lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Galmeen yakkaa lammiilee Ameerikaa adiifi gurraachaa yeroo walbira qabamu

  2. Waraanni Sudaan namoonni akka walitti hin qabamne dhorke

    Hiriira bara darbe magaalaa Kaartumi bahamerratti namoonni hedduun ajjeefaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira bara darbe magaalaa Kaartumi bahamerratti namoonni hedduun ajjeefaman

    Waggaa har’aa kana namoonni 100 ol waraanni biyyatti hiriirtota bittimsuutti ajjeefaman.

    Iddoo namoonni waggaa tokko dura mootummaan ce’uumsa akka hunda’u hiriira bahanii gaafachutti ajjeefamanitti namoonni yaadannoof akka walitti hin qabamne waraanni biyyattii dhorkeera.

    Waraanni Sudaan karaa waajirasaani muummee magaalaa Kaartumitti geessutti namoonni akka hin qaxxamurreef shiboo fi konkiriitiidhan karaa cufan.

    Pirezedantii Omar Hasan al-Bashiir ji’a Caamsaa bara darbee aangoorra fonqolchamutu yaadatama.

  3. Mana murtii Afrikaa Kibbaa: ‘Dambiin labsii muddamaa heeraan ala’

    Afrikaa Kibbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni murtii biyyatti akka jedhutti, weeerara koronaavaayirasii to’achuuf dambiiwwan mootummaan hojiitti hiike ‘heera biyyattin heeran alaa fi gatiin kan hin qabnedha.’

    Dambiileen bahan amma tamsa’ina vaayirasichaa hir’isuuf kan kaayyeefate miti jedheera.

    Mootummaan irra deebi’ee akka dambiiwwan kana ilaaluuf manni murtichaa murtoo otoo hin kennine guyyoota 14'tti beellamee jira.

    Gartuun Neetworkii birmadummaaf falmu Liberty Fighters Network tarkaanfii bulchiinsa mootummaa Siiril Ramafoosaarratti himannaa baneera.

    Afrikaan kibbaa biyyoota weerara dhibee to’achuuf dambiiwwan cimaa baasan keessa tokkodha.

    Dhugaatiin alkoolii ji’oota lamaan darban akka hin gurguramne dhorkamee ture.

    Dambiin yeroo muddamaa laafuusaatiin torban kana keessa gurguramuu eegaleera.

    Balaliin xiyyaaraa idilaa addunyaa, kutaalee biyyattii tokkoorraa kaanitti qaxxamuruun dhorkaa ture.

    Ardii Afrikaa keessa biyya weerarri hunda caalaa itti hammaate yoo taatu, namoonni 30,000 vaayirasichaan qabaman keessaa 700 du’aniiru.

  4. UK’n jiraattota Hong Koongiif lammummaa kennuufi

    Paaspoortii UK

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Paaspoortii UK

    UK’n seera Chaayinaan baastu ilaaleen seera godaantotaa lammiilee Hoong Koongiif nan jijjiira jette.

    Biriiteen seera godaantotaa geeddaruun uummata Hoong Koong miiliyoonaan lakkaawwamaniif lammummaa argachuu’ akka jalqaban gochuuf jirti.

    Kuni kan tahu yoo Chaayinaan seera haaraa bilisummaa lammiilee kanaa daangessu yoo baasteefi jedhan ministirri mummee UK Booriis Jonsan.

    ''UK’n Hoong Koong deeggaruun alatti filannoo hin qabdus,'' jedhaniiru.

    Chaayinaan seera haaraa baasuuf karoorsite irratti akka malee qeeqamaati jirti.

    Jiraattonni Hoong Koong baayyeen seerri kun bilisummaa isaanii lammiilee Chaayinaarraa addatti qaban ni hambisa jedhaniitu yaadda’u.

    UK’n yoo Chaayinaan seericha dabarsite maal gochuun akka danda’amu Ameerikaa fi Awustiraaliyaa waliin mari’achaa jirti.

