lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hogganaan Keeniyaa manneen murtii laamsheessaa jira jechuun himataman

    Deeviid Maaraagaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dureen Abbaan Alangaa walii-galaa Keeniyaa, Pirezidaant Uhuuruu Keeniyaataa seera kabajuun haal-duree tokko malee abbootii murtii 41 angoof dhiyaatan akka raggaasisan gaafatani.

    Abbaa Alangaa Deeviid Maaraagaa ibsa miidiyaaf har’a kennaniin dhimma kanarratti pirezidaanticha wal-arguuf yaallus hin milkoofne jedhani.

    "Uhuuruu Keeniyaataa kaadhimamtoota kunneen muuduu diduu isaaniitiin hanqinni abbootii murtii waan jiruuf manneen murtii rakkachaa jiru’’ jedhani Abbaan Alangaa kun.

    Abbootiin seeraa kunneen bara darbe maqaan isaanii muudamaaf pirezidantichaaf dhiyaachuu himani.

    Keeniyaataan xalayaa komishinii maqaa isaanii dabarsaniif Guraandhala darbe barreessaniin, namoonni muraasni rakkoo walabummaa waan qabaniif muuduu akka hin dandeenye himanii turani.

    Manneen murtii lama gochaa Uhuuruu kana heera mootummaa kan cabse jechuun himataniiru. Pirezidantichi murtee komishinichaa gaaffii keessa galchuuf aangoo hin qabanu jedhaniiru.

    ‘‘Pirezidaantichi ajaja manneen murtee irraa darbu kabajuu dhabuun isaanii dimokraasii keenyaaf balaa fi abbaa irrummaaf karaa kan saaqu dha’’ jedhani Deeviid Maaraagaa.

  2. Gartuu hidhattoota haaraa Saalvaar Kiir aangoorraa foqolchuuf dorsiise

    Sudaan Kibbaa

    Qondaalli tika biyyatti duraaniifi namni daldalaa Kerbinoo Wol gartuu hidhattoota haaraa hundeessuun bulchiinsa Kiir aangoorra akka fonqolchu himan.

    Mootummaan Sudaan Kibbaa garuu dhimma kanarratti yaada hin dhiyeessine.

    Kerbinoo Wol guyyaa qabamee otoo dhaddachatti hin dhiyaatiin waggoota lamaaf hidhame guyyaa warraaqsaa jedhanii moggaase.

    Kerbinoon ji’a Amajjii darbe pirezedant biyyatti Saalvaa Kiirin dhiifamaan mana hiidharraa gadhiifame.

    Sudaan Kibbaatti walwaraansa waggoota 6’f ture booda mootummaan waloo gartuu wal morkan gidduutti hundeeffamus tasgabbiin hin buune.

    Mormkiin siyaasaa biyyatti keessa ture hin furamne akkasumas walitti bu’iinsi gosaa Sudaan kibbatti dabaleera.

  3. Waa'ee atakaaroo naannoo Tigraayii fi gaaffilee biroorratti deebii MM Abiy

  4. Afrikaa Kibbaatti manneen barnoota %95 banamuufi

    Afrikaa Kibbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan uggura sochii laaffisnaan barattoonni Afrikaa Kibbaa barnoota addaan citeetti deebi’uu eegalan.

    Ammatti barattoonni kutaa 7ffaa fi 12ffaatu barnootatti deebia, Suuta suutaan barattoonni kaanis barnoota sababii weerara dhibeetiin addaan citetti deebi’u.

    Kanaan dura barattoonni barnootatti deebi’uun kan harkifateef manneen barnoota meeshalee ofeggannoo dhibichaaf barbaachisan akka hinqabne akeekkachisini kennamaa waan tureefi.

    Manneen barnoota baadiyyaa biyyatti keessatti argaman hundi ammatti hin banamne.

    Kunis sababii manneen barnoota kunneen bishaan harkaan dhiqaatan gahaa hin qabneefiidha.

    Ministirri fayyaa biyyatti Anjii Moshegaa garuu manneen barnoota harki 95 banuuf ulaagaa ofeeggannoo barbaachisa akka guutanii fi kanneen hin qabne wajjiin hojjachuuf waada seenan.

    Namoonni 50,000 Afrikaa Kibbaatti qabaman keessaa 1,000tti kanneen dhiyaatan du’aniiru.

  5. Itophiyaatti namoonni 136 guyyaa tokkotti covid-19 qabaman

    Ragaa Covid-19 Itoophiyaatti

    Itoophiyaatti sa'atii 24 darbe keessatti namoota 4775 koronaavaayirasiif qorataman keessaa namoota 136 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

    Kunis lakkoofsa namoota biyyattii keessatti hanga ammaatti vaayirasichaan qabamanii 2156 irraan ga'eera.

