lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Abbaa Torbee hanga Garee Sonsaa ajjeechaa qondaalota mootummaa duuba'

  2. Weerarri Covid-19 biyyoota Afrikaa maal fakkaata?

    Koronaavaayirasii

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhibeen koronaavaayiras ji'oota murasaan dura biyya Chaayinaa kutaa biyyaa Hubeeyi keessatti mula'te.

    Koronaavaayirasiin guutummaa addunyaarratti tatamsa'uu itti fufeera. Biyyoota 188 keessatti lakkoofsi namoota vaayirasiin kun irratti argamuun mirkanaa'es miliyoona 6.1 darbeera.

    Namoonni 371,000 ol ta'anis dhibee Kanaan lubbuun isaanii darbeera.

    Afrikaatti ammoo namoonni Covid-19 irratti argame 152,500 caale jira.

    Haata'u malee, namoonni vaayirasichan qabamanii turan miliyoona tokkoo ol ta'an ammoo dhukkuba kanarra fayyuunsaanii barameera.

    Dhukkubni maqaan COVID-19 jedhamu kennameef kun, sirna hargansuu miidhuun, ho'a qaamaafi qufaa gogaan eegala. Torban tokkoon booda hafuura nama kuta.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas (WHO) koronaavaayirasiin dhibee 'addunyaa weerare' ykn 'pandemic' jechuun labseera.

    Biyyoota Afrikaa gara garaa keessatti lakkoofsa namoota dhibee kanaan qabamanii, dandamataniifi du'anii toora kanaa ilaalladhaa.Taatee kallattii Covid-19 kan biyyoota Afrikaa

  3. 'Qaama nu hidhe hin beeknu' - Gaazexeessaa Dassuu Duulaa

  4. Tamsaasa kallattii keenya harraa kunoo eegalleera

    Tamsaasa kallattii Waxabajjii 02, 2020n walitti deebineerra.

    Odeeffannoo gaggabaaboo biyya keessaa, kan biyya ollaafi guutummaa addunyaa qiqixaa'an ulaa kanaan argattu.

    Dhiyaadhaa.

    Aaga Dhaga'aa!

    Nama ganamaan shaakala farda gulufsiisuutti jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  5. Kan har'aa xumurre!

    Maatii namni jalaa du'ee

    Madda suuraa, Getty Images

    Akka gabaasa Yuunivasriitii Joon Kopkiinisitti addunyaarratti namoonni miiliyoona 6.2 ta'an koronaavaayiarsiin qabamaniiru.

    Ragaan weerarri kun akka hin xumuramne agarsiisan keessaa Biraazil biyya fakkeenya taatudha.

    Biyyattii keessa lakkoofsi namoota qabamanii, miiliyoona walakkaa dabree jira.

    Walirraa siiqaa| Fayyaa ta'aa| Fayyaan faaya

  6. Itoophiyaa keessa arbi hedduun hidhattootaan ajjeefaman

  7. Hojjeettonni mootummaa afur Najjootti hidhattootaan ajjeefaman

  8. DR Koongootti weerarri Iboolaa akka haaraatti ka'e

    DR Koongoo

    Madda suuraa, EPA

    Dhibeen Iboolaa namoota haaraa irratti Rippaablikaa Dimokraatwaa Koongootti argame.

    Magaalaa Mibandaka keessatti namootni afur dhibee kanaan du’uu isaanii Ministirri Fayyaa Etenii Longondoo himaniiru.

    DR Koongoon weerarri marroo lammataa dhibee kanaa dhaabbachuu isaa Ebla keessa beeksisuuf kan turan ta’us, dhibeen kun deebi’ee mul’achuu itti fufeera.

    Hagayya 2018 eegalee namootni 2,000 ol dhibee kanaan du’aniiru.

    Biyyittiin kun weerara koronaavayirasiitiinis rakkachaa jirti, hanga ammaatti namootni 3,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru.

  9. Ighaaloon Maanchistar Yunaayitid waliin kontiraata itti fufe

    Odiyoon Ighaaloo

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan sarara fuulduraa lammii Naayijeriyaa Odiyoon Ighaaloo, yeroon kontiraata isaa dheereffamee Maanchistar Yunaayitid waliin itti fufa.

