Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattii Hagayya 4, 2020tiin walitti deebineerra

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii taateewwan biyya keessaafi kan alaa ittiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Nu hordofaa, aaga dhaga'aa!

    Abaaboo bifa Keelloo

    Madda suuraa, Getty Images

  2. Taanzaaniyaan hiriira mormii karaa interneetii waamamu dhorkite

    Joon Magufuulii

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Joon Magufuulii

    Rogeeyyiin Taanzaaniyaa, seerri haaraan hiriira karaa interneetii waamuu dhorku, walabummaa yaada ofii ibsachuu sarbeera jechuun komataa jiru.

    Akkaataa seera haaraa kanaatti karaa interneetii hiriira mormii qindeessuu, karoorsuu fi deggeruun seeraan ala.

    Seerri kun namni kamuu odeeffannoo waa'ee weerara koronaavaayirasiillee yoo ta'e, eeyyama mootummaan ala qooduun akka hin danda'amne dhorka.

    Dabalataan, akkaataa seera kanaan dhimma kanarratti ergaa karaa WhatsApp fi maloota biroon walii dabarsuun nama adabsiisa.

    Erga Pirezidaanti Joon Magufuuliin aangoo qabatanii mirgi itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa sarbameera jechuun gareen mirga namoomaa ni komatu.

    Jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman akka himanitti,waggaa shanan darbe pirezedant Magufuliin aangoorra turanitti miidyaaleen ukkaamsuun, dhaabbilee sivilii fi namoota dhuunfaan mootummaa qeeqan irratti tarkaanfii fudhataa ture.

  3. Bobboca mootii duraanii Beeljiyeem yeroo 3ffaaf unkuteeffame

    Bobboca

    Madda suuraa, AFP

    Bobbocni mootii duraanii Beeljiyeemiif magaalaa guddoo biyyattii, Biraaselsi cinatti ijaarame hiriirtota mormiin yeroo 3ffaaf unkuteeffame

    Mootiin duraanii biyya Beeljiyeem jaarraa 19ffaa keessa yeroo Dimokiraatik Rippabilik Oof Koongoo bulchanitti mirga namoota biyyatti jiraatanii sarbaa turan.

    Hiriirri jibba sabnyummaa gurraachota Afrikaarra qaqqabu balaaleffachuuf bahamerratti bobbocni mootii Beeljiyeem goda hambaa Afrikaa dura jiru tokkorratti qiyyaafatame.

    Daareektarri goda hambaa kanaa cabaan isaayyuu achii turuun isaa wal falmisiisa ta’eera jedhani AFP tti himaniiru.

  4. Mariin dhimma hidha Haaromsaa adda citee ture har'a deebi'ee eegalame

    Marii hidha haaromsaa

    Madda suuraa, Toora feesbuukii Ministeerichaa

    Hidha Haaromsaarratti mariin Gamtaa Afrikaatiin durfamuun Sudaan, Itoophiyaa fi Masrii giddutti gaggeeffamu har’a deebi’ee jalqabamuu Ministeerri bishaanii, albuudaa fi inarjii Itoophiyaa ibse.

    Mariin guyyoota 11'f gaggeeffamaa ture torban lama dura addaan cite . Mariin addaan cite deebi'ee jalqabame kun torban tokkoof itti fufa.

    Marii kun akkaataa hooggantoonni kallattii akeekaniin itti akka fufu ibsuun, gartuu hunduma fayyadama akka taasisuf Itoophiyaan akka hojjattu Ministeerri bishaanii, albuudaa fi inarjii Itoophiyaa ibse.

    Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan biyyootni lagichi qaxxaamuru waggootaaf dhimma lagicharratti mariyachaa turanis, waliigatee xumuraa mallatteessuuf dadhaban. Tibbana Itoophiyaan hidhichatti bishaan kuusuu jalqabuun Masriitti dheekkamsa, Itoophiyaattimmoo gammachuu uume.

