lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namootni haaraan 87 Covid-19n qabaman

    Haala Covid-19 Ethiopia

    Qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa namoota 3,932 taasifameen namoota 87 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Gama kaaniin gabaasa har'a bahe kanaan jiraattonni Finfinnee lama: kan ganni 30 fi 56 lubbuun darbee jira.

    Akka ibsi bahe agarsiisutti namoonni lubbuun dhaban kunniin, du'anii qorannoo reeffaaf wayita hospitaalatti dhufanitti samuuda fudhatameen vaayirasichaaf poozatiiva tahaniiru.

    Kanumaanis biyyattiitti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 14 gaheera.

    Namoota vaayirasichi irratti argame keessaa 28 gara biyya alaatti imalanii kan turan yoo ta’u 18 ammoo warra nama duraan vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa kan qabanidha.

    Kan hafan 41 hariiroon nama qabamee waliin qaban adda hin bane.

    Namootni qabaman 59 dhiira, 28 ammoo dhalaa yoo ta’an umuriin isaanii ganna 10-70 jidduu jira jedhame.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa vaayirasichaan qabamanii 1344 gaheera.

    Gama kaaniin namoonni vaayirasicharraa dandamatanii 14 jiru - walumaagalatti namni dandamate 231 gaheera.

    Kanneen haaraa qabaman keessaa 67 Finfiinneerraa,torba naannoo Amaaraa irraa, jaha Oromiyaarraa, afur Naannoo Somaaleerraa, lama Tigraay akkasumas namni tokko naannoo Hararii irraayi.

  2. Gamtaan Awurooppaa ajjeechaan Filooyid balaalefate, Gamtaan Awurooppaa ajjeechaan Filooyid balaalefate

    Gamtaa Awurooppaatti bakka bu’aan olaanaa Haajaa Alaa Jooseep Baaral uummatni Awurooppaa du’a Joorji Filooyidan rifataniiru jedhan.

    Baaral haasaa Biraaselsitti taasisaniin ‘’biyyattiin namooti warra kaaniin eeguuf bobba’an aangoo isaanii akka kanaatti akka hin fayyadamne mirkaneessuu qabdi,duuti Joorji Filooyid kan baayyee nama gaddisiisu dha,’’ jedhaniiru.

    ‘’Kuni aangoo akka malee fayyadamuu dha, Ameerikaa fi iddoo hundatti dhaabbachuu qaba,’’ jedhan.

    ‘’Lammiileen Ameerikaa tokkummaa uumuun dhimma kanaaf furmaata akka kennan abdii qabna,s’’ jedhaniiru.

    ‘’Kana akkan jedhu naaf eeyyamaa lubbuun nama hundaa gatii qaba.Kan waarra gurraachaas.

  3. Dursaan poolisii Los Anjalas dubbii dubbateef dhiifama gaafate

    Dursaa Poolisii Kutaa Biyyaa Los Anjalas kan ta’e Mikaa’el Moor gocha hannaa raawwatameefi yakka ajjeechaa qondaaltoota Joorji Filooyid keessatti hirmaatan wal madaalchisuu isaatiif dhiifama gaafate.

    Qondaalli duree kun Wiixata wayita gaazexeessitootatti dubbatetti, ‘‘Namoota du’a nama Joorjii Filooyiditti gaddaa jiru hinqabnu.Namoota carraa kanatti fayyadaman malee,’’ jedhee ture.

    Itti dabaluunis, ‘‘Du’uuti Joorjis akkuma harka qondaaltootaarratti ta’een harka isaaniirras jira…Alkan darbe namoota morman osoo hintaanee gocha yakkaatu nu mudatee ture,’’ jedhe ture.

    Jechi isa kunis battalumatti mormii kaasuun hedduunis akka aangoorraa buu’uuf gaafataa jiru.

    Mikaa'el Moor garuu booda keessa yaada isaa fooyyeessuun, ‘‘dogngoreen dubbadhe,’’ jechuun tiwitirarratti maxxanse.

