Walitti deebineerra
Bakka jirtanitti akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?
Kun toora tamsaasa kallattii odeeffannoo biyyaafi addunyaarraa gaggabaabsinee isin biraan geenyudha.
Nu hordofaa, aaga dhaga'aa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.
Bakka jirtanitti akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?
Kun toora tamsaasa kallattii odeeffannoo biyyaafi addunyaarraa gaggabaabsinee isin biraan geenyudha.
Nu hordofaa, aaga dhaga'aa!
Indiyaan namoota koronaavaayirasiin qabaman miliyoona 5 caalan galmeessite.
Addunyaarratti Ameerikaatti aanuun biyya tamsa’inni vaayirasichaa hedduu itti hammaate lammaffaa taate.
Tamsa’inni vaayirasicha saffisuun kan Ameerikaa caala. Amma yoonatti namoonni 82,000 vaayirasichaan wayita du’an, namoota 1,000 caalanitu guyyaan du’a.
Magaalota biyyatti hedduu keessatti namoota wal’aansafi Oksijiinii barbaada siree wal'aansa baayyeen ammoo qabameera.
Biyyoota weerara kanaan miidhamaniin fi baay’ina uummata qabdu wajjiin wal bira qabuun wayita madalaamu lakkoofsi namoota du’anii xiqqaa ta’u akeeka.
Ministirri fayyaa Afrikaa Kibbaa Dr Ziweli Makizi uummata biyyattii miliyoona 12tti tilmaamu koronaavaayirasiin qabeera jedhan.
Kunis uummata Afrikaa Kibbaa keessa harka 20 ta'a.
Waliigalatti namoota 650,749 biyyattiin amma yoonatti qorannoon adda baaftetti.
Qorattoonni hamma farra qaama alagaa dhiigaa dhukkubsataa keessatti argamurratti hunda’uun qo’annoo gaggessan.
Minsitirri fayyaa biyyattii lakkoofsi namoota haaraa qabamanii gadi hir’atus, sadarkaan madinummaa biyyattii garuu maaliirra akka jiru hin beekamu jedha.
Ogeessi talaalli pirofeesar Shabiir Madi lakkoofsi namoota qabamanii baay'ee ta’uu akka malu dubbatan.
Adooleessa keessa haaraa namootni qabaman 10,000 – 15,000 galmaa’aa ture, amma garuu sa’aatii 24 keessatti namoota 956 galmaa’e.
Biyyattiitti lakkoofsi namoota du’anii 15,499 wayita qaqqabu, hammi namoota dhibichaan qabamanii irraa bayyanatanimmoo harka 88.9 gaha.
Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti namoonni 700 Covid-19’n haaraa qabamuun, lubbuun namoota 13 ammoo ya darbe.
Waliigalatti namoonni amma yoonatti biyyatti keessatti vaayirasichaan qabaman 65,486 qaqqabuun, namoonni 1035 ammoo lubbuu dhabaniiru.
Har’a namoonni 655 vaayirasicharraa wayita bayyanatan walumatti lakkoofsi namoota bayyanatanii 25,988 qaqqabeera.
Lakkoofsi namoota har'a qabamanii kan argame samuuda namoota 10,024 fudhameeni.
Magaalaa Maqaleetti hiriyoonni sadiin; Rihisoom G/ Igzaabiheer, Girmaay G/ Mikaa’eli fi Marahaawwit Adiguu jedhaman mana jireenya tokko keessatti du’anii argama.
Sadanuu umrii ganna 20 keessa kan jiran yoo ta’u, isaan keessa tokko durba.
Sambata darbe wajjin taphataa turanii waarii gara manasaanitti deebi'anii turan.
Dilbata garuu deebi’anii erga wal arganii mana hiriyaasaanii tokkotti sadanuu du’anii argaman.
Qorataan yakkaa kutaa bulchiinsa Ayidar inspeektar ittaanaa Gebremaariyaam Yemaane, du’a isaaniif ka’umsi maal akka ta’e qorachaa jiraachuu BBC tti himan.
Hospitaala Ayideritti reeffisaanii qorannoof ergameera.
Hiriyoota sadan keessaa obbolessa isaa du’aan kan dhabe Gebremadiin G/ Igzaabiheer, jenereetarrii kutaa dargaggootni keessatti du’an keessa ture du’asaaniif sababa ta’uu mala jedhe.
