Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Botiswaanaan to'annoo Covid-19'f jedha magaalaa guddoo biyyatti gutummaan uggurte

    Biyyi Botiswaanaa namoonni haaraan Covid-19n qabaman 30 argamnaan, Magaalaa guddoo biyyattii Gaaboronee torban lamaaf guttuummaan uggurte.

    Ajaji ugguraa kunis Kamisa kaleessaa irraa kaasee hojiirra kan oolfame yoo ta’u, waraqaa hayyamaa malee eenyuu socho’uu hindanda’u.

    ‘‘Tajaajilliwwan buu’uraa dandeettii %25 hojjatu. Godina Gabooronee Guuddoo sochiin keessaa bahuu fi galuu hayyama malee omtu hinjiraatu. Kunis battalumaan hojiirra kan ooluudha,’’ jedhaniiru pirezidaantiin taaski foorsii Covid-19 Kerengii Maasupuu.

    Walumaagalatti Botsiwaanaatti namoonni 170 kornaavaayirasiin qabamuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, lama ammo du’uun mirkanaa’e.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  2. WHO-Uggura sochii laaffisuun Afrikaatti weerara Covid-19 hammeessa

    Afrikaatti weerara dhibee hammaate

    Madda suuraa, Rooyitars

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa uggura sochii Afrikaatti laaffisuun weerara Covid-19 deebisee hammaasu mala jedhe.

    Dhaabbatichi mootummoonni biyyoota Afrikaa qorannoo cimsuu fi namoota dhibichaan qabaman wajjin hariiroo qaban adda baasu qabu jedhe.

    Afrikaatti daarektarri dhaabbaticha Dr Mashidisoo Moheeti, biyyi kamiyyuu yaaddoo dhibichi uumerraa bilisa miti jedhan.

    Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 800,00 qaqqabus , biyyooti muraasni labsii weerara dhibe kanaa to’achuuf baasan laaffisaniiru.

    ’’Afrikaatti lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii miliyoonatti dhiyaatera,ardichi yeroo murteessaarra jira’’jedhan Dr Mohetiin. Namoota qabaman harki 75 biyyoota shan keessa jiraatu.

    Giddugaleessi to’annoofi ittisa dhibee Afrikaa(CDC)’n akka ibsutti,Namoota vaayirasichaan qabamanii fi du’an 4 keessaa sadii biyyoota kanneen akka Rippaabilika Afrikaa Kibbaa, Masrii, Naajeriyaa, Aljeeriyaa fi Sudaan keessatti gabaafama.

    Biyyoonni akka Morokoo fa’aan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii daballaan, sochii namootaa daangeessan.

  3. Naannoo Tigraayitti paartileen shaniifi dorgomtoonni dhunfaa 11 galmaa'an

    Dubartii sagalee kennaa jirtu

    Komishiniin Filannoo Naannoo Tigraay sagantaa galmee dorgomtootaa guyyaa Wiixataa hanga Kamisa darbeetti baasee tureen, paartiilee siyaasaa shaniifi dorgomtoota dhunfaa 11 galmeessuu beeksiise.

    Paartiileen filannoo irratti hirmaachuuf galmaa’an TPLF, Baayitoonaa, Saalsaayi Wayyaane Tigraayi, Dhaabbata Bilsummaa Tigraay fi Dhaabbata Dimokraasii Asiimbaa jedhamaniidha.

    Paartiin mormituu Naannoo Tigraay keessa socho’u ‘‘Baayitoonaa’ dhiibbaa motummaa federaalaa irraa dhuufuu’’ fi uggura motummaa Tigraayiin taasifamaa jiru’’ dandamachuun filannoo irratti hirmaachuuf murteessineerra jechuun ibsa baasee ture.

    Paartiin Arenaa fi dhaabbanni Dimookraasii Tigraay gama isaanitiin filannoon naannichi gaggeessuu seera maleessa jechuun akka hinhirmaanne beeksisaniiru.

    Ibsa Komishinichi kenneen galmeen filattootaafi guyyaan filannoon itti gaggeefamu kan murtaa’e yoo ta’u, dhiheenyatti ifa akka taasifamu Komishinarri Komishinii filannoo naannichaa Muluworqi Kiidaanamaariyaam ibsa kennaniin himan.

    Har'aa kaasees sagantaa paartilee filannoof dorgomanii bahuun imaammata isaanii irratti marii ni taasiisuu jechuun Komishinar Muluworqi BBC Tigrinyaatti himan.

