lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maayikil Joordaan dhiittaa sanyummaa ittisuuf doolaara miliyoona 100 arjoomuufi

    Maayikil Joordaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan Kubbaa Kaachoo Ameerikaa Maayikil Joordaan gareelee dhiittaa sanyummaa maqsuun walqixxummaarratti hojjetaniif doolaara miiliyoona 100 akka arjoomi beeksise.

    Taphataan garee NBA duraanii kun maqaa isaafii kan braandii Jordaaniin maallaqa kan waggoota 10 keessatti akka gadhiisu beeksiseera.

    Maallaqni kun dhaabbilee garaagaraaf akka qoodamus beekameera.

    ''Hawaasa Gurraacha keessatti jijjiirama ija qabu buusuuf hojii baayyeetu ni eeggata. Gaafatama qabnaas'' jedheera

    Ajjeechaa Joorji Filooyid torbee darbeen duuba ibsa kan kenne Joordaan hedduu gadduu fi aaruu ibseera.

    Dhiittaan sanyummaa gurraacharra gahuu ni gahas jedheera.

  2. Eegduun Paarkii Gaarreen Baalee badhaafaman eenyuu miidhaa irraangahee?

  3. Jiyoo Baayiden pireezidantummaaf nama Tiraampiin morkatan ta'uun mirkanaa'e

    Jiyoo Baayiden

    Madda suuraa, Reuters

    Jiyoo Baayidan filannoo Pireezidantummaa ji'oota booda gaggeeffamuuf bakka bu'aa Dimookraatotaa ta'uun isaanii mirkanaawe.

    Filannoo ji'a shan booda gaggeefama jedhamee yaadamuun Baayidan Tiraamp waliin morkatu.

    Maxxansa Tiwiitaraa isaaniin Pireezidantummaaf dorgomuuf dhaaba isaanii keessaa sagalee bakka bu'ootaa 1,991 argachuu isaan feesisu argachuu ibsan.

    Dhaaba isaanii keessaa kan isaaniin morkachaa ture Barniiy Saanders ji'a darbe dorgommii keessaa of baasuun erga ibsamee Baayidan kaadhimamaa paartichaa ta'uun hinuma beekama ture.

    Weerarri Koronaavaayiras fi dhiibbaan diinagdee sababa isaan dhalate akkasumas mormiin uummataa tibba kanaa ajandaawwan filannoo kanaa akka ta'an amanama.

  4. Godina Kafaatti namoota du'an irratti Covid-19 argamunsaa yaaddoo uumee

    Naannoo Uummattoota Kibbaa Godina Kafaatti namoota lama sababii adda addaatiin du'an irratti qorannoo taasifameen Covid-19'n qabamunsaanii mirkanaa'eera.

    Godinichatti reeffii namni guyyaa Dilbata waldhabdee nama waliin umameen lubbuunsaa dabarte tokko irratti qorannoo taasifameen Covid-19'n qabamee akka ture mirkanneefachu Hojii Gaggeessaan Hospitaala Bongaa Obbo Zarihun Mangashaa BBC'tti himan.

    Namni du'an kunis vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e ajjeechaa irrattii raawwatameetiin booda wayita reeffi qoratamu ta'uu dubattaniiru Obbo Zarihuun.

    Yunivarsitii Boongaa

    Madda suuraa, Bonga University

  5. Hindiitti guyyaa tokkootti namoonni 10,000 Covid-19 qabaman

    Imaltoota

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyya Hindiitti sa’aatii 24 darbe keessatti qofaa namoonni 10,000Covid-19 qabamuu barame.

    Haala kanaanis lakkoofsi namoota Hindiitti Covid-19 qabame kan Xaaliyaanii caaleera.

    Biyyattii keessatti walumaagalatti namoonni 236,657 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, kunis biyyoota addunyaa vaayirasiin kun keessatti babalate keessaa sadarkaa jahaffaan ishee gaheera.

    Sirni fayyaa Magaalaa Mumbaayii keessaa kufuutti kan dhiyaate yoo ta’u, hospitaalonni magaalaa guddiittii Delhii keessaas eddo dhukkubsataa itti simatu dhabaa jiraachuun gabaafameera.

