Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. "Koronaavaayirasii caalaa uummatatu sodaatamuu, kabajamuu qaba"

    Pireezidaantiin Naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el sagalee isaanii erga kennanii booda yaada miidiyaaf kennaniin 'guyyaan kun seena qabeessa' jedhan.

    ‘’Aarsa hedduu kafallee as geenye. Aangoon fedhii fi filannoo uummataan akka murtaa’u mirkaneessaa jirra’’ jedhan.

    Walabummaa arganne tiksuuf jecha filannoo kana gaggeessuun dirqama kan jedhan Dr Dabratsiyoon,’’Tigraay hiree kiyya ofiinan murteeffadha jechaa jira. Walabummaa dhiigaa fi lafee ijoollee kiyyaan dhufe dabarsee hin kennu jechuun hiree murteeffataa jira’’ jedhan.

    Filannoon biyyaalessaa sababa weerara koronaavaayirasiin dabarfamuu kan morman qondaalli kun vaayirasicha caalaa uummatatu sodaatamuu, kabajamuu qaba jedhan.

    Aangoon murtee fi fedhii uummataan malee koronaavaayirasii sababeeffachuun hin argamu jedhan.

    Filannoon gaggeessaa jirru bu’aa argamsiisuu fi dhiisuu isaa kan murteessu saanduqa sagaleen uummataa keessa jiru kana, nuti filannoo keenya nuuf mirkaneessaa jennee nama hin kadhannu.

    Sirni anatu siif beekaadhaan nurratti fe’amu, sirni durii, bara 1983 awwaalameera, lammata deebi’ee nurratti hin ka’u jedhan.

    Naannoo Tigraay buufataalee filannoo 38 keessatti uummanni miiliyoona 2.7 ta’u ganama sa’atii 12:00 irraa eegalee filannoof sagalee kennaa akka jiru Biiroon Kominikeeshinii naannochaa ibseera.

  2. Kaampiin baqattootaa guddichi biyya Giriis abiddaan barbadaa'e

    Kaampiin baqattootaa guddichi biyya Giriis Mooyiraa jedhamu kan baqattoonni wal dhiphisanii keessa jiratan abiddaan gubate.

    Kaampii odola Leesboos jedhamturra jiru kana keessa baqattoonni turan bakka biraa qubsiifamaniiru.

    Namni lubbuun darbe ykn midhaan irra gahe gabaafame hin jiru.

    Ka'umsi balaa kanaa abidda bosonaa odola sanarratti uumame yoo ta'u balaan abiddaa kun bubbee hamaa tureen hammaachuu akka hin oolle himama.

    Kaampiin baqattoota 13,000 ta'aniif mana ture guutummaatti barbaadaa'eera jedhu aanga'oonni naannichaa.

  3. Naannoon Tigraay attamiin addatti filannoo gaggeessuurra gahe?

    Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa bu'aa filannoo Naannoon Tigraay gaggeessituu fudhatama hin qabuu, akka raawwatameettis hin lakkaa'amu jedhulleen, qondaaltoonni naannichaa garuu itti fufuun filannicha gaggeessuutti jiru.

    Kunis naannoolee 10 fi bulchinsoota magaalaa lama biyyattiin qabduun addatti kan ta'edha.

    Naannoon Tigraay 'adeemsa amma itti jiruun mirga ofiin of bulchuu keenyatti fayyadamaa jirra' jechuun mormuun, filannoo sadarkaa naannootti gochuutti ciche.

    Mootummaan federaalaa Itoophiyaa amma aangoorra jiruu sababa weerara Covid-19n filannoo dheeresse ammoo Fuulbaanaan booda seera qabeessa miti jedha.

    Baatiiwwan darbaniif madda wal dhabdee mootummaa federaaalaa fi nannoo Tigraay kan ta'e filannoon naannichaa har'a Fuulbaana 9, 2020 raawwataa jira.

    Akkamiin as geenye?

  4. Hojjettoonni fi gaazexeessitoonni ONN mana murtiitti dhiyaatan

  5. Naannoo Tigraayitti filannoon gaggeefamaa jira

    Ashamaa!

    Har'a guyyaan Fulbaana 9, 2020 ykn Qaammee 4, 2012.

    Naannoon Tigraay filannoo mootummaan Federaalaa yeroo biraatti dheeresse diduun gaggeessaa jirti.

    Kominikeeshiniin Naannoo Tigraay namootni halkan sa'aa 10:30 irraa eegalee sagalee kennuuf buufataalee filannootti argamuu beeksiseera.

    Sa'aa 12 irraa eegalees sagalee kennuun eegalamuu ibseera.

    Filanno kanarratti sagalee kennuuf namootni miiliyoona 2.7 ta'an galmaahuu Komishiniin filannoo naannichaa beeksisee ture.

  6. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii kuma 60 caale

    Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti namoonni 1136 Covid-19 haaraa qabaman galma'uun, namootni 16 lubbuu dhabaniiru.