    Namoota qabaman kunneen keessaa 85 dhiira yoo ta'an, dhalaan ammoo 51.

    Namoonni haaraa qabaman kunneen lammiilee Itoophiyaa 124 fi lammiilee biyya alaa 12 umriinsaani daa'ima waggaa tokkoo hanga waggaa 97 gidduu jiraniidha.

    Namoonni haaraa qabaman kunneen 115 magaalaa Finfinnee, sagal Oromiyaa, torba Tigraay, lama Hararii, lama naannoo Somaalee fi tokko naannoo Uummattoota Kibbaarraati.

    Namoota vaayirasichaan qabaman keessaa namoota haaraa 17 dandamatan dabalatee hanga ammaatti namoonni 361 vaayirasicharraa dandamataniiru.

    Itoophiyaa keessatti hanga ammaatti walumaa galatti namoonni 27 koronaavaayirasiin du'aniiru.

  6. Lammiin UK eela bishaanii keessa kufee guyyoota 6’f ture baraarame

    Namoota boola bishaanii keessa jiran

    Madda suuraa, BISARNAS BALI

    Ibsa waa'ee suuraa, Roobartis saree osoo baqatuu ture boollichatti kan kufe

    Lammiin UK ganna 29 Jaakoob Roobartis, osoo saree baqatuu ture boolla meetira 4 gadi fagaatu keessatti kufee miilli cabuun guyyoota jahaaf boolla keessa kan ture.

    Dargaggoon kunis biyya odola Indoneeshiyaatti aragamtu tokko keessatti ture guyyoota jahaan booda lubbuun baafamu anga’oota gandichaa eeruun AFP’nkan gabaase.

    Boolli anmni kun keessatti kufee gogaafi ba’uudhaaf kan hin rakkisne ta’us, miillisaa cabuu bahuun akka hindndeenye hima.

    Namoonni naannicha turaniifi ijaan argana akka himaniitti bishaan xiqqoon bollicha keessa ture lubbuun akka turuuf isa gargaare jechuun dubbatu.

    Roobarti walitti fufiinsaan guyyoota jahaaf na baraaraa jechuun iyyaa kan ture yoo ta'u, boodarra nama naannoo sana jiraatuun tokko dhaga’amuun baraaramu danda'eera.

    Ogeessota nama miidhame gargaaran

    Madda suuraa, BISARNAS BALI

    Ibsa waa'ee suuraa, Lubbu baraartonni eeruu jiraataa boo'icha nama kanaa dhaga'uun lubbuusaa oolchani
  7. 'Koronaavaayirasiin daldaa alergii keenya nuuf guddiseera'- MM Abiy

  8. Somaalilaand gaazexessaa beekamaa hiidhaa gadhiifte

    Gaazexeessaa Somaalilaandi

    Madda suuraa, Facebook/Abdimalik Muse Oldon

    Walabummaashee kan labsite Somaaliilaandi dhiifama pirezidaantiin biyyatitii taasisaniin gaazexessaa Abdimaalik Musee Oldoni gadhiifte.

    Mr Oldon waggaafi baatii tokkoof mana hidhaa keessa kan ture yoo ta’u, maqa balleessiifi oduu sobaa facaasuun himatame mana murtii Hargeessatiin erga dhiyyaten booda bara 2019 hidhaan waggaa sadiifi wallakkaa itti murtaa’e.

    Gaazexessaan kun ammoo irra dedeebiin himannaawwan irratti dhiyaatan kan haalee yoo ta’u, abokaatoonsaas murtee darbeen haqamaleessa jedhee ture.

    Pirezidaantiin Somaaleelaandi Musee Bihi Abdii dhiibbaa dureewwan paartiilee mormitootaafi gareewwan mirgootaaf mormaniin waliin erga marii irratti taasisanii booda guyyaa Sanbataa akka hidhaa bahuuf ajajan.

    Mr Oldon dhiifama pirezidaantichaan hidhaa yoo bafamu kuni yeroo lamataati.

    Innis BBC’tti akka himeetti, erga bakka butoonni paartiilee mormiituu pirezidaanticha waliin dubbatanii booda gadhiifame.

    Mana hidhaa keessa wayita tureetti haalaan qabamulleen baayyee dhukkubsataa akka ture hima.

    Erga wal waraansa Somaalii fi kufaatii motummaa bara 1991 asii, Somaalilaandii bulchiinsa ofiin of bulchituu jirtuufi motummaa mataashe qabduudha.

    Haa ta’u malee Dhaabbata Gamtooman, Gamtaa Afriikaa ykn kiyya kamiinu beekkamtii hinargannee.

