Looreetiin nageenyaa DRC doorsifamnaan UN eegumsa taasiseef
Lammiin Rippabilika Dimokiraatawaa Koongoo (DRC) badhaasa noobelii nageenyaa badhaafamanii turan doorsisni waan itti hammaateef, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) eegumsa gochaafii jira.
Dr Deenis Mukwege kutaa baha DRC lolaan hunkuramaa jirtu keessatti yakka gudeeddii raawwatamu hambisuuf hojii hojjetaniin bara 2018 badhaasa Noobelii nageenyaa argatan.
AFP’n akka gabaasetti namni kun qaamoleen baha biyyattii keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwatan seeratti yaa dhiyaatan jedhee waan qabsaa’aa tureef doorsifameera.
Dr Deenis Mukwege doorsisni ajjeechaa akka irratti raawwatamaa ture himeera.
Ergaa Tiwiitara isaarratti barreesseen humnoonni nageenyaa UN bakka inni jiru bakka Panzi jedhamu keessatti bobbaafamuu ibseera.
Loltoonni UN, namoota dhibamanii hospitaala seenan irra haleellaan akka hin geenyeef gara hospitaala naannawa kanaatti ergaman, kanaafis Dr Deenis Mukwege galateeffateera.