lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Dhaabbatichi qoricha talaalliif ta'uu mala jedhe dursee omishuu jalqabuuf
Ministirri Sudaan Kibbaa waliigateen hojiitti hiikamuu dhabuusatiif aangoo gadhiisan

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Mabiyoor (harkaa mirgarra kan taa'an ) Bitootessa darbe muudaman Deetaan ministiraa Sudaan Kibbaa Mabiyoor Garaang pirezedaant Saalvaa Kiir waliigaltee nageenya buusuuf bara 2018 mallatteeffame hojiitti akka hiikamu hin barbaadan jedhanii aangoo gadhisan.
Mabiyoor Garaang biyyaattiin kan duraanii caala tasgabbii dhabaa deemte jedha.
Itti dabaluudhaan, kutaalee biyyattii garaa garaatti namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjefamuun sababa waliigateen sun hojiirra oolu dhabeefitti ta'uu eeran.
Mabiyoor ilmaa Joon Garaang, nama Sudaan kibbaa akka biyya walabummaa qabaattee hundeeffamtuuf gumaachaniti.
Waldhabbiin Pirezedant Saalvaa Kiir fi Riik Machaar gidduutti jalqabe gara walwaraansaatti geeddaramee lubbuu namoota kumaatamaan lakka’amanii galaafachuutu yaadatama.
MM Abiy Ahimad duula biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuu eegalsiisan
Awurooppaan daangaaleen cufaman haa banaman jechaa jirti
Awurrooppaan waqtii tuuristiin itti baay’atu kanatti daangaawwan osoo banamanii jechaa jirti.
Biyyoonni Awurooppaa hedduun waqtii gannaa tuuristiin itti baay’atu kanatti balbala isaanii banachuu barbaadu.
Biyyoonni muraasni waliigalteen hojjachuuf yaalaa jiraatanus Gamtaa Awurooppaatiin hin raggoofne.
Komishinarri Dhimmoota Keessaa Awurooppaa Tilvaa Joohaansan miseensonni gamtichaa hundi Jimaata har’aa walii-galuun dhuma Waxabajjii kanaaf guyyaa akka muran fedhii qaban ibsaniiru.
Xaaliyaaniin Roobii darbe daangaashee banattus namni garas deemuuf fedhe hin jiru. Oostiriyaan daangaashee gama ollaashee Xaaliyaan jiru gaafuma Roobii bante.
Ispeen ammoo Adoolessa 1 ollootashee Faransaayi fi Poorchuugaaliif balbala nan bana jetteetti.
Biyyoota biroof garuu hayyamuu waan haftuuf yaaliin Gamtaa Awurooppaan taasifamu danqaan mudachuuni mala.
Beeljiyeemis biyyoota EU keessaa Waxabajjii 15 irraa kaasee daangaashee saaquuf karoorfatte dha.
Kanaafuu wanti hundi mishaa taanaan (vaayirasichi yeroo lammaffaaf ka’uu baannaan), Maanaaken Piisitti biiraa Beeljiyem dhandhamachuu dandeessu jechuu dha.
Faransaayillee tuuristoonni garakootti imalu jettee abdachaa jirti.
Kanaafis viizaa naannawa bilisaa Shengen irratti dhorkii keesse kaasuuf Adoolessa tokkotti beellama qabattee jirti.

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Ispeen Adoolessa tokko ollootashee Faransaayi fi Poorchugaaliif balballikoo banaa dha jetti Afrikaan Kibbaa duula farra jibba sanyummaa Jimaata har’aa eegalti