  5. Moqdishootti dho'iinsi boombii mudate lubbuu galaafate

    Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqdishutti dhukaasni boombii mudate lubbuu namaa galaafate

    Gaazixessaan tokko toora tiwitaraa gubbaatti akka barreessetti of wareegaan tokko haleellaa boombii restoraantii magaalichatti argamu tokko biratti waardiyyoota lama ajjeesuun , namoota hoteelichatti nyaataa turanis madeesse.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  6. Ministeerri Barnootaa hamma dhuma Hagayyaatti galmee barattootaa jalqabuu dhorke

    Minsteera Barnootaa

    Madda suuraa, Ministry of Education Ethiopia

    Daarektarri dhimmoota kominikeeshinii Ministeera Barnootaa Aadde Haragoon Maammoo, manneen barnootaa didanii galmee jalqabanirratti tarkaanfiitu fudhatama jedhan.

    Yeroon galmee akka dheereffamu kan barbaadameef tamsa’ina Covid-19 hir’isuuf yaadameeti jedhan.

    Barana sababii tamsa’ina koronaavaayirasiin hojiin baruuf barsiisuu gufateera.

  7. Maaskiin qaawwa qabu maaliif naannoo tokko tokkotti dhorkama?

    Addunyaarratti bakkeewwan adda addaatti namoonni akka maaskii gara tokkoon qillensa baasu qabu akka hin kaawwaneef gorfama.

    Awustiraaliyaa Bulchinsii Viktoriyaatti, qondaalli fayyaa olaanaan maaskiiwwan karaa qilleensi bahuu qaban vaayirasicha waan dabarsaniif akka hinkaawwaneef gorsaniiru.

    Pirof Biret Sutoon, karaa ergaa tiwitara isaanitiin maaskiiwwan kunneen namooti kaawwatan akka haala salphaatti afurasaanii baasan gargaara jedhan.

    ‘‘Rakkinnisaa yoo kan vaayirasichaan faalamte taate akka vaayirasicha baaftu si taasisa. Kanaafuu siin gargaarulleen, ati kan faalamte yoo taatee warra kaan hinolchu.’’

    Akka Kubbaaniyaa Faast jedhamuutti, jalqaba maasikiiwwan kunneen warshaalee fi bakke omisha boba’aa kasalaatti akka kaawwatamaniif kan qophaa'an ture.

    Maaskiiwwan industiriidhaaf omishaman kunneenis karaa qaawwa sanatiin hojjattoota warshaa hojiiwwan dadhabsiisaa hojjatan sirriin akka arganfatan gargaara. Akkasumas ukkeessan akka gara namoota kanneenii hingalleef ni ittisa.

    Isaanitu booda namoota biraatti gurguraman wayita haaromsi manaa gaggeefameetti jedheera.

    maaskii
  8. Jiraattoonni magaalaa Finfinnee keessa jiran nageenya keenyaaf yaaddofne jedhu

  9. Afriikaa Kibbatti barattoonni waggaa dhumaa barnootatti deebi'an

    Barattuu fi barsiisaa

    Madda suuraa, Reuters

    Afriikaa Kibbaatti barattoonni sadarkaa lammaffaa waggaa dhumaa ta'an boqonnaa torbee tokkoo booda har'a mana barnootatti deebi'an.

    Pireezidaant Siiriil Raamafoosaan tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf jecha torbee darbe manneen barnootaa cufanii turan. Ta'us garuu suutuma suuta torbee sadii booda ni banama jedhanii turan.

    Barattoonni kutaa 12 guyyaa har'aa barnootasaanitti deebi'aniiru, barattoonni kutaa 7 - barattoota sadarkaa tokkoffaa waggaa dhumaa ammoo Hagayya 10 ni jalqabu jedhameera.

    Barattoonni biroo ammoo Hagayya 24'tti gara barnootasaanitti ni deebi'u.

    Dubbi himaan ministira barnootaa biyyattii boqonnaan barattoonni fudhatan akka qondaaltonni tarkaanfii koronaavaayirasii cimsaniif gargaareera jedhan.

    Biyyattii keessatti namoonni walakkaa miiliyoonaa vaayirasichaan qabamniiru.

    Lakkoofsi kunis lakkoofsa namoota Afriikaa keessatti Covid-19 qabamanii walakkaasaati.

  10. Singaappuur namoota adda baafaman elektirooniksiin manumatti to’achuuf

    Oggeessa fayyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Singaapoor Kamisa dhufaa irra kaastee namoota dhaabbilee mootummaan qopheessee keessatti adda baafamuun guyyoota 14f turuurra mana isaanii keessa akka turan taasifaman meeshaa hordoftuu elekitironikaan to’adha jette.

