataniiru.
Akka gabaasa WHOtti addunyaa keessatti namootni miiliyoona 18.6 vaayirasichaan qabamanii, namootni 702,000 ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Beeyiruutitti lammileen mootummaa mormuuf daanditti bahan

Madda suuraa, Reuters
Beeyiruutitti gaafa Kamisaa namoonni mootummaa mormuun daandiitti bahaniifi qaamoleen nageenyaa Lebaanon walitti bu'an.
Qondaaltonni nageenyaas namootarratti gaazii boochisu itti dhukaasaa turaniiru.
Hiriirtoonni kunneen dhoohinsa hamaa guyyaa Kibxataa mudatetti aaruun daandiitti bahan.
Akka angawoonni jedhanitti sababni dhoohinsa kanaa, amooniyem naayitireetii toonii 2,750 tahu, erga 2013 as of eeggannoon alatti kufamee turedha.
Lammiileen hedduu Lebaanos, balaa dhoohinsaa lubbuu 137 galaafate kanaaf dhibaa'ummaa mootummaa komatu.
Dhoohinsi kun namoota 5,000 olirratti miidhaa kana qaqqabsiise yogguu tahu, manneen jireenyaafi daldalaa hedduu daaraa godheera.
Ammallee namoonni eessa buuteen isaanii hin baramne jiru.
Miidiyaan mootummaa biyyattii akka gabaasetti, dhoohinsa kanaan walqabatee namoonni 16 to'annoo jala oolaniiru.
Indiyaatti guyyaa tokkotti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 62,170'n dabale

Madda suuraa, Getty Images
Indiyaatti namoonni miliyoona lamaa ol Covid-19n qabamaniiru, akka ragaan mootummaa mulliseetti.
Sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 62,170 vaayirasichaan qabamu mirkanneessuun, lakkoofsa waliigalaa gara 2,025,409 ol ka’eera.
Biyyattiin namoonni miliyoona tokkoo qabamusaanii kan mirkanneessite guyyoota 20 darban keessatti qofaadha. Kunis haala biyya Biraaziliifi kan US irra baayyeedha.
Torbanoota dhiheenyaa keessa qorannoon haalaan kan babalatee yoo ta’u, garuu bakka bakkatti garaagarummaa qaba.
Baayyinni namoota dhukkubichaan du’anii gadaanaa ta’usaatiin jajjabeefamuunis biyyattiin osuuma vaayirasichi baayyataa jiruu deebiiftee dhorkii kaasuu itti fuftee jirti.
Ta’us garuu bulchiinsoonni tokko tokkoo uggura sochii cimaa kaa’aa jiru.
Ammaan tanattis Indiyaan baayyina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin miliyoon lama darbuun addunyaarratti biyya sadaffaadha.
Akkasumas Indiyaatti namoonni 40,700 ta’an du’unsaani gabaafameera. Haa ta’u malee baayyina lakkoofsa ummataa biyyattii biliyoona 1.3 wal biratti yoo ilaalamu baayyee miti jedhu oggeessoonni