  4. Keeniyaatti moggaasni maqaa bara kolonii akka jijjiiramu duulli eegalame

    Haroo

    Madda suuraa, AFP

    Abbootiin seeraa Keeniyaa lama moggaasni maqaa naannolee ''sirna impaayera Biriteen bakka bu'a'' jedhan akka jijjiiramu kaan ammoo akka buqqifamu miseensota paarlaamaaf waamicha dhiyeessan.

    Haroon Viiktooriyaan, Finca'aan Toomsonii fi kaaniis naannolee hawwata tuuristii ta'an moggaasni isaanii akka jijjiiramu kanneen Waambuguu fi Kariukin irratti duulaa jiraniidha.

    Maqaan naannolee kun eenyummaa uummata keeniyaa akka ibsutti akkasumas gootota Keeniyaa yaadachuuf mogga'uu qabus jedhu.

    Siidaan, mallatooleefi yaadotni sirna Kolonii buqqifamanii ''duudhaalee biyyaalessaafi tokkuumma jajjabeessaniin'' bakka bu'uu qaba jedhu.

    Karanjaan BBC'n akka himetti siidaan impeeriyaalizimii leellisan biyyoota addunyaa biroo keessatti jigfamaa jiraachuun akka isaan kakaase hime.

  5. Maallaqni baankiitti jalaa ugguramuun maatii namoota hidhamanii 'rakkoof saaxile'

  6. Afgaansitaanitti balaa boombiin namootni 17 ajjeefaman

    Haleellaa Afgaanistaan

    Madda suuraa, EPA

    Afgaanistaanitti haleellaa boombii konkolaataarratti raawwatameen namootni 17 lubbuu dhaban.

    Haleellaan kutaa biyyaa Loogaar jedhamu keessatti raawwatame kun Taalibaan ayyaana Iidaaf jecha labsii dhukasa dhaabuu labsee guyyaa tokko boodadha.

    Taalibaan haleellaa kana hin raawwannee jechuun yoo ibsu Gareen Islaamiik Isteet ammo hanga ammaatti yaada hin laanne.

    Haleellaan kun of wareegaa boombii qabateen raawwatamuu akka hin oolle dubbii himaan bulchaa Loogaar Deedaar Laawang AFP’tti himeera.

    Haleellaan kun dhiyeenya waajira bulchaatti, bakka namoonni hedduun waan ayyaanaa itti bitachaa turanitti raawwatame.

    Mootummaan Afgaanistaaniifi gartuun Taalibaan ayyaana Iidaaf jecha waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota sadii mallatteesaniiru.

    Mootummaan Afgaanistaaniifi Taalibaan hidhamtoota waljijjiiruufi aliigalanii turan hanga ammaattis Taalibaan namoota 1,005 mootummaan ammoo 4,400 hiikaniiru.

    Ta'uus ammallee waliigaltee nagaa waaraa fidurra hin geenye.

  7. Iid Mubaarak

    Ashamaa hordoftoota keenya!

    Gabaasa keenya kallattii eegalleerra. Hordoftootaa Amantaa Islaamaa hundaan Iid Mubaarak, Ayyaana gaarii isiniin jenna.

  8. Hordoftoota keenya tamsaasa kallattii keenya har'aa asuma irratti xumurreerra

    Bor ganama walitti deebina.

    Yeroo gaarii!

  9. Maatii tokko keessaa namootni 13 ajjeefaman.

    Maatii tokko keessaa namootni 13 ajjeefamuun namni tokko qofa oole.

    Kun kan tahe Naayijeeriyaa keessatti yo tahu namni hidhate tokko kan eenyummaan isaa ammaaf adda hin bane ganda Agbudu jedhamtu keessatti dhukaasa banuun namoota 14 galaafate.

    Poolisiin naannichaa akka jedhetti namootni ajjeefaman 13 maatii tokko keessati. Nama tokko qofatu lubbuun maatii sana keessaa hafes jedhe.

    Humni nageenyaa naannchitti bobbaafamus namni to’annoo jala oole homtuu hin jiru jedhe dubbii himaan poolisii naannoo Koogii Wiilii Aya.

    Poolisiin walitti bu’insi hawwaasa keessa jiraachuu akka hin hafne eeree ammatti sababni isaa garuu adda hin baane.

    Naayijeeriyaatti namootni 13 maatii tokko keessaa ajjeefaman
    Ibsa waa'ee suuraa, Naayijeeriyaatti namootni 13 maatii tokko keessaa ajjeefaman
  10. Itoophiyatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii ol'aanaan galmaa'e

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darban keessatti namoota 9786'f qorannoo koronaavaayiras taasiftee vaayirasichi namoota 805 irratti argamuu ministirri fayyaa biyyattii ibseera.

