lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Keeniyaatti namoonni haaraan 123 Covid-19'n qabaman, sadi du’an

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Keeniyaatti saamuda 2,112 irratti qorannoo sa’aatii 24 darban gaggeefameen namoota 123 vaayirasichaan qabamu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.

    Kana malees namoonni dabalataa sadii vaayirasichaan kan du’an yoo ta’u walii galatti biyyattiin lammiilee shee 74 dhabdee jirti.

    Akka ibsa Minisiteeraa kanatti namoonni biyyattii keessatti Covid-19'n qabamunsaanii mirkanaa’e 2,216 gaheera.

    Gama biraatiin ammoo kan harra dhukkubicha irraa bayyanatan 54 dabalatee namoonni 553 fayyuun himameera.

    Hanga ammaattis saamuda namoota 85,058 qoratamu ibsichi dabalee addeesseera.

  2. Eertiraatti namoonni haaraa lama Covid-19 qabaman

    Asmaraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Eertiratti eega Ebla 18 as namoonni haaraan Covid-19 qabamuunsaanii yoo ibsamu inni kun jalqabaati.

    Mootummaan biyyattii Caamsaa darbe ibsa kenneen guutuu biyyattii keessatti qorannoo taasisuuf murteessee akka jiru ibseera.

    Qorannoon kutaalee Asmaraa garagaraa keessatti taasifamaa ture kaleessa xumurame. Kaanaanis maatii 4659 keessaa nama maatii san bakka bu’u tokkoof qorannoon taasifameera.

    Isaan keessa abbaa fi haati warraa maatii Covid-19 qabamuunsaanii mirkanaa’eera. Namoonni dhukkubsattoota kanaa waliin tuttuuqqi qaban jedhaman 13 adda baafamaniiru.

    Eega weerarri Covid-19 mudatee as balaliin Itoophiyaarraa gara Eertiraa taasifamu adda citeera. Yeroos irraa jalqabee namoonni 5270 jiddu galoota tursiisaa 81 keessatti adda baafamanii turani.

    Namoonni 3477 qorannoon booda yoo bahan namoonni 1793 ammas jiddu galoota 45 keessatti adda baafamanii argamu.

  3. Hojjetoonni fayyaa Naayijeeriyaa 800 ol Covid-19'n qabamaniiru

    hojjataa fayyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Wiirtuun To’annoo Dhukkubaa Naayjeeriyaa (NCDC) yoo xiqqaate hojjattonni fayyaa 812 ol koronaavaayirasiin qabamuu isaani ibseera.

    Naayjeeriyaatti hanga ammaattti namootni 10,819 koronaavaayirasiin qabamanii 314 ammoo du’aniiru.

    Ebla keessa Waldaan Meedikaala Naayjeeriyaa meeshalee of eeggannoo ga’aa waan hin qabneef hojjattoonni fayyaa vaayirasichaaf saaxilamaa jiru jedhe ture.

    Hogganaa NCDC Chikwee Ihekweezu garuu meeshaaleen of eeggannoo 40,000 ta’u hojjatoota fayyaaf raabsameera jedhu.

    Waaldaalee hojjatoota fayyaa bulchiinsota tokko tokkoo hanqinni meeshaalee waan jiruuf hojii ni dhaabna jedhuun dhaadataniiru.

    Gama biraan, mootummaan dursee hospitaaloti dhuunfaa dhibamtoota Covid-19 akka hin wal’aanne jechuun qajeelfama baasee ture haqeera.

    Amma hospitaaloti dhuunfaa mootummaa nannoo isaanii biratti galmaa’anii hojjattoota isaaniif leenjii barbaachisu akka kennan gaafateera.

  4. Hiriira mormii dhiyeenya Jubaarratti ‘namootni lama ajjeefaman’

    Magaalaa gudditti Sudaan Kibbaa, Juubaatti namni meeshaa hidhate dhukaasaa baneen namootni lama ajjeefamu Raadiyoon UN’n deeggaramu Miraya gabaaseera.

    Mormiittonni namni dhuukasa bane kun fira dhiyoo yookin ilma Pireezdaant Saalvaa Kiirdha jedhu.

    Dubbi himaan waraanaa Lul Ruwayi akka Radiyoo Eye jedhamutti himanitti Janaraal Luwaal Marinee to’annoo jala oolaniiru.

    Dhaabbati raadiyoo kun dhukaasnii kun waldhabdee lafaan kan wal qabatedha jedha.

    Suuraalee hiriira mormii kanaa Tiwiitara gubbaatti qoodamaniiru.