    Ighaaloon, ganna 30, Maan Yunaayitiditti kan makame Amajjii keessa kilaba Chaayinaa Shangihaayi Shenhuwaa jedhamurraa liqiin erga fudhatamee booda. Kontiraatii isaa Caamsaa 31 xumurama ture.

    Ta’us garuu Bitootessa 9 booda taphni kubbaa miilaa Pirimeer Liigii Ingliiz taphatame hin jiru, ta’us Waxabajjii 17 yeroo sababa koronaavaayirasiin sochiin ugguruu dhaabbatu deebi’ee ni eegala.

    Amma Ighaaloon hanga Amajjii 2021tti Maan Yunaayitid waliin ni tura.

  10. Lammileen Maalaawii hedduu ‘Covid-19 caalaa beela sodaatu’

    Qorannoon dhiyeenya gaggeeffame lammileen Maalaawii %81 ta’an koronaavaayirasii akka hin sodaanneefi caalaatti beelli akka isaan yaaddeessu mul’iseera.

    Dargaggoota caalaa vaayirasii kanaaf saaxilamoo ta’anis namootni ganna 55 olii koronaavaayirasii kanneen badaa hin soddanneedha.

    Namoota qorannoo kanaratti hirmaatan keessa %80 sirni tajaajila fayyaa ni kufa kan jedhu sodaa isaanii isa jalqabaati.

    Namootni %76 ta’an ammoo vaayirasii kanaan yoo qabaman loogii irra ga’u sodaatu.

    Qorannoon kun kan gaggeeffame Dhaabbata Yaada Ummataafi Qorannoo Maalaawii (IPOR) fi qorattoota Swiidiniin, Caamsaa 7 fi 28 gidduutti.

    Biyya kibba Afrikaatti argamtu kana keessatti namootni 284 Covid-19’n qabamaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  11. Jaalalleen hakiima guyyaan gaddaa labsameefi durba oofkalte

    Dr. Peeng Yinwuhaa fi kaadhimasaa

    Madda suuraa, CGTN

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Peeng Yinwuhaa fi kaadhimasaa

    Dr. Peeng Yinwuhaa magaalaa Wuhaanitti ispeeshalistii wal’aansa dhukkubsattoota muddama hamtuu keessa seenanii ta'uun hojjataa ture.

    Hakiimni ganna 29 kun Guraandhala1, bara 2020 kaadhimasaa wajjiin gaa’ila dhaabbachuuf ture guyyaa biraatti dabarsee boodarra lubbu dhabe.

    Hakiimni kun namoota Cov-19’n qabamani dhukkubbii itti hammaate wal’aanaa ture.

    Guraandhalli 20, bara 2020 darbe guyyaa cidhasaa otoo hin taane guyyaa gaddasaa ture.

    Hoospitaala magaalichaa dhukkubsattootaan dhiphate keessatti otoo hojjatu innis lubbuu dhabe, du’aasaatiif Chaayinaan guyyaa gaddaa akka biyyalessaatti labsite.

    Dr. Peeng akkuma duuti isaa dhaga’ameen miidiyaaleen suura sirna gaa’ilaaf kaadhimasaa wajjin ka'an “hunsha zhao” jedhanii miidiyaarratti qoodaa turan.

    Barreeffamni misirroota walfuudhan lamaan affeeruuf ergamteef haala nama gaddisiisuun sanquuqaa biiroosaatti keessatti suuqamte hafte.

    Wayita sanaatti kaadhimaan isaa ulfa baatii ja’aati,amma daa'uma oofkaltee.

    Kaadhimaan hakiima kanaa da’uun wayita dhaga’ame namoonni miidiyaalee hawaaasaarratti ‘’eebba garuu gaddisiisaadha’’jedhan.

    Daa’imni kun guyyaa daa'immanii akka biyyaleessaatti wayita kabajamutti dhalattus,abbaashii’goota’ jedhamee leellifame argachuuf hin carroomne.

