Botiswaanaan to'annoo Covid-19'f jedha magaalaa guddoo biyyatti gutummaan uggurte
Biyyi Botiswaanaa namoonni haaraan Covid-19n qabaman 30 argamnaan, Magaalaa guddoo biyyattii Gaaboronee torban lamaaf guttuummaan uggurte.
Ajaji ugguraa kunis Kamisa kaleessaa irraa kaasee hojiirra kan oolfame yoo ta’u, waraqaa hayyamaa malee eenyuu socho’uu hindanda’u.
‘‘Tajaajilliwwan buu’uraa dandeettii %25 hojjatu. Godina Gabooronee Guuddoo sochiin keessaa bahuu fi galuu hayyama malee omtu hinjiraatu. Kunis battalumaan hojiirra kan ooluudha,’’ jedhaniiru pirezidaantiin taaski foorsii Covid-19 Kerengii Maasupuu.
Walumaagalatti Botsiwaanaatti namoonni 170 kornaavaayirasiin qabamuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, lama ammo du’uun mirkanaa’e.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X














