lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Qoricha dhibee Covid-19 fayyisu yoom argannaa?

  2. Qindeessitoonni Olompikii Tookiyoo karaa baasii qusatuun dorgomicha qopheessuuf

    Tookiyoo

    Madda suuraa, Rooyitars

    Dorgommichi sababa weerara vaayirasiitiin Adooleessa bara 2021tti dabarfame ture.

    Yeroo dorgommii dabarsuun ammoo baasii hin karoorfamneef saaxileera.

    Sababii kanaaf,akkaataa itti dorgommichi qophaa’u salphaa taasisuuf yaadameera.

    Midiyaaleen biyyattii adeemsi kun lakkoofsa daawwattoota baniinsaafi xumura sirna dorgommicharratti hirmaatanii ni hir’isaa jedhu.

  3. Haleellaa ‘abbaan torbee' poolisoota magaalaa Naqamtee irratti raawwateen lubbuun darbe

  4. UAEn balalinsa walitti fiduu deebistee eegaluuf

    Buufata xiyyaaraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Yunaayitid Arab Imireetsi (UAE)n tajaajila balalii warra kaan waliin walitti fiduu akka eegalu beeksiise.

    Kunis kan dafee eegaluufi fayyadamtooti karaa Yunaayitid Arab Imireetis akka imalan taasuuf jedheera, mootummaan kara tiwitaraatiin.

    Haata’u malee, barreeffamni tiwitiraa harra barii maxxanfame kun balaliinsi tiraansitii yoom akka eegalu kan ibse hinjiru.

    Tajaajilli balaliinsa biyyoota qarqara galaanaa ittisa koronaavaayirasiif jecha baatii Bitoteessaa keessa adda cite ture.

  5. Talaalliin daa’immaanii adda cituun lubbuu daa’imman miliyoonaa galaafachuuf deema

    Talaalliin daa’immaanii

    Madda suuraa, Juan Haro

    Talaalliin daa’immanii adda cituun daa’imman miliyoonatti lakka’aman dhibeewwaan ittifamuu danda’aniin du’uu maluu jechuun ogeeyyiin akeekkachiisan.

    Sagantaan talaallii kennamaa ture addunyaarratti sababii weerarri koronaavaayirasii hammaateef jeeqame.

    Yoo xinnaate biyyoonni 68 ta'an sababii talaallii kennamaa ture muraasni guutummaatti dhaabachuusaatiin caalatti miidhamaniiru.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa koronaavaayirasiin akka hin tatamsaane to’achuuf biyyoonni talaalli kennamu yeroof akka addaan kutan gorsee ture.

    Haa ta’u malee, dhaabbati kun gareewwan talaalliin addaan cituun dhiibbaa yeroo dheeraaf turu fiduu adeema jechun yaaddoo qaban ibsan keessaa tokko.

    Haa ta'u malee talaalliin daa'immanii adda cituudhaaf sababiiwwan hedduutu eerama.

    Maatiin tibba Covid-19 kanatti daa'immansaanii talaalliif buufata fayyaa geessuuf soodaachu, oggeessoonni fayyaa ittisa vaayirasii kanaan qabmuufi hanqinni dhiyeessitii tajaallii sababbiiwwan gurguddoodha jedhamaniiru.

  6. Biraazil sa’aatii 24 darbee keessatti lammiilee 1,349 Covid-19n dhabde

    Namoota firri jalaa du'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Biraazil walitti aansuun guyyaa lammaffaa du’aatii olaanaa Covid-19n qaqabe galmeessite’

    Sa’aatii 24 darba keessatti lammiileen 1,349 kan dhabde yoo ta’u, walumaagalatti namoonni 32,500 vaayirasichaan du’aniiru.

    Kana malees waliigalatti namoonni 600,000 vaayirasichaan qabamusaanii mirkanaa’eera.

    Haala baayyee rakkisaa ta’e kana keessattilleen biyyattiin ministira fayyaa dhimma kan hordofuu hinqabdu ture.

    Kunis hedduun mootummaan federaalaa dhimmichaaf xiyyeeffannaa gahaa kennaa akka hinjirree kan mullisuudha jechaa jiru.

