Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Weellisaa beekamaa Akon Senegaalitti magaalaa 'Akon City' ijaaruuf

    Weellisaan gosa muuziqaa R&B Ameerikaa Akon, karoora Senegaalitti magaalaa haarayaa ijaaruuf qaburatti ibsa kenneen, ijaarsi bara dhufu eegala jedhe.

    Akon waahee magaalaa kanaa ALA bara 2018 irraa eegalee haasawaa ture.

    Ibsa kennerratti Akon eenyummaa invastarootaa himuudhaa baatus, bajata magaalaa kana ijaaruuf barbaachisu doolaara biiliyoona 6 barbaachisu keessaa tokko sadaffaan argameera jedheera.

    Arkiteektiin (mahaandisa) karoora magaalaa kana duuba jiru Huseen Bakrii waan jedhe, lakkoofsi namootaa magaalaa kana keessa qubatan 300,000 ni gaha.

    Akon maqaansaa inni sirrii Alioune Badara Thiam kan jedhamu yogguu tahu, waa'ee magaalaa kanaa Ameerikaanota hidda Afrikaa qabaniif haalaan beeksisaa jira.

    ''Afrikaanota-Ameerikaa aadaa isaanii sirriitti hin hubanne argeera... Kanaafiin magaalaa kana ijaaruuf barbaade - jara kanaaf mana isaanii isa sirrii itti agarsiisuuf barbaade,'' jedhe jechuun AFPn gabaaseera.

    Artistiin maatii lammiilee Senegaal tahan irraa Ameerikaatti dhalate kun, ''Yoo Ameerikaarraas tahe, Awuroppaafi biyya alaa kamuurraa dhuftee, Afrikaa daawwachuuf fedhii qabda taanaan, imallikee jalqabaa Senegaal akka tahu feena,'' jedhe.

  2. Baaleetti re'oonni 100 caalan bishaan summaa'e dhuguun obba'an

  3. 'Nagaa fi tasgabbiin biyya kana keessatti akka jiraatuuf hojjenneerra'

  4. Odeeffannoon imeelii miseensota paarlaamaa Noorweey hatame

    Paarlaamaan Noorweey ‘haleellaa saayibarii cimaa’ tahe dhaabsisuu dubbateera.

    Daariktar, Maariin Adarsan akkaawuntiin imeelii miseensota paarlaamaa baayyeefi hojjettoota paartii mormituu Noorweey ‘hack’ godhamee (hatamee) ture jedhan

    ''Dhimma kana xiyyeeffannoon ilaalle,’’ jedhan

    ''Haala tures xiinxaluutiin akka waliigalaatti dhiibbaa qaqqabsiisuu danda’us hubachaa turres,’’jedhaniiru.

    Abbaan Taayitaa Tika Biyyaalessaa Noorweey dhimma kana faana bu’uuf gargaarsa gochaa akka ture himeera.

    Baatii Amajjii keessa odeeffannoowwan dhuunfaa namoota siyaasaa Jarman, Angeelaa Merkil dabalatee hatamee onlaayina irratti maxxanfameetu ture.

    Bara darbe immoo Awustiraaliyan hattoonni odeeffannoo, paarlaamaa biyyattii irra haleellaa saayibarii qaqqabsiisuu yaaluu isaaniif Chaayinaa komattee turte.

  5. 'Weerara lafaa Finfinnee' IZEMA'n qoradhe jedhu maali?

  6. Finfinneen guyyaa tokkoof daabboo ummataaf tolaan raabsuufi

    Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Haaraa Itoophiyaa bara 2013 simachuuf sagantaa addaa qopheesseera.

    Guyyoota Qaam’ee shan guyyaa adda addaa itti moggaasuun wantoota raawwatuuf yaade pirees sekireetariin magaalattii haaraa muudaman Aadde Alfiyaa Yuusuf kaleessa ibsaniiru.

    Guyyaa Dhiifamaa, Guyyaa waliinii, Guyyaa Ambaasaaddaraa, Guyyaa galataa, Guyyaa ifaa jedhamaniiru guyyoonni kunneen.

    Kanneen keessaa gaafa Wiixataa Qaam’ee 2 daabboon tolaan ummataaf raabsuUf yaadameera.

    ‘’Gaafa sana daabboon Shaggar tolaan dhiheessa’’ kan jedhan Aadde Alfiyaan maanguddoo oolmaa biyyaaf oolanis akka daawwataman himan.

    Warshaan daabboo Shaggar baatii Waxabajjii keessa kan eebbifame yoo ta’u guyyaattii daabboo miiliyoona lama oomisha jedhameera.

    Erga MM Abiy aangotti dhufani as wantoota haaraa baraman keessaa tokko qondaaltonni akkasumas bulchinsonni magaalaa dirqama hawaasummaa irratti bal’inaan bobba’uudha.

    Gama kaaniin, pirees sekretariyaatiin magaalatti akka beeksisetti ispoorteessitoonni barattoota magaalattii 20,000'f kophee bituuf waadaa seenaniiru.

    Sagantaa kana irratti atileetonni, taphattoonni kubbaa miilaa, hoggantoonni federeeshiniifi kaan argamaniiru.

  7. Pireezidaantiin Maalaawii ajajaa waraanaa ari'ame deebisanii muudan

  8. Ajaa'iba kun!

    Suuraa kana qalbeeffadhaa ilaalaa.

