Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Kibba Afrikaatti namoonni mil. 50 beelaaf saaxilamoodha'

    Jaarmiyaaleen idila addunyaa hanqinni midhaan nyaataa namoota miliyoona 50 ta'an kibba Afrikaatti mudachuu akka malu akeekkachisan.

    Sagantaan Nyaataa idil-addunyaa (WFP) akka jedhutti, Zimbaabwee, Zaambiyaa fi Moozambiik biyyoota hedduu hubaman keessatti argamu.

    Biyyoota kanatti bara 2019 keessa goginsi mudachuutti aanse barana weerarri awaannisaa gara kibba Afrikaatti tamsa’uun hubaatii qaqqabsiiseera.

    Kana malees, biyyoota naannichaa keesssatti tarkaanfiin uggurra to’annoo weerara koronaavaayirasiif labsame diinagdee raafama keessa buuse.

    Ammatti beelli akka hin hammaanneef deeggarsi kennamuus naannichatti dabalaa jira.

  2. Manni murtii gaaffii mirga wabii galmee Obbo Jawaarfaa irratti dhiyaate kuffise

  3. Itoophiyaatti har’a namoonni 976 haaraa Covid-19n qabamanii 482 ammoo bayyatan

    Itoophiyaatti har’a namoonni 976 haaraa Covid-19n qabamanii 482 ammoo bayyatan

    Itoophiyatti har’a qorannoo laboraatoorii saamuda 19, 449 irratti taasifameen namoota 976 irratti koronaavaayirasiin argamuufi namoonni 482 dhibee kanarraa bayyataniiru jedhe Ministeerri Fayyaa biyyattii.

    Gabaasuma guyyuu ministeerichaa kanaan namoonni 15 Covid-19 lubbuun kan darbe yoo ta’u 309 kan ta’an ammoo cimaa dhukkubsachaa jiru.

  4. Jaakoob Bileek siree hospitaalaa irraa ergaa deeggartootasaaf dabarse

  5. Barsiisoonni Raashiyaa talaallii Covid-19 irratti iyyata dhiyeeffatan

    Raashiyaa keessatti qindeessuummaa Gamtaa Barsiistootaa ‘Uchitel’ jedhamuutiin sochii dirqamaan barsiisoota Covid-19 talaaluuf taasifamu kamuu mormuun namoonni 1,450 ta’an onlaayiniin mallattoo walitti qaban.

    Mootummaan Raashiyaa barsiisoonniifi hojjattoonni fayyaa dursaan akka talaallii haaraa biyyattii fudhatan akka barbaadu himee ture.

    Talaaliin haaluma seera biyyaatiin fedhiirratti kan hundaa’eedha.

    Uchitel'n iyyata mootummaaf marsariitii duula Change.org dhiyyeessaniin, barsiisoonni arii’atamuun ykn mindaan cituun sodaachisuu dirqisiifamuu hin qabaatan jechuun akeekkachiisan.

    Gamtichi talaaliin Raashiyaa Sputnik V yaaliidhaan sadarkaa sadaffaa irrra kan hin geenyeefi namoonni fedhiin talaalaman kumaatamni irratti hin hirmaannee jedha.

    Kanaafuu, namoota jumlaan talaaluun balaa baayyee qabaata jechuun mormu. Bu’aaleen guyyaa Jimaataa kilinikoota xixiqqoo lama irraa argame talaalichi namoonni akka dandeettii dandamannaa ummataniif kan gargaaru ta’uu ibsee ture.

    Biyyattiinis torbee kana keessaa yaalii talaalichaa kan marsaa sadaffaa eegaluuf karoorfattee jirti.

  6. Taateewwan ijoo bara 2012'tti Itoophiyaatti raawwatan

  7. Doktaroonni Hospitaala mootummaa Naayijeeriyaa fincilaa jiru

    Doktaroonni kunneen daballii kaffaltii, jireenya wayyaa’aa fi meeshaalee barbaachisoon hanga guutamuufitti jechuun kan fincila diddaa hojii eegalan.

    Waldaa doktaroota biyyattii ‘National Association of Resident Doctors (Nard)’ jedhamuun kan hoogganamu fincilli kun, erga yeroo dhiyoo as diddaa isa jalqabaati.

    Tokko sadaffaan doktaroota biyyattii 42,000 ta’anii fincila diddaa hojii yeroon turtiisaa hin beekamne kanarratti ni hirmaatu.

    Wayita biyyattii koronaavaayirasiin wal’aansoo qabaa jirtu kanatti, doktaroonni finciluun ammoo daran yaaddoo uumeera.

    Dursaan waldaa doktarootaa Aliyu Sokomba doktaroonni ittisa Covid-19 irra hojjetaa jiranis duula kana keessatti ni hirmaatu jedhan.

    Haga mootummaan fedhiisaanii guutuufitti fincilli itti fufas jedhan.

