BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Masrii fi Ertiraan Galaana Diimaa 'seeraan ala to'achuuf' yaalii taasifamu balaaleffatan
Masrii fi Ertiraan ''nageenyaa fi bulchiinsi'' Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota qarqara galaanicha jiran qofaadha jedhan.
Waan sirriitu ta'ee? Ispeen Waancaa Addunyaa fudhachuun ni malaafi?
Xumura Waancaa Addunyaarratti Ispeen Arjantiinaatiin injifachuun 'kubbaa miilaaf injifannoodha' jechuun salphaa ta'a.
KALLATTIIN, Haleellaa Iraan booda loltuun Ameerikaa tokko Iraaqitti du'e, kan biraa madaa'e
Waraanni US akka beeksisetti, haleellaa Iraan gaafa Sambataa kaaba Iraaqitti raawwatteen loltuun tokko ajjeefame. Kuni erga haleellaan biraa Jordaanitti raawwate loltoota US lama galaafate boodadha.
Ispeen 1-0 Arjeentiinaa mo'achuun Waancaa Addunyaa 2026 mo'atte
Ispeenii galchii Feeraan Tooresiin Arjeentiinaa mo'achuun Waancaa Addunyaa 2026 mo'atte
Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii eegaluuf ''danqaan'' na hin mudanne jedhe
Komishinii Biyyaalessaa Itoophiyaa guyyoota muraasa darban ''marii eegaluuf danqaan'' isa mudateera himannaa jedhu waakkate.
Orgaanizimii xiqqoo sammuu namaa miidhuufi addunyaatti babal'achuu malu
Orgaanizimiin kuni Naayigileeriyaa Fowleerii jedhama. Yeroo hedduu 'Ameebaa sammuu namaa nyaatu' jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, tiishuuwwan sammuu miidha.
Morkii Kophee Warqee - Imbaappeen dursuu eegale, Meesiin jalaa fudhataa?
Waancaan Addunyaa guyyaa har'aa morkii Arjantiinaafi Ispeen gidduutti taasifamuun xumurama.
Jeneraal Taaddasaa Warradaa 'hidhaa mana keessaarra' jiruu?
Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatti Bulchiinsa Yeroo Tigraay hundaa'e waggaa tokkoof kan hoogganan Letinaanti Jeneraal Taaddasa Warrada aangoorraa erga kaafamaniiti haala akkamii keessa akka jiran odeeffannoon qabatamaa hin baane.
Loltoonni US lama Jordaan keessatti ajjeefamuu booda US fi Iraan wal haleelaa bulan
US Sanbat-duraa haleellaa qilleensaa marroo hedduu Iraanirratti raawwatte, haleellaawwan kun kan qiyyaafatan basaasawwan handaara galaanaafi buufataalee ittisa qilleensaa ta'uu aangawoonni waraanaa US himan.
Bulchiinsi Itoophiyaa Sirna Paarlaamaa irraa gara Sirna Pirezidaantummaatti jijjiiramuuf jiraa?
Bulchiinsi Itoophiyaa Sirna Paarlaamaa irraa gara Sirna Pirezidaantummaatti jijjiiramuuf jiraa? Ofii sirni bulchiinsi Itoophiyaa gara Sirna Pirezidaantummaatti yoo jijjirame bu'aa fi rakkoon fiduu danda'u maali?
Uummanni addunyaa garri caalu amma Ameerikaa caalaa maaliif Chaayinaa filatu?
Biyyoota addunyaa hedduu biratti US caalaa Chaayinaan ija gaariin akka ilaalamtu qorannoo haaraan wiirtuu qorannoo Pew ifoomse. Wiirtuun kuni bu'aa qorannoo akkanaa yoo argatu kuni kan jalqabaati.
Namoonni tokko tokko maaliif kan biroo caalaa bookeen ciniinamu?
Namoonni tokko tokko namoota biroo caalaa bookee hawwatu, kanaaf iddoodhuma walfakkaataa tokko taa'anii namoota biroo caalaa bookeedhaan ciniinamu.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Miseensi Parlaamaa Oromiyaarraa filaman parlaamaatti maal taajjaban?
Dr Kafanaan waan dalaganiin akkuma gammachuu qaban silaa kana caalaa dalaguu dandeenya ture jechuun waan komatanis qabu.
Viidiyoo, MM Abiy Ahimed waa'ee nageenyaa, hidhattootaa, dinagdee fi TPLF maal jedhan?
MM Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaa ''ofii du'anii nu jiraachisan qeequun'' rakkoo guddaa tahuu himan.
Viidiyoo, Xumura hawwii Waancaa Addunyaa injifachuufi milkii Roonaaldoo
Injifataan Ballon d'Or yeroo shanii Kiristiyaanoo Ronaaldoo, imala milkaahina hedduun dabalaame qabaatus shaampiyoonaa addunyaa osoo hin ta'iin soorama bahuufi.
