Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaan garee balaa xiyyaaraa qoratu Chaayinaatti ‘ergite’

    Xiyyaara Itoophiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Itoophiyaan xiyyaara mi’a deddeebisu torban darbe Chaayinaatti gubate qorachuuf garee tokko garasitti erguu ishii gaazexaan biyya keessaa gabaase.

    Gazexaan Ripportar akka gabaasetti Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa Daagmaawwit Moogas garee ergame Sivil Aviyeeshinii Chaayinaa beeksisaniiru.

    Akka seeraatti, biyyi balaa qoratu biyya balaan suni itti mudate ta’us, abbaan qabeenyaafi dhaabbanni xiyyaaricha oomishellee keessatti qooda fudhatu.

    Xiyyaarri Itoophiyaa osoo mi’a fe’aa jiru ture gaafa Roobii darbe biyya Chaayinaa magaalaa Shaangaay buufata xiyyaaraa Pundoongitti ibiddi kan qabateen.

    Hojjettootarra miidhaan gahe jiraachuu baatus xiyyaarichi hamma tokko akka miidhame ibsameera.

    Ta’us, madda ibiddaa akkasumas miidhaa dhaqqabe baruuf qorannoon akka eegalamu Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa baasen beeksisuun isaa ni yaadatama.

  2. MM Abiyyiif konkolaataa elektirikii jalqabaa Itoophiyaa keessa walitti suphamte kennameef

  3. Miseensi paarlaamaa Zaambiyaa HIV qaban Covid-19’n qabaman

    Piriinsas Kaasuunee Zuuluu

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensi paarlaamaa Zaambiyaa HIV waliin kan jiraataniifi rogeettii dhimma HIV beekamtuu ta’an Piriinsas Kaasuunee Zuuluu, Covid-19’n qabamuu isaanii beeksisaniiru.

    Aadde Zuuluun miseensa paartii mormituu ‘United Party for National Development’ yoo ta’an, Kamisa darbe qabamuusaaniitu barame.

    Akka ibsa ministira fayyaa Chitaaluu Chiluufiyaatti haga yoonaa miseensonni paarlaamaa 15 ta’an vaayirasichaan qabamanii jiru.

    Wal-ga’iin paarlaamaa yeroo hin murtoofneef dhorkameera.

    Zuuluun, paarlaamaan biyyattii osuma vaayirasichi tamsa’aa jiruu wal-ga’ii geggeessaa waan tureef, vaayirasichaan qabamuun koo omaa nah in dinqine jechuun BBC’tti himaniiru.

    ‘‘Zaambiyaatti kabaja dambiiwwan fayyaaf kenninuufi paarlaamaan yeroo wal-ga’iiwwan karaa intarneetii geggeessuu dhiisee qaamaan wal-ga’aa turuusaa yoo agartu, kuni akka ta’u tilmaamuun hin rakkisu,’’ jedhani.

    ‘‘Dambiiwwan kabajuu dhabuu, dhimmi hundi siyaasa taasifamuufi yeroo rakkisaa akkasiitti hoggansi gaariin dhabamuun Zaambiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii akka dabalu taasise,’’

    Tarkaanfii harkifataa Zaambiyaan fudhachaa jirtu kan qeeqan miseensi kun, namoonni dhukkuboota biroon qabamanii jiran qoricha isaanii akka sirriitti fudhatan gorsaniiru.

    Zaambiyaan amma yoonaatti namoonni 4,481 vaayirasichaan akka qabamaniifi 139 lubbuun akka darbe gabaastee jirti.

  4. Sudaan ajjeechaa Sanbataan booda loltoota dabalataa Daarfuuriitti erguuf

  5. Magaalaa guddoo Zaambiyaatti kurrikurriin hundi galmeeffamuuf

    Kurrikurrii

    Madda suuraa, AFP

    Magaalaa guddoo Zaambiyaa, Lusaakaatti kurrikurri harkaan dhiibamtu, hattuun hammaannaan galmeessaanii taaksii kaffalchisuuf kantiibaan magaalichaa murteessan.

    Magaalichatti namoota kurrikurrii dhiibaniif maallaqa kaffalanii, ba’aa itti feesiisuun, dadalaaf itti fayyadamuun baratamaadha.

    Daldaltoonni seeraan alaa (kontiroobaandii) gatii rakasaan mi’asaanii ittiin geejjibuuf nu fayyada jedhanii waan amananiif itti fayyadamu.

    Kantibaan magaalaa Lusaakaa Maalis Saampaa, namoonni kurrikirrii dhiiban, muraasni mi’a itti fe'an fudhatanii akka miliqan kaasuun, kana booda taaksii kaffalchiifna jedhan.

    Iddoo gabaatti namoonni jalaa hatamuu komachuun waan dabaleef, sababa nageenyaaf jecha kurrikurrii daldalaa galmeessina jedhu.

