lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Gamtaan Afriikaa namoota miiliyoona 10 qorachuuf

Madda suuraa, EPA
Gamtaan Afriikaa (AU) namoota ardicha keessa jiran miiliyoona 10’f qorannoo koronaavaayiras taasisuufi.
Karoorri kunis ji’oota lamaa hamma sadiitti namoota miiliyoona 10’f qorannoo ni taasisa jedha.
Hamma ammaatti ardicha keessatti namoonni 160,000 vaayirasichaan yoo qabaman namoonni 4,600 du’aniiru.
Ogeeyyiin hedduun garuu sababa hanqinna dandeettii qorachuutiin namoonni vaayirasichaan qabaman adda baasuun rakkisaa ta’uu danda’a jedhu.
Jiddu galli To’annoo Dhibee fi Ittisa Afriikaa hamma ammaatti namoonni miiliyoona 2.4 qorannoo taasisaniiru jedha.
Torbeewwan itti aananitti lakkoofsa kana dacha sadihiitiin dabaluu barbaada. Kana jechuun Afriikaanonni %1 ta’an qoratamaniiru jechuudha.
Kunis haala koronaavaayiras Afriikaa keessa jiru ifa taasisa.
Sababa hanqinna meeshaalee qorannoorraa kan ka’e dandeettiin qorannoo biyyoota muraasaa gad bu’aadha.
Tarkaanfii AU’n amma fudhatamu kun biyyoonni Afriikaa hundi meeshaalee qorannoo wal fakkaataa akka argatan godha.
Karoorri kunis leenjii ogeeyyii fayyaa 100,000 fi namoota dhukkubsattoota Covid-19 hordofan miiliyoona tokko of keessatti qabata.
Libaanos hojjatoota manaa Itoophiyaa bakkeetti hafaniif dahoo kennuufi

Madda suuraa, Qoonistilaa Itoophiyaa Libaanos
Ministeerri Hojjetaa Libaanos hojjatoota manaa lammilee Itoophiyaa hojjachiiftoota isaaniin kaffaltiin osoo hin kennaminiif bakkeetti hafaniif da’oo akka kennu beeksiseera.
Jalqabaratti dubartoonni lammi Itoophiyaa 35 ta’an Beerutittii Qoonistilaa Itoophiyaa fulduraa erga qubatanii booda hawaasni gadda isaa waan ibseef aanga’ootni Libaanoon hoteela akka turaniif haala mijeesseera.
Garuu akka dinagdeen Libaanos kufaa deemeen lammileen Itoophiyaa hedduu imbaasii fulduraa buufachuu eegalaniiru.
Anga’oonni namoota isaan qacaranii turan irratti tarkaanfii akka fudhatan waadaa seenaniiru.
Torban darbe mootummaan Itoophiyaa lammiilee 600 ol ta'an baasii isaanii danda'e marsaa lamaan biyyatti deebisee ture.
Libaanoon keessa hojjatoota manaa nuusa miiliyoonaa jiran keessaa harki caalan lammiilee Itoophiyaadha.
Gabaasni Aminastii garaa nun geenye jedhan Paartiifi Koreen saba Qimaant
Mormii adeemsifamaa jiru jijjiirama fiduuf oolchuun barbaachisaadha jedhan Obaamaan