  7. Ameerikaan xiyyaarri imaltootaa Chaayinaa akka biyyattii hin galle dhorkite, Ameerikaan xiyyaarri imaltootaa Chaayinaa akka biyyattii hin galle dhorkite

    Ameerikaan balalii imaltoota Chaayinaa Waxabajjii 16 irraa qabdee dhorkuuf jirti, kunis muddama biyyoota dingadeedhaan jajjaboo tahan gidduu jiru agarsiisa.

    Waajirri Geejibaa biyyattii Chaayinaan yeroo weerarri achitti hir’ise daandiin qilleensaa Ameerikaa balaliitti akka deebi’u beeksisuu dhiisuu isheef adabaa jirra jedheera.

    Biyyooti lameen dhimma Koronaavaayirasii fi imaammata Chaayinaan Hoong Koong irratti qabdurratti atakaaroo keessa seenanii turan.

    Waashingitan garuu dhimma balalii dhorkuu kanaa ilaalaadhuma waan jirtu fakkaata.

    Waajirri Geejibaa dhorkaan kun daandiiwwan qilleensaa Chaayinaa afur irratti hojjeta jedheera.Kunneen yeroo weeraraa biyyoota lameen gidduu marmaaraa turani dha.

    Dhorkaa kana hojiirra oolchuuf Pireezidaant Tiraampiin ragga’uu qaba

    Embaasiin Chaayinaa Waashingitan jiru dhimmicharratti dafee yaada hin kennine.

    Qondaaltonni kana dura dhorkaawwan Covid19 to’achuuf bahan biyya kamiifuu kan hojjetanii dha jedhanii turan.

    Beejiing baatii Bitootessaa keessa balalii biyya alaa fi keessaa torbanitti al tokko caalaa akka hin balaliinee beeksistee turte.Bitootessa 12 qabee immoo ciraadhuma akka dhaaban himanii turan.

    Waajirichi isa Chaayinaan balalii deebistee jalqabuuf jettu dhorkuun waliigaltee biyyoota lamaanii bara 1980 keessa mallatteefame cabsuu mala jedhu.

    ‘’Haalli kun waajirichi madaala carraafi dorgommii daandiiwwan biyyoota lamaanii gidduu jiru eegsisuuf kan murteeffame dha,’’ jedheera

    ‘’Kaayyoon keenyis dubbii jabeessuuf otoo hin taane haala jiru fooyyessuufi,’’ jedhaniiru.

    Xiyyaara Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

  8. Addunyaa irratti Narsootni 600 ta'an Covid-19'n du'aniiru jedhame

  9. Iraanitti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamani dabaluun yaaddoo uume

    Kaafteriyaan ji'oota lamaaf cufaa turan Teheraanitti deebi'anii banamaaru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kaafteriyaan ji'oota lamaaf cufaa turan Teheraanitti deebi'anii banamaaru

    Iraanitti guyyoota lamaan darban walitti fufiinsaan namoonni 3,000 ol koronaavaayirasiin qabaman.

    Weeerarri vaayirasichaa marsaa lammaaffaan biyyatti keessatti deebi’ee akka hin uumamne yaaddoo uumaa jira.

    Haata’u malee, Iraan uggura sochii weerara vaayirasii to’achuuf labsite laaffisaa jirta.

    Namoonni muraasni alatti maaskii  haguuggatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni muraasni alatti maaskii haguuggatu
  10. Poolisoota hojiirraa ari’amanirratti himannaan haaraa dhihaate

  11. Naayijeeriyaan balalii xiyyaaraa biyya keessaa eegaluufi

    Buufata xiyyaaraa Murtalaa Mohaammad magaalaa Leegositti argamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata xiyyaaraa Murtalaa Mohaammad magaalaa Leegositti argamu

    Buufataaleen xiyyaaraa shan: Abujaa, Leeegos, Poor Haarkoort fi Kaaba Kaanootti argaman banuuf karoorsuu qondaaltonni biyyattii himan.