    Maxxansa X irra dabri, 1
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X, 1

    Maxxansa X irra dabri, 2
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X, 2

  5. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namootni haaraan sadii Covid-19n du’an, 142 ammoo qabaman

    Sa’aatii 24 darban keessatti saamuda namoota 4,120 qoratame keessaa namootni142 Covid-19’n qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Kuniis lakkoofsa namoota hanga ammaatti qabamanii 1,486 gaheera.

    Qorannoo kanaan kanneen vaayirasichi keessaatti argame keessaa dhiirri 84 dubartiin ammoo 57

    Umriidhaan yoo kaahamu 7-78 gidduu jiru.

    Namoota haaraa qabaman kana keessaa 126 Finfinnee, torba Oromiyaa, jaha Amaaraa, tokko Somaalee lama Affaar irraayi.

    Lammiin tokko kan Poortugaal tokko ammo kan Jibuutiidha.

    Sa’aa 24 darbe kan bayyanatan 15 ta’ee namootni hanga ammaa bayyanatan 246 gahaniru.

    Haaraa kan du’an sadii dabalatee kan hanga ammaa du’an 17 gahaniiru.

    Hasxaa MOH

    Madda suuraa, MOH

  6. Biil Geetis talaalliin qabatanii irree keenya keessa waa awwaaluu fedhuu?

  7. Haati warraan Ministira Muummee duraanii Lesootoo hidhamte

    Giiftii duree duraanii Lesootoo yakka kana  hin raawwanne jechuun waakkataa turan

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii duree duraanii Lesootoo yakka kana hin raawwanne jechuun waakkataa turan

    Giiftii dureen duraanii Lesootoo, haadha warraa duraani Ministirri Muummee Toomaas Tabaanee ajjeesuun shakkamtee hidhaa seente.

    Lipoleloo waggaa sadii dura Toomaas Tabaanee Ministira muummee ta’un muuudamusaanii guyyaa tokko dura rasaasaan ajjeefamte.

    Giiftii dureen Lesootoo fi abbaan warraashi ajjeechaa kana keessaa qooda hin qabnu jedhanii waakkataa turan

    Tabaaneen dhiibbaa paartiisaaniitiin ji’a darbe kana aangoo gadhiisuun isaanii ni yaadatama.

  8. Sudaan Kibbaa daangaa Itoophiyaarratti buufata waraanaa Masriif kennuuf walii hin galle jette

  9. Ayibuupiroofin Covid-19’f qorichummaa akka qabu qoratamaa jira

    Kiniina harkarra taa'ee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ayibuupiroofin jalqaba weerara kanaarra fayyadamuun sodaachisee ture

    Saayintistoonni ayibuupiroofin namoota koroonaavaayirasiin dhukkubsachaa jiraniif qorichummaa qabaachuusaa baruuf yaaliirra jiru.

    Gareen ‘London's Guy's’ fi hospitaala Seent Toomas yaaliin rakasni kun dhukkubsattoonni veentileetaroota qaalii ta’aniin gargaaramuu irraa akka wayaa'an godha jedhanii abdatu.

    Yaalii kanaanis dhukkubsattoonni gariin kunuunsa idileen dabalata ayibuupiroofin ni kennamaaf.

    Qorichi kunis kan duraan kan namoonni bitatanirraa adda ta’ee kan qophaa’u ta’a.

    Qorannoon bineeldota irratti taasifame,dawaan kun rakkoo sirna hargansuu mallattoo koroonaavaayiras hamaa ta’e akka hir’isu agarsiisanii jiru.

    Miseensa garee kanaa kan ta’an Pirofesar Mituul Mehitaa, ‘‘Waan yaadaa jirru waliin akka wal-simu baruuf yaalii gochuun nurraa eegama.’’ Jedhaniiru.

    Jalqaba weerara dhibee kanaarra namoonni mallattoolee sasalphoo qaban ayibuupiroofin fudhannaan tasa itti caaluu danda’a jedhamee sodaatamaa ture.

    Ministeerri Fayyaa Faransaayi qorichoota kanneen akka ayibuupiroofin fudhachuun caalaatti dhukkubicha waan hammeessuuf namoonni paaraaseetaamooli akka fudhatan yeroo dubbatanitti, daran kan sodaatame.

    Paaraaseetaamooli miidhaa cinaa muraasa qofa waan qabuuf namoonni dursanii isa akka fayyadamaniifi kanneen dhukkuba garaachaa ‘ulcer’ jedhamu qaban ammoo siruma ayibuupiroofin akka hin fudhanne tajaajilli fayyaa biyyaalessaa UK kan gorsu.

