Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kaaliiforniyaatti ibiddi daggalaa tuuristoota hedduu danqe.

    Ameerikaa bulchiinsa Kaalifoorniyaatti ibidda daggalaa ka’een namoota lafa paarkii turistootaatti danqee helikooptaraan barbaaduun eegalamuun himame.

    Hojjattoonni balaa tasaa namoota baayyee naannicha keessaa baasuu danda’an illeen ammas bakka ibiddaan marfame paarkicha keessatti namoonni hafuusaanii aanga’oonni ni dubbatu.

    Ibiddi daggalaa Jimaata halkan akka eegale himame kunis saffiisaan babal'ataa jira jedhame.

    Ibiddi paarkii biyyaalessaa Siiyeeraa jedhanu keessaa akka ka’e himame kunis hanga ammaatti bosona hektaara 2,000 ol barbadeessuun himameera.

    Ragaa hanga ammaatti jiruun namoonni lama baayyee miidhaan kan irra gahe yoo ta’u, kudhan ammoo miidhaa salphaaf saaxilamaniiru.

    Haalli taa’umsa lafa paarkichaa irraan gadee ta’uunsaa haala saffiisa ibiddaatiif gumaachuu dubbatu aanga'oonni naannichaa.

    Sochiin namoota marfaman baasuu helikooptaraan gaggeeffamaa jiraatulleen namoonni hangamii akka marfaman adda bahee akka hinbeekamne himameera.

    Wayita ammaa kanatti bulchiinsi Kaalifoorniiyaa haala qilleensaa ho’aa kana dura seenaa keessatti mudatee hinbeekne keessatti kan argamtu ta’uutu himame.

    Haaluma qilleensaa isa addunyaarratti olaanaa jedhame kanaan walqabatees Jimaata darbe bulchaan naannichaa labsii yeroo muddamaa labsanii ture.

    Sanbataafi Dilbataa dhufaas haalli ho’iinsaa digrii senti gireedii 49 irra gahuu akka danda’u tilmaamama.

  2. Arbi beekumsa argaa-dhageettii dhalootaaf dabarsuu danda'a jedhe qorannoon.

    Arbi dhiiraa akaataa qaccee sanyiisaanii eeguun itti fufsiisuun danda'amurratti beekumsaa fi ogummaa horatan argaa dhageettiin dhaloota itti aanutti dabarsuu akka danda'an qorannoon mirkaneesse.

    Qorannoon Arboota Afriikaa irratti gaggeeffame tokko akka mul’isetti, dureen dubartii gareewwan arboota dhaltuufi ilmoolee kan hooggantu yoo ta’u, dhiiroonni wayita guddatan garee dhiisanii bahu.

    Kormi arbaa ciccimoonis garee dhiiraa kana hoogganuun gahee murteessaa akka bahan qorannicha bira gahuu ibseera.

    Qorannoon kun akka jedheetti, gaheen hooggansa gareewwan arbi dhaltuu gurguddoofi kormaan bahan walfakkaata.

    ‘‘Yeroo dheeraadhaaf arbi dhaltuun dhaltee kunuunsitee guddisuu keessatti muxannoo fi gahee guddaa akka baatu beekamaa ture. Amma garuu gaheen arbi dulloomaan ykn angafni hawaasa bineensota kanneenii keessatti bahu akkasuma murteessaa ta’uu adda baheera,’’ jedha qorannoon kun.

    Kana adda baasuufis arboota 1,250 irratti qorannoon gaggeefameera.

  3. Feesbuukiin nama du'asaa kallattiin tamsaasuuf ture dhorke

  4. Ibraahim Buubakar Keeyitaa gara Yuunaayitid Arab Imireetis(UAE) imalan

    Ji'a darbe kan aangoorraa kaafaman Pirezidaantiin Maalii Ibraahim Buubakar Keeyitaa torbee darbe dhibamanii hospitaala biyyattii seenanii turan.

    Qondaalli umrii ganna 75 kun amma wal'aansaaf gara Yuunaayitid Arab Imireetis(UAE) imalaniiru.

    Buubakar Keeyitaan dhibee kantaruu dhiigaatiin akka hubaman aanga'oonni humna waraanaa himaniiru.

    Humni waraanaa biyyattii aangoo harkaa qabu mormitootaa fi gareewwan siivilii waliin mariirra jira.

    humni waraanaa waggaa lama caalaa aangoo of-harka hin tursu jedha.

    Qondaaltonni biyyoota dhiha Afriikaa ammoo humni waraanaa hatattamaan aangoo dabarsuu qaba jedhan.

