Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Origoonitti abiddi saafaa nama miliyoona walakkaa godaanse
Ameerikaa kutaa biyyaa Origoon keessatti abidda saafaa lubbuu gaaga'uu malu baqachuun, namoonni miliyoona walakkaa ta'an qe'ee ofiirraa godaanan.
Abiddi hamaan kun bubbee gogaa baramaa hin taaneen hammaatee babal'ataa jira jedhu aanga'oonni.
Amma dura namni afur du'uun kan mirkanaa'e yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii qixaa'ee hin baramne.
Ammaan tana kutaalee biyyaa Ameerikaa gama lixaa 12 keessa abiddawwan saafaa 100 ol boba'aa jiru.
Origoon, Kaalifoorniyaa fi Waashiingitan keessatti magaalotni hedduun abiddaan barbadaa'anii jiru.
Kalifoorniyaa qofa keessatti yoo xiqqaate namni 10 lubbuu dhabeera.
Barri 2012 xumurame siyaasa Oromoo eessaa garam jijjiire?
BAGA GEESSAN, BAGA GEENYE!
Kanneen Ayyaana bara haaraa Itoophiyaa kabajaa jirtan maraan baga geessan jenna.
Gabaasaalee biyya keessaa fi alaa kallattiin isin biraan gahuu itti fufna.
Warra baranaa, kan bara egeree!
Qurxummiin Zaambiyaa beekamaan du'e achii buutesaatu dhabame
Qurxummiin Zaambiyaatti jaalatama ta’e kun Wixata darbe du’e kun kottolleessitu/firijii keessa buufamee dhabame.
Mafishiin waggoota kurna darban bishaan yuunvarsiitii biyyattii Koopperbeelt jedhamu keessa kan jiraate wayita ta’u, barattoonni milkii gaarii qaba jedhanii amanu ture.
Du’a qurxummii kanaatti pirezedantiin biyyattii fi ministiroonni muraaasni gaddanii barattoota yuunvarsiitiin ‘jajjabaadha’ jedhanii dhaamaniif.
Chaansilarrii itti aanaa yuunvarsiitichaa Pirofeesar Naayisoon Nigomaa qaamni qurxummii du’e kanaa eessa akka bu’e wallaalamu kaasun qoratamaa akka jirumiidiyaa biyyattitti himaniiru.
Pirofeesar Nigomaa, Mafishiin nyaatamuu hin hafne ykn ni gatame jedhaniiru. Nama kana raawwateerrattimmoo tarkaanfii naamusa fudhanna jedhan.
Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti namootni 878 Covid-19 qabaman
Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti namootni 878 Covid-19 qabamuun, namoonni 8 du’u Ministerri Fayyaa ibseera.
Har'a namoonni 586 dhibicharra bayyaannachuun,lakkoofsi namoota dhibicharraa amma yoonaatti bayyaannatanii 23,640 qaqqabera.
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota waligalatti vaayirasichaan qabaman 62,578 wayita qaqqabu, lubbuu namoota 974 sababa vaayirasichaan darbe.
Gaazexeessitoonni ONN guyyaa har’aa dhaddachatti dhihaatan
Manni murtii viidiyoo qophii isaan waraabaa turan ilaalee deebi’uf beellamus dhaddacha har’aarratti akka hin ilaalle ibse.
Ta’us, poolisiin qorannoo itti haa fufu jechuun gaafa qabamanirraa eegalee beellama guyyaa torbaa eeyyame.
Abukaatoon isaanii Obbo Tuuliin akka jedhanitti, Sambata iftaanii Fulbaana 02, bara 2013 mana murtiitti akka dhihaatan bellamamaniiru.
Kun otoo kanaan jiru ogeessi IT Mishaa Cirrii kan kaleessa manni murtii fedraalaa ramaddii Lidataa wabiin akka gadhiifamu murteesse abbaan alangee ol iyyannoo waan dhiheessef hin gadhiifamin hafeera.
Guyyaa har’aas himataman mana murtii dhihaateera.
Abukaaton isaanii Obbo Kadir Bulloo akka jedhanitti, manni murtii komii abbaa alangeefi yaada abukaatonni dhiheessaan ilaaluun, dhimmi wabiin gadhiifamuurratti Wiixata dhufu manni murtii waliigalaa federaalaa ajaja irratti kennuuf beellama qabate.
Gama kaniin, kana dura 'Obbo Jawaariifi Obbo Baqqalaa Garbaa qofa qofa hidhamuun sirrii miti, haa sirratu wal arguu qabu' jedhee si’a lama ajajus kuni hin raawwanne jedhan abukaatoon shakkamtootaa.