  12. Amma nu gahe, Itoophyaatti daa'imma baatii tokkoo dabalatee namoota haaraa 85 irratti Covid-19 argame

    Miniteera fayyaa

    Madda suuraa, EMH

    Qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa saamuda namoota 2,926 irratti taasifameen, daa’ima baatii tokkoo dabalatee namoota 85 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Kanaanis lakkoofsi walumaagalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii 1,257 gahuun himameera.

    Namoota harra vaayirasichaan qabamunsanii mirkanaa’ee kanneenis umuriinsaanii daa’ima baatii tokkoo hanga waggaa 65 jidduutti argaman jedhameera.

    Kan har'aa tokko dabalatee Itoophiyaatti hanga ammaa namoonni 12 dhibee kanaan lubbuun isaanii darbeera.

    Sa'aatii 24 darban keessa kan haaraa dandamatan saddeti dabalatee, nammoonni 217 ammoo Covid-19 irraa bayyataniiru.

    Namoota harra vaayirasiin irratti argame kunneen hundi lammii Itoophiyaa yoo ta’an, 72 jiraattoota magaalaa Finfinnee, afur naannoo Tigraay, shan ammoo naannoo Oromiyaa, tokko naannoo Amaaraafi sadii ammoo naannoo Somaalee irraa ta’uu ibsichi himeera.

    Kana malees, namoonni 19 kan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta’u, 18 ammoo warra nama duraan vaayirasichaan qabame waliin tutuqaa qabamanidha.

    Namoonni 48 ammoo seenaa imala biyya alaas ta’e namoota kana dura vaayrasichaan qabaman waliin tutuqaa qabaachunsaanii kan himirkanoofne ta’uun ibsameera.

    Gama saalaatiin ammoo namoota harra qabaman keessaa 51 dhiira yoo ta’an, 34 ammoo dubartoota.

  13. Gaanaan Jimaata dhufurraa eegalee iddoo waaqeffannaatti walitti qabamuu hayyamte

    Namoonni ji'oota lamaan darban manasaanitti  sirna amantii raawwachaa turan

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni ji'oota lamaan darban manasaanitti sirna amantii raawwachaa turan

    Ji’oota lamaan darban namoonni akka walitti hin qabamne dhorkite kan turte Gaanaan, Jimaata dhufurraa eegalee iddoo waaqeffannaatti walitti qabamuu hayyamte.

    Pirezedantiin Gaanaa Naanoo Akufoo Addoo labsii yeroo muddamaa weerara dhibee to’achuuf labsame laaffisuu beeksisan.

    Akka qajeelfama haaraa bahetti, masjidoonniifi waldaan amantii Kiristaanaa amantoota 100 sa’aatii tokkof walitti qabanii sirna amantaa raawwachuu danda’u.

    Weerarri hamtuun yoo mudate dandeetti biyyattiin dhibee kanaaf deebii kennuu dandeessuu bu’uura godhanneetu labsicha laaffisne jedhu.

    Namoonni waaqeffannaaf dhaqan garuu maaskii keeewwachuufi waliirraa hiiquun dirqama.

    Walga’ii, sirni gaa’ilaafi gaddaa namoonni 100 hin caalle irratti hirmaachuu akka danda’an hayyamamera.

    Ta’us, manneen shubbisaa, sinimaa, hiriirri siyaasaaf bahamuufi taphni ispoortii akkuma daangeeffametti itti fufa.

    Daangaan biyyattiis ammas hin banamne.

    Biyyattii keessatti namoonni 8,060 vaayirasichaan qabamuun, namoonni 36 du’aniiru.

  14. Lammiileen Afriikaa Kibbaa suuqiiwwan dhugaatiitti shubbisaa jiru

    Namoota alkoolii bitachuuf hiriiran

    Madda suuraa, Vumani Mkhize

    Ibsa waa'ee suuraa, Dhorkiin gurgurtaa alkoolii sababa weerara Covid-19'n kaa'ame guyyoota afuriif kaafame

    Ji’oota lamaa asitti yeroo jalqabaaf dhorkaan gurgurtaa dhugaatii irratti taasifame ka’uu isaatiin hiriirri dhedheeraan balabala suuqii dhugaatiitti mul’ateera.

    Suuraaleen miidiyaa hawaasummaarra ba’an akka mul’isanitti, lammiileen harkaa walitti rukutaafi qaruuraa walitti buusaa gammachuu ibsataa jiru.

