Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ‘Furdina garmalee ulfaatinni qaama qofti hin ibsu’

  2. Tamsaasa kallattii har'aa jalqabneerra

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Tamsaasa kallattii Hagayya 06, 2020 jalqabneerra.

    Taateewwan biyya keessaafi kan alaa gaggabaabsinii toora kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Shiinii bunaa

    Madda suuraa, Getty Images

  3. Kan har'aa goolabne!

    Gabaasa kallattii keenya kan ha'aa asumarratti goolabnee ganamaan walitti deebina.

    Mammaaksa guyyuu keenya har'aatti isin dhiifna. Nagaan bulaa!

    Mammaaksa BBC
  4. Dhaddachi ajjeechaa MM duraanii Libanoon Raafik Hariiri dheereffame

    Dhaddachi shakkamtoota afur ajjeechaa MM duraanii Libanoon Rafiik Hariiri keessatti qooda qabaachusaani qoratu yeroo biraatti dabarfame.

    Dhaddachi Jimaata gaggeeffamuuf yaadame gara Hagayya 18, bara 2020tti jijjiramuusaa mannii murtii Heeg jiru kan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramu himeera.

    Guyyaan dhaddachaa namoota balaa dho’insa kaleessa magaala Beeyiruutti mudateen miidhaman kabajuu fi Libanoon guyyoota gaddaa sadii labsuu hordofuun jijjirame.

  5. Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota Covid-19n haaraa qabamanii gadi hir’achuu jalqabe

    Afrikaa Kibbaa

    Madda suuraa, EPA

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa weerara Covid-19 ardii Afrikaa keessatti isa guddaa ta’e to’achuutti milka’aan jira jedhe.

    Torban darbe keessa Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 500,000 caaluun ibsamee ture.

    Ammatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasiin qabamanii gadi hir’achuu jalqabeera.

    Ministirri Fayyaa biyyatti akka himanitti, ammatti hospitaalonni dhukkubsattoonni itti hedduummachuun muddama keessa hin seenne jedhan.

    Dinagdeen biyyatti weerara dhibichaan raafama jabduu keessa wayita jirutti, uggura sochii namootaa yeroo dheeraaf daangesse mootummaan akka laaffisuu dhiibbaan irratti jabaachaa jira.

  6. Amma nu gahe, Itoophiyaa - lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii 20,000 caale

    Itoophiyaatti sa'atii 24 darban keessatti namoota 7319 koronaavaayirasiif qorataman keessaa namoonni 459 vaayirasichaan qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii ibse.

    Kanaanis lakkoofsi namoota haga ammaatti vaayirasichaan qabamanii 20,336 ga'eera.

    Kanneen sa'atii 24n darban keessatti vaayirasii kanaan du'uunsaanii mirkanaa'e 13 dabalatee haga ammaatti namoonni 356 du'aniiru.

    Gama kaaniin kanneen har'a dandamatan 358 yoo ta'an walii galatti hanga ammaatti namoonni 8598 dhibee kanarraa dandamataniiru.

    Itoophiyaan erga vaayirasichi biyyattii keessatti argamee kaastee hanga ammaatti namoota 459,746 irratti qorannoo koronaavaayirasii gaggeessiteetti.

    Gabaasa Covid-19, Itoophiyaa
  7. Keeniyaan kutaa hoteelotaa keessatti dhugaatii alkoolii gurguruu hayyamte

    Dhugaatii alkoolii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministeerri Turiizimii Keeniyaa hoteelota fi riizoortii keessatti dhugaatii alkoolii kutaalee ciisichaa keessatti gurguruun akka danda'amu hime.

    Ministirri Turiizimii Najiib Balaalaa hoteelota amma dura maamiltoota simatanii of biraa qaban irraa gaaffii ka'eef ibsa yoo kennaan kana jedhan.

    Hoteelonni fi riizoortiiwwan maamiloota isaanii kutaa ciisichaa qabatanii jiran qofaaf dhugaatii gurguruu akka danda'an eeranii, kanarra kan bu'uura labsii pireezidantii biyyattiin aalkoolii gurguruun dhorkamuu himan.

    Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keenyaataa weerara dhibee Covid-19 to’achuuf labsii baasaniin ture dhugaatiin alkoolii hoteelotaa fi restoraantii keessatti akka hin gurguramne kan dhorkan.

  8. Dhohinsi Beeyiruut namoota 300,000 mana malee hambise

    Bulchaan Beeyiruut Marwaan Abooyud, dhoi'nsi kaleessa mudate namoota 300,000 mana malee hambise jedhanii AFPtti himan.

    Gaaga’amni qabeenyaa balaan kun qaqqabsiise doolara bil 3-5tti akka timamamuufi gartokkee magaalichaa miidhu ibsan.

    Suuraaleen magaalicha bahan karaan hundi manca’ee, foddaa fi balballi mana jireenyasaanii caccabuusaa jiraattoonni suura walii qooda jiru.