    Harra ammoo, ‘‘Wayitan battalatti of sirreesseetti jechi kiyya jalqabaa baayyee balleessaa ta’uu hunbadheera.

    Hanni balleessaadha garuu ajjeechaa waliin waliin hin qixxaatu. Lamaan wal qixxeessuu kiyya miti,’’ jedheera.

    Kanaafuu, ‘’amala kiyya kanatti baayyee gaabbuun gad of qabeen dhiifama gaafadha,’’ jedheera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  4. Indonezhiyaan imala Hajji haqxe

    Indonezhiyaan imala Haajii haqxe

    Madda suuraa, Rooyitars

    Indonezhiyaan biyyaa muslimoonni itti heddumatani yoo taatu,namoota kuma dhibbaan lakkaa’amanitu gara Sa’ud Arabiyaa iddoo muslimoota biraatti qulqulluudha jedhamee amanamu Makkaa fi Madinaatti imala ture.

    Weerara vaayirasii sodaachuun garuu barana imalli Hajji haqameera.

    Sa’udi Arabiyaanis imalli Haajii fi Umraah amma hubachiisni biraa kennamutti yeroof akka tursiifamu beeksifteetti.

    Indonezhiyaan garuu imalli kun otoo eeyyamames qopha’uuf yeroo hin argattu jedhan midiyaaleen biyyatti.

    Barana Indonezhiyaarraa namoonni 200,000 ol imala amantiif taasifamu kanarratti hirmaachuuf eegaa turan hafaniiru.

    Ministirri dhimmoota amantii biyyatti Fachrul Raazii murtoon kun jabduu fi namoota hedduu kan aarsuudha jedhani dubbatan.

    Biyyatti keessatti namoonni 1,600 koronaavaayirasichaa du’uutu gabaafame

  5. Qorichoota Covid-19 fayyisan argachuudhaaf maaltu hojjetamaa jiraa?

    Addunyaarratti namoonni 350,000 ol dhibee Covid-19n lubbuun isaanii darbeera.

    Haata'u malee, hanga ammaatti qorichi doktoroonni ittiin dhibee kana fayyisan mirkanaa'eeru hin jiru.

    Guutummaa addunyaa irratti akaakuuwwan qorichoota 150 ol ta'an irratti qorannoowwan gaggeeffamaa jiru.

    Hedduun isaanii ammoo qorichoota kanan dura vaayirasiitiif yaalamaa turanidha.

    Haata'u malee, guutummaa addunyaarratti hojiin qorichaafi talaallii dhibee kanaaf fala ta'u barbaaduun saffisaafi baayyinaan itti fufee jira.

    Kanaaf, qorichoota lubbuu oolchu jedhamanii addunyaan eeggachaa jirtu kana argachuutti hangam dhiyaanneerraa?

  6. Bu'aan qorannoo reeffa Joorj Filooyid eegamaa ture ifa ta'e

  7. Poolisiin abbootii qabeenyaa gur'aachoota ta'an dogongoraan saamtoota jechuun qabe

    Ameerikaa kutaa biyyaa Loos Anjalasiitti qondaaltoonni poolisii abbootii qabeenyaa gur'aacha ta'an daldalachaa turan warra hiriira mormiin qabatee saamaa jiran se'uun to'annaa oolchan.

    Viidiyoon yeroo poolisoonni abbootii qabeenyaa akka saamtotaatti shakkamuun poolisiin to'atee cancala harkatti kaa'u agarsiisu tokko hedduu qoodamaa ture.

    Gabaasni Fox 11 kan Loos Anjalas akka jedhetti, poolisiin garee saamtoota jedhamaniifi ollaa Vaan Nuysi jiraataniitti xiyyeefateera.

    Haata’u malee, qondaaltoonni poolisii namoota daldala isaanii saamtoota jalaa dhokfataa turan dogongoraan hattuu jedhee adda baase.

    Poolisoonni kunneen yeroo qawwee nyaachifatanii itti qabuudhaan harkasaaniitti cancala kaa’an argameera.