    Waliigalattii lakkoofsi namoota biyyatti keessatti vaayirasichaan qabamanii 60, 784 qaqqabuun,lakkoofsi namoota du’anii 949 gaheera.

    Guyyaa tokkoo keessatti namoonni 888 wayita bayyanatan, namoonni amma yoonaatti vaayirasichaan Itoophiyaatti vaayirasii kun qabe keessaa kuma 22 kan caalan bayyanataniiru.

  7. Dinagdee Afrikaa Kibbaa walakkeessaa bara 2020 tti harka 51’n gadi hir’ate

    Afrikaan Kibbaa weerara koronaavaayirasii to’achuuf uggura cimaan jalqaba bara kanaarraa kaaste labsite dinagdeen biyyatti haalan hube.

    Duraanu dingadeen biyyattii guddachuu wayita dhabetti uggurri weerara dhibee to'achuuf labsame caalatti hubeera.

    Damee qonnaatin alatti dameen dinagdee biyyatti hundu gaduma deeme/guddina hin agarsiifne.

    Indastiriin aviyeeshinii fi turizimii kanneen gadi deeman keessatti tarreeffaman.

    Erga bara 1993 asiitii nuusa waggaa afranittu dinagdeen Afrikaa Kibbaa otoo hin wayya’iin gadi deemuun kun kan jalqabaati.

  8. TikTok viiidiyoo namticha of ajjeesuu agarsiisu haquuf yaalaa jira

    Viidiyoon namticha tokko yeroo of ajjeesu agarsiisu jalqaba feesbukiirra ka’uun instaagiraamii ,Tiwitaraa fi TikTok irratti qoodama ture.

    Dargaggoota biratti jaalatamaa kan dhufe TikTok gubbaatti viidiyoon kun qooqqadameera. Daa'imman hedduun qabiyyee vidiyoo kanaa ilaalanii dhiphachuu himatan.

    Viidiyoon kana deddeebise nama maxxansu TikTok akka ugguru akeekkachiisera.

    Tiktok viidiyoowwan imaammatasaa cabsuun of ajjeesuu jajjabeessan,dhaadhessanii fi galaateeffatan akka adda baasuu danda'u bakka bu’oonni isaa himaniiru.

    Feesbukiin ji’a darbe qabiyyee viidiyoo kanaa kallattiin otoo dabarfamuuf jedhu ugguru ibseera.

    Bara 2015 feesbuukiin tamsasaa kallatti erga eegalee kaase namoonni hedduun otoo lubbuusaanii dabarsanii kallattiin tamsaasaniiru.

  9. Zaambiyaan qurxummii bekamaa du’eef gadda teesse

    Qurxummiin guddaa bishaan yuunvarsitii Kopparbeelt keessa waggoota dheeraa jiraate erga du’ee booda Zamibiyaan gadda ibsatte.

    Du’a qurxummii maqaa masoo 'Mafishii' ykn qurxummii guddaa jedhamuun beekamu kanaaf namootni siyaasa akka Pirezedantii biyyatti Edgaar Luunguu fi hoggannaa paartii mormituu Hakayindee Hichilema gaddaniiru.

    Qurxummiin kun bishaanii yuunvarsiticha keessatti kuufame keessa jiraachaa kan ture yoo ta’u, barattoonni qormaata dura milkii gaariif isa daawwatu ture.

    Barattoonni biroon ammoo qurxummii yaaddoo namarraa kaasudha jedhanii yaadu.

    Pirezedant Lunguun gadda isaanii yeroo ibsaniitti,haasaa Maahatama Gaandii “ Guddinni fi qaroominni saba tokkoo akkamiin akka bineensa kunuunsaniin baramuu danda’a” jedhu wabeeffatanii dubbatan.

    Qurxummii guddaan kun umrii ganna 22 kan qabu wayita ta'u, waggoota 20 bishaan yuunvarsiitii kanatti kuufame keessa jiraatera jedha diiniin baratoottaa Laworansi Kasoond.

    Ministirri Barnoota Olaanaa Zaambiyaa Biraayan Mishiimbaas qurxummii kanaaf gadda isaanii ibsaniiru.

    Barattoonni Yuunvarsitichaa Wiixata galgala du'a Mafishiifitti gadduusaanii ibsuuf dungoo ibsatanii mooraa yuunvarsitichaa keessa nanna’aniiru.

  10. Faawundeeshiniin Neelsan Maandellaa qeeqa Tiraamp dhiyeesse jedhameef deebii kenne

    Faawundeeshiniin Neelsan Maandeellaa waan Doonaald Tiraamp Mandeellaatin jedhan jedhameef deebii kenne.

    Kitaaba ogeessa seeraa Pireezidant Tiraamp duranii Maayikiil Koohen barreessan keessatti ''Akka qajeelfamaatti Tiraamp namoota gurraacha hundaaf ilaalcha gadi aanaa qaba, muuziqaa hanga aadaatti achiis hanga siyaasaatti'' jedha.