    Gama biraatiin ammoo uggura cimaa biyyattiin tatamsa’ina Covid-19 to’achuuf keessee turte laaffisuun amma jiddugalliwwan daldalaa, bakkewwan waaqeeffanaa, resitoraantiiwwanifi waajiraaleen Wiixatarraa kaase deebii’anii saaqamaa jiru.

  6. Hindiitti namichi guyyoota 36’f Ventileetaraan deeggaramaa ture fayye

    Mr Mukherjee amma mana galaniiru

    Lammii Hindii kan guyyoota 36’f afuura baafachu dadhabee ventileeratiin gargaaramaa ture amma bayyanachuunsaa dhagahame.

    Oggeessoonni fayyaa isa wallaanaa turan keessaa Dr Saaswati Sinhaa ‘alkan kana hindarbu. Haalli isaa battalumatti yaaddissaa ta’ee ture’’ jette jirti.

    Dhukkubsataan koronaa Mr Nitaadaas Mukherjii gara torbaan lamaatiif hospitaala ciisanii wallaanamaa turan.

    Gaheessi waggaa 52 fi hojjataa hawaasummaa kan turan kunis, dhaabbata miti motummaa namoota mana hinqabnee gargaaruu irratti bobba’e keessa hojjataa turan. Dhukkubbiin itti cimuunis ventileetarii jala guyyoota dheeraaf dabarsuuf dirqamanii turan.

    Haa ta’u malee erga baatii tokkoo oliif ventileetara jalati dabarsaniin booda dhumarratti fooyyee agarsiisuun gara mana isaaniitti deebii’aniiru.

    Amma deeggarsa namaa malee dhaabbatanii deemuu eegalaniiru.

  7. WHO'n bakkeewwan uummati baayyatu hundatti maaskiin akka uffatamu gorse

    Nama maaskii kaawwate

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bakkeewwan ummanni itti baayyatu hundatti maaskiin akka uffatatamuuf gorsa dabarse.

    Dhaabbatichi akka jedheetti, maaskii kaawwachuun akka vaayirasiin namootaatti hindabarre kan ittisu ta’u odeeffannoo haaraan argameera.

    Addunyaarratti biyyoonni tokko tokkoos manaan alatti maaskii uffachu akka dirqamaati kaa’aniiru.

    Kanaan dura garuu dhaabbatichi namoonni fayyaa qaban maaskii uffachuun bu’aa qabaachusaarratti raga gahaa akka hinqabne himee ture.

    Keessattuu namoonni dhukkubsataniifi kanneen isaaniif kunuunsa taasisan maaskii mirkanaa’e (medical face mask) kaawwachu qabuus jedheera.

    Addunyaarattis namoonni gara miliyoona 6.7 ta’an vaayirasii Kanaan qabamunsaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, kumi 400 kan ta’an ammoo lubbusaanii dhabaniiru.

  8. Tamsaasa keenya kallattii kunoo amma eegalleera

    Hordooftoota BBC Afaan Oromoo hundaaf, guyyaa Sanbataa gaarii akka qabaattan hawwaa kunoo tamsaasa keenya kallattii kan Caamsaa 6, 2020 amma eegalleera.

    Odeessaalee gagabaaboo biyya keessaafi addunyaa guturraa isin biraa gahuu eegallaatii nu waliin tura.

    Eegaan ofi keessaniifi maatii keessaan Covid-19 irraa ittisuuf fageenya keessan eeggachu hindagatiinaa.

    Olmaa gaarii!

    Fageenya eeggachuun maaliif barbaachisa
  9. Hoji dhabdummaan Ameerikaa gad bu’e

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ji’a Caamsaa keessa namoota miiliyoona 2.5'f carraan hojii uumamus hoji dhabdummaan Ebla %14.7 gahee ture. Ammammoo irraa gara 13.3tti gad bu’eera.