    Buufataaleen xiyyaaraa kunis Waxabajjii 21, bara 2020 tajaajila biyya keessaa kennuu eegalu

    Hogganaan abbaa taayitaa aviyeeshinii biyyatti Musaa Nuhuu, tajaajilli balalii idila addunyaa sababi weerara koronaavaayirasiin addaan cite garuu cufameetuma tura jedhaniiru.

    Lammiilee biyyatti gara biyyatti deebisuu fi deeggarsa namoomaaf balaliin taasifamu garuu addaan akka hin citne ibsan.

  12. Dureessa addunyaa beekamaa Biil Geetisiifi weerara koronaa maaltu walitti fidee?

    Dureessa beekamaa addunyaa, Biil Geetis

    Madda suuraa, Biil Geetis

    Yaadonni shiraman ‘kana ta’uu malu’ [conspiracy theory] jedhan akka salphaatti hin laalamani.

    Warri dubbii kana foo’aa oolanis hojii dhabanii miti. Wanti hubachuu qabnu, waa’ee dubbii foo’uu yoo haasofnu waa’ee hawaasa bal’aa dubbachaa jiraachuu keenyadha.

    Warri dubbii foo’anis dhiibbaa guddaa waan uumaniif ergaan isaanii salphaatti addunyaa waliin-gauu danda’a.

    Fakkeenyaaf, gareen qorannoo Yuugoov jedhamu namoota 1,640 gaafachuun qorannoo taasiseen, Ameerikaanonni %28 ta’an biiliyeenarichi Biil Geetis, meeshaa diigitaalaa wayii talaallii sababa godhatee irree keenya keessa awwaaluu fedha jedhanii amanu.

    Yaadni kun warra Riippabliikaanota bira yoo ga’u, %44 ga’a.

    Biil Geetis maal barbaadaniitu irree keenya keessa waa awwaalu?

  13. Miidhaan weerarri Covid-19 dinagdee Itoophiyaarraan gahu hangam yaaddessaadha?

  14. 'Itoophiyaatti hojjetoonni fayyaa Covid-19f saaxilamaa jiru'

    Itoophiyaatti hanga ammaatti ogeeyyiin fayyaa 49 fi kanneen hojii deeggrsa fayyaa kennan 16 Covid-19n qabamusaanii Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taddesee himan.

    Ogeeyyiin fayyaa kun garri caalaan isaanii kanneen magala Finfinnee keessa jiran ta’uus Dr. Liyaan ibsaniiru.

    Dr. Liyaan ibsa kana kennuu isaanii guyyoota muraasa dura ogeeyyiin fayyaa miidiyaalee hawaasarratti dhimmi ogeeyyii fayyaa Vaayirasichaan qabamanii akka ibsamu gaafataa turan.

    Dr. Liyaan ogeeyyii fayyaa dhibee kana dura dhaabbatanii falmaa jiraniif galata qaban dhiyeessaniiru.

    Ministeerri Fayyaa ibsa Kaleessa baasee tureen ji’oota afur dhufan keessatti hugaagaan afaanii fi funyaanii kan meedikaalaa miiliyoona 130 ta’u ji'oota afur dhufan keessatti ogeeyyii fayyaaf akka barbaachisu beeksiseera.

    Hasxaa MOH

    Madda suuraa, MOH

  15. Daldaltoonni saal-qunnamtii egeree isaaniif sodaachaa jiru

  16. Tamsaasa kallattii Waxabajji 04, 2020 jalqabneerra.

    Tamsaasa kallattii keenya kanaan taateewwan biyya keessaafi kan guutummaa addunyaa gaggabaabsuun qixeessinee isiniif dhiyeessina.

    Aaga Dhaga'aa!

    Bakkalcha Barii

    Madda suuraa, Getty Images

  17. Tamsaasa keenya kallattii xumurreera!

    Hordoftootaa tamsaasa keenya kallatti harraa asirratti xumurreera.

    Boru odeessaalee biraatiin hanga walitti deebiinuutti alkan gaarii!

