Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Looreetiin nageenyaa DRC doorsifamnaan UN eegumsa taasiseef

    Lammiin Rippabilika Dimokiraatawaa Koongoo (DRC) badhaasa noobelii nageenyaa badhaafamanii turan doorsisni waan itti hammaateef, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) eegumsa gochaafii jira.

    Dr Deenis Mukwege kutaa baha DRC lolaan hunkuramaa jirtu keessatti yakka gudeeddii raawwatamu hambisuuf hojii hojjetaniin bara 2018 badhaasa Noobelii nageenyaa argatan.

    AFP’n akka gabaasetti namni kun qaamoleen baha biyyattii keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwatan seeratti yaa dhiyaatan jedhee waan qabsaa’aa tureef doorsifameera.

    Dr Deenis Mukwege doorsisni ajjeechaa akka irratti raawwatamaa ture himeera.

    Ergaa Tiwiitara isaarratti barreesseen humnoonni nageenyaa UN bakka inni jiru bakka Panzi jedhamu keessatti bobbaafamuu ibseera.

    Loltoonni UN, namoota dhibamanii hospitaala seenan irra haleellaan akka hin geenyeef gara hospitaala naannawa kanaatti ergaman, kanaafis Dr Deenis Mukwege galateeffateera.

  2. Atakaaroo daa'ima maaskii hin kaawwanneen balaliin xiyyaaraa haqame

  3. US barattoota Chaayinaa 1,000 irraa visa mulqite

    US barattoota Chaayinaa 1,000 caalan eeyyama biyyattii isan tursu ykn 'visa' isaanii mulqite.

    Sababni ammoo rakkoo nageenyaa uumuu danda’u jettee waan shakkiteefi.

    Tarkaanfiin kun isa pirezidaanti Tiraampi Caamsaa darbe lammiileen Chaayinaa hariiroo jabduu humna waraanaa waliin qabu jechuuun dubbatan waliin wal qabata.

    Barattoonni Chaayinaa ragaa kuufamee fi beekumsa teeknooloojii humna waraanaa US hataa jiru jechuun dubbatanii turan Tiraampi.

    Bara 2018-19tti lammiileen Chaayinaa 370,000 ta’an yuunivarsitiiwwan US keessatti barachaa turan.

    Namoonni 'visan' irraa mulqame barattoota eebbaaf ga’anii fi qorannoo gaggeessaa jiran kanneen rakkoo nageenyaa hamaaf sodaatamaniidha jetti US.

    Chaayinaan dhimma kanarratti homaa hin jenne.

    Barattoota paartii fi humna waraanaa waliin hidhata hin qabne fudhachuu akka itti fuftu US himteetti.

    Taatee kana booda barattoonni Chaayinaa yuunivarsitiiwwan US iddoo garaagaraa jiran rifaatuu keessa galuu fi gaaffiin itti heddummaataa jiraachuu dubbatan.

  4. Ashamaa!, Deebineerra

    Gabaasi kallattii keenya kan Fulbaana 10 bara 2020 asirraa eegala.

    Filaannoo Naannoo Tigraay irratti fuulleeffachuun odeessaalee gaggabaaboo isin biraan gahaa turree asii gaditti argattu.

    Oolmaa Gaarii!

  5. Itoophiyaatti har'a namoonni 916 Covid-19n qabamanii, 17 ammoo du’an

    Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii sa'aatii 24 darban keessatti saamuda 15,561 taasifame keessaa namoota 916 irratti vaayirasichi argamuun yoo mirkanaa'u, 17 ammoo dhibee kanaan lubbuun darbeera.

    Guyyaa har'aa 377 dabalatee namoonni amma yoonaatti bayyatan ammoo kuma 23,054 ta’eera.

    Akkasamumas lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasiin qabamuun mirkanaa’ee 61,700 gahuu isaa ibsi guyyuu Ministeera Fayyaa Itoophiyaa ni mul'isa.

  6. Daangaa nannoolee Amaaraafi Tigraayirratti maaltu umamee?

  7. Museeveeniin dargagoota mo'achuun yaadaan malee lolaan miti jedhan

    Miidiyaa hawaasummaa irratti dargaggoota waliin wal’aansoo walqabaan jira kan jedhan Pirezedantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii, "Gariin isaanii na qoccolu/ na arrabsullee. Ati baayyee nama gadheedha naan jedhu," jedhan.

    Haata'u malee, dargaggoota mo'achuudhaaf humnaan deemuurra yaadaan amansiisanii mo'achuun caalaa bu'a qabeessa akka isaan taasise himan.

    "Nuti walii keenya irratti miidhaa geessisuu hin qabnu” kan jedhan Museeveeniin, dargagoota aangoo akka gadi dhiisaniif isaan qeeqaniin dura hojii manaa keessan hojjetadhaa jedhan.