    Pirezidaanti Keeyitaan Hagayya darbe gaafa guyyaa 18,2020 ture mormii uumataa yeroo dheeraa booda aangoorraa kan kaafaman.

    Dhimmoonni rakkoo uuman kanneen akka malaammaltummaa, hiyyummaa fi lootee seentota jihaadistoota ofiin jedhan ofirraa qolachuu dadhabuu pirezidaantichaati.

    Lotoonni UN, Firaansii fi kaan humna waraanaa Maalii deggeruun hidhattoota biyyattii haleelan qolachaa turan.

  5. 'Filannichi akka hin gaggeeffamnetti ilaalama, hojiirras hin oolu'

  6. Awustiraaliyaa, Melbarniitti uggurri cimaan torban lamaaf dheereffame

    Magaalaa Awustiraaliyaa Melbarniitti uggurrii cimaan kaa’amee ture tobee lamaaf dheereeffamee.

    Kanaafis sababni, namoonni akka haaraatti vaayirasichaan qabaman lakkoofsi isaanii waan hin hirranneef jedhu qondaaltoonni.

    Dureen bulchiinsa Vikitoriyaa Daani’el Andreewis uggurichi haala muraasaan laafiisamuun hanga Fuulbaana 28 hojiirra oola jedhaniiru.

    Ugguricha waljalaan hirrisuun baatii Onkololeessaa irraa kaasee hojiirra olafama jedhan.

    Du'aatiin biyyattii keessatti sababii koronaavaayirasiin qaqqabe 753 keessaa harki 90 kan ta’u bulchiinsa kana keessatti mudate.

    Awustiraaliyaatti walumaagalatti ummatashee miliyoona 25 keessaa namoonni kuma 26 ta’an vaayirasichaan qabamaniiru.

    Uggurri marsaa afraffaan kun jalqaba hanga Fulbaana 13tti ture kan kaa'ame.

    Yeroo ugguraa dheeraffame kana mormuun uummannni daandiitti ba'e poolisii waliin walitti bu'eera.

  7. Rakkoon federaalaafi naannoo Tigiraay gidduu maaliif akka sodaa biyya diiguu dorrobe

  8. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii miliyoona 26.6 caale

    Koronaavaayirasiin Chaayinaa magaalaa Huwaan irraa akka madde himamu amma adunyaa mara waliin gahuun namoonni miiliyoona 26,696,160 ta'an yoo qabaman, kanneen 876,149 ta’an vaayirasichaan du’uusaanii raggaan Yunivarsitii Joons Hopkiins ni mullisa.

    Gama biraatiin ammoo addunyaarratti namoota vaayirasii kanaan qabaman keessaa kanneen miliyoona 17.7 ol ta'an dhukkubicha irraa fayyuusaanii ragaan Yunvarsitii Joons Hopkings irra argame ni mullisa.

    Biyyootaan adda baasuun yoo ilaalamu ammo Ameerikaatti namoota vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’ee miliyoona 6.2 caaleera.

    Biraazil itti aanuun miliyoona 4 kan galmeessifte yoo ta’u, Indiyaattis namoonni miliyoon afurii ola qabamu mirkanaa’eera.

    Afriikaa keessaa namoota kuma 635 ol qabamuu kan mirkanneessite Afriikaa Kibbaa sadarkaa addunyaatti Kolombiyaatti aantee torbaffaarratti argamti.

  9. Talaalliin Covid-19 Raashiyaa 'dandeettii dandamannaa cimsa' jedhame

  10. Itoophiyaatti namoonni haaraa 950 qabamanii 17 ammoo du’an

    Itoophiyaatti sa’aatiiwwan 24 darbe qorannoo saamuda 24,544 irratti gaggeeffameen namoota haaraa 950 irratti vaayirasichi yoo argamu 17 ammoo lubbu dhabuu gabaasni guyyuu Ministeera Fayyaa kaleessa galagala beeksise.

    Haaluma kanaanis namoonni biyyattii keessatti Covid-19 qabamunsaanii mirkanaa’e kan waliigalaa 57,466 gaheera.

    Kanneen 20,776 ta’an ammo dhukkubicha irraa kan bayyanatan yoo ta’u, namoonni 897 ammoo sababiidhuma dhukkuba kanaatiin lubbusaanii dhabuu ibsichi dabaluun mullise.

    Walumaagalattis biyyattii hanga harratti saamuda 1,018,847 irratti qorannoo gaggeesuun ishee gabaasichaan mirkanaa’eera.

  11. Tamsaasa kallattii keenya eegalle

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa kallattii kan guyyaa Dilbataa kunoo eegalleera.

    Isinis odeessaalee gaggabaabduu biyya keessaafi addunyaa mara irraa argachuuf tamsaasa kallattii keenya millachuu hindagatiinaa.