    Booriis Jonsan yoo Chaayinaan seericha dabarsite jiraattonni Hoong Koong paasportii Biriitiish qaban baatii 12f viizaa malee akka UK galan eeyyama argatu jedhan.Ammaaf immoo baatii jahaaf dhufanii turuu danda’u jedhaniiru.

    Jiraattonni Hoong Koong 350,000 tahan lammummaa Biriiteen kan UK’n alatti kennamu qabu. Kan miiliyoona 2.6 tahan immoo argachuuf ulaagaa guutu.

    Hoong Koong kolonii Biriitiish jala turte. Bara 1997tti dha Biriiteen Chaayinaaf kan dabarsitee kenniteen.

    Yeroo bulchiinsa Hoong Koong kana wal harkaa fuudhan akka isheen bilisummaa addaa qabaattuuf waliigalteedhaani.Kunimmoo seera bu’uuraa jedhamuun ragga’eera.

    Lammiileen Hoong Koong otoo Chaayinaan Biriiteen irraa hin fudhatiin dura dhalatan hundi lammummaa Biriiteen UK’n alatti kennamu argataniiru.

    Kunis eegumsa UK irraa akka argatan taasisaan malee Biriiteenitti akka hojjetaniifi jiraatan hin hayyamu.

    Miseensonni Paarlaamaa Kaanaadaa,Awustiraaliyaa fi Niiw Ziilaand Mootummoonni Gamtoomanii bakka bu’aa addaa filachuun Hoong Koongitti ergee seerichi mirga namoomaa sarba yoo taheef haa hordofuu jedhan.

    Hoggantoonni dhimma alaa UK duraanii Booriis dhimma kanarratti deebii kennuuf biyyoota addunyaarraa tumsa akka gaafatan gorsaniiru.

  5. 'Dhibee hamaa biraa qabaadhus dhibee Covid-19 irraa bayyanadheera'

  6. Ikuwaatoriyaal Giiniin ‘qondaala WHO akka bahan ajajje’

    Ikuwaatoriyaal Giiniin bakka bu’aa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) biyyaa akka bahan ajajuu AFP’n Ministeera Dhimma Alaafi Eejansii Fayyaa UN waabeffachuun gabaaseera.

    ''Bakka bu’aa isaanii waliin malee WHO waliin waldhabdee hin qabnu,’’ jechuun MM Paaskuwaal Obaamaa Asuwe tamsaasa TV biyyattii irratti yeroo darbe yeroo dubbatan dhagahameera.

    Maddi waajjira UN magaalaa Maalaaboo jiru: ‘’Mootummaan akka isheen deemtu gaafateera. Dokimantii ishee arganneerra. Lakkoofsa dhukkubsattoota Covid-19 sobuun himatamte,’’ jechuun AFP’tti himan.

    Bakka buutuun WHO Ikuwaatoriyaal Giinii Tirifoone Nikurunziizaa yeroo ammaa balaliin xiyyaaraa waan hin jirreef achuma magaalaa Maalaaboo jiru.

    Gabaasichi lakkoofsi mootummaan ibseefi kan dhaabbatichi ibse tokko akka ta’e eereera.

  7. Maark Zukarbarg maxxansa Tiraamp Feesbuukiirraa balleessuu dhabuun komatame

    Mark Zukarbarg

    Madda suuraa, Getty Images

    Joorji Filooyid poolisiin ajjeefamuun walqabatee mormiin babal’achuu Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp toora tiwitarasaaniirratti maxxansan tiwitarri dhokseera.

    ‘’Jeequmsa olqabee dhaadhesse’’ jechuun torban darbe keessa dhokse.

    Miidiyaan hawaasa guddichi Fesbuukiin garuu maxxansa Tiraamp hin dhoksiin hafe jechuun gartuun hoggantoota mirgoota sivilii mufiisaanii ibsan.

