lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Itoophiyaan talaalliin yeroo argamuutti akkamiin akka daftee argachuu dandeessu mirkaneeffachuu qabdi'

  2. Faransaayiitti weerari Covid-19 ‘to’annoo jala oolfameera’ jedhame

    Namoota daandiirra imalan

    Madda suuraa, Getty Images

    Dureen kaawunsilii gorsitoota saayinsii motummaa Faransaayii guyyaa Jimaataa akka jedhanitti, weerarichi biyyattii keessatti ''to’annoo jala olfameera.''

    Haaluma kanaanis dinagdeen biyyattii ‘walakkeessa 2022’ irraa kaasee bakka isaatti ni deebii’a jedhameera.

    Baankiin Jidduugalaa Faransaayi akka jedheetti, walakkeessa bara 2022’tti miidhaa koroonaavaayirasiin qaqqabsiise irraa dandamatee bakkasaatti deebii’a.

    Haala kanaan dinagdeen biyyattii bara kanatti %10 hirrata jedhame. Hojii dhabduummaan ammoo kan bara darbee walakkaan caaluun %11.5 ol akka ga'u baankichi ibse.

    Sadarkaa lammaffaan uggura laaffisuu biyyattii Waxabajjii 2 irraa eegalee hojiirra kan oolfame yoo ta’u, kunis uggura imala km 100 olii ni dabalata jedhame. Manneen dhugaatiifi reestoraantonni hedduunis deebii’anii saaqamaniiru.

  3. Poolisiin Joojri Filooyidiin ajjeese mirga wabiif doolaara miil.1.25 gaafatame

  4. Jabuutiitti dararaa paayilatii hidhaa jiruurratti raawwatameef mormiin gaggeeffame

    Jabuutii keessatti odeeffannoo paayilatii human waraanaa to'annoo jala oolfamerratti reebiichi raawwatameera jedhuun walqabatee mormiin gaggeefamaa jiraachuun himame.

    Biyyattiin himannaa kanarratti wanti jette jraachuu baattuulleen, Faawuud Yoosuuf Alii Itoophiyaa keessatti to’atamuun dabarfamee akka mootummaa Jabuutiif kenname himama.

    Viidiiyoo dhoksaan waraabbamee gadhiifame tokkorratti akka jedheetti, hidhaarratti miidhaa irratti raawwatamurraa kan hafuu hinse’u.

    Abbaan seeraa baatii lamaan dura wayita gaafateetti Mr Aliin godaannisa dararaa irratti raawwatee akka itti agarsiisee ture himeera.

    Gareen mirga namoomaatiif mormuu, ‘Reporters Without Borders’ jedhamu akka jedhetti erga Jimaata darbeetii asi gaazexessitoonni waa’ee paayilatii hidhamee kanaa gabaasan lama hidhamaniiru.

  5. Ogeeyyin fayyaa Hospitaala Mandii 15 sababa Covid-19n adda of baasan

  6. Hogganaan paartii mormituu Taanzaaniyaa haleellaa irra gaheen miidhaman

    Hogganaa paartii mormituu Taanzaaniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaan paartii mormituu Firiimaan Miboowee magaalaa Dodoomaa keessatti namoota hin beekamneen haleellaa irra gaheen miidhameera.

    Dubbi himaan paartiisaa taateen kun raawwachuusaa BBC’tti himaniiru.

    Hogganaan kun gaafa Wiixata galgala osoo gara manasaanii deemaa turaniiti kan haleellaan irratti raawwatame.

    Haleellaa kanaanis lukti isaanii miidhameera.

    Paartiinsaanii hospitaalaa yaalarra akka jiran ibseera.

    Obbo Firiimaan wixinee pireezidaant Joon Maagufuulii koronaavaayirasirratti baasan fayyaa lammiilee kan miidhudha jechuun qeequ.

    Pireezidaant Joon qondaaltota fayyaa balaa koronaavaayiras guddistanii ilaaltan jechuun qeeqanii turan.