    Oolmaa gaarii isiniif hawwina!

  12. Kooriyaan Kaabaa sababa obomboleettiin qondaalota adabuufi

    Kooriyaan Kaabaa sababa obomboleettiin 'taayifuun Maayisaak' jedhamu Roobii darbe qarqara Baha biyyattii miidheen qondaalota mootummaa nan adaba jette.

    Gaazexaan paartii biyyattii bulchaa jiruu, qondaaltonni magaala qarqara biyyattii Wonsan jedhamtuu balaa kanaaf hin qophoofne, ‘ilaalcha itti gaafatamummaa hin qabanii' jechuun balaaleffate.

    Haa ta’u malee namooti ammaamitu balaa kanaan akka du’an fi mada’aanii hin ibsu. Ta’us namoota hedduutu miidhame jedhe.

    Barruun kun qondaaltoonni naannicha bulchan ajaja paartii biyyatti bulchaa jiruu hin fudhannee jedhee himate.

    Qondaaltonni Wosan jiraattoota hundumaa iddoo balaan kun rukutee dursanii akka baasan ajajni kennameefi ture jedha gaazexaan Rodong Sinmun.

    Kanneen ajaja kana itti dhiisanii miidhaan akka qaqaabu taasisan akka adabaman ajajni kennameeras jedheera.

    Kooriyaan Kaabaa obomboleettii Taayifuun Bevi jedhamuun torban tokko dura erga haleelamte booda Taayifuun Maaysaakin rukutamte.

    Obomboleettiin kun Kooriyaa Kibbaattis lubbuu namoota lama dabarsuun, namoota 2,200 magaalaa Busan jedhamtu keessaa akka baastu dirqisiisera.

  13. Qorannoon Covid-19 'vaayirasii du'e akka jirutti agarsiisuu mala'

  14. Waancaan Afrikaa Masriin bara 2010 dhuunfatte bade

  15. Namni gurraachi rasaasaan dhahamun mormii kaase mana murtiitti dhiyaate

    Namni gurraachi Ameerikaa Jeekoob Bileek rasaasa polisiin dhahamuun mormii kaasee ture mana murtiitti dhiyaate.

    Namni kun osoo rasaasaan hin dhahamiin dura baatii Caamsaa keessa dubartii jaalallee isaa turte irratti yakka qoccollaa saalaa raawwachuun ture kan shakkame.

    Hospitaala itti yaalamaa jirurraa karaa viidiyoo mana murtiitti kan dhiyaate namni kun 'ani badii hin qabu' jedhe.

    Dubartiin yakki narratti raawwatameera jette furtuu konkolaataa ishee akkasumas kaardii baankii ishee jalaa fudhatee akka bade eeruun Adoolessa keessa himatte.

    Yakka kanaan barbaadamaa osoo jiruuti kan Hagayya 23 Kenooshaa Wiiskoonsin keessatti rasaasa torbaan poolisiin kan dhahame.

    Manni murtii dhimma isaa ilaalee murtii itti kennuuf beellama qabateera.

  16. Miseensonni kongirasii US jaha Itoophiyaarraa deeggarsi cituu morman

  17. Siifan Hasan fi Moo Faraan rikaardii atileetota Itoophiyaa cabsan

  18. Iraan Yuraaniyamii hamma hayyamamu dachaa 10 ol gabbifatte

    Hammi Yuraaniyamii Niwukileeraaf oolu Iraan amma dura gabbifattee kuuste kan hayyamamu dachaa 10 akka caalu UN jalatti eejansiin dhimma niwukileeraa to'atu IAEA hime.

    Hammi yuraaniyamii biyyattiin gabbifattee kuuste kiiloogiraama 2,105 gahuu eejansichi himeera.

    Meeshaa waraanaa niwukileeraa omishuuf yuraaniyamii kiiloogiraama 1,050 kan barbaachisu.

    Haa ta'u malee yuraaniyamiin Iraan kuuste sadarkaa meeshaa waraanaa niwukileeraa omishuuf gahutti hin gabbifamne.

    Iraan sagantaan niwukileeraa ishee dhimmaa nagaa qofaaf akka ta'e himti.

    Biyyattiin yuraaniyamii gabbistee kuusuu kan itti fufte erga Donaald Tiraamp waliigaltee bara 2015 taasifame itti dhiisuun Iraan irratti qoqqobbii deebisaniin booda.

  19. Tiraamp waraana Ameerikaatti qoose jedhamee akkaan qeeqame

  20. Dubartii adii bara hedduu 'ani gurraattiidha' jettee sobde