    Abbootiin qabeenyaa kunneenis booda keessa gadhiifamaniiru jechuu FOX 11 gabaaseera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  8. 'Oromoo ta'uun jijjiirama hin qabu, poolisiif gurraachi gurraachuma'

  9. Daa’imni ganna sagalii meeshaa harka dhiqachiisu kalaqe badhaasa biyyaaleessaa argate

    Lammii Keeniyaa kan ta'e daa’imni ganna sagalii Istiifan Waamukotaa jedhamu, meeshaa otoo harkaan hin tuttuqiin bishaaniifi saamunaa harkatti namaa qicu kalaqe.

    Maashinni inni kalaqe miilan tuqanii saamunaafi bishaan namaa qica.

    Lixa Keeniyaa iddoo daa’imni kun jiraatutti namoonni bakka harka dhiqatanitti wal tuttuquun koronaavaayirasiif saaxilamaniiru jedhee haadha isaatti himaa ture.

    Kanaaf daa’imni kun fala barbaaduu eegale.

    Abbaa isaa hojii mukaa irratti bobba’aan deeggarsa gaafatee maashina harkatti bishaan namaaf buusu kalaqeera.

    Daa’imni kun namoota weerara vaayirasii to’achuurratti qooda gamasaanii gumaachuun beekamtii argatan 68 keessaa nama tokko ta’eera.

    Badhaasa namoota biyyaaf oolma gaarii qabaniif keennamuu pirezedant Uzaleendoo Awwaard jedhamu fudhateera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  10. Abbaa Alangee Federaalaa: ‘Dhugummaa gabaasa Aminastii qorataa jirra’

    Abbaa Alangee Federaalaa Adaanach Abeebe

    Madda suuraa, Adanech Abebie

    Ibsa waa'ee suuraa, Gabaasicha booda qaamni mootummaa federaalaa yaada yeroo kennu kuni kan duraati.

    Abbaan Alangee Federaalaa Adaanach Abeebe gabaasa sarbama mirga namoomaa gareen Aminastii Intarnaashinaal baase irratti qorannaan akka taasifamaa jiru himan.

    ‘’Mirga namoomaa kan kabajnuufi kabachiifnu haqaafi ummata keenyaaf jenneeti,’’ jechuun fuula fesbuukii isaanii irratti barreessaniiru.

    Gabaasicha booda qaamni mootummaa federaalaa yaada yeroo kennu kuni kan duraati.

    Kana dura Naannoon Oromiyaafi Amaaraa ''gabaasa guutuu miti. Loogii qaba,'' jechuun gabaasicha akka hin fudhanne ibsaniiru.

    Dhaabbatichi qorannoo taasise irratti mootummaan qorannoo taasisee deebii kennuuf osoo jedhu gidduutti ibsichi bahe jechuun himaniiru.

    Dhaabbatichi gama kaaniin deebii mootummaa eegaa erga tureen booda gabaasicha gadhiisuu isaa ibseera.

    ‘’Hojiin dhugummaafi walabummaa gabaasa Aminastii Intarnaashinaal erga qoratamee booda akka mootummaan fudhatu,’’ ibsaniiru.

    Bakka soba ta’e yookiin ol ka’e gabaafametti immoo dhaabbaticha waliin mari’achun sirreeffamuf akka yaalamu ibsaniiru.

    Yoo ta'u baate ummati Itoophiyaafi addunyaa akka baru ni taasifna jedhaniiru.

  11. Imala milkii— barreessituurraa hanga hooggansa dhaabbilee gurguddootti

  12. Taphattoota Livarpuul: ‘Tokkummaan humna’

    Taphattoonni Livapuul

    Madda suuraa, LFC

    Taphattoonni Livarpuul dirree Anfiild shaakalaaf Wiixata walitti qabaman dirree walakkaatti walitti marsanii kanneen ajjeechaa Joorj Filooyid morman bira dhaabbatuu isaanii mul’isan.