  9. Itti-aanaan pirezidaantii Sudaan Kibbaa Covid-19 irraa bayyanatan

    Ittaanaa pirezidaantii Sudaan Kibbaa

    Madda suuraa, Reuters

    Itti-aanaan pirezidaantii Sudaan Kibbaa Riik Maachaariifi haatiwarraasaanii kan Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa taate Anjeelinaa Teenii Covid-19 irraa fayyuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Aanga’oonni lamaanuu Covid-19 irratti argamuunsaa kan mirkanaa'e torban sadii dura ibsamee ture.

    Gaazexaan ‘Sudan Tribune’ ibsa waajjira Maachaar eeruun akka gabaaseetti, ‘guutummaan guutuutti fayyuudhaan’ guyyaa Sanbataa bahaniiru.

    Ibisichi akka jedheettis aanga’oonni lamaanuu erga koronaavaayirasiidhaaf yeroo lammaffaaf qoratamanii bilisa ta’unsaanii mirkanaa’een booda akka bahan taasifameera.

    "Aanga’oonni lamaan gara hojii idilee waajiraa ummataa isaaniitti dafanii akka deebii’an eegamu.

    Tarii Wiixata harraa ta’uu danda’a," jedheera ibsi waajiricharraa bahe.

  10. Itoophiyaatti lakkoofsi oggeessoota fayyaa Covid-19 qabaman dabaluun yaaddoo uumeera

  11. Addunyaarratti biyyoota vaayirasiin keessatti garmalee baayyatu shan

    Dhaadannoo nama qabatee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Lakkoofsi namoota addunyaarratti Covid -19n qabamanii miliyoona 7 kan caale yoo ta’u, kana keessaa walakkaa ol ammoo biyyoota shan keessatti argama, akka Yunvarsiitiin Joonsi Hopkins jedhuutti.

    Yunaayitid Isteet keessatti namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii milkanaa’e miliyoona 1.9 addunyaarratti sadarkaa tokkoffaarratti argamti.

    Biraazil ammoo namoota vaayirasiichaan qabaman 700,000 ta’aniin lammaffaa yoo taatu, Raashiyaan 467,073, UKn 287,621 fi Indiyaan 257,486 qabachuun sadarkaa sadaffaarratti argamti.

    Haata’u malee, haalli qorannoo biyyota irraa biyyootatti garaa garummaa akka qabaatu yaaduun ni barbaachisa.

    US keessatti qorannoon dhiheenya keessa babalataan kan jiru yoo ta’u, garuu oggeessoonni Biraaziliifi Indiyaa qorannoo baayyee gadaanaa waan qabaniif namoota vaayirasichaan qabame xiqqaa gabaasuu jedhu.

    Haalli baayyina ummataa garaa garummaa qabaachuun hubannoo keessa galfamuu qabaata. US ummata gara miliyoona 300 kan qabdu yoo ta'u, Indiyaan ammoo biliyoona 1.3 qabdi.

    Haala baayyina ummataa irratti hundaa’un qorattoonni tilmaama baayyina namoota qabamanii 100,000 keessa shalaganiiru.

    Haala kanaanis Peruu namoota kuma tokkoo vaayirasichaan qabaman 585 qabachuun jalqabarra kan taatu yoo ta’u, UU ammoo 579, UK 428, Xaaliyaaniin 388 fi Raashiyaan 311 wal duraa duuba jiru jedhameera.

  12. Magaalaan Miniyaapoolis damee poolisii diiguuf

  13. UN: Magaalaan Liibiyaa tibbana to’annoo mootummaa jala galteetti hanni hammaate

    Loltoota taankii waraanaarra jiran

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni mootummaa Liibiyaa hawaasa idil-addunyaan deeggaramuu torbee darbe Tiriippoolii to'atani

    Maagaalota dhiyeenya Tiriippooliitti argaman fi gidduu kana humnoota mootummaa deeggarsa ididl-addunyaa qabaniin to’annoo jala oolan keessatti gabaasni hannaafi barbadaa’uu qabeenyaa dhufaa jiraachuu anga’oonni UN dubbatu.

    Akka UN’tti qabeenyi manca’aa kan jiru injifannoo mootummaaf haaloo bahachuuf akka ta’edha.

    Suuraawwan naannoo sanarraa miidiyaa hawaasaarra ba’an suuqiiwwan hataman fi mana boombiidhaan yoo barbadaa’u mul’isaniiru.

    Milishoonni mootummaa deeggarsa Tarkiitiin naannichatti sochoo’an loltoota amanamoo Generaal Kaliifaa Haftaar irraa magaalaa Tiriippoolii fi naannawas isaa tibbana to’achuun ni yaadatama.

    Namoonni 16,000 ta’an naannicharraa baqachuu UN ni hima.