Madda suuraa, Baraak Obaamaa
Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Baraak Obaamaan mormii tibba kana dhalate jijjiirama fiduuf oolchuun barbaachisaadha jedhan.
Ajjeechaa Joorji Filooyidiin duuba yeroo duraatiif gama viidiyoon yaada kennaniin jireenya isaanii keessatti hiriirri tibba kanaa isa guddaa ta'uu himanii, carraa kana rakkoo hawaasa keessa jiru ijoo hiikuuf akka itti fayyadaman lammiilee Ameerikaaf waamicha taasisan.
''Yeroo hedduu jeequmsi akka kanaa kanneen isin tajaajilaaniifi balaarra isin eegu jedhamaniin raawwatamaa'' jedhan Obaamaan.
''Akka isin beektan kaniin barbaadu isin akka waayee baaftaniidha. Lubbuun keessan akka waayee baasu, abjuun keessan akka waayee baasudha.''
''Ilaalcharratti jijjiiramni ta'aa jira, waan gaarii akka hojjennuu beekamtii guddaadha'' jechuunis mormiin tibba kanaa bu'aa buusaa akka jiru himan.
Obaamaan haala qabiinsa mormii kanaa Doonaald Tiraamp irratti kallattiin yaada kennuu baataniis Kantiibonni imaammata isaanii humna fayyadamuu keessa deebi'anii akka ilaalan gaafataniiru.
Obaaman eda galgala ogeeyyii, aktivistootaafi namoota siyaasa biroo affeeruun dhimma deemaa jiru irratti viidiyoon marii taasisaniiru.
'Abrahaam Liinkanitti aansee guraachotaaf oolmaa guddaa kan oole ana'
Lixa Oromiyaatti namootni 48 ajjeechaaf saamicharratti bobba'an qabamuun ibsame

Madda suuraa, Kominikeeshinii Oromiyaa
Humnoota Lixa Oromiyaafi iddoowwan garaagaraatti yakka ajeechaafi saamicharratti boba'an 48 to'annoo jala oolchuu Komishiinin Poolisii Oromiyaa beeksise.
Badiiwwaan Godinaa Qeellaam , Naqamte fi Magaalaa Burraayyutti raawwatamaa tureen kanneen ajajuufi abbummaan raawwachaa turan too'annoo jala oolchuu miidiyaaleef ibsa kan kennan hoogganaan damee qorannoo yakkaafi I/A Komishiinaraa Komishinii Poolisii Oromiyaa Girmaa Galaan dubbataniiru.
Kanneen to'annoo jala oolaan yakka ajjeechaafi saamichaa raawwachuu isaanii amanuus dubbataniiru.
Maqaa ABO Shaneetin Lixa Oromiyaa, Qeellam keessattii namoonni 212 kan miidhaman yoo ta' Magaalaa Sayyoo keessattis namoonni 114 humna kanaan ajeefamuu ibsaniiru jechuun Biiroo Kominikeeshiinii Naannoo Oromiyaatu fuula fb isaarratti barreesse.
Mootummaan Giinii heera dogoggoraa maxxansuun himatame

Madda suuraa, Getty Images
Ogeessoti Giinii heeraa Bitooteessa 22 raggasifamee osoo hin taane kan biraatu maxxanfame jechuun mootummaa himataniiru.
Waldaan Ogeessota Seeraa Giinii heeraa isa dura qophaa’erratti keeyyatooti geeddaramaan ykn bakka buufaman akka jiran ibsaniiru.
Hogganaan paartii mormituu Selowuu Dalin Diyaalo akka RFI’tti himanitti gochi kun seera kan cabsudha jedhaniiru,
Paartiin Pireezdaant Alfaa Koondee garuu heera irratti geddaramsi uumame hin jiru jedha.
Ministeerri haqaa biyyatti himannaa kana booda ibsa kennuuf midiyaalee affeereera.
Jijjiirama heera kanaratti taasifaman keessa tokkoo Pireezdaant Kondeen marsaa sadaffaaf akka filatamuu danda’an kan deeggarudha.
Tarkiin balalii idil addunyaa itti fufuuf jirti

Madda suuraa, Getty Images
Tarkiin balalii gara biyyoota 40 taasiftu ji’a kanarraa deebitee jalqabuufi. Biyyoota 15 waliinis walii galtee jijjiiramuu danda’u irra geetteetti.
Jarman, Iswiizarlaand, Kooriyaa Kibbaa fi Qaataar biyyoota balaliin itti taasifamaniidha.
Balaliin biyya keessaa Waxabajjii 1 irraa hojiitti deebi’eera. Biyyattii balalii idil addunyaa gara biyyoota 92 taasifti.
Itoophiyaatti namootni haaraan 150 Covid-19’n qabaman