    Hanga ammaattis bilbilumaan hordofaa turan. Hagayya 11 irraa eegalee garuu namoonni meeshaa hordoftuu elektironikaa bakka isaan jiran mullisitu kaawwachuu qabaatu.

    Biyyattiin Singaapor ta’usheetiin walqabatee hojiirra olmaan meshaa kanaa cimaafi kan dhiifama hin qabe akka ta’u amanama.

    Meeshaa hordoftuu sana dogongorsuu yaaluufi seera adda baafamanii turuu cabsuun adabbii maallaqaa olaalaafi hidhaa hanga baatii jahaatiif kan nama saaxiluudha.

  11. Narsiin Keeniyaa erga deesse booda Covid-19 duute

    Narsiin Keeniyaa erga deessee guyyoota muraasa booda sababa koronaavaayirasii duute.

    Dubartiin kun hospitaalatti yaala argataa turte.

    Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti narsiin tun jalqabarratti koronaavaayirasiif negetiiviizii turte jedhaniiru.

    Boodarratti kan Hospitaala Naayiroobii Weestitti yaala argataa turte.

    Halli ishee hammaannaan hospitaala birootti jijjiiramte, achittis koronaavaayirasiif qoratamtee vaayirasichaan qabamte.

    Narsiin kun daa'ima ishee erga deesse booda kan lubbuunshee darbe.

    Hakiimonniifi narsoonni gaddasaanii akkasitti ibsataa jiru:

    Maxxansa X irra dabri, 1
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X, 1

    Maxxansa X irra dabri, 2
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X, 2

  12. Covid-19 ilaalchisee addunyaa guutuutti maaltu ta’aa jira?

    Nama konkolaataa keessa

    Madda suuraa, Reuters

    Odeesaaleen addunya gurguddaan kunooti:

    . Qondaaltoonni fayyaa Chaayinaa magaalaa Hong Kong kan garmalee facaatiin Covid-19 keessatti babalataa jiru qorannoon gargaaruuf gara sana imalan.

    .Lakkoofsi namoota Covid-19'n Iraan keessatti du’anii kan mootummaan biyyatti himeen dacha sadii ta'uu BBC'n qorannoon bira gahe.

    ·Awustiraaliyaatti Bulchiinsi Viiktooriyaa sa’aatii 24 darban keessatti namoota haaraa vaayirasichaan qabaman 429, kan lubbusaanii dhaban 13 galmeettie. MM biyyattii Meelbarn keessatti torbanoota jaha dhufaniif tajaajilaawwan bu’uraatiin alatti hunduu akka cufamaniif ajajeera.

    ·Gorsitoota fayyaa Pireezidaant Tiraamp olaanoo keessaa tokko Ameerikaan ammalleen weerara koronaavaayirasii ittiisuun boqonnaa haaraa keessa galuushee himuun biyyattii akeekachiisan. Deborah Birx akka jedhaniitti guutuu biyyattiitti ‘‘dhukkubichi garmalee baballachuu’’ amma naannoolee baadiyaa miidhaa jira.

    ·Filippiiniitti ammo namoonni miiliyoona 27 ol ta’an Kibxata irraa kaasee uggura sochiitti deebi’uuf jiru. Biyyattiitti namoonni vaayirasichaan qabaman kuma 100 caaleera.

  13. Karoorrri sharafa Birriifi Dolaara gidduu jiru bilisa gochuu maaliif barbaachise?

  14. Chaayinaan garee qorannoo Covid-19 jalqabaa Hong Kongiitti ergite

    Hojjattoota wallaansa fayyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Gareen qodaaltota wallaansa fayyaa jalqabaa miseensota 60 of keessaa qabu Covid-19 qorachuuf Chaayinaa Meyilaand irraa Hong Kong galan.

    Qondaaltoonni fayyaa Chaayinaa gara Hong Kong kan koronaavaayirasiin keessatti dabalaa jiru gargaaruuf wayita gara sana imalan kan jalqabaati jedhame.

    Haata’u malee, gorsitoonni naannoolee tokko tokkoos Chaayinaan tarii kaayyoo qorannootiif saamudawwan qaccee sanyii funaannachuuf ta’e jechuun yaaddoosaanii ibsaa jiraachuu Rooyitaris gabaase.