    Taphattoonni hedduu Pool Pogbaa fi Maarkas Raasfoord dabalatee jibbinsa sanyummaa akka balaaleeffatan ibsaniiru.

    Taphataan sarara gidduu lammii Faransaay toora instaagiramii isaarratti ‘nan aare, na dhukkube, gaddeera’ jedhe barreesse.

    Bundasliigaa Jarmaniirratti taphattoonni Borushiyaa Doortimund Jaadoo Saanchoo fi Asharaaf Hakiimii ,akkasuma kilaba biroo irraas Maarkas Turaam fa’aan jibbinsa sanyummaa akka morman ibsaniiru.

    Kana malees, taphataan teenisiin beekamtii guddaa taphattoota horatan keessaa Seerinaa Wiliyaams, Kookoo Gahuuffi Naahomii Osaakaa fa’aan gadduu isaanii ibsaniiru.

    Ajjeechaa gurraacha Ameerikaa Joorj Filooyid booda guyyoota darban jahaf mormiin magaalota Ameerikaafi kaan keessatti taasifameera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  13. Tanzaaniyaan tatamsa’inni Covid-19 hirrataa jiraachuu beeksifte

    Barattoota kutaa keessaatti

    Madda suuraa, AFP

    Ministirri Fayyaa Tanzaaniyaa biyyattii keessatti tatamsa’inni vaayirasii hirrataa jiraachuu beeksiise.

    Haaluma kanaanis jiddugalli daldalaa magaalaan Daaree Salaam namoota vaayirasichaan qabaman afur qofaa qabdiis jedheera.

    Ministirri Fayyaa Ummy Mwalimu akka jedhaniitti, naannoolee biyyattii kan akka Taanga fi Miwaanzaa keessa namni vaayirasichaan qabame omtuu hinjiru.

    Baatii Eblaa keessa erga pirezidaanti Joon Magufuuliin qondaaltonni fayyaa balaa arbeessuu jechuun himatanii booda biyyattiin ragaa Covid-19 gadhiisuu dhaabdee jirti.

    Baatii darbe ammoo Ambaasaadarri Ameerikaa hospitaaloonni Daaree Salaam keessaa dhukkubsattootaan dhiphaataa jiru, kanaafuu carraan vaayirasiichaaf saaxilamuu ‘baayyee olaanaadha’ jechuun garuu raga osoo hindhiyeessiin ibsuun isaanii ni yaadatama.

    Aadde Miwalimu Waaqni vaayirasichi namoota baayyee waan hinqabneef Taanzaaniyaa oolcheera jedhaniiru.

    Weerarrii koronaavaayirasii ammalleen jira jechuun namoonni qabaman meeqa akka ta’an hinhimiin hafaniiru.

    Haata’u malee, ummannii of eeggannoo akka taasisuuf gaafataniiru.

    Erga manneen barnootaa deebiisanii banamu motummaan beeksiisee boodas barattoonni gurguddoonni koolleejiifi barattoonni waggaa xumuraa guyyaa Wiixataa gara mana barnootatti deebii'aa jiru.

  14. Donaald Tiraamp mormii adeemaa jirutti loltuu akka bobbaasan dhaadatan

  15. Tookiyootti weerarri Covid-19 deebi'ee hammaachaa jira

    Jaappaan

    Madda suuraa, EPA

    Jaappaan lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii xiqqaachuu hordofuun labsii yeroo muddamaa laaffiste.

    Magaalaa guddoo biyyattii Tookiyootti guyyoota muraasa darban namoonni 30’n vaayirasichaan qabamuu qondaalonni biyyattii himan.

    Torban sadii keessatti kun lakkoofsa olaanaadha.

    Labsii yeroo muddamaa laaffisuun weerara Covid-19 marsaa lammaffaaf kaasuu mala yaaddoo jedhu uumeera.

    Jaappaanitti namoota 16,000 vaayirasichaan qabaman keessa 1,000 kan hin caalle lubbu dhabaniiru.