Sa’aatii 24 darban keessatti saamuda namoota 5,141qoratame keessaa namootni150 Covid-19’n qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Kuniis lakkoofsa namoota hanga ammaatti qabamanii 1,636’n gaheera.
Qorannoo kanaan kanneen vaayirasichi keessaatti argame keessaa dhiirri 94 dubartiin ammoo 56.
Umriidhaan yoo kaahamu3-72 gidduu jiru.
Namoota kana keessaa sadii lammiilee biyya alaati.
Namoota haaraa qabaman kana keessaa 123 Finfinnee, lama naannoo Oromiyaa, 13 naannoo Amaaraa, jaha naannoo Somaalee, tokko naannoo Affaar irraa, lama ammoo naannoo Tigraay irraayi.
Namni haaraan tokkos lubbuu dhabee jira. Kanaaniis lakkoofsi waliigalaa namoota hanga ammaa du'anii 18 ta'eera.
Miseensi paarlamaa Covid-19'n qabamnaan paarlaamaan Israa’el dalagaa dhaabe

Madda suuraa, AF
Miseensi paarlamaa Israa'el Saamii Abuu Shahaadehi hojii baayee barbaadamu yoo ta’eef malee iddoo hojii akka hin dhaqne itti himame ture.
Konkolaachisaan isaa vaayirasichaan qabamnaan guyyaa lama booda innis addatti ofbaase.
Miseensi paarlaamaa kun vaayirasichaan qabamusaa beeknaan, ani torban lamaan darbe namoota kumaatamatti lakka’aman tuttuqeera jedhe midiyaatti hime.
‘Sirna gaddaa, sagantaa maatii fi hiriira gubbaattis hirmaadheera’ jechuusaa Taayimsi of Israa'el gabaasera.
Sambata darbe wayita sirna gaddaa lammii Paalastaayin poolisiin rasaasaan ajjeeserratti argamu maaskii akka hin haguugganne suuraan agarsiisu qoodamaa jira.
Obbo Saamii Abuu Shahaadehi, warrii na wajjin tuttuqqaa qabdan addatti of fo’aatii Covid-19’f qoratamaa jechuun toora tiwitarasaarratti boodarra maxxanseera.
Vaayirasichi nu wajjin jira, saffisaa fi hamma guddaan tamsa’uutti jira jechuun barreesse.
Afriikaarraa deemtee US jiraachuun maal fakkaata?
Poolisoonni Keeniyaa yeroo Covid-19 ajjeechaa raawwatan himatamuuf
Dhaabbanni Keeniyaa hojii poolisootaa hordofu, Abbaataayitaa Walabaa Hojii Poolisii Hordofu (IPOA), poolisoota biyyattii lama ajjeechaan himachuuf.
Ibsa baaseen akka eeretti poolisiin tokko yeroo ajaja koronaavaayirasii to’achuuf bahe kabachiisuuf socho’u daa’ima umrii 13 balbala mana isaarra taa’aa jiru ajjeessuun himatama.
Poolisiin biraa immoo hanna to’achuuf yeroo jedhutti barsiisaa ajjeesuun himatama jedhameera.
Erga Keeniyaatti Bitootessa 25 eegalee koronaavaayirasii to’achuuf ajajni darbe as namoonni 15 yeroo ajjeefaman 31 madaa’aniiru jedheera.
Dhaabbatni yeroo hedduu gara jabummaa poolisii himatu kuni gabaasa hedduu hawaasarraa fudhachuu ibseera.
Itoophiyaa keessatti ogeeyyiin fayyaa 49 Covid-19’n qabamaniiru-Ministeera Fayyaa
Boba’aan toonii 20,000 lagatti makamnaan Raashiyaa labsii yeroo muddamaa labsite