    Gulaalaan barruu 'The Economist' Giriig Kalastroom suuraalee kana qoodera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  9. Liibaanoon ‘kuusaa midhaanii baatii tokkoon gadii’ qofaatti hafte

    Kuusaa miidhaanii barbadaa'e

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Dinagdee Libaanoon akka himaniitti, balaa dhoohinsaa Kibxata magaalaa guddoo biyyattii Beeruut keessatti mudateen, biyyattiin kuusaa midhaanii kan ‘baatii tokkoo gadii qofaaf’ gahuutti hafte.

    Kunis sababii dhohinsii kusaa midhaanii muummee biyyattii rukuteen kan walqabateedha.

    Raawul Nehmee akka madda oduu Rooyitarsitti himaniitti, biyyattiin yoo xinnaate wabii midhaan nyaata gahaa argachuuf kusaa baatii sadiif gahu qabaachu qabdi.

    Garuu ammoo, dooniiwwan gara biyyattii imalaa jiran karaarra jiru. Biyyattiin midhaanicha eessatti akka kuuftuun walqabatee amma rakkoon mudatuuf jira.

  10. Pirezedantiin Yugaandaa viidiyoo ispoortii wayita manatti hojjatan agarsiisu gadhiisan

    Pireezidantiin Yugaandaa Yoweerii Museveenii yeroo weerara koronavaayirasiitti namootni fayyummaa isaani akka eeggatan jajjabeesuuf jecha yeroo lammataaf vidiyoo ispoortii manatti hojjachuu barsiisu gadhiisan.

    Pireezidantiin ganna 75 kun viidiyoo kanarratti luka qullaa mana keessaa fiiguun, sana boodaa puushaappii si'a 40 yeroo hojjatan mul’isa.

    Museveeniin weerara koronaavaayirasii hir’isuuf jecha erga alatti ispoortii hojjachuu dhorkanii booda ji’a Ebla keessas vidiyoo ispoortii biraa gadhiisanii turan.

    Viidiyichi kunoo:

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  11. Lakkoofsi namoota akka addunyaatti Covid19n du’an 700,000 caale

    Akka gabaasni Yuunivarsiitii Joon Hoopkins agarsiisutti addunyaarratttti lakkoofsi namoota Covid-19n du’an 700,000 caale.

    Ameerikaan lakkoofsa guddaa(156,830) galmeessuun sadarkaa jalqabaa irra jirti. Biraazil(95,819) sadarkaa lammaffaa irra yoo taatu, UK fi Indiyaan walitti aananii dhufu.

    Yeroo sadarkaan biyyoota kunneenii himamu namoota hangam akka qoratanii fi namoota vaayiarsii kanaan du’an haala wal-fakkaataa taheen qoratuu isa jedhu hubachuun barbaachisaadha.

    Garaagarummaan baay’ina uummataa illee yeroo lakkoofsa dorgomsiisnu dhimma murteessaadha.

    UK'n uummata miiliyoona 66 kan qabdu yoo tahu Indiyaan uummata biiliyoona 1.2 qabdi.Haala koroonaavaayirasiin tatamsa’aa jiru weerarichi erga mul’atee kaasee galmeessaa turre.

  12. Sodaan weerara lammataa Afrikaa kibbaa ‘ammayyuu jiraa’

    Ministeerri Fayyaa Afrikaa Kibbaa Ziweeli Mikhizee yaaddoon biyyattiin yeroo lammataaf weerara koronaavayirasiin hubamuu dandeessi jedhu ‘ammayyuu jira’ jedhan.

    Ibsa miidiyaaleef kenneen tarkaanfiwwaan to’annoo itti fufiinsaan hojiirra ooluu qabu jedhe.

    Ministirichi akka jedhutti biyyattiin erga lakkoofsi namoota hubamanii walakkaa miiliyoonaa ta’eeyyuu humna hospitaalota isheerra hin dabarree.

    Ardii Afrikaa keessatti Afrikaan Kibba biyyaa koronaavaayirasiin hedduu miidhamte yoo taatu lakkoofsa namoota qabamaniin addunyaa irratti sadarkaa shanaffarra jirti.

    Makhizeen gabaasaa hojjattoonni fayyaa meeshalee of eeggannoo ga’aa hin qaban jedhurrattis qorannoon akka taasifamu ajajaniiru.

    Kanas Tiwiitara isaani gubbaatti barrreessaniiru:

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  13. Covid-19: Giifti Dureen Keeniyaa hojjatoota fayyaa leelliste

    Yeroo weerara koronaavaayirasii kanatti hojii isaan hojjattaaniif Giifti Dureen Keeniyaa Maargareet Keeniyaataa hojjatoota fayyaa leelliste.

    Aadde Keeniyaatan addatti hojjaattoota fayyaa hawaasaa kanneen uummati akkamiin vaayirasicharraa of eegu danda’u baarsiisan galateefateetti.