Viidiyoo, Wayita rakkoon nageenyaa hammaatetti biyyoota Afrikaa nagaafi tasgabbii qaban 10
Akka gabaasa kanaatti, nageenyi addunyaa bara darbe harka 0.7n hir'ateera, kunis yeroo 12ffaaf walitti aansee bu'uu agarsiisa.
Viidiyoo, Waloo Jaarsoo Waaqoo: 'Osoo Oromoofi Oromiyaaf boowuu itti wareegame'
Jaarsoo Waaqoo nama Oromiyaa kibbaa Boorana naannawa Mooyyalee iddoo addaa Tuqaa jedhamutti dhalate.
Viidiyoo, Pirezidantiin Keep Verdee 1fi 0 Arjantiinaa injifanna jechuun tilmaaman
Biyyi kun dorgommii Waancaa Addunyaarratti hunda caalaa addunyaa ajaayibsiiteetti.
Viidiyoo, Icciitiin ol adeemaa sooftiweerii danuu hojjete maali?
Sanyii Dirribaa jedhama ogeessa sooftiweerii umurii 16ti. Garuu, umuriisaa kanatti sooftiweerii hawaasa tajaajilan hedduu dalageera.
Viidiyoo, Komishiniin Marii Biyyaalessaa qabxiilee 8 adda baase maal fa'i?
Ajandaaleen kunneen saddet ajandaalee hedduu dhiyaatan keessaa cuunfamuun kan adda bahanidha jedhe komishinichi.
Viidiyoo, Qaamni saalaa dhangooguun dhibee suuta nama ajjeesuuti maaliif jedhama?
Qaamni saalaa dhiiraa dhangooguu dhabuun agarsiistuu dhibee onnee, istirookii, sukkaaraa fi miidhama sammuu ta'uu mala.
Viidiyoo, "Konkolaachiftuurraa ka'een balaliistuu ta'uu barbaada" - Cule
Konkolaachiiftuu Culee Mokonnin jedhamti; jiraattuu Magaalaa Yaa’abal’ooti. Kun fedhii haadhashee akka ta'e BBC'tti himte.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
MM Abiy heerri Itoophiyaa fooyya'uu akka danda'u akeekan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad heera Itoophiyaa irratti jijjiiramni jiraachuu akka malu akeekanii dubbatan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Itoophiyaan waa'ee lammiilee Sa'udiitti duuni itti murtaa'eerratti 'mariirra' jirti
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Sa'udi Arabiyaatti lammiilee ‘’murteen du’aa irratti darbe'' ilaalchisuun aangawoota biyyattii waliin mari’ataa akka jiru hime.
Hirmaattonni marii biyyaalessaa kumni afur akkamiin ajandaawwan irratti marii'atu?
Komishiniin Marii Biyyaalessaa waggoota afur oliif bakka bu'oota filachuu, ajandaa walitti qabuuf qindeessuu fi hojiiwwan biroo hojjataa ture har'a Roobii,15, 2026 marii isa xumuraa eegala.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
'Finfinneefi Dirre Dhawaa dabalatee dhimmoota falmisiisoo Badhaadhinni Marii Biyyaalessaaf dhiyeessuuf jiru
Paartiin biyya bulchu Badhaadhinni ajandaawwan marii biyyaalessaaf dhiyeessurratti miseensota mana maree paartichaa waliin mariyateera.
'Gaaffii gaafachuu barbaannu yeroo hin eeyyamnetu jira' - Miseensa Parlaamaa
Dr Kafanaa Ifaa waggoota shanan darban paartii biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, bakka bu'un Miseensa Parlaamaa ta'un tajaajilaniiru.
Mootummaan tarkaanfii humnaa fudhatus hidhattoonni maaliif hin dhabaman?
Ogeessa seeraa idiladdunyaa fi dippiloomaatii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta'an Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa ''hanga gaaffiinsaanii ganamaa furamutti sochiin hidhattootaa dhaabbachuu hin danda'u,'' jedhan.
Ertiraan haasaa MM Abiy tibbana Paarlamaa irratti dubbataniif deebii kennite
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaanee Gabremasqal haasaawa cufiinsa waggaa Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif Adooleessa 7, 2026 taasisan cimsanii qeeqan.
MM Abiy Ahimed waa'ee nageenya biyya keessaa, hidhattootaa, dinagdee fi TPLF maal jedhan?
Kora paarlaamaa har'a taa'ame irratti MM Abiy Ahimed gaaffii miseensota Paarlaamaa irraa ka'eef deebii kennaa. Dinagdeen Itoophiyaa %10 oliin guddachuu fi al-ergii irraa galiin kan waggoota 17 keessatti argame caalu waggaa tokkotti argamuu himan.
Tigraayitti 'kanneen humnaan waraanatti guuraman umrii 18 gadi'- Komishinii Mirga Namoomaa
Duula dirqiin namoota waraanatti makuu Naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiruun kanneen guuramaa jiran irra caalaan isaanii umriin isaanii waggaa 18 gadi ta'uu mirkaneeffachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibse.