Madda suuraa, AFP
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin naannoo Bantii Arkitiikitti boba’aan toonii 20,000 tahu lagatti dhangalaanaan labsii yeroo muddamaa labsan.
Magaalaa Saayibeeriyaa, Nooriilsiik jedhamtutti iddoo annisaa maddisisan keessaa gaafa Jimaataa taankiin jige jennaan rakkoon kun mudate.
Puutiin qondaaltonni naannichaa rakkoon kun erga mudatee guyyaa lama booda baruu isaanitti dheekkamaniiru.
Dhaabbatni annisa oomishuu kan Noorsiik Nikeel jedhamu nikeeliifi polaadiyeemii oomisha.
Walgahii kaleessa taa’ameen Puutiin hogganaa dhaabbatichaa yeroodhaan deebii kennuu dhabuu isaaniif qeeqaniiru.
‘’Dhimma muddama qabu akkasii miidiyaa hawaasummaarra baruu qabnaa,?’’ jechuun dubbatan.
Bulchaan naannichaa dhimma kana miidiyaa hawaasummaarra dhagahuun Puutinitti himaniitu turan. Isaaniis dhimmichi akka qoratamu yoo ajajan hogganaan dhaabbatichaa to’annoo jala oolaniiru.
Dhaabbatichi yeroo dhimmicha gabaasuu qabutti akka gabaase himeera.
Utubaawwan taankii qabanii jiran gadi liqimfamnaan balaan kun qaqqabees jedheeera dhaabbatichi.
Boba’aan dhangala’e kun km12 deemeetu laga Abaaraanaayaa jedhamutti makame. Naannnoo iskuweer kiloomeetirii 350 tahus faalera.
Labsii yeroo muddamaa kanatti humna addaa gara naannichaa erguun hojiin qulqulleessuu hojjetama.
Miseensonni Paarlaamaa Paakistaan koronaavaayirasiin du’an
Gaafa Roobii Paakistaan namoota haaraa 4,772 irratti koronaavaayirasii argachuu ishee gaazexaan ‘Dawn’ jedhamu gabaaseera.
Gaafuma roobii biyyattiin namoota lakkoofsan guddicha ta’e galmeessite kana kanneen seera tuman lama vaayirasichana du’aniiru.
Lama biroo immoo vaayirasichi irratti argameera.
Jalqaba torban kana Ministirri Muummee biyyattii Imraan Kahaan uggura kaasuun sirrii ture jechuun himaniiru.
Akka sababaattis dinagdee miidhuu himan.
Yeroo ammaa biyyattiitti namoonni 83,000 ol vaayirasichaan yoo qabaman 1,688 du’aniiru.
Raayyaan Ittisaa Ameerikaa duraanii Tiraamp balaaleeffatan
Joorj Filooyid koronaavaayirasii qabamee ture
Kan duuni isaa mormiin Ameerikaa sochoose Joorj Filooyid, du’u isaa torban muraasa dura koronaavaayirasiin qabamee ture.
Gabaasni qorannoo reeffaa fuula 20 waajjira qorannoo medikaalaa bulchiinsa Hennepiniin gadhiifame Ebla 03 koronaavaayirasiin qabamee akka ture agarsiisa.
Ta’us, yeroo du’a isaa mallattoo hin agarsiisne ture jedhameera.
Kanneen qorannoo reeffaa kanaa gaggeessan keessaa tokko kan ta’an Dr Mikaa’el Baaden Niiw Yoork Taayimsitti akka himanitti qondaaltonni bulchiinsichaa vaayirasichi akka irra jiru itti himne jedhan.
Silaa of eeggannoon taasifamuu qabu ni taasifama ture jechuun dubbataniiru.
Yeroo kana xiyyaaraan imaluun hangam yaaddessaadha?
Qoricha Donaald Tiraamp jajaa turan qorannoon shakkii irratti arge

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon kutaa medikaalaa Yunvarsiitii Minesotaatti taasifame Haayidirookilorokiinin namoota dhukkubsattoota vaayirasichi irratti argametti saaxilaman vaayirasicharraa baraaruu akka hin dandeenye hubachiseera.
Qorannoo kana irratti kan hirmaatan 821 dha.
Bu’aan qorannoo kanaa barruu ‘New England Journal of Medicine’ jedhamu irratti maxxanfameera.
Qorannoo kana kan hogganan Dr Deevid R Boolwer ‘’Nama Covid-19 qabutti yoo saaxilamte haayidirookilorokiinin waan vaayirasicharraa si ittisu miti,’’ jedhaniiru jechuun Niw Yoork Taayims gabaaseera.
Qorichi busaa fayyisuuf oolu kuni pirezidantii Ameerikaan leellifamaa ture. Ofii isaaniyyuu liqimsaa akka turan himuun isaanii ni yaadatama.