    Akka Pirezedaantichaatti, warri isaan qeeqan dura rakkoo misoomaa Yugaandaa furuuf hojjechuu, akkasumas milkaa’ina Konfedereeshinii Afrikaa Bahaatiif dursa carraaqu qabu.

    Yaada kanaanis dargaggoo isaaniin falma hedduu mo'acha'u isaanii dubbataniiru.

  8. Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa amantoota miidhamaniif birrii mil. 40 gumaachite

    Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda amantoota miidhamaniif birrii miliyoona 40 gumaachite.

    Miseensa koree namoota miiidhaman deebisanii bayyanachisuuf hundaa’e kan ta’a Qees Muluqan Birhaanuu, gargaarsi kun amantoota buufataalee lallabaa 10 keessatti miidhaman 12,719 ta’aniif kennama jedhan.

    Gargaarsi gochuun kan barbaachises ayyaanaafi akkasuma, deebi’anii hojii akka eegaluu danda’aniif ta’uu ibsan.

    Namoota miidhaman gargaaruuf Bataskaanichi waliigalatti birrii miiliyoona 44.5 baasuu fi amantootarraa walitti qabuu ibsan.

    Gargaarsa birri miliyoona 40 kennamerraa hafe birri miliyoonni 4.5 odeeffannoon dhabuun namootni gargaarsa hin arganne yoo jiraatanif jedhameetu kaa’ame jedhu.

    Gargaarsi kun kan hiramee akkaata miidhama namootaa irratti hundaa’uun ta’u kan himan Qees Muluuqan, kan du’aan, miidhama qaamaan cimaa irra ga’eefi kanneen wal’aansi isaan barbaachisu jedhamuun adda baafamuu dubbatan.

    Odeeffannoon namoota miidhaan irra ga’ee Baankii Daldalaa Itoophiyaa waliin ta’uun maqaa isaaniin herreega qusannaa banuudhaan,mallaqni gargaarsa kallattiin achirratti dabarfameef jedhu.

    Bataskaanni kun Arsii, Bahaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Baalee, Shawaa Bahaa, Iluu Abbaa Booraa, Horroo Guduruu, Wallagaa fi Jimmaatti argamu.

    Namoota kunneen itti fufiinsaan hundeessuuf, qabeenya jalaa bade deebisuuf, mana jalaa diigame deebisuuf gargaasa birrii biliyoona sadii walitti qabuuf sochiin taasifamaa jiraachuu himan.

    Bataskaanni kun namoota sababa amantii isaaniin ji’a Onkoloolessaa hanga Waxabajjii gidduutti nannoolee adda addaatti miidhaan irra ga’e gargaaruuf murteessuu Qees Muluqan himaniiru.

  9. Barattoota Boosiniyaa daree alaatti barachuu eegalan

    Barsiisonni Boosiniyaa ganna kana bakkeetti daree qopheessuun barattoota barsiisuu eegalan.

    Akka gabaasa Rooyirarsitti, mana barnootaa Kachuunii keessattiraaasa/bakkeett barsiisuu jalqabuuf karoorfame ture, weerarri koronaavaarasiimmoo saganticha saffisiise.

    Barsiisaan Mirza Begovich jedhaman dareen alatti barsiisuun barattootaa fi barsiisootni qilleensa haaraa akka argatan fayyadeera jedha.

    Tola ooltonni fi arjoomtoonnis sagantaa daree alaatti baratamu kana deeggaraniiru.

    Wayita haalli qilleensaa mijaataan jirutti bakkeetti baratu,fuulfuraafimmoo qoosaas dhiyeeffamuu taasisuuf karoorfameera jedhame.

    Barattoonni akka walirraa hiiqaniif garee xixiqqaatti qoodamanii kan baratan wayita ta’uu, barattoonni kaan mansaaniirraabarnootasaanii hordofanillee jiru.

    Weerarri Covid-19 erga jalqabee biyyatti keessatti namoonni 21,961 vaayirasichaan qabaman keessaa 669 du’aniiru.

  10. Naannoon Tigraay attamiin addatti filannoo gaggeessuurra gahe?

  11. MM Abiyi Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos qorannoo imaammataarratti muudan

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos Itti-aanaa daarektara Inistitiiyuutii Qorannoo Imaammataa gochuun muuduu isaanii Waajirri Ministeera Muummee fuula Feesbuukii isaarratti ibse.

    Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos miseensa mana maree duraanii kan turaniifi dura taa’aa Sooshaal Dimokiraatik Paartiis turaniiru.