  10. Dhimma barnootaafi qormaata bara kanaa maaltu yaadamaa jira?

  11. Poolisiin Keeniyaa maatii barattootaa akeekkachiise

    Namoonni yakka dalagan barattoota amansiisuuf maallaqan gowwomsu jedheera poolisiin

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni yakka dalagan barattoota amansiisuuf maallaqan gowwomsu jedheera poolisiin

    Weerara vaayirasii to’achuuf manneen barnootaa Bitooteessaarraa kaasee waan cufameef, barattootni Keeniyaa tooora intarneetiin barachaa jiru.

    Ijoollee barattoota karaa intarneetii barataa jiran adamsuurratti warreen qiyyaafatan dabaluu akka danda'an poolisiin Keeniyaa akeekkachiiseera.

    Adamsitoonni kuni ijoolleen suura qullaasaanii mul’isuu akka itti ergan akkasumas kanaafis maallaqa siif kenninaa jedhanii gowwomsu jedheera.

    Waadaa dharaa akka seenaniifis daarektarri qorannoo yakkaa himaniiru.

    Yakkoota kanaan walqabatan hedduu qorachaa jiraachu himuudhaan, gochi akkasii wayita mudatu maatiin poolisiif odeeffannoo akka qoodu gaafataniiru.

    Kana malees, maatiin ijoollee isaanii toora intarneetirratti waan hojjatan akka hordofaniis gorsaniiru.

  12. Namoota Yugaandaatti Covid-19’n qabaman keessaa 11 lammiilee Eertiraati

    Konkolaattota fageenya fagoo imalan

    Madda suuraa, Getty Images

    Yugaandaan yeroo duraaf nama koronaavaayirasiin qabame Bitootessa 21, 2020 argachuu yeroo beeksifte hedduun isaanii konkolaachiftota ta’u isaanii ibsitee turte.

    Ministirri Fayyaa biyyattii Jen Asang Dilbata darbe ibsa kennaniin konkolaachiftoota Sudaan Kibbaa irraa ka’anii Yugaandaa seenan 50 irratti vaayirasichi argamuu himaniiru.

    Kanneen keessaa 10 lamiilee Eertiraa ta’u ibsi ministirri biyyattii kennan eera.

    Kunneen baatii Caamsaa keessa kan qoratamanidha.

    Ibsa har'a ministeerichi baaseen immoo lammilee Eertiraa kanneen vaayirasichi irratti argame keessaa 4 biyyatti isaan deebisuu ibseera.

    Konkolaachiftonni maal jedhu?

    Waggoota 30 darbaniif konkolaachisummaan, waggoota 7 immoo Keeniyaarraa gara Jubaa akkasumas gara Yugaandaa konkolaachisaa kan ture lammiin Eertiraa tokko waan isa mudate akkanaan hima.

    ‘’Kana dura Mombaasaadhaa gara Juubaa imaluun guyyaa shan qofa na jalaa fudhata ture.

    Amma garuu Jubaa irraa gara Naayiroobii seenuuf ji’a tokko na duraa fudhate.’’

    Anatu dursa waliin jechaa konkolaachiftoota gidduu waldhibdeen akka dhalatu hima. Konkolaachisaan biraa Ibraahim Umar jedhamuus:

    ‘’Bakki jirru gammojjii wanta ta’ef nyaatallee argachuu hin danda’amu. Biddeena waan itti argannu ta’eeti malee, imalli yaaddoon kan guutamedha,’’ jedheera.

    Kanaan dura lammiileen Eertiraa UK jiran vaayirasichaan du’an akka jiran gabaafameera.

    Haa ta’u malee, biyya Eertiraatti kanneen kana dura vaayirasichi irratti argame waan bayyanataniif namoonni amma vaayirasichi irra jiru akka hin jirre mootummaan biyyattii ibsuun isaa ni yaadatama.

  13. 'Ogeessa fayyaa warri taatan hinkanffaltan, waraqaa eenyummaa qofa agarsiisaa'

  14. 'Gabaasa sirriitti qulqulleessuun mirkaneeffannee baasnedha'

  15. Mormii ajjeechaa Joorj Filooyid: 'Lubbuun gurraachaas lubbuudha'

  16. Odeeffannoo Covid-19 qooduurraa hin harkifanne jettee Chaayinaan

    Chaayinaa

    Madda suuraa, Rooyitars

    Chaayinaan odeeffannoo Covid-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf (WHO) qoodurratti harkifatteetti himannaa jedhu haalte

    Dubbi Himaan Ministeera dhimma alaa Chaayinaa Zahoo Lijiyaan dubbii dharaati jechuun haalan. ’Harkifannaa guddaan hin turree’ jedhan.

    AP’n akka gabaasetti, biyyattin caaseffama qaccee vaayirasichaa otoo hin gadhiisin torban tokko geesse jedha.