    “Hojii keessanitti ofitummaa malee of kennuu keessan, jabinaafi gara laafummaa ummaataafi hawaasichaaf qabdan nan dinqisiifadha. Akka hojjootata fayyaatti hojii ciimaa kanaaf yeroo keessaan aarsaa gochuu keessaan nan kabaja,: jechuun ibsa kenniteetti.

    Hojjattoota fayyaa dabalatee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii, Keeniyaatti dabalaa dhufeera. Ministeerri fayyaa biyyatti hojjaattoonni fayyaa 600 vaayirasichaan qabamanii saddeet ammo lubbuun darbeera jedha.

    Ammatti lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamanii biyyatti keessatti 23,202 ga’eera.

    Covid-19 Keeniyaa

    Madda suuraa, Reuters

  14. Masriin marii Hidha Haaroomsa Guddicha Abbayyaa eegalamee keessaa bahuu ibsite

  15. Viiktooriyaan daangaa cufuttus lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa jira

    Namoota sadi

    Madda suuraa, EPA

    Awustiraaliyaa kutaa Viiktooriyatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii haalaan dabala jira.

    Kunis eega tatamsa'inna koronaavaayiras ittisuuf jecha uggurashee cimste boodadha.

    Namoonni haaraa 725 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 15 ammoo du'aniiru.

    Kutaa bulchiinsa Viiktooriyaa keessatti tatamsa'inna Covid-19 daangessuuf jecha uggura haaraa har'a halkan walakkaa irraa jalqabnee hojiirra oolu labsitee jirti.

    Awustiraaliyaan jalqaba weerara kanatti vaayirasichi akka tatamsaaneef hojii gaarii hojjachuun biyyoota biroorraa fooyyee qabdi ture.

    Ta'us garuu eega Waxabajjii as tatamsa'inni koronaavaayiras Viiktooriyaa haalaan dabaleera.

    Biyyattii keessatti hamma ammatti namoonni 19,445 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 247 ammo du'aniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joon Hoopkiinsi.

    Ameerikaa,Biraaziilii fi Indiyaan addunyaarratti lakkoofsa namoota Covid-19 qabaman miiliyoona 4.7, miiliyoona 2.8 fi miiliyoona 1.9 qabaachuun biyyoota wal duraa duubaan sadarkaa tokkoffaa hamma sadaffaatti jiraniidha.

  16. 'Haaduu kiisii baasuun funyaan kiyya narraa mure'

  17. Obomboleettiin hamaan UStti namoota shan ajjeesee Kaanadaatti darbe

    Obomboleessa Ayzaayas (Isaias)

    Madda suuraa, Reuters

    Obomboleettiin Ayzaayas (Isaias) jedhamu kan US Kaaba Kalooraayina erga rukutee booda human ibsaa miiliyoonaan lakka’aaman kuffiseera.

    Hanga ammaatti yoo xiqqaate namootni shan lubbuun isaani ittiin darbeera.

    Buubbeen saffissa sa’atiitti km 100 deemu kun Kibxata waaree booda bulchiinsa Niiw Yoork raaseera.

    Kalooraayina Kaabaa hanga Niiw Yoorkitti, obomboleessi kun manneen miiliyoona 3.4 ol irraa human ibsaa addaan kuteera. Akkasumas bubbee cimaa kaasuun, mukeen buqqisee, manneen diigee, lolaafi ibiddas uumeera.

    Kibxata galgalaa bubbeen kun saffisa sa’aatitti km 65 deemaa ture. Sana booda obomboleettiin kun human isaa hir’isee kibba- lixa Kaanadaatti seeneera.

    Wiirtuun Obomboleetti Kaanadaa kibbaa magaalaa Kiiwbeekitti roobni ciimaa akka jiraachuu malu akeekkachiiseera.

    Bara kana keessa buubbeen amma mudata kuni kan maqaan keennameef isa saglaffaadha.

  18. 'Qaala'iinsi meeshaalee bu'uuraa nu yaaddesse' - jiraattota magaalota Oromiyaa

  19. Tamsaasa keenya kallattii eegaleera!

    Attam jirtuu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Kunoo tamsaasa keenya kallattii kan odeessaalee biyya keessaafi addunyaa mara irraa gagabaabsuun ittiin isin biraan geenyu kunoo amma eegaleera.

    Marsariitii keenya millachu hindagatiinaa.

    Olmaa nagaa isiniif hawwiina.

    Nama saree waliin bashanannu

    Madda suuraa, Getty Images

  20. Kan har'aa xumurre!

    Gabaasa kallattiin isin biraan gahaa turre kan har'aa asumarratti goolabne.

    Har'aaf mammaaksa kanatti sin dhiifnee, boru walitti deebina. Nagaan bulaa!

    Mammaaksa BBC