    Dura taa'aa MADIRAK ta'uun kan tajaajilan Pirofeesar Bayyanaan, nama siyaasaa gameessa mootummaarratti qeeqa dhiyeessuun beekaman keessaa tokko.

    Yuunvarsiitii Finfinneetti hayyuu Baayoloojii kan ta’an Pirof. Bayyanaan, A L I bara 1984 miseensa mana maree mootummaa ce’umsaa ta’uunis tajaajilaniiru.

  12. Ameerikaan xumura ji'a Fulbaanaa kanatti loltoota 2,200 Iraaqii baasuufi

    Baha Giddugaleessaatti hogganaan waraana Ameerikaa ibsi kenne akka agarsiisutti, US torbanoota muraasa dhufan keessatti looltota Iraaq jiran keessa harka sadii baasuufi.

    Jenaraal Keenat Makenzii, Fulbaana keessa lakkofsi looltota achi jiran 5200 irraa gara 3,000tti ni hir’ifama jedhan.

    Warri achitti hafan ammoo qaamolee nageenya Iraaq hambaa gartuu IS biyyatti keessatti hafanii ''akka balleessaniif'' gorsaa fi gargaarsa kennu.

    Ji’a darbe Pirezdantiin US Doonald Tiraamp loltoota Iraaq keessa jiran hunda saffisaan akka achii baasu mirkaneesse ture.

    Loltoonni US Iraaq keessa jiraachuun isaanii erga ajjeechaa jenaraal Iraan Qasiim Solimaanii Amajjii keessa haleellaa xiyyaara rimootiin to'atamtuun raawwatee booda Iraaq keessatti dhimma ijoo ta'eera.

  13. Namichi maanguddoo ganna 86 gudeede du'aan akka adabamu gaafatame

  14. Afgaanistaanitti haleellaa Pireezidantii Itti aanaarratti qiyyaafateen namoonni 10 du'an

    Magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabuul keessatti haleellaa boombii pireezidantii itti aanaa biyyattii Abdullaa Saaleeh irratti qiyyafateen yoo xiqqaate namootni 10 ajjeefaman.

    Hoogganaan tikaa biyyattii duraanii Saaleeh sababa ibiddaan fuulaa fi harka isaaniirra miidhaa salphaan qaqqabus lubbuun oolaniiru.

    Haleellaan kun kan raawwatame aanga'ootni Afgaan Taalibaan waliin marii isaanii kan jalqabaa wayita jalqabanitti.

    Abdullaa Saaleeh aanga'oota Afgaan warra Taalibaaniin ifatti morman yoo ta'an yaalii ajjeechaa bara darbe irratti aggaamamee lubbuu namoota 20 galaafate dabalatee yaaliiwwan ajjjechaa hedduu oolaniiru.

    Dubbii himaan warra Taalibaan Zaabihullaah Mujaahiid ergaa tiwitara gubbatti maxxanseen haleellaa kana keessaa harka hin qabnu jedheera.

    Dubbii himaan Ministeera dhimma biyya keessaa Taareeq Ariyaan haleellaan kun Saaleeh irratti kan qiyyaafatee fi isaanii gara hojii deemu konkolaataa isaanirratti darabatamuu dubbatan.

    Namootni naagaa naannichaa hojjetan 10 ta'an haleellaa kanaan ajjeefamuu fi eegduu Saaleeh dabalatee namootni 15 miidhamuus dubbatan.

    Haleella kanaan booda Saaleeh ibsa kennaniin hojii siyaasaa isaanii akka itti fufan dubbatan.

    Pireezidantiin biyyattii Ashiraaf Gahaanii haleellaa kana balaaleffataniiru.

  15. Covid-19 Itoophiyaatti - Bitootessaa hanga Hagayyaa

  16. Mammaaksa Guyyuu BBC

    Akkam isan?

    BBC Afaan Oromoorraa #mammaaksaguyyuubbc erga isinii dhiyeessuu eegallee ganna lama dabreera - Caamsaa 2018 keessa eegalle.

    Ergasiis mammaaksota godinaalee Oromiyaa garagaraa irraa akkasumas biyyoota addunyaa garagaraa irraa nuuf ergaman dhibbatti lakka'aman suuraa waliin dabaallee isan biraan geenye.

    Adeemsi haga ammaa jiru maal fakkaata? Guca armaan gadii faayyadamuu dandeessan.

    Gaaffiifi yaada qabdan nutti himaa - dhiyaadhaa.

    Hiikni mammaaksa har'aa isiniif maali?

  17. Aanga'oonni TPLF dorgomaa jiran eenyufaadha?

  18. 'Filannoon Tigraay mirga heera mootummaatti fayyadamuu malee fallaa isaa miti'

  19. Manneen hidhaa haalaan rukkatan akkasii agartanii beektuu?