Kana bu’uura godhachuudhaan guyyaa har’aa ajajni hin raawwanne jechuun mana murtiitti kan ol iyyatan yoo ta’u,manni murtiis poolisiin maaliif akka hin raawwannee, shakkamtoota qabachuun akka dhihaatu ajajuu abukaatoon isaanii Obbo Kadir Buulloo himan.
Lammileen Itoophiyaa 147 har'a Sa'ud Arabiyaarra gara biyyaatti deebifaman
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa godaantota Sa'ud Arabiyaatti rakkoo keessa jiran biyyatti deebisuu hojii jalqabeera.
Har'a godaantooti 147 gara biyyaatti kan deebi'an yoo ta'uu, hundi isaanii daa'immanii fi dubartoota. Namoonni biyyatti deebifaman biyyatti keessatti rakkachuudha dubbatan.
Aanga'oonni akka jedhanitti, daa'immanii fi dubartootaaf dursa kennuun gara biyyatti deebi'an.
Namoonni biyyatti deebi'an torban tokkoof mooraa yuunvarsiitii keessa turuu jiru.
Lammileen Itoophiyaa gara Sa'ud Arabiyaatti godaanaan hedduun mana hidhaa biyyatti keessatti rakkachuu fi gara biyyaatti deebi'uu akka barbaadan dubbachuusaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Morishees galaana faalame keessaa qurxummiin akka hin kiyyeeffamne dhorkite
Ministeerra kiyyeessa qurxummii Moorishees faalamni haaydirookarbonii jiraachuu isaa erga qorannoon naannichatti mirkanaa'e booda galaana kibba- lixaa Moorisheesitti argamu qurxummiin kiyyeeffamanii akka hin gurguramneefi hin nyaatamne dhorke.
Adoleessa 25 darbe dooniin Jaappan MV Wakashiyoo jedhamu erga dhidheeme boba’aan toonii 1,000 ta’u bakka kunuunsaa bineensotaatti dhangala’eera.
Qaamni Eegumsa Galaanaa biyyaaleessa fi tajaajila kiyyeessu waliin ta’uun naannoo faalame sanatti sochii qurxummii kiyyeessuu kamiyyuu akka hin gaggeeffamneef hordofaa jiraachu ministirichi himeera.
Dhangala’uu boba’aa sanaa irratti hojii anga’ootaa qeequun hiriirri mormii marroo lammaaffaaf magaalaa Maheborgi keessatti Fulbaana 12 tasiifamuuf jira.
Iskindir Naggaa walitti bu'iinsa kakaasuun himatni irratti baname
Abbaan alangaa 'hogganaa mana maree Baalaadaraa Finfinnee' ofiin jedhuu Inskidir Naggaa dabalatee shakkamtoota torbarratti himannaa bane.
Obbo Iskindir Naggaa walitti bu’iinsa kakaasuun himanni irratti banameera.
FBC’n akka gabaasetti,weellisaa beekama Hachaaluu Hundeessa ajjeefamuu hordofee magaalaa Finfinneetti lubbuu namootaa darbee fi qabeenyarra balaa qaqqabeef nama gurmeessuu fi qindeessuun shakkamee himanni irratti baname.
Abukaatoon Iskindir waa’ee himannaasaati akka quba hin qabne BBC tti himeera.
Obbo Iskindir Naggaa kanaan duras waggoota torbaaf hidhamee jijjirama siyaasaa Itoophiyaatti bara 2018 dhufeen hidhaarraa gadhiifame.
Biyya Maaliitti mootummaa ce’umsaa hundeessuuf mariin jalqabame
Mariin sadarkaa biyyalessaatti magaalaa guddoo biyyattii Bamaakootti har’a jalqabame mootummaa ce’uumsaa fuulleeffate.
Hoggantoonni biyyoota lixa Afrikaa waraanni biyyatti aangoo humnaan qabate gara hogganaa hawaasni filateetti akka dabarsan dhiibuutti jiru.
Pirezedanti duraanii Maalii Bubakar Keeyitaa Hagayya darbe kana aangoorra erga buufamanii koree waraanni biyyatti hundeesse aangoo qaama hawaasni filatuutti akka dabarsan dhiibbaan irratti jabaateera.
Qondaalli waraanaa olaanaa biyyatti koloneel Assimi Goyitaa ilaalcha hawaasa biratti qaban fooyyeessuu fi deeggarsa argachuuuf namoota hawaasa biratti beekaman duddubbisaa jiru.
Koloneel Goyitaan pirezedantoota biyyattii duraanii lama dabalatee, namoota ce’uumsa siyaasaa biyyatti hogganaa turan fi koree dhimma islaamaa Maalii dubbisaniiru.