    Isaanis biyyattiin kadhannaa Waaqaa ummatasheetiin vaayirasicharraa bilisa ta’uushee labsaniiru.

    Haleellaan Obbo Firiimaan erga bulchaan Tuunduu Liisuu pireezidaantummaadhaaf ni dorgoma jedhaan booda raawwate.

    Konkolaataa Obbo Liisuurratti bara 2017 dhukaasni rasaasaan banamee miidhaan irra kan gahe yoo ta’u, yeroo ammaa kanatti Beeljiyeemiitti yaalarra jiru.

    Isaanis akka jedhanitti Taanzaaniyaan waggoota shaniif rakkoo siyaasaa, diinagdeefi dippiloomaasii ishee mudateera jedhan.

  7. Qoricha koronaavaayirasii hakiimotaan dinqisiifannaa argachaa jiru

  8. Naayijeeriyatti namoonni sababa Covid-19’n du’an dabalaa jira

    Nama uffata of eeggannoo uffateeru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministeerri Fayyaa biyyattii Osaagii Ehaanireen akka jedhanitti, duutii namoota 1,000 kan %60 ta’u, kaabaa Kaanootti galmaa’ee sababa Covid-19 ta’uu hin oolu jedhan.

    Gareen qorannoo taasisan akka jedhanitti, namoonni namoota umuriin deemaniifi rakkina fayyaa biraa qabani baay’een du'aniiru.

    Namoonni muraasni hospitaalatti yoo du’an hedduunsaanii immoo manatti du’an.

    Kaabaa Naayijeeriyaatti duuti hin ifoomnee dabalaa dhufeera.

    Baay’innaan lakkoofsa ummata Afriikaa fi dandeetti qorachuu dhabuutiin ogeeyyiin vaayirasichi osoo hin beekamin Naayijeeriyaatti tatamsa’uu danda’a jedhu.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 12,000 ta’a vaayirasichaan yoo qabaman 350 du’aniiru.

  9. Poolisoonni Ameerikaa yoo nama ajjeesan maaliif hin himatamne?

  10. Niiwu Ziilaanditti dhukkubsattuu Covid-19 kan dhumaa

    Biyyi Niiwu Ziilaandi yeroo ammaa koronaavaayirasiirraa bilisa taateetti.

    Namni dhumaa Covid-19'n dhibamte garuu dhukkubichi hangam hamaa akka ta'u irratti mul'atee ture.

    Dubartiin Liiliyaan Su'aa jedhamtu umuriin ishee waggaa 55 ta'e baatii lamaaf dhibee kanaan rakkachaa turte.

    Maatiin isheellee waan du'arraa haftu miti jedhanii abdii kutatanii turan.

    Amma erga fayyitee manatti deebitee, wallaansa addaa kutaa namoonni hedduu dhibamanii keessatti taasifamaafii ture dubbatti.

    “Guyyoota meeqa akkan rafaa ture hin yaadadhu. Wantan jechuu danda'u, galatoomaa qofa dha" jetti.

    Biyyattiin yeroo ammaa dhorkaa tokko malee jireenya duraan turetti deebiteetti.

    Addunyaa
  11. Dimokiraatonni US wixinee poolisii guutummaatti haaromsuu dhiyeessan

  12. Erga baatii lamaa as US'tti du'aatiin gadi aanaadha jedhame galmaa'e

    Saanduuqa reeffaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaatti sa'aatii 24 darban keessatti namoota koronaavaayirasiin qabaman keessaa namoota 450 qofatu lubbuun darbe.

    Kun ammoo erga baatii lamaan as isa gadi aanaadha jedhameera.

    Biyyoota koronaavaayirasiin baay'ee miidhaman keessaa Ameerikaan jalqabarratti argamti.

    Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 110,990 kan du'an yoo ta'u, namoota miiliyoona lamatti siqan irratti ammoo vaayirasichi argamuun isaa mirkanaa'eera.