    Kanaanis lakkoofsi namootaa biyyattii keessatti Covid-19 qabamanii 16,615 gaheera.

    Gama biraatiin qorannoo sa'aatii 24 darban keessatti taasifameen namoonni haaraa 10 du'aniiru. Kunis lakkoofsa namoota Covid-19 du'anii gara 263'tti ol guddiseera.

    Biyyattii keessatti sa'aatii 24 darban namoonni haaraa 78 kan bayyanatan yoo ta'u, hamma ammaatti namoonni 6763 bayyanataniiru.

    Haala Itoophiyaa
  11. Pireezidantiin FIFA Jaannii Infaantinoo irratti qorannoon yakkaa baname

    Jaannii Infaantinoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Abukaatoowwan Siwiiz pireezidantii FIFA Jaannii Infaantiinoo irratti qorannoo yakkaa banan.

    Himmannaa qorannoo kanaaf sababa tahe, qaamni kubbaa miilaa addunyaa bulchu Abbaa Alangaa Waliigalaa Siwiiz Mikaa’eel Layuubar waliin walgahii icciitii taasisaniiru kan jedhu dha.

    Manni murtii Mikaa’el Layuubar walgahii taasisan dhoksaniiru wayiloota isaaniis sobaniiru jennaan hojii isaanii gadhiisan.

    Lamaan isaanii himannaa kana haalaniiru.

    Waajjirri Mikaa’el Laayuubar waraqaa hojii ittin gadhiisan gaafa kibxataa galchuu himeera.

    Abukaatoon addaa Isteefaan Keelar himannaawwan namoota lameen kanarra jiru akka qorataniif filataman.

    Qaamni waajira Abbaa Alangaa waliigalaa qoratu wal-arguun namoota kanaa dalagaa yakkaaf tahuu cicadheeraa jedhe.

    ‘’Dhimmi kun waajjira mootummaa qisaasuu, icciitii baasuu fi yakka tumsuu faa ilaallata,’’ jedha waajjirri Abbaa Alangaa Waliigalaa qoratu kun.

    Abbaan Alangaa Waliigalaa waan tahaa jiru quba qabaachuu himuun barbaachisaa taanaan koree paarlaamaa dhimmichi ilaallatuuf ibsa kennuu danda’a jedheera.

    Abukaatoon addaa Keelar pireezidantii FIFA fi abukaatoo biraa walgahicharratti hirmaataniifi Laayubariin bilisa taasisuuf paarlaamaa irraa mirkana barbaadaa turan irratti illee qorannoo banameera.

    Waajjirri FIFA magaalaa Siwiiz Zuurii keessatti argama.

  12. Guddinni diinagdee Ameerikaa ji’a sadan darbanitti 32.9% gadi kufe

    Guddinni diinagdee Ameerikaa ji’a sadan darban,Eblaa hanga Waxabajjiitti 32.9% gadi kufe

    Biyyattiin weerara koroonaavaayirasii to’achuuf baasii guddaa taasisaa jirti.

    Erga bara 1947 mootummaan guddina dinagdee rikarsii tahe galmeessuu jalqabeen askun isa gadi aanaadha.

    Kufatii diinagdee bara 1958 biyyatti mudate irra ammo dacha sadiin hammaataadha. Baasiin tajaajiloota kan akka eegumsa fayyaaf tahu hir’achuun kufaaticha hammeessera.

    Ogeesonni diinagdee ammoo ammas kurmaana itti aanu keessatti kufaatiin dinagdee hamaan mudachuu mala jedhan.

    Sana booda bayyaannachuu akka danda’us himaniiru. Torban darbe keessa namootni miliyoona 1.4 tahan hojii dhabdoota tahuu isaanii galmeessaniiru.

    Kun kan torbaan san dura ture irra caalamaa qaba. Baasii namootni jireenyaaf baasaa jiranis akkasuma gadi bu’aa dhufeera.

    Fedhiin Baabkii nyaataa biyyattii dabaleera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Fedhiin Baabkii nyaataa biyyattii dabaleera
  13. Pireezidaant Tiraamp filannoon bara 2020 akka dheeratuuf waamicha taasisan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo biyyattiin Sadaasa bara 2020 keessa taasisuuf jettu akka dheeratuuf waamicha dhiyeesan.

    Isaanis filannoon yeroo jedhamatti yoo taasifame burjaajjiin akka uumamuu danda'uu fi bu'aan filannoos sirrii hin ta'u jedhuudhaani.

    Isaanis namoonni "haalaa toluun, tasgabbii fi nageenyummaan" itti dhagahamee akka filataniif dheerachuu qaba jedhan. Kanaan ala filannoon kun poostaan kan gaggeeffamu taanaan seenaa Ameerikaa keessatti isa fokkisaa taha jedhan.