    Sodaa lakkoofsi kun gara %20’tti ol guddata jedhu jira ture. Tarkaanfiiwwan uggura laaffisuu kutaalee Ameerikaa adda addaa keessatti fudhatame kun akka hin dhufneef gargaaruu hin oolle jedhameera.

    Pireezidaant Doonald Tiraamp lakkoofsi kun gad bu’uusaatiin gammachuusaanii ibsaniiru.

    “Wanti har’a mudate waan ajaa’ibaati. Namoonni miiliyoona sagal ta’an hojii dhabu jedhanii turan amma garuu namoonni miiliyoona sadi ta’an hojii argataniiru,” jedhan.

    “Lakkoofsi kun guddaadha. Ji’oonni itti aanaan ji’oota gaarii ta’u jedhee yaada,” jedhan pireezidaant Tiraamp.

    Ogeeyyiin diinagdee hedduun lakkoofsi hoji dhabdummaa ni dabala jedhanii tilmaamanii turan. Faallaasaatiin garuu namoonni miiliyoona 2.5 ta’an hojii argataniiru.

    Ta’us garuu diinagdeen biyyattii uggura Covid-19 dura jiru waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gad bu’aadha.

  10. UK’tti lakkoofsi namoota du’anii 40,000 caale

    Dubartoota lama

    Madda suuraa, Getty Images

    UK keessatti lakkoofsi namoota sababa Covid-19 du’anii 40,000 caaleera.

    Namoonni haaraa 357 du’uunsaanii lakkoofsi kun 40,261 akka gahu taasiseera.

    Namoonni kunneenis hospitaala, jiddu galoota kunuunsaa fi hawaasaa keessatti kan mudate akka ta’e ibsameera.

    Namoota du’anii 40,261 qabaachuudhaan UK'n Ameerikatti aantee biyya lammaffaa lakkoofsa namoota du’anii guddaa qabdu ishee lammaffaa taasiseera.

    Bitooteessa keessa gorsaa mootummaa kan ta’an Saar Paatriik Vaalaanse lakkoofsi namoota du’anii 20,000 gad yoo ta’e gaariidha jedhanii turan.

  11. Ministirri Madagaaskaar $ miiliyoona 2.2 karameellaa bituuf karoorsan hojiirraa ari'aman

    Qoricha Madagaaskaar Covid-19 argatte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Barnootaa Madagaaskar $ miiliyoona 2.2'n karameellaa bituuf karoorsuu isaanii hordofeeti kan hojiirraa ari'aman.

    Rijaaso'aa Adriyaamanaanaa manneen barnootaa keessatti barattootni qoricha aadaa Covid-19 ni hadhaawa jedhamu akka fudhatan ittiin gowwmasuuf bittaa karameellaa kanaa karoorsan.

    Qorichi aadaa Madagaaskaar 'Covid-Organics' mootummaa biyyattiin akka dawaatti labsamus Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa beekamtii hin arganne.

    Akka AFP'n gabaasetti Karameellaawwan kun osoo bitamanii jiraatanii barataan tokko sadi sadii argata ture.

    Ministirri kun aangoorraa kaafamuun kan himame Kamisa yoo ta'u, itti aanaan isaanii bakka isaan bu'a jedhame.

  12. Yugaandatti ministiroota hundaaf qorannoon Covid-19 taasifamuu eegale

    Ministiroonni hojiidhaaf biyya keessa waan imalaniif torbee lama lamaan qorannoo taasisu jedhan dubbi himaan ministeera fayyaa biyyattii.

    Isaanis qondaaltonni 79 asiin dura qoratamanii hundusaaniiyyuu vaayirasicharraa bilisa ta’uusaanii ibsaniiru.

    Gabaasa guyyaa hojjanneen MM Ruhaakaanaa Ruguundaa sababa namoonni dhihoosaanii jiran vaayirasichaan qabamuunsaanii ifa taasifameef guyyoota 14’f adda of baasuusaanii ibsaniiru.

    Dr Ruguundaan humna addaa koronaavaayiras biyyalessaa kan hoogganan yoo ta'u, Vaayirasicharraa bilisa ta’uusaanii himaniiru.

    MM Itti aanaa Mooses Alii bakka isaanii bu’aniiru.