    Tiraamp maxxansa isaanii keessatti ‘’Wayita saamichi eegalamu itti dhukaasuun eegalama’’ jechuun, itti dabalanii eegdota biyyaleessaan itti bobbaasuuf akeekkachisa barreessan.

    Maxxansi kun toora tiwitaraa gubbaatti maqfamuun Waayit Haawus fi kaampaanicha gidduutti falmii uumee ture.

    Hundeessaan Fesbuukii Maark Zukarbarg garuu jecha Tiraamp maxxansanitti waliigaluu dhabus, namoonni ofiisaanitiif dhimmanii arguu qabu’ jedhe maxxansa kana dhoksu dide.

    Hojjattoonni kaampanii Feesbuukii barreeffamni Tiraamp haqamuu dhabuusaatti kaampanichatti mufachuu himaaniiru.

    Hoggaantoonni mirgoota siivilii garuu dhoksuu dhabutti mufachuu ibsan.

    Barreeffamni Tiraamp maxxansan otoo hin dhokatiin akka turu eyyamuu ilaalchisee yaada Mark Zukarbarg kennetti mufachuu himaniiru.

    Namoota Fesbuukiirratti waan hamaa maxxansaniif ta’iin hamaan akkasii ka’uumsa ta’aafi jedhanii qeeqan.

  8. Qondaaltonni poolisiifi waraanni mormitoota waliin jilbeeffatan

    Miseensonni waraanaa mormitoota waliin Los Anjalasitti yeroo jilbeeffatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni waraanaa mormitoota waliin Los Anjalasitti yeroo jilbeeffatan

    Magaalota Yunaayitid Isteet muraasatti qondaaltonni poolisii fi miseensonni waraanaa kanneen ajjeechaa Joorj Filooyid mormuuf daanditti bahan waliin jilbeeffataniiru.

    Magaalli tokko kuni itti raawwate Los Anjalasidha. Yeroo miseensonni waraanaa jilbeenfatan mirmitoonni gammachuun simataniiru.

    Jilbeeffachuun ala waliin akka deemanis mormitoonni miseensota waraanaa gaafachuun isaanii gabaafamus bakkicha akka turuu qaban ibsuu isaanitu himame.

    Qondaaltonni poolisii Atilaantaatti yeroo jilbeeffatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltonni poolisii Atilaantaatti yeroo jilbeeffatan
  9. Taaksii barsiisotaa fi poolisoota tola keessummeessu

  10. Weerara Covid-19 ofirraa qolachuuf qophiin Itoophiyaa hanga ammaa akkami?

  11. Taphataan erga hiriira irratti hirmaatee Covid-19'n qabame

    Ameerikaatti taphataan 'raagbii' Amen Ogbongbemiga jedhamu hiriira mormii lammii gurraacha poolisiin ajjeefameef Tulsaa keessatti bahametti erga hirmaateen booda qoratamee koronaavaayirasiin qabamuu ibse.

    Atileetiin kutaa bulchiinsa Oklahomaa kun fuula tiwiitera isaarratti akka jedhetti baay'ee of eeggataa tureera.

    Namoonni hiriira ni bahu taanaanis baay'isaa of eeggadhaa jechuun akeekkachiiseera.

    Hiriira mormii Ameerikaatti namoonni hedduminaan daandiitti bahaa jiraniin weerarri koronaavaayirasii deebiyee hammaachuu mala sodaan jedhus dhaga'amaa jira.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  12. Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?, Tamsaasa kallattii Waxabajjii 03, 2020

    Tamsaasi keenya kallattii taateewwan biyya keessaafi kan alaa gaggabaabsinee akkuma raawwataniin isin biraan geenyu kunoo jalqabeera.

    Aaga Dhaga'aa!

