US'tti du'aatiin guyyaa 700 gadi bu'e

Madda suuraa, Reuters
Saatii 24 darban keessa Ameerikaa keessatti namoonni dhibee koronaavaayirasii waliin walqabatee du'an 691 bu'uun himame.
Kun ammoo kan torban darbe galmaa'e waliin yeroo wali biratti ilaalamu isa gadi bu'aadha.
Yeroo weerarri biyyattii keessatti baayyee ol ka'ee ture wallakkeessa Eblaa keessa guyyaatti namoota 3,000 ta'anitu guyyaatti du'a ture.
Walumaagalatti, Ameerikaa keessatti namoonni 110,000 Covid-19n du'anii, kanneen miliyoona 1.9 ta'an ammoo vaayirasichaan qabamaniiru, akka ragaan Yunvarsiitii Joon Hopkiinsi irraa argame mulliseetti.













