Keeniyaatti namoonni haaraan 123 Covid-19'n qabaman, sadi du’an
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Keeniyaatti saamuda 2,112 irratti qorannoo sa’aatii 24 darban gaggeefameen namoota 123 vaayirasichaan qabamu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.
Kana malees namoonni dabalataa sadii vaayirasichaan kan du’an yoo ta’u walii galatti biyyattiin lammiilee shee 74 dhabdee jirti.
Akka ibsa Minisiteeraa kanatti namoonni biyyattii keessatti Covid-19'n qabamunsaanii mirkanaa’e 2,216 gaheera.
Gama biraatiin ammoo kan harra dhukkubicha irraa bayyanatan 54 dabalatee namoonni 553 fayyuun himameera.
Hanga ammaattis saamuda namoota 85,058 qoratamu ibsichi dabalee addeesseera.