Sagantaan eebba Paarkii Shaggar miidiyaa hawaasaarratti miira walmakaa uume
Paarkiin Shaggar guyyaa har'aa magaalaa Finfinnee keessatti eebbifame miidiyaa hawaasaarratti miira adda addaan simatameera.
Eebba paarkii kanarratti agarsiifni waraanaa humna Rippablikaan Gaardi jechuun MM Abiy Ahimad ijaaran, humna qilleensaa Itoophiyaa waliin ta'uun agarsiisa dhiyeessaniiru.
Agarsiisni isaanii kun konkolaattota waraanaa, taankiifi meeshaalee waraanaa biroon dabaalaamee ta'uu isaatu haasaa miidiyaa hawaasaa ta'e.
Gariin namootaa ''kan eebbifame Paarkiimoo taankiidha?'' jechuun agarsiifni waraanaa kun eebba kanarratti godhamuun maaliif barbaachise jedhanii gaafatan.
Eebbiifi agarsiifni kun Naannoon Tigraay akeekkachiisa Mootummaa Federaalaa booddeetti jechuun filannoo gaggeessitee bulee kan gaggeeffame ta'uu isaatiin, gariin namootaa ammoo ergaa akeekkachiisaa biroo mootummaa Tigraayiif dhaamame jedhanii hubatan.
Paarkiin kun haala miidhagaa ta'een yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu isaatiin dhimma kana addatti kan hordofaa turan MM Abiyyiin kan galateeffataniis jiru.
Balaa abiddaa Kaalifoorniyaan sadi du’an, samiin dukkanaa’e
Gara fuulduraa fi duubaa ilaali kan jedhan kanaafi laata?
Saayintistoonni duuba loowwanii irratti fakkii ijaa/ilaa tolchaa jiru.
Qoosaafi yookaan taphaaf sinitti hin fakkaatiin – leencaafi bineensota isaan miidhan biroorraa isaan eeguuf kana godhan.
Qorattoonni qonnaan bultoota biyya Botiswaanaa waliin tahuun garee loowwanii (karra) 14 kanneen haleellaa leencaan rakkatan fakkii kana itti tolchuun, waggoota afuriif hordofan.
Waan qorattoonni kun bira geenye jedhanis, loowwan fakkii ija sobaa duubarraan qaban kanneen hinqabne caalaa nyaatamuurraa hafaniiru.
Duuba sa’aa irratti fakkii ijaa kaasuun tarii jalqabarra ennaa ilaalan waan salphaafi nama kolfisiisu tahus, bu’aan kun qonnaan bultootni loon isaanii leencaafi qeerransarraa baraaruun , galiinsaanis akka hin miidhamne oolcha.
Horsiisee bulaan tokko jalaa sa’I tokko nyaatamnaan, innis hin taahu, ka’ee bineensa jalaa nyaate hari’ee ajjeesa. Kanaanis Afrikaatti lakkoofsi bineensota kanneenii haalaan hir’achaa dhufeera.
‘’Leenci dhokatee adamsa. Kanaaf yoo wanti adamsu sun na ilaaleera jedhee yaada taanaan, dhiisee biraa gala,’’ jedha qorattoota keessaa kan tahe Neil Jordan.
Chaayinaan viidiyoo akkawuntii ambaasaaddaraan ‘like’ godhamerratti tiwiitara himate
Imbaasiin Chaayinaa UK jiru, maqaa akkaawuntii ambaasaaddaraan viidiyoon waa’ee saalquunnamtii akkamiin akka ‘like’ godhame akka qulqulleessu tiwiitara gaafateera.
Akkaawuntiin Ambaasaaddar Liu Xiaoming maxxansa qabiyyee Paartii Koministii Chaayinaa(CCP) qeequ of keessaa qabus like godheera.
Aanga’oonni Chaayinaa akka jedhanitti, gareen faallaa lammiilee Chaayinaa ta’an wal gurmeessanii akkawuntii Ambaasaaddar Liu Xiaoming cabsuun ittiin hojjetaa jiru.
Haala kanaan akka waan ambaasaaddarichi kana godhaa jiranii fakkeessanii uummata dogoggorsuu fi ilaalcha uummataa jijjiruuf itti fayyadamaa jiru jedhan.
Tuwiitar hanga yoonaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Erga viidiyoon sekondii 10 ta’u, kan qabiyyeensaa saalquunnamtii ta’e afaan Chaayinaatiin maxxanfame, akkaawuntii ambaasaaddara kanaan ‘like’ godhamee xiyyeeffannaan namootaa garana deebi’ee ture.
Quuqamtoonni mirga namaa magaalaa Landan jiran gocha kana erga arganii booda, fayyadamtoota tiwiitaraa kanneen biroo akeekkachiisaa turan.