  16. Manni fincaanii xiyyaararratti akka dhorkamu yaadni dhihaate

  17. Rogeeyyiin gara jabummaa poolisiirratti mormiif bahan

    Mormiitoota

    Madda suuraa, AFP

    Rogeeyyiifi jiraattoonni qubbattoota magaalaa guddittii Naayiroobii keessaa, guyyaa Wiixataa mormii bahuun poolisoonni wayita uggura sa’aatii hojiirra oolchan namoota mana hinqabne ajjeesu jechuun balaalleeffatan.

    Rogeeyyooni reeffa nama naannoo Maataaree jedhamuutti rasaasaan ajjeefamee viidiiyoon gadhiisuun gara jabummaan poolisootaa akka dhaabbattuuf gaafataniiru.

    Kana malees, ergaan hashtag #JusticeForVaite jedhu tiwiitara irratti bal'inaan qoodaamaa ture.

    Rogeessoota keessa tokko kan ta’e, Boniifees Miwaangii akka jedheetti, namichi ajjeefame kun gabaa gandaa keessa hojjachaa daandiirra jiraataa kan tureedha.

    Baatii Ebla keessas gareen Humaan Raayitis Waach gara jabummaa poolisoota Keeniyaa keessaa jalqabuma ugguraa irraatti balaalleefatanii turan.

    Gareen dhimmicha hordofanis guyyootuma jalqaba hojiirra olmaa ugguraa 10 keessatti namoonni jaha ajjeefamaniiru jedhee ture.

  18. ‘Ajjeechaa Joorji Filoyoodiif poolisoota hunda maqaa hin balleessiinaa’

    Qondaalli poolisii Los Anjalas ajjeechaa poolisiin adii lammii gurraacha Ameerikaa, Joorji Filoyood irratti raawwateef poolisoota hunda maqaa hin balleessiinaa jedhan.

    Dursaan poolisii magaalaa Los Anjalas, “seer-maleessummaafi mancaatiin taasifamaa jiru kun yaadannoo nama wareegamee kanaa salphisuudha,” jedhan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  19. Wayit Hawus viidiyoo yoo Tiraamp gara waldaa adeemuu waraabee maxxanse

    Wayita mormiin fuuldura Wayit Hawusitti gaggeeffamaa jiruufi poolisoonni ammoo aara imimmaanessu hiriirtota irratti dhukaasaa jirutti pirezedaanti Tiraamp gara mana sagadaa deemaa jiru.

    Viidiyoo yeroo pirezedaant Tiraamp gara mana sagadaatti deeman sagalee jala-deemu waliin waraabee kan gadhiise ammo Wayit Hawusidha.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  20. Donald Tiraamp biyyaafi ummata kabachiisuuf loltootan bobbaasa jechuusaatti qeeqame

    Joo Baadeeyi

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp sababii ajjeechaa nama gurraacha harka poolisii adiitti raawwateen wal qabatee, mormii biyyattii guutuutti gaggeefamaa jiru dhaabsisuuf loltootaan bobbaasa jedhee ture.

    Tiraamp ‘’gochii jalqabaafi olaanaan biyya keenyaa olaantuufi ummata Ameerikaa baraaruudha,’’ jedhee ture.

    Haata’u malee, aanga’oota siyaasaa olaanoo dabalatee jecha isaa kanan qeeqaa jiru.

    Joo Baayidan gameessa siyaasaafi dorgommaa pirezidaantummaa kan ta’e, Tiraamp loltoota Ameerikaa ummata Ameerikaarratti bobbaasuuf jechuun balaalaffatan.

    Akkasumas mormitoota nagaan hiriiraa jiran irratti rasaasaaa imimmaaneessaa dhukaasee jechuun karaa ergaa tiwitaraatiin Tiraampiin balaalleefateera.

    Erga ajjeechaan nama gurraachaa torbee darbe raawwateen asi mormiin Miniyaapoolisii eegalee baballattee amma biyyattii guutuutti gaggeefamaa jira.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X