    Jalqaba ji'a kanaatti bulchiinsotni naannolee Ameerikaa jaha karaa poostaa filannicha gaggeessuf qophii tahuu himanii ture.

    Isaanis Kaalifoorniyaa, Utahaa, Hawayii, Koloraadoo, Oregoonii fi Waashingitanidha.

    Kutaaleen bulchiinsaa kunneen waraqaa filannoo namoota galmaa'aniif karaa poostaa erguun isaan ammoo filachuun poostaamaan akka deebisani karoorfame.

    Garuu namni tokko bakka nama warqaa fudhatee hin filatiin hafees ofumaa guutuun erguu danda'a sodaaa jedhus kaaseera.

    Qaamaan deemanii filachuunis akka jiru himameera.

    Kutaaleen bulchiinsa Ameerikaa sababa weerara koronaavaayiras gama poostaatiin sagaleen akka kennamu barbaadu.

  14. ‘Osoo ofii hin hidhamiin, hin du’iin aangoo hin yaadinaa’ – Abiy Ahimad

    MM Abiy Ahimad Alii

    Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/twitter

    MM Itoophiyaa Abiy Ahimad hogganoota dhaabbilee siyaasaa mormituu waliin wal arganii mari’ataniiru. Kun hokkora ajjeechaa Haacaaluu hordofee lubbuu nama 200 ta’u galaafateen booda isa duraati.

    Ergasii hogganoonni paartilee siyaasaa mormituu dabalatee namoonni 7000 ol hidhamanii jiru.

    MM Abiy hokkora lubbuu namaa gaalafate kanaaf namoota siyaasaatti quba qaban.

    “Kan nama wal nyaachisu nuyi, garuu kan hidhamuu qabu ammoo nama biraati jennee yaadna. Sababni nuyi miseensota paartilee siyaasaa waan taaneef, TV irratti waan beekamnuuf” jechuun namoota siyaasaa qeeqan.

    Kanneen hokkora kaasanii namni akka du’u godhan isaan haa hafuuti, obboloonni isaanii, firoonni isaanillee madaa’anii hin beekan jedhan.

    “Kabajamoo namoota siyaasaa, namootni kaan isa hidhamanii fi du’aniin, isin osoo hin hidhamiin, osoo hin du’iin, osoo hin dhiigiin aangoo qabachuu hin yaadiinaa” jedhan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Tapha kubbaa miilaatti fakkeessuunis hidhamuu hogganoota siyaasaa bebbeekamoo yoo ibsan, “ani Meesii ykn Peelee waanan ta’eef, harkaanis yoon galche rakkoo hin qabu hin jedhamu” jedhan.

    MM Abiy morkattoota isaanii jajjaboo hidhuun warra dhiibbaa jabaa uumuu hin dandeenye ykn hordoftoota hedduu hin qabne waliin mariif taa’an jechuun marsaalee hawaasaa irratti qeeqamaa jiru.

  15. Hiwaawween gurgurtaa bilbilaan Saamsangiin caale

    Bilbila Hiwaawwee

    Madda suuraa, Getty Images

    Hiwaawween daldalaa bilbila ‘smartphone’ guddicha tahe. Kunis akka addunyaatti yeroo jalqabaafi jedhu xiixaltoonni dhimmichaa.

    Sadarkaa jalqabaa kan argate meeshaawwan bilbilaa 55.8 raabsuun yoo tahu Saamsang immoo 53.7 qofa gurgure.

    Dhaabbati gabaa teekinolojii xiinxalu Kaanaalaayis guddina kana ‘ajaa’ba’ jedheera.

    Chaayinaan sababii weerara Covid19n biyya cuftee turte dursitee banuunshee milkaa’ina dhaabbatichaaf karaa saaqeera jedha.

    Oomishti Hiwaawwee appiiwwan Google akka hin fayyadamne Ameerikaan gatii dhorkiteef dhaabbati bilbilaa kun gabaa warra dhihaa hawwachuuf rakkataa jira.

    Al-ergiin meeshaalee dhaabbatichaa hir’isus garuu bilbilawwan harka 70 Chaayinaatti gurguree jedha Kaanaalaayis

    ‘’Kuni bu’aa ajaa’ibaati waggaa tokko dura kana waan tilmaamuu dandeessullee miti,’’ jedha Xiinxalaan Kaanaalaayiis Been Istaantan.

  16. Namtichi goorillaa gaaraa ajjeese hidhaan ganna 11 itti murame

    Goorillaa Raafikii jedhamuun beekamu

    Madda suuraa, Uganda Wildlife Authority

    Manni murtii Yugaandaa, namticha gosa jaldeessaa 'silverback mountain gorilla' jedhamu ajjeeserratti, hidhaa ganna 11 itti mure.

