Maatiin goota walabummaa Koongoo Paatris Lumumbaa, manni murtii ilkaan nama kanaa maatiif deebiyuu qaba jechuun dabarse gammachuun simatan.
Ilma obboleessaa ykn obboleettii Aabba Lumumbaa ka tahe Jean Jacques Lumumba murteen kun tarkaanfii sirriidha jedhe.
''[Lumumbaan] goota boonyee hin awwaallannedha. Murteen manni murtii Beeljiyem dabarse tarkaanfii nuti dhugaasaa baruuf goonu keessatti murteessaadha... achi gahuuf gulantaa hedduutu jira,'' jedhe Jacques.
Namoonni lama aabba Lumumbaa waliin ajjeefaman - Joseef Okitoo fi Maawuriis Mipooloo jedhaman ''gootota Koongooti''. Dhugaan haala ajjeechaa isaanis ifa tahuu qaba jedhan.
Manni murtii Beeljiyem keessaa tokko, ilkaan reeffa Lumumbaarraa fudhatame intalasaa kan taate Juuliyaanaaf akka deebiyu murteesse.
Juuliyaanaan mooticha Beeljiyem ilkaanichi akka deebiyuuf xalayaan gaafattee turte.
Aabba Lumumbaan 1960tti erga biyyattiin kolonii Beeljiyem jalaa walaba baatee, Ministira Muummee Koongoo jaqabaa tahuun tajaajilan. 1961tti milishootaan butamanii ajjeefaman.
Mootummaan Beeljiyem du'asaanii keessatti harka akka qabu amanuun, 2002tti ifatti dhiifama gaafaeera.
Ejensiiwwan basaasaa Biriteeniifi Ameerikaas du'asaanii keessatti hirmaachuu hin oolan jedhama.
Ilkaan nama kanaas poolisii Beeljiyem reeffasaanii awwaaluuf jedhuun irraa buqqa'ee fudhatamuu hin oolu jechuun AFPn gabaaseera.
Boodarras angawoota biyyattiin irraa fudhatame.