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Dhadannoo hiriirtoonni Keep Tawaanitti qabatanii bahan Hidda dhaloota Afrikaa kan qabu Joorji Filooyid Ameerikaatti ajjeefamuu hordofuun paartiin biyyattii bulchu Afrikaan Naashinaal Kongireensi(ANC) duula eegala.
Duulli kunis Filooyid poolisiin ajjeesuusaa mormuuf hiriirtota Ameerikaatti bahan cinaa dhaabachuuf karoorfame.
Duula kana akka deggeran agarsiisuuf lammileen Afrikaa Kibbaa Jimaata yeroo hundaa uffata gurraacha akka uffatan waamichi dhiyaachuuf jira.
Duulli kun pirezedantii Afrikaa Kibbaa Siyiriil Ramafoosaan eegalamuuf akka jiru toora tiwitaraa gubbaatti maxxanfameera.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Jarmanitti maatiin tokkoo tokkoo ijoolleesaaniitti birrii 11,000 argachuuf, Jarman ijoollee maatii hundaaf birrii 11,000 qooduufi
Mootummaan Jarman yuroo biiliyoona 130 tahu kaffaltii gibiraa hir'isuufi ijoolleef birrii 11,000 hiruuf ramade.
Tarkaanfiin kun diinagdee dhukkuba koroonaavaayirasiin miidhame bayyannachiisuuf kan yaadamedha.
Jarman waggaa 70 keessatti diinagdee gadi bu’aa harka 6.3 hir’isuu danda’u keessummeessuuf jirti.
‘’Diinagdee keenya foyyeessuun milkaa’uu qabna,’’ jedhan Chaansilariin biyyattii Angeelaa Merkel.
Jarman hojjettoota hojiirra hin jirre miiliyoona torba qabaachuun,’’haalli diinagdee keenyaa laafaa akka tahe agarsiisa,’’ jedhan
Gibira namoota kaffalanirraa hir'isuu,maatii ijoollee qabaniif qarshii kennuu dabalatee,namoota konkolaataa elektiriikii bitaniif immoo haalli mijaa’eera.
Dhimmi kun marii mootummaa sa’aatii dheeraan booda dha Roobii darbe kan uummataaf ifa tahe.
Humna waa bituu uummataa dabaluuf VATtiin harka 19-16 Adoolessa 1 qabee hanga Mudde 31tti ni hi’r’isa. Tarkaanfiin kun mootummaa Jarman yuroo biiliyoona 20 baasisa.
Maatiin ijoollee qabanis qarshii 11000 ijoolleesaanii tokko tokkoof kennamu argatu.
Namoonni konkolaataa elektiriikii bitatan immoo mootummaan kaffaltiin akka deeggarus himeera kunimmoo fayyadamtoota konkolaataa isaanii kan naannoo hin faaletti akka geeddaran jajjabeessuufi.
Kanaan daldalootni deebi’anii ka’u jedhameetu yaadama.Seektaroonni kanneen akka tuurizimii fi bashannanaa immoo deeggarsa yuroo biiliyoona 25 argatu.
Hoteelonnifi dhaabonni sagantaa garaagaraa qopheessanillee hojii isaani akka haaraatti jalqabuuf galii galchan irra harka 80 kan tahu ni deebi’aaf.

Madda suuraa, PA Media
Lammiin Naajeriyaa Libanoositti gurgurtaaf dhiyaatte biyyatti deebi’uu didde

Madda suuraa, Facebook
Ibsa waa'ee suuraa, Beeksisa gurgurtaaf feesbukiirratti maxxanfame Lammiin Naajeeriyaa ganna 30 gurgurtaaf Feesbukiirratti kanaan dura beeksifamte turte biyya dhalootashitti deebi’uu didde jedhan Komishiininarri Diyaasporaa Naajeeriyaa Aadde Dabirii- Erewaa.
'Amansiifne biyyatti deebisuuf yaalleerra garuu hin galu jettee didde 'jedhan hoggantuun Komishinichaa.
Dhimmi dubartii gurgurtaaf dhiyeeffamtee dheekkamsa jabduu Naajireeriyaatti erga uume booda, namtichi beeksisa kana baasuun shakkame hidhameera.
Hidhamuusaa dura garuu dubartiin kun doolara 1,000tti gurguramtee turte.
Anga’oonni Libanoos akka lammata hin gurguramne bararaanii Imbaasii Naajeriyaa Beerut jirutti kennan.
Dargaggeettin ganna 30 kun amma hojii biraa Libaanoositti waanin argadheef hin galuu jettee didde.
Komishiinarri Diyaasporaa Naajeeriyaa ‘lammiin keenya hojiif gara Libaanoositti imalan sirnaan keessummeeffamuu, akka garbaatti hin keessummeeffaman jennee abdannaa’ jedhan.
Dhala namaa gurgurtaaf dhiyeessuun erga dhaga’amee booda lammiilee Naajeriyaa hojii mana keessaa hojjachuuf gara Libanoositti imaluu barbaadaniif Visa kennuu dhaabuu mootummaan Libaanoos beeksiseera.
Keeniyaan dhukkubsattoota Covid-19 manumasaaniitti wal’aanuuf