    Lakkii! naacha kana gubbaa kan jiru waan akka aramaa bishaan keessaa yookiis baala wahii sinitti hin fakkaatiin.

    Ilmoolee naachaa bicuu reefu dhalatantu, abbaasaanii yaabanii imalaa jiru.

    Suuraan gosa naachaa 'gharial' jedhamuu kun ogeessa suuraa Dhritiman Mukherjee jedhamuun, biyya Indiyaa Dahoo Biyyooleessaa Chambal'tti kahe.

    Dorgommii suuraa bineensotaa 'Wildlife Photographer of the Year' baranaa irrattis daran jajame.

    Dhritiman waan jedhu, ''naachi hedduu ilmoolee isaanii afaan keessatti baatu. Bocni afaanii gosa naachaa kanaa garuu afaanitti akka hin baanne taasise.

    Tanaafuyyuu, ilmooleen kun walitti siqeenyaafi eegumsa argachuuf, mataa fi dugda gubbaa koruu qaban.''

  9. Yaaddoo fi abdii turtii mana hidhaa keessaa gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo

  10. Pirezidaantiin Maalii tibbana aangooraa buufaman 'hospitaala galan'

    Pirezidaantiin Maalii tibbana humna waraanaatiin aangoorraa buufaman Ibraahim Bubaakaar Keeyitaa dhukkubsachuun Magaalaa Baamakootti hospitaala galuusaanii APn gabaaseera.

    Maddi oduu kun kilinika hoogganaan kun duraan itti wallaanamaa turan irraa maddeen lama maqaansaanii hin eeramne waabeeffachuun gabaase.

    Maanguddoon waggaa 75 kunis erga aangoorraa buufamanii booda, osoo aangoo gadhiisuusaanii hin beeksisin dura garee waraanaatiin guyyoota 10f to’annoo jala erga olfamaniin booda gadhiifamuun mana isaanii akka turan taasifamaniiru.

    Tibba mariin aggeeffameettis, Kanaan booda aangoo akka hinbarbaadne dubbachuusaaniitu himama.

    Mormitoonnis kufaatii dinadgee, malaamaltummaa fi riphee loltoota jihaadistootaa dhaabuu dadhamuusaaniitiif balaaleeffachuun akka aangoorraa bu’aniif baatii muraasaaf waamicha taasiaa turan.

  11. Afa-yaa'iin US maaskii malee argaman

    Ameerikaa keessatti, keessaattuu warra dimokiraatotaa biratti idoo guddaa kan qaban Afa-yaa'iiin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Naansii Peloosii maaskii osoo fullasaaniirratti hin godhatin argaman.

    Qondaalli kun yeroo hedduu Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi maaskii hin godhatan jechuun qeequudhaan beekamu.

    Akka suuraa Fox News argateetti afa-yaa'iin kun danbii of-eeggannoo koronaavaayirasii cabsuun maaskii malee magaalaa keessa socho'u.

    Ameerikaa keessatti maamilootas ta'e kanneen tajaajila kennan mana miidhaginaa isaanii keessatti yeroo hunda maaskii godhachuun dirqama.

    Naansii Peloosii garuu seera kana cabsuun mana miidhaginaa keessatti maaskii afaanii fi funyaan irraa gadi buusanii mormarratti diratanii osoo jiranii argaman.

    Erga taateen kun uumamee booda seera magaalattii cabsuu kiyya dagadheera jedhan.

  12. Dubartii US keessatti seenaa mirga qaama miidhamtootaa jijjiirte

  13. Diinagdeen Awustiraaliyaa waggaa 30 keessatti yeroo jalqabaaf gad-bu’e

    Diinagdeen Awustiraaliyaa sababii koronaavaayirasiin waggaa 30 keessatti yeroo jalqabaaf gadi guddachuu agarsiiseera.

    Oomishni waliigalaa biyya keessaa (GDP) baatii Eblaa hanga Caamsaa keessaa harka 7’n gad-bu’eera ji’oota sadan darbanii yoo dorgomsiifamu jechuu dha.

    Kufaatiin diinagdeen biyyattii bara 1959 qabee galmaa’uu erga jalqabee nuusa waggaa irratti 0.3’n hir’isee ture.

    Diinagdeen tokko kufe kan jedhamu ji’oota sadiif walitti fufinsaan yoo guddina negetiivaa agarsiise dha.

    Bara 2008 yeroo balaan faayinaansii addunyaa qaqqabe Awustiraaliyaan biyya dandamachuu dandeesse turte, sababiinsaa immoo gatii Chaayinaan qabeenya uumamaa irraa bitaa turteefi.

    Jalqaba waggaa kanaarratti diinagdeen biyyattii sababa balaa ibiddaa hamaa biyyattiitti mudateen, kana malees koronaavaayirasiin jalqabuusaatiin gadi bu'uu jalqabee ture.

    Yeroo dhihootiin asitti daldala garagaraa biyyattii mootummaan haa gargaaruyyuu malee gadi-bu’uun waan hin oolle taheera.

    Diingadeen kun waggaa 61 keessatti isa hamaa dha, sababiinsaa immoo baasiin mi’oota manaallee akka malee waan mi’aayeefi.

  14. Yooyyaa jenne!

    Gabaasni kallattii (live page) BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii ya eegale.

    Odeeffannoo wayitawaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!