  18. Bulchaan Minesotaa hidhaa gaazexeessaa CNN'tiif dhiifama gaafatan

    Gaazexeessaa Omaar

    Madda suuraa, CNN

    Bulchaan Minesootaa Tiim Waalz gaazexeessaa CNN Omaar Himaaneez Jimaata darbee hidhame tureef kallattiidhaan CNN dhiifama gaafatan.

    Gaazexeessaa Jimeenez guyyaa Jimaataa hiriira mormii Miniyaapoolis ture kallattiin osoo dabarsaa jiruu ture kan to'atame.

    Kana malees oOgeessi kaameeraasaa fi qopheessaan isaa yeroo deemaa jedhaman deemuu waan didaniif hidhanii turan.

    Waalzi battalumatti pireezidaantii CNN Jeef Zaackeeriin dhiifama gaafatanii kan turan ta'us, har'a garuu fuuldura gaazexeessaa Omaariin dhiifama gaafataniiru.

    "Hojii ogummaa keetiif galataoomi, waan nu hubachuu keetiif galatoomi. Anis baay'ee gaddeera," jechuun ture gabaasaatti kan himanii turan Tiim.

  19. Ministirri Ittisaa Ameerikaa Eespar mormii dhaabuuf waraana hin erguu jedhan

    Tiraampiif Maark Espeer

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Ittisaa Ameerikaa Maark Eespar mormii ajjeechaa Joorji Filooyidiin walqabatee gaggeefamaa jiruu dhaabuuf waraana bobbaasuu kan hindeeggarree ta’u dubbatan.

    Ministirichi kana kan dubbatan erga Donaald Tiraampi waraanatti gargaaramuun mormiicha dhaabuuf akeekkachiisaniin guyyoota lamaan booda.

    ‘‘Gocha sochii warraaqsaa kakaasuu hindeeggaru ani,’’ jedhaniiru haasaa Peentaagan irratti taasisaniin.

    ‘’Tarii akka filamaata dhumaatti humnootii seera kabachiisan fayyadamu dandeenya ta’a. Kunis bakka rakkisaafi baayyee atattama ta’eetti. Ammatti haala akkasii keessa hinjirru,’’ jedhaniiru.

    Akkasumas ajjeechaa Joorji Filooyiidiin ‘Yakka sukkanneessaa’ jechuun ibsaniiru.

    Itti dabaluunis ‘’qondaaltoonni guyyaa sana gocha sana keessatti hirmaatan hundi yakka ajjeechaatiin itti gaafatamu qabaatu. Kunis gochi yeroo baayyee irra dedeebiin argaa jirrudha,’’ jedhaniiru Eespar.

  20. Duuti Filooyid ‘eenyumaa US isa dhugaa’ kan mul’iseedha- Hogganaa Iraan

    Ayatolaah Alii Kaminee

    Madda suuraa, Reuters

    To'annaa poolisii jala jiruu ajjeechaan gurraacha lammii Ameerikaa 'eenyuumaa US ‘isa sirri’ kan mul’iseera jedhu hogganaan olaanaa Iraan Ayatolaah Alii Kaminee.

    “Utuu pooliisoonni biroo hedduu callisaanii dhaabbatanii ilaalanii, poolisiin morma nama gurraachaarra jilbeeffatee tursuun isaa, wanta haaraa mul’ate miti,” jedhan Ayatolaah haasaa Roobii taasisaniin.

    Itti dabaluunis, “Kun eenyummaa Ameerikaadha, kun wanta Ameerikaan addunyaa mara irratti gochaa turtedha,” jedhaniiru.

    Waldhabdeen US fi Iraan gidduu jiruu caalaa kan cimee, jalqaba bara kanaatti erga US Jeneraalaa Iraan haleellaa xiyyaaraan ajjeeftee boodadha.

    Waggaa darbee, Iraan keessatti sababa gatiin boba’aa dabaluun hiriirri mormii guddaa tureera.

    Akka Amnestii Internaashinaal jedhutti yeroo hiriira kanaatti namootni 300 ol ajjeefamanii, namootni kumaatamaan lakka’aman ammoo hidhamaniiru.