    Piikookii

    Madda suuraa, Getty Images

  13. Arbaa Mincitti dubartiin shakkii Covid-19'n adda baafamte of ajjeefte

    Magaalaa Arbaa Minci

    Madda suuraa, Dooche Veelee

    Naannoo Uummatoota Kibbaa magaala Arbaa Mincitti dubartiin Covid-19'n shakkamtee adda baafamte lubbuu ofii baafte.

    Saamudni ishii qoratamee yoo deebi'u garuu vaayirasicharraa bilisa turte.

    Ajajaan Poolisii magaalichaa Komaandar Daani'eel Araggaa Dooche Veeleetti yoo himan dubartiin ganna 25 Warqinash Dibaabaa jedhamtu, jimaata darbe of ajjeeftee kan argamte safarri ho'a qaamaa godhameefii shakkiin akka adda baatee akka turtu godhamuun duubaa jedhan.

    Guyyaa Jimaataa konkalaataa uummataa namoota 36 fe'atee ture keessatti qorannoo ho'a qaamaa godhamaa tureen kan Warqinash ol ka'ee argamee jedhan.

    Imaltota hunda keessaa isheen yeroo adda baafamtutti miirri nahuufi jeeqamu irratti mul'atee akka tures Komaandar Daani'eel himaniiru.

    Jimaata bulee guyyaa Sabtii kutaa adda baatee keessa bulte keessatti shaarpii uffattee turteen of fannistee argamuu ishees ibsan.

    Warqinash Yunivarsiitii Arbaaminci keessatti adda baasanii tursuuf kutaa qophaaye keessa guyyaa hordoffii ogeeyyiin godhaniin nagaa turtee bariituu duutee argamuu gabaasni isaan qaqqabuu qindeessaan bakka adda baasuun tursuu Qajeelcha Fayyaa Godina Gaamoo Bergennaa Oolamaa waabeffachuun Dooche Veeleen gabaaseera.

  14. Xaaliyaan sochii turiizimii guddisuuf uggura laaffiste

    Dubartii ho'i qaamaa safaramaaru

    Madda suuraa, Getty Images

    Guyyaa har'aarraa jalqabee balaliin naannoo Xaaliyaan keessatti taasifamu hayyamameera. Balaliidhaafis akka asiin duraa sababa dhiheessuuni hin barbaachisu.

    Balaliin biyyoota Gamtaa Awuroppaa irraa fi garas taasifamu, zoonii Schengen fi UK hundi hayyamameera.

    Xaaliyaan keessatti hamma ammaatti namoonni 230,000 vaayirasichaan yoo qabaman namoonni 33,000 du'aniiru. Xaaliyaan biyyoota Awuroppaa koronaavaayirasiidhaan haalan miidhaman keessa ishee tokko.

    Biyyattiitti eega weerarri kun mul'atee as lakkoofsi namoota qabamanii inni gad aanaan galmaa'eera. Diinadgee biyyattii keessaa seektarri turiizimii %13.

  15. Ilhaan Omaar 'jijjiiramni sirnaa atattamaa ni barbaachisa' jette

    Minisootaa bakka bu'uun teessoo Koongireesii dhiyeenya kan mo'atte namni siyaasaa Dimookraatotaa, Ilhaan Omaar, sanyumma US keessa jirurratti jijjiiramni sirnaa atattamaa ni barbaachisaa jette.

    Gurraachoonni biyya kanaa yeroo jalqaba garboofatamanii eegalee, hanga ammaatti namummaan isaanii hin kabajamnee jetti ibsa BBC Newsnight'f kenniteen.

    ''Dadhabneerra, nu dhukkubeera yeroo jennu dhugumatti dadhabneerra nu dhukkubeera jechuu keenya. Guyyaa hundumaa rakkoo kana keessatti of argina. Eenyutu gaggeessa kan jedhu miti dubbiin. Wanti guddaan rifoormii guddaa akkamii fiduu akka feenudha'' jechuunis dubbatte.