    Gorillaan kun maqaa Raafikii jedhamuun yaamama ture.

    Raafikiin garee goorillaa lakkoofsaan danuu hin taane kanaaf hoogganaa tures jedhama.

    Namni Filiiks Bayamukama kunis goorillaa gaaraa kana garaarraa dhahuun ji'a dabre keessa ajeesse.

    Fiiliks himannaa irratti dhiyaate sadanuuf balleessaa tahuusaa amaneera.

    Seeraan ala gara kunuunsaa bineensotaa kana seenuu, bineensota 'dicker fi bush pig' jedhaman ajjeesuunis himatameera.

    Kanneen bineensota kunuunsan, erga Raafikiin obba'ee booda garee goorillaa kanaan hoogganamaniif daran yaadda'anii turan.

    Ergasii Abbaan Taayitaa Bineensota bosonaa biyyattii, kormi tokko garee miseensota 11 qabu kana dursaa/tiksaa akka jiru mirkaneessaniiru.

    Goorillaan gaaraa daggala keessa jiraatan 1,000 ol tahan qofatu addunyaarra jiru jedhamee tilmaamama. Isaanis zoonii eegumsaa Yugaandaa, Riwaanda fi Rippablika Demookraatawaa Koongootti argamu.

    Biyyoota sadan kanaafis madda galii tuurizimii olaanaa argamsiisu.

    Anga'oonni biyyattii adamsi seeraan alaa dabalaa dhufuusaatti daran yaadda'uu dubbatu.

    Wayituma weeraraa Covid-19n biyyattiin uggura jala turtetti, taateewwan 300 ol mudataniiru jedhan.

  17. Guddinni dinagdee Jarmaanii dhiibbaa weerara Covid-19'n gad bu'e

    Jarman

    Madda suuraa, Rooyitars

    Guddinni dinagdee Jarmaanii dhiibbaa weerara Covid-19'n gadii bu'uu isaa ragaa biyyattin baafte agarsiisa.

    Hammi oomishaa biyyatti ji’a Ebla amma Waxabajjii giddutti harka 10 ‘n hir’ate.

    Jarmanitti erga bara 1970 hammi oomisha akkanatti gadi hir’atee hin beeku.

    Dinagdeen biyyatti uggurri weerara dhibee kanaa to’achuuf baafameen akkuma biyyota birootti miidhera.

    Biyyattin al-ergii guddaa qabaachuun kan beekamtu yoo ta'u,sababii yaaddoo fayyaa weerarri vaayirasii uumeen daldalli idila-addunyaas jeeqame dinagdee biyyatti irratti dhiibbaa uumera.

  18. 'Osoo sirna awwaalchaa abbaa keenyaarra jirru, haati keenyas duute'

  19. Manni maree bakka bu’uutaa US miseensonni maaskii akka uffatan ajaje

    Naansii Peloosii

    Madda suuraa, EPA

    Yeroo biyyattiitti lakkoofsi namoota koronaavayirasiin du’anii 150,000 darbetti Manni Maree Bakka Bu’uutaa US miseensonnifi hojjeettonni hundi akka maaskii ykn haguuggaa afaaniifi funyaani uffatan ajaje.

    Af-yaa’iin mana mariichaa Naansii Peloosii miseensonni kan maaskii ofirraa baasuu danda’an yeroo haasaa taasisan qofa ta’uu himun namni qajeelfama kana hin hordofne ammoo mana marichaa keessaa akka baafamu dubbataniiru.

    Mana maricha keessatti barcuma harkaa caalaa kan qaban Dimookraatonnifi miseesonni paartichaa, abbootiin seeraa gamoo Kaapitool seenuun dura vaayirasichaaf akka qorataman goochuu barbaadu.

    Peelosiin murtee kana kan fudhatan, yeroo hedduu nannoo mana marichaatti maaskiin alaa yeroo socho’uu kan mul'atuun miseensi Riippablikaanii Teeksaas, Luwii Gohmeeert, Roobii koronaavaayirasiin qabamuun isaa erga barameedha.

    Guyyaa sanatti Pireezidant Doonald Tiraamp waliin imaluuf karoorfatee ture.

    Peloosiin akka dubbatanitti, murteen kun, “ fayyummaafi eegumsa namoota mana marichaa keessafi naannaasaa jiraniif mallattoo kabaja kennuudha.”

  20. 'Eezhiyaa keessatti namni akka kiyya Covid-19n dhukkubsate hin jiru'