    Hojii daldalaa itti gaafatamummaa fi iftoomina qabu iddoo gabaaf buufata konkolaataatti akka gaggeeffamuu jenneetu galmeessina.

    Kanaaf namni kurrikurri oofu waldaa kurri kurrii Zaambiyaatti akka galmaa’aan gorsina jedhan kantibaan kun.

  6. MM Somaaliyaa erga aangoo kaafamanii booda biyyattiitti intarneetiin adda cite

  7. Naayijeeriyaan gatii imala baaburaa dachaan dabalte

    Tajaajilli geejjiba baaburaa Abuujaafi Kaaduunaa gidduu sababa weerara Covid-19'n adda citee ture eegalamuu Koorporeeshiniin Baaburaa Naayijeeriyaa beeksiseera.

    Ministirri geejjibaa Rootiimii Amaayeechii akka jedhanitti, lakkoofsi imaltootaa waan hir'ateef, gatiin dabalameera.

    Daballiin maallaqaa kun shiftoota daandii kanarratti nama saamaniif kaffaltii taasifamuun wal-bira yoo qabamu omaa miti jedhani.

    Gatiin imalaa daandii km178 dheeratu kanaaf kaffalamus, kutaa ikonoomiif $8 yoo ta'u, kan kutaa VIP ammoo $16 ta'a.

    Tajaajilli kunis Roobii kana haala walirraa hiiquu hawaasummaa kabajeen kan itti fufu ta'a jedhame.

  8. Yugaandaan Covid-19’n du’a lammaffaa galmeessite

    Ogeessa fayyaa

    Madda suuraa, AFP

    Ji’oota afur dura uggurri kaa’ame erga laaffatee as namni lammaffaan Covid-19’n lubbuu dhabuusaa Yugaandaan beeksiftee jirti.

    Akka ibsa ministeera fayyaa biyyattiitti dubartiin ganna 80 lubbuun darbe kun, magaalaa guddoo Kaampaalaa keessa bakka namoonni hedduun seera malee itti

    Mallattoolee Covid-19 kan akka qufaa, ho’ina qaamaa, lapheen nama dhukkubuufi harganuuf rakkachuu agarsiisaa erga turaniin booda Gaafa Jimaataa hospitaalatti lubbuun dabarte.

    Reeffi isaanii Inistituutii Vaayirasii Yugaandaatiin erga qoratamee booda Covid-19’n du’uun mirkanaa’e.

    Namoonni maanguddoo kana waliin tuttuqqaa qabaachuu malu jedhaman hordofamaa jiraachuu ministeerri fayyaa yabeeksise.

    Yugaandaan du’aatii jalqabaa kan galmeessite torbee darbe dubartiin ganna 34 hoospitaalaa naannoo Naamaasiindiwaa keessa hojjattu lubbuun erga darbee booda.

    Biyyattiitti haga yoonaa namoonni 1,115 vaayirasichaan qabamanii jiru.

  9. Soshaayer : ‘Sadaffaa xumuruun waan bareeda’

    Leenjisaa kilabishaa Soshaayar

    Madda suuraa, MUTD

    Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa kilabishaa Soshaayar

    Maanchistar Yunaayitid hirmaannaa Chaampiyeens liigii mirkaneeffachuu isaa booda yaada kan kenne leenjisaan kilabichaa taphattoota isaa jajeera.

    Soshaayer ‘Sadaffaa xumuruun waan bareeda,’’ jechuun tokkoon tokkoo kilabichaa milkaa’ina kanaaf akka gumaache ibseera.

    Guyyaa xumuraa taphoota Pirimiyeer Liigii Ingilizii bara dorgommii baranaa kaleessa [Dilbata] taasifameeni Yunaayitid Leestar Siitii 2fi0’n injifachuuni kan carraa harkaa bute.

    Yunaayitidif Fernaandez akkasumas Lingaarditu boqonnaa booda lakkoofsise.

    Guyyoota 325’f sadarkaa 1-4 keessa kan ture Leestar waan mo’amef Chelsiitti aanee sadarkaa 5ffaan xumure.

    Kanaaf, Yurooppaa Liigii irratti malee Chaampiyoons Liigii irratti hirmaatuu hin danda’u.

    Liivarpuul, Maan Siitii, Maan Yunaayitid, akkasumas Chelsiin Chaampiyeens Liigii irratti kan hirmaatan ta’a.

  10. Yooyyaa ammallee Yooyyaa!

    Hordoftoonni BBC Afaan Oromoo akkam jirtu?

    Gabaasni keenya kallattii ammarraa eegalee iddoo tokkotti isinii dhiyaata.

    Odeessaalee wayitaawoo biyya keessaafi alaa, keessattuu kanneen weerara yaachisaa tahe Koroonaavaayiras waliin walqabatan argattu.

    Yaadaa fi gaaffii qabdanis gama fuula Facebook keenyaan nu biraan gahuu dandeettu.

    Dhiyaadhaa

    Faaya haawwan Booranaa

    Madda suuraa, Getty Images