Haleellaa 'hidhattoonni Faannoon' Horroo Guduruu Wallaggatti gaggeessaniin namoonni 10 ol ajjeefamuu jiraattonni himan
Haleellaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti hidhattoota Faannoon raawwate jedhameen lubbuun darbuufi qabeenyi manca'uu jiraattonniifi mootummaan beeksise.
Ispoortii
Tiraamp tapha walakkaa xumuraa Ingland Arjeentinaan mo'amte irratti qeeqa dhiyeessuun ammas gaaffii kaase
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Ingilaand walakkaa xumura Waancaa Addunyaa keessatti Arjantiinaan 2-1 yoo mo'atamtu, haala taphaa ture irratti qeeqa cimaa dhiyeessan.
Guyyaa jalqaba Meesii fi Yamaal osoo hin eegamiin wal arganii fi raajii Waancaa Addunyaa
Seenaa kubba miilaa keessatti taphataa cimaa yeroo kamiiyyuu jedhamee kan waamamu Liyonel Meesii fi Baarseloonaatti dhaaltuu gonfoo isaa kan tahe Lamiin Yaamaal Dilbata dhufu xumura Waancaa Addunyaaf wal falmatu.
'Mootii kubba miilaa tahuusaa mirkaneesse' - Meesiin akkamiin abjuu Ingilaand dukkaneesse?
Arjeentiinaan 2-1 Ingilaand mo'achuun xumura Waancaa Addunyaaf darbite.
Gaazexeessaa Arjantiinaa umurii arraagessaa Waancaa Addunyaa 18ffaa gabaasaa jiru
Gaaxexeessaan kun ogummaasaan waggoota 70 ol hojjateera. Walitti aansuun Waancaa Addunyaa 18 irratti argamuun gabaasera.
'Bineeyyii', Harka Waaqaa fi Beekaam- wal morkii Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa
Seenaan masaanummaa Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe akkasumas seenaawwan ajaa'ibsiisoon kan guutamedha.
Lamiin Yamaal moo Imbaappee? Taphattoota urjii Laaligaa seenaa hojjechuuf xiiqeeffatan
Lamiin Yamaal yeroo lamaa fi isaa ol sadarkaa kilebii fi biyyaatti Kiiliyaan Imbaappee waliin walitti dhufee mo'ateera. Waancaa Laaligaa fi Waancaa Awurooppaa Imbaappee caaluun mo'ateera.
Taphataan Afrikaa Kibbaa Waancaa Addunyaarratti hirmaate boqote
Taphataan sarara jidduu Afriikaa Kibbaa fi kilaba Mamelodi Sundowns Jaayden Adaams, erga tapha Waancaa Addunyaarratti biyyasaatiif taphateen torbanoota muraasa booda, umrii waggaa 25tti du'aan boqateera.
Halaand Ingilaanditti dhiibbaa uumaa jechuun miidiyaa itti qare
Tapha hirboo maayii Waancaa Addunyaa gaafa Sambataa Ingilaand waliin qaban irratti dhiibbaan ijoo Ingilaand irra jira jedhe jifataan Noorwey Erliing Halaand.
Waancaa Addunyaa 2026: Dhuguma Arjantiinaaf addatti loogiin taasifamaa jiraa?
Arjantiinaan Waancaa Addunyaa bara kanaa harkatti galfachuuf tattaafii cimaa gochaa jirti. Morkiin biyyoonni biroon taasisaa jiran cimaa ta'uusaatiin ifaajiin Arjantiinaa kun waanuma eegamudha.
Faransaay mo'amuu dandeessii? Xiinxaltoonni BBC yaada addaa qabu
"Faransaay Waancaa Addunyaa mo'achuuf biyya shakkii hin qabne tahee natti argama jedhe taphataan duraanii Arsenaal Iyaan Raayit.
Arjantiinaan kan mo'amte Masriin 'haqan dhabe, Mesii caalsisan' jettee himatte
Yeroo yeroon idilee taphaa xumuramuuf daqiiqaan 12 hafu Masriin seenaa Waancaa Addunyaa keessatti sadarkaa gahanii hin beeknerra gahuu amananii ture.
Waancaa Addunyaa kana booda sooraman baha- Kiristaanoo Roonaaldoo
Kubba miilaa ammayyaa keessatti namni ana caalu hin jiru jedhee kan amanuu fi badhaasa taphataa cimaa adunyaaf kenname Ballon d'Or yeroo shan kan mo'ate Kiristaanoo Roonaaldoo dirreetiin ala jireenyi isaa maal fakkaata?
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.










































































