    Gariin isaanii halkan akka hiriiruu eegalan dubbatu.

    Gaazexeessaan BBC Vuumaanii Imkiizee suuraawwan magaalaa guddittii Joohaanisbargi mul’isu Tiwiitar gubbaa maxxanse.

    Lammiileen manneen waaqeffannaattillee shubbisuurraa dhorkaman mana gurgurtaa alkoolii tokkotti sagalee guddaa dhageessisaa akka turan hime.

    Jeequmsi alkooliin wal-qabatu Afriikaa Kibbaatti kan baay’atu yoo ta’u, yeroo weerara Covid-19 kanatti miidhama achirraa dhufuun poolisiifi hoospitaalonni akka hin dhiphanneef ture gurgurtaan alkoolii kan dhorkame.

    Afriikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ammas dbalaa jira.

    Hayyamni kun namoonni hanga Kamisa dhufuutti qofa alkoolii bitatachuun manatti akka fayyadaman isaan dandeessisa.

  15. Naannoo Amaaraatti aanga'oonni mootummaafi poolisiin rasaasaan ajjeefaman

  16. Saawwan jaarsa waggaa 82 ajjeesu poolisiin hime

  17. Chaayinaan 'biyya adda kutanii bahuun barsiifata ta’eef' jechuun US ciigde

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa bahuu ilaalchisuun Chaayinaan biyya’ Addaan kutanii bahuun barsiifata ta’eef’jette qeeqxe.

    Minisitirri dhimma alaa Chaayinaa hariiroo dhaabbicha wajjjin qabdu Ameerikaan addaan kutuu qeequun, hawaasni addunyaa ejensicha deeggaruuu akka itti fufu gaafatan.

    Ameerikaan murtoo qophaatti fudhattu qeequun, biyya ’’adda kutanii bahuun barsiifata ta’eef’’ jechuun cigan.

    Pirezedantiin Ameerikaan Tiraamp biyyisaanii sababa Beejing weerara koronaavaayirasii to'achuurratti ittigaafatamuu dhabdeef dhaabbaticha keessaa bahuu Jimaata darbe dubbatan.

    Daarektarri Dhaabbatichaa Dr.Teediroos Adahaanoom deebii weerara vaayirasichaa to'achurratti kenname irra deebinee ilaalla jechuun, dhaabbatichi loogiirraa bilisa ta’uu falmataniiru.

    Gamtaan Awurooppaa murtoo Tiraamp biyyaasaaanii Dhaabbaticha keessaa baasuuf fudhatan akka irra deebi’anii ilaalan akeekkachiseera.

  18. Biraaziliitti guyyaa tokkotti namoonni kuma 33 koronaanaavaayirasiin qabaman

  19. Keeniyaatti namoonni mana hidhaa turan 31 koronaavaayirasiin qabaman

    Uhuruu Keeniyaataan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Uhuruu Keeniyaataan

    Keeniyaatti hidhamtoonni 31 koronaavaayirasiin qabaman 31 mana hidhaarraa gara giddugaleessa wal’aansi fayyaa magaalaa guddoo biyyaatti Naayiroobitti argamutti dabarfaman.

    Pirezedantii Uhuruu Keeniyaataan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii biyyattii keessatti dabalaa deemuun yaaddeessaa ta'uu dubbatan.

    Mana murtiitti erga dhiyeeffamanii booda guyyoota 21’f addatti fo’amanii turan. Komishinarri mana hidhaa biyyattii jeneraal Wikiliif Ogalloo ‘vaayirasichi akka hin tatamsaanef ofeeggannoo manneen amala sirreessaa biyyattii 129 keessatti kennamaa jira’ jedhan.

    Manneen hidhaa biyyattii keessatti hidhamtoonni itti baayyachuutu himama. Dhiyeenyatti garuu hidhamtoota yakka salphaaf qabaman 11,000 mootummaan hidhaarra gadhiiseera

    Hidhamtoota

    Madda suuraa, Getty Images

  20. 'Poolisiin Joorji Filooyid ajjeese itti yaadeefi karoorseeti'