Kooriyaan Kaabaa Waxabajjiirraa jalqaba manneen barnootaa deebistee banuuf

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaan Kaabaa jalqaba Waxabajjii kanarraa kaastee manneen barnootaa deebistee banuuf akka jirtu Yonhap miidiyaa biyyatti wabeeffate gabaase.
Biyyattiin nama koronaavaayirasiin qabame hin qabnu jetti, ogeeyyiin garuu kun dhugaa hin fakkaatu jedhuun.
Manneen barnoota biyyattii walakkeessa ji’a Caamsaarraa eegalanii ni banamu jedhamaa ture. Guyyaan ayyaanaa irra deddeebiin dheereffameef cufamanii turan.
Manneen barnoota sadarkaa 1ffaa, oolmaa daa’immaniifi sadarkaa lammaaffaan ofeggannoo barbaachisu taasifamee jalqaba ji’a kanaarraa kaasee hojii idileesaanii eegaluuf jiru, akka raadiyoon biyyatti himuttti.
Alkooliin harka ittiin qulqulleeffataniifi daree barnoota hundaaf akka qoodamu gabaasichi kan agarsiisu.