    Ragaalee keessa beekkannoo fi af-gaaffii gaggeeffame wabeeffachuun harkifatteetti jedheera.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu, Chaayinaan caaseffama dhala sanyii vaayirasichaa ‘battalatti’ kennitee jechuun ifatti galateeffateera.

  17. Itoophiyaatti weerarri covid-19 ‘dhibbantaa 310'n dabale’

    Itoophiyaan saffisa namoonni koronaavaayirasiin qabaman iittiin dabalaa jiruun yaadda’uu beeksiifte.

    Koreen ministirootaa tarkaanfii to’annoo Covid-19 hogganu kaleessa walgahii godhateen akka ibsetti, lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii guyyoota 15 darban keessa dhibbantaa 310'n guddateera.

    Biyyattii keessatti ammatti namoota 1,344 vaayirasichaan qabamuun isaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, namoonni 217 bayyanataniiru.

    Haa ta’u malee, namoonni 14 dhibee kanaan lubbunsaanii darbeera.

    Haaluma kanaanis aanga’oonni galma walgahii Barkumee magaalaa Finfinneetti argamu gara hospitaala yeroo dhukkubsattoonni Covid-19 itti wal'aanaman kan jijjiiran yoo ta’u, kaleessarraa eegalees dhukkubsattoota keessummeessuu eegaluun barameera.

    Hospitaalli dirree kunis siree 1, 040 qabachuu kan qabu yoo ta’u, isaan keessa 40 dhukkubsattoota wal'aansa cimaa barbaadan (ICU) kan ooluudha.

    • Weerara Covid-19 ofirraa qolachuuf qophiin Itoophiyaa hanga ammaa akkami?
  18. Doktorri Chaayinaa Covid-19 yaaluun beekamu du’uun lammiilee gaddisiise

  19. Ameerikaan lammiileen ishii Taanzaaniyaa jiran akka manaa hin baane dhaamte

    Dar es Salaam

    Madda suuraa, Rooyitars

    Imbaasiin Ameerikaa weerara vaayirasiin Dar es Salaam keessatti akka hammaatu kana dura akeekkachisuus, ragaa kana mirkaneessuu hin dhiyeessine

    Dhaabbileen fayyaa biyyattii sababii rakkina vaayirasichi uumeen muddama keessa seenuu ibseera.

    Akeekkachiisni imbaasichi baase lammiileen Ameerikaa manasaanii akka turaniifi iddoo namni walitti qabamurraa akka fagaatan gorsa.

    Ministeerri dhimmaa alaa Taanzaaniyaa bakka bu’aa Ambaasaaddara Ameerikaa waamanii erga dubbisanii guyyaa tokko booda imbaasichi gorsa kana baase.

    Ibsa ministeerichi marii qondaala Ameerikaa booda baasen gorsi imbaasichi baasu odeeffannoo sobaa akka qabuufi ummata yaaddoo keessa seensisaa akka jiru ibsee ture.

    Ameerikaan ji'a tokko duras akeekkachisa walfakkaatuu baasuutu yaadatama.

    Gaafa Wiixataa, Ministirri Fayyaa biyyattii Uumi Miwaalimu hospitaalaa magaalaa Daar es Salaam keessa dhukkubsattoota koronaavaayirasii afur qofatu jira jedhanii ture.

    Gaafa Wiixata dheengaddaas manneen barnootaa banamaniiru.

  20. Kaameroonitti manneen barnoota banamnaan weerarri vaayirasii dabale

    Barattoonni barnootasaanii goolabuuf jiran Waxabajjii 1 barnootatti deebi'an

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Barattoonni barnootasaanii goolabuuf jiran Waxabajjii 1 barnootatti deebi'an

    Waxabajjii 1 biyyatti keessatti manneen barnoota cufamanii turan deebi'anii banamnaan namoonni haaraa vaayirasiin qabamaniis dabalaa jira

    Wiixata namoonni 254 vaayirasichaan qabaman yeroo argaman, Kibxata immoo namoota 188 haaraa Covid-19'tu qabame.

    Barattoonni barnootatti deebi'an amma meetira tokko walirraa hiiqanii taa’u, maaskii keewwachuun, alkoolii harkatti naqan daree hundaaf qooduu fi daree barnoota qulqulleessuun tarkaanfii of eeggannoo fudhatamedha.

    Barsiisonni weerarri vaayirasichaa dabaluu yaaddoo qabaachuu himatan garuu qondaltota Waajjira Barnootaa biyyattin dorsifamaniiru.

    Kameeroonitti namoonni 6,585 vaayirasichaan qabaman keessa 200 du’aniiru.