    Mootummaan Hong Kong garuu kana haalee jira.

    Erga mootummaan Chaayinaa seera nageenya biyyaaleessaa haaraa labsiteen asi waldhabdeen Beejingiifi gareewwan leeliftoota dimokraasii Hong Kong keessaa jidduutti dabaleera.

    Labsii Chaayinaan Waxabajjii keessa baafte kanaanis bilisummaa haqixee jirti jechuun mootummaa Chaayinaa qeeqaa jiru gareewwan kunneen.

    Miseensoonni garee wallaansa fayyaa garas imalan kunneenis irra caalaan isaanii hospitaalota mootummaa Bulchiinsa Guwaangdongi irra yoo ta’an qorannoo guddaa gaggeessuun gargaarasa taasisuuf akka ta’e miidiyaa mootummaa Chaayinaa ‘Global Times’ jedhamu gabaase.

    Akka miidiyaa kanaattis oggeessoonni kunneenis haaluma gaaffii mootummaa Hong Kongiin kan ergamaniidha.

    Magaalaan Hong Kong Dilbata kaleessaa namoota haaraa vaayirasichaan qabaman 115 kan galmeessite yoo ta’u, walumaa galattis namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’ee 3,511 gaheera.

    Hong Kongi jalqaba torban darbeetti sababiidhun Covid-19 tiin filannoo manan maree Fulbaana gaggeefamuuf ture dheereessuun ni yaadatama.

  15. Qarannoon Covid-19 fi qufaa haaraa daqiiqaa 90tti taasifamu ‘bu’aa qabeessa’ jedhame

  16. Chaayinaan Covid-19’f qoricha aadaa filachuu eegalte

    Yeroo saayintistoonni talaallii Covid 19 argachuuf tattaafatanitti, Chaayinaan dhibee kana wal’aanuuf qoricha aadaa Chaayinaa (TCM) filateetti. Tarii bu'aa qabbeessa ta'aa laataa?

    Waraqaan dhiheenya mootummaa Chaayinaatiin gadhiifame akka ibsutti, dhukkobsatoota biyyattii %92 hanga ta'ee qoricha kanaan wal’anamani.

    TCM addunyaa keessaatti adeemsa wal’aansaa bara dheeraaf tureefi wal’aansoota biqiltootarraa hojjatamaniifi akkupaankchaar jedhamuufi Tayi Chaayi of keessatti qabata.

    Chaayinaa keessatti dhalootaa dhalootatti hedduu bekkamtii qabaatus, takka takka interneeta gubaatti falmii ni kaasa.

    Chaayinaan fayyadama TCM biyyaa keessafi alatti babal’isuu barbaadduus, ogeessonni fayyaa garuu bu'aa qabeessuummaa isaa irratti shakkii qabu.

  17. Tamsaasa keenyaa kallattii eegalleerra.

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa keenya kallattii kan ittiin odeessaalee gagabaaboo biyya keessaafi addunyaa mara irraa isin biraan geenyu kunoo amma jalqabneerra.

    Isinis nu hordofuu hin dagatiinaa.

    Guyyaa gaarii isiniif hawwina!

    Suura simbiraa

    Madda suuraa, Getty Images

  18. Itoophiyaatti guyyaa tokkootti namoonni 28 Covid-19n du'an

    Itoophiyaa keessatti sa’aatii 24 keessatti namoonni 28 koronaavaayirasiin du’uu ministeerri fayyaa beeksise.

    Qorannoo namoota 7,607 guyyaa tokko keessatti taasifame keessaa namoonni 707 Covid-19n qabamuun isaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, kun ammoo lakkoofsi namoota waliigalaatti qabamanii 18,706 akka qaqqabu taasiseera.

    Qorannoo laaboraatoorii hanga ammaatti namoota 437,319f taasifameera.

    Kan har’aa 406 dabalatee walumaagalatti namoonni 7,601 dhibee Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Ibsa Covid-19 lakkoofsaan
  19. Naannoo Tigraayitti humnoonni nageenyaa agarsiisa waraanaa taasisaan

  20. Waqtiin gannaa hangam Covid-19f hamaa ta'a?