    Erga koronaavaayirasiin biyyattii seenee doktaroonni 14 vaayirasichaan du’uu hima waldaan kun.

  8. Ministirri Ugaandaa mormitootatti dhukaasan Mana Murtii dhiyaachuufi

    Ministirri Hojjetaa Ugaandaa Miweesigwaa Rukutaanaa, Sanbattan lamaa darban namoota morkataa isaa deeggaran irratti dhukaasa banuun to'atamanii Mana Murtiitti dhiyaachuuf jiru.

    Rukutaanaan filannoo dhaaba isaanii keessatti gaggeeffameen morkataa isaaniin injifatamuutti aaruun deeggartoota isaatti dhukaasan.

    Akka miidiyaaleen biyyattii gabaasanitti, namni tokko akkaan kan miidhame yoo ta'u namoonni biroon lamas miidhama guddaaf saaxilamaniiru.

    Rukutaanaan garuu ani hin dhukaasne jechuun himannaa kana ofirraa qolataniiru.

    Namootni taatee kana ijaan argine jedhan garuu Ministirichi meeshaa waraanaa eegdota isaanirraa luqqifachuun mormitoota isaanitti dhukaasuu himaniiru.

    Ministira kana waliin eegdotni isaa sadii to'atamaniiru.

    Itti Aanaan Dubbii himaa Poolisii Ministirichi yaalii ajjeechaan himatamuu jedheera.

    Battala Ministirichi meeshaa waraanaa fudhatan viidiyoon agarsiisu marsaalee hawaasaarratti gadhiifamaniiru.

  9. Olompiikni Tookiyoo 'Covid-19 jiraates jiraachuu baates ni gaggeeffama'

  10. Saanduqa reeffaa - namoota seera maaskii uffachuu daddarbaniif

    Anga'oonni magaalaa guddoo Indooneezhiyaa - Jaakaartaa, kanneen seera maaskii uffachuu daddarbuun, otoo hin godhatin argaman, saanduqa reeffaa akka seenan gochuufi.

    Kanaanis ''hojiisaanii irra deebiin akka ilaalan taasisna,'' jedhan.

    Akka gabaasa miidiyaalee biyyattiitti, kutaa magaalattii Kalisari keessatti maaskii malee namni qabamu, achi keessa turuun haga dhibbaatti lakkaa'a - namoonnis akka suuraa kaasan ni taasifama.

    ''Covid-19 kanaan, jarri akkasii kun saanduqa reeffaa isa dhugaa keessa ciisuun isaanii hin oolu,'' jedhan aanga'aan magaalattii tokko.

  11. Taateewwan ijoo bara 2012'tti Itoophiyaatti raawwatan

    ALI bara 2012'tti Itoophiyaatti wantoonni ijoo hedduu biyyattii waltajjii miidiyaalee idil- addunyaarratti gama gaariitinis ta'e faallaan kaasan raawwataniiru.

    Barri lakkoofsa Itoophiyaa bara 2013 seenuuf guyyoonni muraasni hafu sababa godhachuun dhimmoota ijoo bara 2012 raawwatan isin yaadachiisuuf gabaasa kana qindeessineera.

    Dhimmoota ijoo jalqaba bara 2012 keessatti raawwatan keessaa tokko Irreecha Finfinneeti. Irreechi Finfinnee waggaa dheeraa booda yeroo jalqabaaf kan kabajamedha.

    Haala haawwataa ta'en kan kabajame sirna aadaa kana irratti saboonniifi sab-lammoonni bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaaraa dhufanis hirmaataniiru.

    Gama kaaniin, bara 2011 sababoota garaa garaan kan taasifamuu dhabe lakkoofsi ummataa bara 2012 keessa ni raawwata jedhamus yeroo sadaffaaf yeroo biraatti darbeera.

    Kana dura rakkoo nageenyaan bara 2012 keessammoo sababa weerara koronaavaayirasiin osoo hin taasifamiin hafe. Ummanni Itoophiyaa yeroo xumuraaf waggaa 14 dura lakkaa'ame.

    Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa hundeeffama Mana Lubummaa Oromiyaa kuffisuun lubummaan hundeessitootaa qabu kan murteessees waggaa bara 2012 keessa ture.

    Balaan lolaa lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'amanirra gaaga'ama olaanaa dhaqqabsiisees ganna bara 2012 keessadha. Mootummaan sababa lolaan lammiileen miiliyoona 2 ol miidhamu danda'u jechuun ibsee ture.

    Dhimmoota ijoo kaan raawwatan akka ittaanutti qindeessineerra - dubbisaa:

  12. Chaayinaan biyyoota Afriikaa afur keessatti buufata waraanaa ijaarrachuuf

  13. Indiyaan lakkoofsa Covid-19n Biraazil caaluun lammaffaa taate

  14. Itoophiyaatti namoonni haaraa 1,206 qabamanii 21 ammoo du’an