    Dhuma baatii Ebla namoonni guyyaa tokkotti Covid-19'n du'an 3,000 darbee ture.

  13. Tamsaasa kallattii Waxabajji 09, 2020tiin walitti deebineerra., Bakka jirtanitti Aaga Dhaga'aa!

    Ulaa tamsaasa kallattii kanaan oduuwwan gaggabaaboo qiqixeessinee jala jalaan isin biraan ni geenya.

    Nu hordofaa.

    Abaaboo

    Madda suuraa, Getty Images

  14. Tamsaasa kallattii keenya asirratti golabneera

    Hordoftootaa tamsaasa keenya kallattii kan harraa asirratti xumurreerra.

    Boru hanga walitti deebiinuutti alakn gaarii isiniif hawwiin!

  15. 'Weerarri vaayirasicha hammaachaa jira'- Teedroos Adaanoom

    Weerarri koronaavaayirasii Awurooppaa keessatti hir’ataa dhufus, adduunyatti garuu hammaachaa jira jedhan Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adaanoom.

    Koronaavaayirasii irratti ibsa har’a kennaniin, guyyoota kurnan darban keessaa guyyoota sagal keessatti namootni 100,000 ta’an vaayirasichaan qabamaniiru, odeeffannoo guyyaa kaleessaa keessa %75 biyyooti 10 irraa qofa dhufe- bayyeen isaanii Ameerikaa Kibbaa fi Eshiyaa irraadha.

    Yaddoon kun jiraatus Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ‘mallattoo gaarii’ biyyootii hedduu irraatti arguun abdii horachaa akka jiru Dr. Teedroos dubbataniiru.

    “Biyyooti kanatti yaaddoon guddaa amma jiru of dagannaadha” jedhu.

    “Namoota hagamiitu vaayirasi kanaaf saaxilameera kan jedhu irratti qorannoon gaggeefame kan agarsiisu addunyaa keessatti namootni hedduun saxilamoo ta’uu isaaniiti.”

    Teedroos Adhanoom.

    Madda suuraa, Getty Images

  16. Magaalaa Chaayina Wuhaanitti barattoonni yuunivarsitiitti deebi’an

    Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayinaa magaalaa Wuhaan iddoo weerarri vaayirasii jalqabeetti barattoonni har’a gara yuunivarsiitiitti deebi’uu eegalan.

    Barattoonni eebbifamuuf bara xumuraa irraa jiranii fi kanneen qorannoo saayinsawaa gaggeessuu dirgrii lammaffaa fi isaa oljiranitu barnootatti deebi’e jedhe miidiyaan biyyatti.

    Barattoonni hoo’i qaamasaanii safaramteetu yuunivarsiitii seenu, waliirra akka hiiqan gorfamaniiru.

    Magaalaa Wuhaanitti namoonni 50,000 Covid-19’n kan qabaman yoo ta’u, guyyoota 76’f sochii namoota uggurame ture.

  17. Poolisiin Joorji Filooyid ajjeese mana murtiitti dhiyaachuufi

    Derek Chuvaaan

    Madda suuraa, REUTERS

    Ibsa waa'ee suuraa, Derek Chuvaan

    Poolisii adiin Derek Chuvaan Joorji Filooyid jilbaan mormarra ejjate Minisootaatti ajjeesuun himatame yeroo jalqabatiif mana murtii dhiyaachuufi.

    Chuvaan haala sukanneessaan lubbuu Filooyid baasuu isaaf mana murtiitti dhiyaata.

    Poolisoonni sadii wayita ajjeechan kun raawwatame bira turanis hojiirra ariyatamanii, ajjeecha kana deeggaruudhaan himatamaniiru.

    Gurrachi Ameerikaa Filooyid 'hafuura baasu dadhabe' otoo jedhe watwaatu ajjeefamuun mormii loogii sanyummaa Ameerikaarra darbee addunyarratti dammaqseera.