Wayita gara hospitaalaa geeffamanis kobbolchi afaaniin bahaa akka turellee dubbateera.
Tigraay akka bilisoomtu kan barbaadu Paartiin Bilisummaa Tigiraay sababoota keessoo fi alaatiin filannoo naannichatti filatame injifachuu akka dadhabe ibse.
Filannoon naannichatti filatame ‘‘mirga ofiin of bulchuu mirkaneeffachuuf kan gaggeeffame’ ta’u ibsuun, filannicharratti bakka bu’ummaa dhabuusaaniiif sababni ijoon yeroo gabaabaatti waan hundeeffameef, caasaa ammaa sadarkaa gadiitti diriirfachuu hin dandeenye jedha.
Paartiin Bilisummaa Tigiraay ‘‘balaa uummata Tigiraayirratti qiyyaafachuusaatiin’’ hawaasni sodaa keessa otoo jiruu sagalee kennuu fi yaaddoon koronaavaayirasii dhiibbaa alaa filannicha akka hin injifanneef sababa ta’uu ibse.
Paartichi akka ibsetti, TPLF caasaa sadarkaa gadiirratti ‘‘amalaafi gocha dimokiraasii hin qabne fi duubatti hafaa’’ mul’isuun bakka bu’ummaa akka hin argannef qooda gamasaa gumaacheera jechuun hooggantoonni paartichaa ibsan.
Filannoon naannicharratti paartiilee shan hirmaatanis, waggoota 30 tti dhiyaatuuf addatti naannicha kan bulchaa ture TPLF sagalee 10,655,840, Baayitoonaan sagalee 93,495, Paartiin Bilisummaa Tigiraay58,779, Salsaawii Wayyaane Tigiraay sagalee 27, 987 yoo argatu, Asimbaan sagalee 3,088 argateera.
Teessoo mana maree naannichaa 190 keessaa 189 TPLF wayita argatu, teessoo tokkicha Baayitoonaan argachuu komishinarri filannoo naannichaa Muluwarq Kidaanamaariyaam kaleessa ibsaniiru.
Kaadhimamtoota fi maatii kaadhimatoota Paartii Bilisummaa Tigiraay dorsiifamuun, addatti qoodamuun filannicharratti akka hin filatamne taasifamuu ibsameera.
Ta’us, rakkoon jiraatullee firii filannoo akka fudhatan ibsaniiru.
Komishiniin filannoo naannichaa paartiileen morkattootaa komii dhiyeessaan akka hin fudhanne kaleessa ibseera.
Komishinichi namoota filachuuf galma’aan 2,789,254 keessaa harki 98 sagalee kennuusaanii ibse.
Filannoon biyyaleessaa guutummaa biyyatti keessatti Hagayya keessa filatamuuf ture yeroo biraatti akka dabarfamu manni maree bakka bu’oota uummataa fi federeeshinii murteessuu hordofee, naannoon Tigraay addatti filachuuf murteessuu balaaleeffataa turan.
Manni maree federeeshinii filannichi seeraan ala kan gaggeeffamee fi fudhatama hin qabu jechuun murteessuun ni yaadamta.
Ibiddi giddugala gabaa magaalaa Beeyirutitti ijaaramaa turetti qabachuun miidhaa geessise. Ibiddi kunis biyya dhoohinsa ji'a dabreerraa bayyanachaa jirtuuf, balaa torban tokko keessatti marroo sadaffaafi qaqqabedha.
Gamoon kunis buufata doonii ji'a dabre balaan dhoohinsaa qaqqabe dhyeenyatti argamu yommuu tahu, dhaabbata dizaayinara beekamtuu lammii Britishiifi Iraaq taate, Zaahaa Hadid'n midhaaffame.
Hagayyaa darbe keessa balaan dho’iinsa guddaan lubbuu namootaa 200 ta'anii gaalafate hordofee, torban tokko keessatti marroo sadaffaaf balaan ibiddaa magaalichatti qaqqabe.
Namoonni ibidda dhaamsan garuu saffisaan qaqqabanii ibidda gamoo hube kana dhaamsan.
Balaa amma qaqqabe kanaan namoonni miidhamuun hin baramne, maaltu balaa kana akka kaases hin beekamne.