    Hojjattoonni Waajjira Ministeera Muummees qorannoo taasisaa jiru.

    Yugaandatti namoonni 557 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

    Mootummaan labsii ugguraa ji’oota lama dura labse laaffisuu jalqabeera.

    Tajaajjilli geejjibaa kutaalee biyyattii keessatti kennamuu jalqabus kutaaleen naannoo daangaatti argaman garuu tajaajila kana hin argatan.

  13. Namichi guyyoota 35 of wallaalee ture wayyaa'ee manatti deebi'e

    Nama guyyoota 35 of wallaaluun Hospitaala turan

    Odeessaalee gaddisiisoo addunyaa guutan keessa odeessii gurratti tolus kunooti.

    Namootni sababa weerara Covid-19'n qabamanii dararamaa jiran keessaa maanguddoon ganna 66 UK, guyyoota 35 jireenyaaf du'a gidduu ture wayyaa'ee qe'ee isaatti deebi'eera.

    Namni Maqaa Richaard Hansoon jedhu qabu kun Covid-19 alattis dhukkuba daranyoo sombaa fi kaleen hojii dhaabuunis dararamaa ture.

    Guyyoota 35 osoo of hin beekiin Hospitaala UK tokko erga turee booda amma bayyanatee qe'ee isaatti deebi'eera.

    Ogeeyyii isa yaalaa turanis galateeffateera.

    Akka gabaasa Yunivarsiitii Joon Hoopkiinsitti hanga ammaatti namootni miiliyoona 2.9 ta'an addunyaa guutuutti dhibee kanarraa fayyaniiru.

  14. Keeniyaan pilaastika gumaa tokkollee paarkii fi qaama bishaanii biratti fayyadamuu dhorkite

    meeshalee pilaastikaarraa tolfaman ugguruu

    Madda suuraa, Getty Images

    Qondaloonni biyyatti meeshalee pilaastikaarraa tolfaman iddoowwan eegamaan kanneen akka paarkii biyyaleessaa, qarqara qaama bishaanii fi bosonaatti namootni akka dhimma itti hin baane dhorkite.

    Keeniyaan biyyoota pilaastikaa fayyadamuurratti uggura cimaa dabarsaan keessa jirti.

    Weerarri vaayirasii otoo hin hammaatiin dura waggaatti turistoota miliyoona lamatu biyyatti daawwata ture.

  15. Qorichi Tiraamp dhibee Covid-19 wallaanuuf gargaara jedhan yaaliirraa dhorkame

  16. Finfinnee Addis Katamaatti Covid-19 hammaatu isaaf jiraattonni maal himatu?

  17. Manni murtii Awustiraaliyaa mormii jibba sanyumma dhorke

    Hiriira mormii

    Madda suuraa, EPA

    Manni murtii Awustiraaliyaa weerara vaayirasii sodaachuun hiriira mormii eeyyamame dhorkuu ibse.

    Hiriirri mormiin jibba sanyummaa gurraachotarra qaqqabu balaleeffatu ‘Black lives Matter’ jedhu Siwidiniitti Sambata bahamuuf karoorfamee ture.

    Ta’uus weerara dhibee sodaannee jechuun manni murtii biyyatti eeyyama dhorkateera.

    Hiriira kanarratti namoota kumaatamatti lakka’amanitu hirmaata jedhame eegamaa ture.

  18. 'Miseensonni 'Abbaa Torbee' ragaa waliin to'ataman'

  19. 'Ijoollee gurraacha Ameerikaatti guddisuun yaaddessaadha'

  20. Ministirri Muummee Yugaandaa Covid-19’n of shakkanii adda of baasan

    Minisitirri Muummee Yugaandaa Ruhakanaa Rugundaa namoota Covid-19 qabe wajjiin tuttuqaa uumaniif addatti of baasan.

    Miseensonni kaabinee biyyatti vaayirasichaan qabamuu gaazixeessitoonni biyyatti himaniiru.

    Obbo Rugundaan addatti of baasuu isaanii toora tiwitaraa gubbatti beeksisaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X