  14. Afrikaan qoricha koronaavaayirasii akka hin arganneef shirri xaxamaa jiru jiraa?

  15. Duulli farra jibbaa sanyummaatiin gaazexeessitoota Yugaandaa qeeqame

    Garee shubbistootaa

    Madda suuraa, TIWIITARA

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Lubbuun Gurraachotaas Lubbuudha' kan jedhuufi 'Lubbuun Nama Hundaa Lubbuu dha' kan jedhu irratti mormii guddaatu jira

    TV’n Yugaandaatti argamu tokko erga hojjattoonnisaa tiishartii ‘Lubbuun nama hundaa lubbuudha’ jedhu uffatanii sagantaa tokkorratti argamanii booda dhiifama gaafachuuf dirqameera.

    Nama dhuunfaatiin kan bulu NBS daawwattoota isaatti karaa tiishartiiwwan Kanneenii ergaa dogoggoraa dabarsuuf yaadee akka hin taane himuun, fuulduratti of-fooyyessina jedheera.

    ‘Lubbuun namoota hundaa lubbuudha’ kan jedhu yeroo hedduu kan fudhatamu warreen cunqursaa gurraachotarra ga’u falmachuuf ‘Lubbuun Gurraachotaas Lubbuudha’ jedhan yaada saanii busheessuu akka ta’etti fudhatama.

    Duulli Lubbuun Gurraachotaas Lubbuudha jedhu erga Joorji Filooyid ajjeefamee booda irra deebiin eegalamee jira.

    TV’n Yugaandaa kun suuraawwan gareen kun tiisharticha uffachuun maxxanssan balleessus, viidiyoon shubbisaa isaani hafee jira.

    Suuraawwan isaanii Tiwiitar irratti qoodamanii kan jiran yoo ta’u,

    Du’aatii Joorjiin guyyoota muraasa booda dhaabbatichi gareen kun uffannaa sana uffatanii ba’uuf hayyamuu isaatti miidiyaa hawaasaa irratti qeeqni guddaan akka itti ka’u taasisee jira.

    Adda addummaan ergaa lameen kana giduu jiru Afriikaanotatti barsiifamuu qaba jedhama jedhu qeeqxonni kunneen.

  16. Sababiin viidyoo Joorji Filooyid ilaaluu dhiisuuf murteesseef

  17. Kuubaan vaayirasii Covid-19 to’adheera jette

    Fakkii

    Madda suuraa, AFP

    Kuubaan walitti fufiinsaa guyyoota saddeetiif namni Covid-19n du’e akka hinjirree kaasuun, vaayirasicha to’adheera jettee jirti.

    Torbee itti aanu keessa ammo attamiin waljalaan uggrri kaa’amee akka itti laafaa deemuu irratti karoora ifa taasifti jedhamee eegama.

    Waliigalatti biyyattii keessatti namoonni 2200 Covid-19n kan qabame yoo ta’u, namoonni 83 du’anii, kan 250 ta’an ammo bayyanachuun barameera.

    Erigaa motummaan Kuubaa dabarseen, lammiilee bu’aa argameetti akka hindagannee kan akeekkachiise yoo ta’u, manneen barnootaafi dangaalee cufaadhuma akka turan beeksiiseera.

    Kana malees tajaajiilli geejiba ummataa ammas cufaa kan turu yoo ta’u, namoonni mana saanitii wayita bahaniitti dirqamaan maaskii kaawwachutu irraa eegama.

  18. Ameerikaatti poolisoonni hedduun hojiisaanii gadhiisan

  19. Niiw Yoorkitti hojiiwwan daldalaa deebii'anii banaman

    Magaalaa Niiwu Yoork

    Madda suuraa, Reuters

    Magaalaan Niiwu Yoork manneen daldalaa barbaachisoodha jedhaman Wixata haraa irraa kaasanii deebii'anii banamuuf jiru.

    "Marsaa duraa" kanaan yeroo deebii'ee banamuuttis namoonni 400,000 ta'aniifi hojii ijaarsaa, warshaaleefi gurgurtaa keessa hojjetan hojii ni jalqabu.

    Bakkeewwan hojii ammoo tarkaanfiiwwan of eegannoo addaa taasisuuti irraa eegama jedhameera.

    Magaalaa Niiw Yoork keessatti namoonni 200,000 ol Covid-19n qabamanii, kanneen 21,844 ta'an ammoo dhibee kanaan lubbuu dhabaniiru.

    Yeroo weerara kanaa keessatti namoonni 880,000 magaalattii keessatti hojii dhabaniiru.

  20. Itoophiyaatti sababiifi fala qaala'iinsa jireenyaa tibbanaa maal laata?