Balaan kun garuu iddoo daldalaan beekamtuu fi andaara buufata doonii torban jahaan kana dho’insi qaqqabee lubbuu namoota 200 tti dhiyaata ajjeesee 6000 madeessetti argama.
Mootummaan Aljeeriyaa waggaa 25 dura sababa garee fiinxaaleyyii Islaamaan adamoo dhorkitee turte amma kaasteetti.
Dhorkaan kun booyyeen daggalaa akka baay’atu gochuun naannoo baadiyyaatti lafa qonnaa balleessuun rakkoo uumeera.
Ammaa qabee adamoon seera-qabeessa tahe ji’a jahaaf eeyyamamaa dha jechuun ministirri qonnaa biyyattii Ejensiii Pireesii Aljeeriyaatti himaniiru.
Bara 1990 keessa qawwee adamoof oolu gareen warra hidhataa hatanii haleellaaf fayyadamnaan qondaalotni dhaalaniitu adamoo achumaan dhorkan
Dhorkaan admoo bineensotaafi shimbirrootaa illee ka’eera.
Gabaasi Dhaabbata Biil fi Maalindaa Geets 'Bill and Malinda Gates Foundation' jedhamu akka mul'isutti weerarri koronaavaayirasii guddina diinagdee addunyaa waggoota 20'n teellaatti deebisa.
Sababa kanaan namoonni kumaa-kitilaan rakkoo hoji-dhabdummaa, hiyyummaa fi dhibeewwan garaagaraaf saaxilamuu akka danda'anis ibseera gabaasi kun.
Kanaanis karoori misooma waaraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 'UN's Sustainable Development Goals' gufachuu danda'a jedhe gabaasichi.
Tujaarri beekamaan addunyaa Biil Geet, hanga bara 2021'tti addunyaan talaallii hedduun as ba'uu dandeessi, garuu talaalliin kun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii ta'an bira hin ga'u taanaan rakkoo hamaadha jedhan.
Pirezidaantiin US Doonaaldi Tiraampi Iraan dippiloomaatii Ameerikaa tokkollee yoo ajjeeste adabbii hamaadhaanin adaba jedhan.
Pirezidaantichi kana kan jedhan erga Iraan Ambaasaaddara US Afriikaa Kibbaa jiran irratti aggaamaa jirti oduun jedhu dhagahameeti.
Iraan dippiloomaatii Ameerikaa tokko tuqnaan kan harkashee ni argatti, kuma goonee deebisnaaf jedhan Tiraamp.
Iraan aggaammii ajjeechaa gochaa jiraachuu kan gabaase barruu politico jedhamuudha, pirezidaantichi ammoo yaada kana kaleessa ture tiwiitarii isaaniirratti kan barreessan.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan gabaasa barruun kun baase haaluun kuffisaniiru.
Akka gabaasa barruu kanaatti Iraan kan isheen Ambaasaaddara US Afriikaa Kibbaa jiranirratti xiyyeeffateef waan isaan hariiroo yeroo dheeraa Pirezidaanti Tiraampi waliin qabaniif.
Kaayyoo gooroon aggaamii ajjeechaa kanaas Jeneraala biyyattii keessatti akkaan jaallataman Qaasim Sulaymaanii kan yeroo darbe ajjeefamaniif gumaa baasuuf.
Manni Murtii Heeraa Ayivorii Kost Pirezidaantii duraanii biyyattii Loorent Baagboo fi Ministira Muummee duraanii Guillaume Soro, filannoo ji'a dhufu gaggeeffamu irratti akka hin hirmaanne dhorke.
Komishiniin Filannoo biyyattii namni kamuu yakkaan himatamee jira yoo ta'e ulaagaa filatamuu hin guutu jedheera.
Namoonni kunneen lameenuu himatamanii turan.
Tibba kana wayita Pirezidaantiin biyyattii Alassane Otaaraa marsaa sadaffaaf akka dorgomuuf jedhan ibsan mormiin uummataa isaan mudatee ture.
Marsaa sadiif filannoorratti dorgomanii aangoorra turuu heerri biyyattii hin iyyamu.
Erga qondaalli kun dorgomuusaanii ibsanii hookkara dhalateen namoonni 15 ajjeefamaniiru.
Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?
Tamsaasni kallattii keenya eegaleera.
Toora kanaan dhimmoota fayyaa dabalatee odeeffannoo gaggabaaboo qiqqixeessinee isin biraan geenya.