    Ilhaan ,ganna 37, haadha ijoollee sadii yoo taatu dubartii jalqabaa dhalootaan Somaaliyaa taate akkasumas kan Afrikaa taatee Kongireesii keessatti teessoo argattedha.

    Dubartoota Musliimaa teessuma Koongireesii argatan muraasa keessaa ishee tokko.

    Ilhaan Omaar

    Madda suuraa, Getty Images

  16. Filooyid Meeyweezar sirna awwalcha Joorji Filooyidiif kaffaluufi

    Filooyid Meeyweeza

    Madda suuraa, Getty Images

    Shaampiyoon ispoortii buunyaa addunyaa kan ture Filooyid Meeyweezar yeroo polisii Miniyaapoliisiin to’annoo jala oolutti kan du’e Joorjii Filooyidiif baasii sirna awwaalchaa isaa kaffaluu akka barbaadu beeksise.

    Poolisiin mormaa isaarra jilbeeffate Deerik yakka ajjeechaan himatameera.

    Gabaasoti US hedduu maatiin Joorjii gargaarsa Meeyweezar dhiyeesse kana akka simatan gabaasaniiru.

    Meeyweezar , ganna 43, sirna awwaalcha bakka dhaloota Joorji Hiwuustanitti, Minnesootaafi Shaarletitti taasifamuuf kaffala.

    Akka gabaasa Hollywood Unlocked’tti maatiin isaa sirna awwaalchaa afuraffaa gochuuf kan yaadan yoo ta’u, sanas Meeyweezar kaffalu barbaada.

    “Kana jechuukoof natti aaruu danda’a garuu, eyyee sirna awwaalchaa kunneenif ni kaffala,” jechuun hogganaan dhabbata beeksiisaa Meeyweezar Liyoonaard Elebree ESPN’tti himeera.

    “Meeyweezar waan akkanaa waggoota 20 darbaniif gochaa tureera,”

  17. Awustraliyaan dogoggoraan dargageessa ‘koronaavayirasiin du’e’ jetteef dhiifama gaaffatte

    Naatan Tarnar

    Madda suuraa, facebook

    Awustiraliyaatti bulchiinsi Kuwiinsilaandi torbe darbee dogoggoraan dargaggeessi ganna 30 koronaavayiirasiin du’e jechuu isaaf maatiisaa dhifama gaafate.

    Neetan Tarnar sababa dhibee fayyaan biroon kan du’ee yoo ta’u, Awustraliyaatti nama Covid-19 du’e isa umuriin tiqqaa jedhamee gabaafamee ture.

    Kun magaala xiqqoo Bilaakwatar keessatti naasuu kan uumee yoo ta’u, namootni hedduun qorannoo akka gaggeessan taasiseera.

    Anga’oonni vaayirasichi hawaasa xiqqaa keessa akkamiin akka seene baruuf carraaqaa turaniiru.

    Amma garuu dogoggoreeti jedhu. Jalqaba Obbo Tarnar du’aa isaa booda koronaavayirasii akka qabu barames, qoronnoon dabalataa taasifame akka inni vaayirasii kana hin qabne mirkanesseera.

    Jiraattonni bu’aan sobaa ykn dogoggoraa kun ‘miidhaa miiraa, xiinsamuufi qaamaa nurra geessiseera’ jechuun komii dhiyeessaniiru.

    Anga’oonni bulchiinsichaa jalqaba irratti argamee ture jechuun gochaa isaaniif falmanis, maatii Obbo Tarnariin garuu dhiifama gaafataniiru.

    Bu’aan kun Awustraaliyaatti lakkoofsa namoota vaayirasichaan du’ani 102tti gadi deebiseera.

  18. Meeksikootti lakkoofsi namoota Covid-19'n du'anii 10,000 ol ta'e

    Meeksikootti suuqiiwwan banamaa jiru

    Madda suuraa, AFP

    Biyya Ameerikaa Kibbaa kan taate Meeksikootti lakkoofsi namoota Covid-19'n du'anii 10,000 ol ta'uu Ministeerri Fayyaa biyyattii hime.