    Torban sadan darbe hiriirri mormii otoo addaan hin citiin magaalota Ameerikaa walga’eera.

    Kibxata boruu sirni awwalchaa Filooyid Huustanitti raawwachuuf kan jiru yoo ta’u, sirni yaadannoofi gaggeessaan isaa Minaappolisii fi iddoo dhalootasaa Noorz Kaaarolaayinaatti raawwatame.

    Paartii dimokiraatotaa bakka bu’uun dorgommii pirezedantummaa Ameerikaarratti kan hirmaachuf jiran Joo Baayideen maatii Filooyid bira dhaqanii jajjabsuuf jiru.

  18. 'Heerri mootummaa yeroo diigamuu ilaaluu waanan hin barbaanneef aangookoo gadhiiseera'

  19. Afrikaa Kibbaatti poolisii US mormuun hiriirri ba’ame

    Afrikaa Kibbaatti poolisii US mormuun hiriirri ba’ame

    Madda suuraa, Getty Images

    Deeggartooni paartii Afrikaa kibbaa Economic Freedom Fighters, magaalaa Piretoriyatti imbaasii US fulduratti ba’uun jibbaa sanyummaa fi haleellaa poolisiin US’tiin dalagamu mormuun hiriira ba’aniiru.

    Hogganaa paartiichaa Juliyees Maleemaa dursamuun mormiitonni kun daqiiqaa saddeeti fi sakandii 46'f jilbeeffataniiru.

    Daqiiqaan kun kan mul’isuu yeroo poolisiin adii US mormaa Joorjii Filooyid irraa jilbeeffatee turedha.

    Hiriira kanaratti haati warraa lammii Afrikaa Kibbaa Kooliin Kosaa, kan Ebla keessaa seeraa sochii ugguraa koronaavaayirasii cabsitee jedhamuun qamoolee nagaa eegsisaniin reebamee ajjeefamee argamaniiru.

    Afrikaa Kibbaatti poolisii US mormuun hiriirri ba’ame

    Madda suuraa, Getty Images

    Afrikaa Kibbaatti poolisii US mormuun hiriirri ba’ame

    Madda suuraa, Getty Images

  20. ‘Kadhannaan Taanzaaniyaa koronaavaayirasirraa bilisaa baase'-Pirezidaant Magufulii

    Magufuli

    Madda suuraa, AFP

    Pirezedantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuliin galanni lammiilee iddoo waaqeffanna dhaqanii kadhaata turaniif haata’uti, 'koronaavaayirasiirraa bilisa taane' jedhan.

    Maaskii fi golgaa keewwachuu dhiisuu isaaniitiif amantoota galateeffatan.

    Amantoota waldaa magaalaa Dodomaatti keessa turanitti goranii ’’ ‘Galata waaqayyoo, koronaavaayirasiin dhidhimeera‘ jedhanii dubbatan.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu tarsimoon mootummaan biyyatti vaayirasicha to’achuurratti qabu akka yaaddeessa ta’e duraanu ibsaa ture.

    Pirezidantiin biyyatti garuu, rakkoon fayyaa dhaadheffameera jedhu.

    Amantootni Waldaa Kiristaanaa fi Masjiida dhaqanii kadhaachuun vaayirasicha balleessuu akka danda’aan dubbatan.

    Kana malees, mootummaan biyyatti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii ibsuu dhiiseera.

    Ji’a Bitooteessaa darbe keessa namoonni 509 vaayirasichaan qabaman keessaa 21 du’uusaanitu gabaafame ture. Pirezedantichi garuu namoota 4 qofatu Daar es Salaamitti wal’aanamaa jira jedhanii waakkatan.

    Imbaasiin Ameerikaa biyyatti keessa maadheffate garuu hospitaalonni Daar es Salaamitti argaman namoota vaayirasichaan qabamaniin muddama keessa seenu irra deddeebi’uun akeekkachiisa ture.