Madda suuraa, Rooyitars
Ibsa waa'ee suuraa, Sireen dhukkubsattootaa wayita guuta jirutti, namoonni mallattolee dhibicha hin agarsiisne jiru Iddoon dhukkubsattoonni Covid-19 itti wal’aanan guutuusaatiin manasaaniitti kunuunsuun dhiyootti eegalamuuf akka jiru Ministeerri Fayyaa Keeniyaa ibseera.
Ministirri Fayyaa biyyatti Mutahi Kagwee akka jedhanitti, jalqaba qajeelfamoota dhukkubastoota manasaaniitti kunuunfaman ilaallatu baasuun maatiisaanitti kennama.
Kunis hospitaalota akka hin dhiphisne bilisa gochuuf ta’uu himaniiru.
Ministirichi fayyaa biyyattii dhukkubsattoota manasaanitti akka bayyanatan eeyyamameef lammileen Keeniyaa akka hin balaleeffanne waamicha dhiyeessan.
Magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti sireen dhukkubsattootaaf wiirtuuwwan lama keessatti qopha’ee guutuutti dhiyaateera.
Kamisa kaleessaa qofayyuu namoonni 124 haaraa vaayirasichaan qabaman kan argaman yoo ta’u, lakkoofsi namoota qabamanii 2,340 qaqqabeera.
Isaan keessaa dhukkubsattoonni 592 wayita bayyanatan, 78 lubbusaani dhabaniiru.
Qajeelfamni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka agarsiisutti, namoonni Covid-19n qabaman wayita manasaanitti kunuunfaman kutaa ciisichasaanii keessatti addatti fo'amanii akka turaniifi namoota biroo wajjiin hariiroo/tuttuqaa akka hin qabannee gorsa.
Kana malees, namoonni dhukkubsattoota kunuunsaan meeshalee ofeggannoo uffachuu akka qabaniifi meeshalee waloon itti fayyadamanitti qorichi biifamuu akka qabaatu gorsan.
lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e
Awustiraaliyaatti poolisoonni hiriira farra sanyummaa gaggeefamuuf ture dhorkuuf

Madda suuraa, AFP
Ajjeechaa Joorji Filooyid kan tibbana Ameerikaatti ploolisoota adiin raawwatamee mormuun biyyoonni hedduun hiriira taasisaa jiru.
Awustiraaliyaattis hiriira guyyaa Sanbataafi Dilbataa gaggeefamuuf yaadamee ture hordofuun Ministirri Mummee biyyattii koronaavaayirasiin walqabatee yaaddoo qaban ibsaniiru.
Aanga’oonnis hiriira Sidiniitti gaggeefamuuf ture cimsanii kan morman yoo ta’u, poolisiin ammoo manni murtii dhorkaa akka baasuuf gaafateera.
Miseensi mana maree Kibba Weelsi kan ta’an Giladiis Berejaakiyaa akka jedhaniitti, duraan hayyamni kan kennamee namoota muraasaaf yoo ta’u, amma namoota kumaatamni kan irratti hirmaatan ta’uu ibsameera jedhaniiru.
Qopheessitoonni hiriichaas seerri koronaavaayirasii kan hincabne ta’uu ilaalchisee wanti mirkanneessan kan hinjirre akka ta’e miseensi mana maree kun ibsaniiru.
‘’Namoonni hiriiraaf bahan fageenya isaanii kan eeggatan ta’uu wanti nuuf mirkanneessan hinjiru.
Kana malees, namoonni hedduun walitti qabamunsaanii yaaddoo fayyaa qaba,’’ jedhaniiru.
Dhiheenya keessa namni haaraan vaayirasichaan qabame galmaa’uu baatuus tibbana bakka adda bahanii keessa turan keessaatti argamuun himameera.
Aanga'oota 10 Covid-19 to'achuuf seera bahe ofumaa cabsan
Chaayinaan biyyakoo keessa namni vaayirasichaan qabame hinjiru jette
Chaayinaan biyyattii keessatti namni haaraa vaayirasichaan qabame akka hinjirree gabaasuu itti fuftee jirti.
Aanga'aan Fayyaa biyyattii Kamisa akka jedheetti, tatamsa’inni biyyaa keessaa omtu hinjiru.
Haata’u malee, namoonni vaayirasichaan qabamanii biyya biraa irraa dhufan shan bakkeewwan garaa garaatti galmaa’aniiru.
Kunis baayyina namoota biyyattiiti vaayirasichaan qabamanii 83,027 taasiseera.
Biyyattiin Roobii nama biyya biraa irraa dhufe tokkoon alatti osoo mudannoo haaraa hingalmeessiin dabarsite