Aaga Dhaga'aa oolaa!
Hoogganaan paartii mormituu Raashiyaa Aleeks Navalny summeeffamee hospitaala Berliinitti wal’anaamaa ture bayyanatee ‘sireesaarraa ka’uu danda’a’ jedhame.
Navalny Hagayya darbe naannoo Saayiberiyaatti otoo balaliirra jiru gaggabee erga of wallaale booda wal’aansaaf gara Jarmanitti geeffame.
Hogganaa paartii mormituu Raashiyaa Navaalny'n keemikaala ‘Novichok nerve agent’ jedhamuun summeeffamuun barame.
Deeggartoonnii nama siyaasaa kanaa, pirezedanti Vilaadimiir Puutiin akka summmeeffamu ajajuu himatu.
Kiremliin garuu, kuni dhara - harka keessa hin qaban jedhee waakkate.
Gama biraatiin, ministirri dantaa alaa Raashiyaa Serge Laaviroov mariif gara Jarmanitti Kibxata imaluuf beellamatani turan, guyyaa beellamaatu geeddarame jedhanii garasitti imaluu dhiisaniru.
Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti namoonni 485 Covid-19’n haaraa qabamuun, lubbuun namoota 9 ammoo ya darbe.
Gama kaaniin ammoo har’a namoonni 350 vaayirasicharraa bayyataniiru.
Waliigalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 64,786 yoo gahu, lakkoofsi namootaa sababa vaayirasii kanaan obba'anii 1,022 ga'eera.
Amma yoonaatti namoota Itoophiyaatti vaayirasichaan qabaman keessaa 25,333 bayyanataniiru.
Biyyattiin sa'aatii 24 dabran keessa namoota 9,256 irraa samuuda kan fudhatte yogguu tahu, torbanoota muraasaan asitti lakkoofsa namoota qorannoof samuda fudhattuus hir'isteetti.
Mootummaan Itoophiyaa gosoota birrii waggaa 23'f uummatni ittiin dhimma bahu jijjiiruu isaa har'a beeksisuu hordofee, dubbii ijoo miidiyaalee biyya keessaafi miidiyaalee hawaasummaa taheera.
Ganama har'aa MM Abiy noottiiwwan birrii jijjiiramuu erga ibsanii booda miidiyaalee hawaasaa gubbaatti yaada garaagaraa kaasaa jiru. Jijjiiramni godhame namootaafi qaamota maallaqa biyyattii saamanii dhoksaniif oduu gaddisiisaa ta'uu kan barreessan jiru.
Gariin ammoo akka mootummaan jedhu odeeffannichi icciitiin waan hin qabamneef, namootni maallaqa isaanii gara qabeenya dhaabbataa, Doolaaraafi warqeetti jijjiiraniiru jedhu.
Namootni kaan maallaqa haarawaa irratti fakkiiwwan kaahaman ilaalchisuun wanti sirna Gadaa calaqqisu osoo jiraate jedhanii yoo barreessan, faallaa kanaan siidaawwan Laalibalaa fi Aksuumiin duubatti Holqi Soofumariif Gimbiin Jagool jiraachuu akka gaariitti barreessan.
Yaadota kanaan alatti bifa qoosaatiin birrii abbaa 10 irratti dubartiin gundoo hodhituufi, birrii abbaa dhibbaarratti qonnaan bulaa lafa qotu ka'uun fi kaanis madda qoosaa ta'aniiru.
Gareeleen qarshii uummataafi mootummaa saamuun ittiin biyya jeeqaa turan ammaan duuba carraa hin qabaatan kan jedhanillee jiru.
Gosa maallaqaa jijjiiruun gaaffii yeroo dheeraa ta'uus namootni siyaasa biyyatti dhiyoo ta'an barreessaniiru.
MM Abiy Ahimad sababni ijoon jijjiiramuu maallaqaa "cabiinsa diinagdee" biyyattii mudate ta'uu himan.
Kaayyoon jijjiiramuu maallaqaa kun maallaqa hatame fashaleessuu akka ta'es MM Abiy dubbataniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Dr Yinnaagar Dassee "maallaqni guddaan baankiin alatti socho'aa jira. Kun immoo hojiileen seeraan alaa kanneen akka malaammaltummaa fi kontirobaandii akka babal'atu gargaarera," jedhan.