Waan akkaawuntii ambaasaadarichaarra ga’es ‘screenshot’ gochuun qoodaa turan.
Fuulli(page) tiwiitarii kun turtii yeroo muraasa booda ammoo deebi’ee ‘unlike’ godheera.
Kunis namoota hedduun hubachuuf rakkiseera.
Tiwiitariin Chaayinaa keessatti guutummaatti ugguramee kan jiru yoo ta’u, qondaaltonni biyyattii hedduun garuu inuma fayyadamu.
Akkaawuntiin ambaasaaddar Liu Xiaoming bara darbe ji’a Onkoloolessaa keessa baname.
Paarkii Shaggar MM Abiy har'a eebbisiisan suuraan
‘Filannoon Tigraayitti gaggeeffame egeree ummatichaa kan murteessuudha’
Naannoon Tigraayi kaleessaa filannoo marsaa 6ffaa sadarkaa addatti gaggeeffateera.
Hojii raawwachiftoota Komishinii Filannoo Naannichaa keessaa tokko ka tahaniifi Yunivarsitii Maqaleetti gargaaraa Pirofessaraa kan ta’an Marasaa Tsahaay akka jedhaniitti, guyyaan kaleessaa ummata Tigreetiif guyyaa seena qabeessadha.
Itti dabalunis ‘‘filannoon guyyaa kaleessaa naannoo Tigraayiin gaggeeffame kan egeree Uummata Tigraayi Gaanfa Afriikaa keessatti qabu murteessuudha,’’ jechuun sagantaa raadiyoo BBC Newsday’tti himeera.
Naannoon Tigraayi jidduugala hawaasaafi siyaasa Itoophiyaa murteessaa waan taa’eef, Itoophiyaa irraa foxxoquuf ammaaf fedhii akka hinqabne himaniiru.
Erga MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufeen booda miseensoonni TPLF gameeyyiin gara naannichaatti deebii’unsaanii, naannicha irratti xiyyeeffachuun dimokiraasii cimsuuf carraa gaarii akka tures kaasaniiru.
Haala ajandaa faallaa mootummaa jidduugalaa kanaan yoo itti fufe, tarii yaaddoon Itoophiyaarraa adda bahuu ni jira jettanii yaadduu? Jedhamee gaaffii dhiyaateef deebii yoo kennaniin; ‘‘Maddi rakkina siyaasa biyyattiifi Gaanfa Afrikaa Abiy Ahimad.
Haala siyaasa biyyattii hubachuun rakkina amma keessatti argamtu keessaa baasuuf dandeettii hin qabu. Ammatti naannoo Tigraayi qofaatu haala tasgabbii keessatti argama,’’ jedhaniiru.
Naannoon Tigraayi addatti filannoo gaggeeffachu ammo, mirga heera motummaan keennameef hojiirra oolchuudha kan jedhan Marasaa Tsahaayi, Abiy nannoollee biraa kan akka Oromiyaa, Amaaraa fi essaattuu rakkoon mudataan jira jedhaniiru.
Qajeelfama ijoollee haleellaa saal-quunnamtii irraa tiksuuf qophaa'ee maal qabateera?
Manni Murtii Heeraa Giinii Alfaa Kondee si'a sadaffaaf akka dorgoman hayyame
Manni Murtii heeraa Giinii Pireezidantiin biyyattii nama ganna 82 Alfaa Kondee filannoo ji'a dhufuurratti marsaa sadaffaaf akka hirmaatan hayyame.
Manni Murtichaa kaadhimamaa paartii mormituu dabalatee kaadhimatootni 11 filannoo kanarratti akka hirmaataniif hayyama kenneera.
Koondeen umrii aangoo isaanii dheerressuuf jecha marroo sadaffaaf filannoorratti hirmaachuu akka isaan dandeessisu Guraandhala darbe heera biyyattiirratti rifarndamiidhaan fooyya'insi akka godhamu taasisaniiru.
Gocha kana hordofees mormii dhalateen namootni yoo xiqqaate 30 ta'an ajjeefamaniiru.
Koondeen jalqaba kan filataman bara 2010'tti yommuu ta'u irra deebiin bara 2015'ttis filataman.
Kibxata darbe Pireezidantiin biyya Lixa Afrikaa biroo Gaanaa, Muhaammaduu Buhaarii hooggantootni biyyoota Afrikaa turtii aangoo isa heera biyyaarra kaahame akka kabajan gaafataniiru.
Sana gochuu dhabuun madda muddama siyaasaafi hokkaraati jedhaniiru.
Talaallii Covid-19 raabsuuf 'xiyyaaronni fe'isaa 8,000 ni barbaachisu'