Madda suuraa, Getty Images
'Namoonni Covid-19n qabamusaanii baruun miliqan yaaddoo uumaa jiru'
Biraaziliitti baayyinni namoota Covid-19n dua’anii kan Xaaliyaan caale

Madda suuraa, Reuters
Baayyinni namoota Biraazil keessatti Covid-19n du’anii kan Xaaliyaanitti du’an akka caalee himame.
Kamisa galgala biyyattiin guyyaatti namoonni 1,473 du’usaanii kan beeksiifte yoo ta’u, kunis namoonni waliigalaa du’an 34,000 taasiseera.
Biraazil keessatti koronaavaayirasiin qabamunsaanii kan mirkanaa’ee ammoo kuma 580 gaheera.
Biyyattii keessatti walitti aansuun guyyoota sadiif duuti olaanaan kan galmaa’ee yoo ta’u, mootmummaanis ragaalee koronaanaavaayirasiin walqabatan kennaa ture haala barameen sa’aatii eeggachuun ifa taasisaa hinjiru jedhame.
Kana dura yeroo hunda waaree booda ragaalee guyyaa koronaavaayirasii ilaalchisuun kan kennamaa turan yoo ta’u, guyyoota muraasaan asi garuu gara sa’aatii oduu alkaniitti geedarameera.
Pirezidaantiin biyyattii Bolsonaaroo akka kana duraa yaada kennaa turan irraa of qusachuun, ergaa kanaa fuula feesbukii isaanitiin kallattiin dabarasaniin, uggura mootummoonni naannoolee kana dura kaa’anii turan qeequusaanii dhiisuun, balaan vaayirasichaa kan amma lubbusaanii dhaban caalaa ta’u akka danda’u dubbataniiru.
Dhimmi daa’imman 101 magaala Finfinnee keessatti gudeedaman rifannaa uume
Afriikaa Kibbaatti hospitaaloonni dhibamtoota Covid-19n guutuuf

Madda suuraa, AFP
Afriikaa Kibbaatti sireewwan hospitaaloota keessa jiran dhukkubsattoota Covid-19n guutuuf, jedhan qondaaltoonni olaanoon biyyatti.
Namoonni kibba biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamaa jiran garmalee dabalaa kan jiru yoo ta’u, Keep Taawoon keessatti hospitaaloonni guutuuf deemaa jiru.
Haaluma kanaanis haakiimoonni Keep Taawoon keessaa yeroo dhihootti humna isaaniitii ol akka itti ta’uuf jiru akeekkachiisan.
Gandoota bulchiinsaa Baha biyyattiitti ammoo haalichi caalaa badaadha.
Biyyatiitti qondaala ol-aanoo ta'annaa Covid-19 hogganan Pirofesar Shaabiir Maaddii, ‘baayyee yaachiisaa’ jechuun, weerarri dhugaa amma amma argame kan eegame irra baayyeedha jedhaniiru.
Taateen amma Keep Taawoon keessatti mullataa jiruus weerarichi attamiin ardii miidhaa akka jiru kan mullisuudha jedhaniiru pirofessarri kun.
Tarii Afriikaan ummata dargaggeessa waan qabduuf caalaa baraaramti jedhee kan yaadu yoo jiraate, hawwii qofaadhas jedhaniiru.
Iccitii namoota osoo hin beekamiin koronaavaayirasii daddabarsaa oolan
Qajeelfamoota Covid-19 ittisuu keessaa kanneen sadan hin dagatiina, Harka keessan saamunaafi bishaaniin dhiqachuu ykn bakka kun hintaanetti ammoo saanitaayizaraan qulqulleeffachuu, yeroo qofaanu softii fayyadamuu (ciqilee dachaafannee afaaniifi funyaan qadaaddachuun), akkasumas harka keenyaan fuula qaqqabuu dhiisuu.

Tamsaasa kallattii Waxabajjii 05, 2020tiin walitti deebine, Aaga Dhaga'aa!
Toora odeeffannoo battaluma raawwatamaniin qiqqixeessinee isin biraan ittiin geenyu jalqabneerra.
Dhiyaadhaa!

Madda suuraa, Getty Images