    Mootummaan ibsa namoota hanga ammaa du'anii yeroo baasu kanatti faallaa kanaatiin ammoo dhorkaawwan tamsa'ina Vaayirasichaa to'achuuf bahan kaasuunis dhagaahameera.

    Akka gabaasni qaamolee mootummaarraa bahu mul'isutti hanga Wiixata kaleessaatti kanneen vaayirasichaan qabaman 93,000 oli.

    Wiixata qofa namootni haaraan vaayirasii kanaan qabamuun mirkanaa'e 2,771, kan lubbuu dhaban ammoo 237.

    Lakkoofsi kun ammoo Meeksikoo biyyoota Laatiin Ameerikaa vaayirasii kanaan haalaan miidhaman keessaa afraffaarra ishee kaaha.

    Tokkoffaan Biraazil lammaffaan Peeruu sadaffaan ammoo Chiiliidha.

    Erga Vaayirsichi Awurooppaa fi Ameerikaatti balaa giddaa geessisee amma balaan isaa biyyoota Laatiin Ameerikaatti ce'uu Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa ibsee ture.

  19. Dhaabbileen TV fi Raadiyoo ‘Kibxata Gurraacha’ jechuun Filooyid yaadataa jiru, Dhaabbileen TV fi Raadiyoo ‘Kibxata Gurraacha’ jechuun yaadataa jiru

    Dhaabbileen TV fi Raadiyoo du’a Joorji Filooyid yaadachuuf jecha sagantaalee isaanii gara ‘Blackout Tuesday’(Kibxata Gurraacha) jedhutti geeddaraniiru.

    Raadiyoon BBC 1Xtra jedhamu sagantaa mariifi falmii walitti fufaa hawaasa gurraacha deeggaru,filannoo sirbaa eenyummaa fi sabonummaa gurraachaa agarsiisu waliin jalqabeera.

    Yaada ‘Kibxata Gurraacha’ jedhu kana deeggaruuf sirbitoonni beekamoon yeroo muraasaaf callisa keessa turuun yaadataniiru.

    MTV’n daqiiqaa saddeetiif callisa keessa turu beeksiseera kunimmoo isa poolisiin Joorj Filooyid irratti daqiiqaa saddeetiif jilbeeffatee ture yaadachuuf jecha dha.

    Tajaajilawwan BBC 1 fi BBC 2 jedhaman immoo yeroo yaadannoo ni jiraata. Buufataalee beeksisaa Kiis,Maajik,Absuulut Reediyoo jedhaman miidiyaalee hawaasummaa isaani irratti,’’sanyummaa gama kamiyyuu akka hin fudhanne ni agariisu.

  20. Magaalota Ameerikaa 43 keessatti namootni 7,200 ol hidhaman

    Magaalota Ameerikaa 43 keessatti namoonni 7,200 ol hidhaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Jimaataarraa amma Dilbataatti Ameerikatti namoonni 7,200 ol ta’an hidhaman.

    Namoonni hidhaman tarkaanfii humnaa poolisoonni gurraachota Ameerikaarratti fudhatan mormuuf magaalota biyyatti erga walgahee boodadha.

    CBC'n akka jedhutti namoonni kun saamicha, qabeenyatti ibidda qabsiisuu fi jeequmsa uumuu fi yakkoota birootiin himataman.

    Mormiin jalqaba karaa nagaatiin eegalame boodarra gara jeequmsaa fi saamiichaatti geddarame.

    Mormitoonni magaalota akka Waashingten D.C,Los Aanjilas, Saanfiraansiskoo fi kanneen biroottis poolisootaa wajjin walitti bu’aniiru.

    Poolisonni hiriira mormii bittimsuuf gaazii imimmaansituu gadhiisan humna guddaa fayyadaman jedhamanii himatamaniis jiru.