    Doonaald Tiraamp Pireezidantii Afrikaa Kibba duraanii fi falmaa sirna Appaartaayidii Noobeelii Nagaa badhaafamaan Neelsan Maandeellaadhaan ''hoogganaa miti'' jedhe qeeqe jechuun Koohen himan.

    ''Biyya nama gurraachaan hoogganamu kan bakka balfaa hin taane naa himi. Hundi isaaniiyyuu guutummaatti mana fincaaniiti'' Tiraamp jedhaniiru jedha Koohen.

    Faawundeeshiniin Neelsan Maandellaa ''aanga'ootni akka Tiraamp itti jiru kana jiran jireenyaafi hojii Maadiibaarratti yaada yeroo kennan arguun amanuuf ni rakkisaa'' jedha.

    ''Maadiibaan waa'ee hooggansaa yeroo dubbatan gaggeessaa jabaan marii ifaa fi gadifageenya qaburratti yoo hirmaatu dhumarratti inniifi qaamni faallaa isaa jiru walitti dhiyaachuun, jaboo ta'anii akka bahan beeka.

    Ofittoo, fakkeessaa fi kan waa hin beekne yoo taate garuu ilaalcha akkasii hin qabaattu.''

    Jechoota kana Tiraamp akka hubatan dhaamnaaf jedheera dhaabbatichi marsariitii isaarratti deebii barreesseen.

  11. Chaayinaan ogeeyyii fayyaa ‘gootota waraana Covid-19’ jetteen badhaafte

    Paartiin Koministii Chaayinaa bulchaa jiru ogeeyyii fayyaa weerara koronaavaayirasii ittisuu keessatti gahee olaanaa bahan ‘gootota Covid-19’ jechuun qophii olaanaa taasisee badhaase.

    Pireezidantiin Chaayinaa Shi Jiinpingi akka jedhaniitti, biyyattiin ‘‘qormaataa seena qabeessa’’ keessa dabartee jirti jedhaniiru.

    Itti dabaluunis Chaayinaan guyyaa weerarichi itti mudatee kaasee ogeessoti fayyaa lubbuu namoota miliyoonotaan lakkaa’aman baraaruu danda’aniiru jedhaniiru.

    Kanaafis galatatu isaaniif ta’a jedhaniiru.

    Donaald Tiraamp dadhabbii Chaayinaatiin weerarri vaayirasi addunyaa maratti akka babal'atu ta’e jechuun irra deddeebiin himatu.

    Biyyi Awustiraaliyaa ammoo maddi vaayirasichaa akka qoratamuuf deeggarte turte.

    Gama kaanin ammoo hakimiin biyyattii Dr Lii Weniilaangim kan sababii jalqaba dhimmi Covid-19 mudachuu ilaalchisee dubbachu isaatiin mootummaan akeekkachiifamee ture sirna kanarratti maqaansaa hin kaafamne.

    Hakimiin kunis booda keessa sababiidhuma koronaavaayirasiitiin du’uunsaa ni yaadatama.

    Jalqabarratti lakkoofsa Chaayinaan weeraricha ilaalchiftee kennaa turte irratti shakkiitu ture.

    Haa ta’u malee, amma biyya ka’umsa koronavaayirasiitiin waamamtu Chaayinaatti jireenyi haala duriitti kan deebi’e fakkaata.

    Haalli tatamsa'ina vaayirasichaa sadarkaa zeeroo jedhamu irratti argama.

  12. 'Tiraamp nama jibba sanyummaan guutame' jedhe abbukaatoon isaa duranii

  13. Dubartii Afriikaa yeroo jalqabaaf NASA seente

    Dubartiin Niijeer Fadji Mayina, dubartii Afriikaa jalqabaa jabduu dhaabbata hawaa fi wantoota hawaa keessa jiran qoratu(NASA) keessa seente taateetti.

    Haayidirooloojistiin umurii waggaa 29 kun digiriishee sadaffaa(PhD) bara 2016 argatte.

    Dhaabbata addunyaarratti beekamaa ta'e NASA kan US keessatti argamu ammoo dhuma ji'a darbee seente.

    Carraa hojii argatte kanaan biyyashee fi ardii Afriikaa akka gargaaruuf karoorfatte dubbatte Fadji Mayina.

    Dubartiin akka kiyyaa Niijeer keessaa baatee NASA seentee jedhee namni yaadu hin jiru, garuu akka danda'amu beekuu qabu jetti.

    Dhaabbata akka NASA keessatti namoota keenya hedduu qabaachuu qabna jetti Fadji Mayina.

  14. Miseensi paarlaamaa Keeniyaa pirezidaantii arrabse, hidhame

    Miseensi paarlaamaa Keeniyaa Johanna Ng'eno, pirezidaantii biyyattii Uhuruu keeniyaarratti yaada kenneef hidhame.

    Qondaalli kun wayita waa'ee pirezidaantichaa dubbatu jechoota kabajasaanii mulqutti fayyadameera jedhamuun himatameera jechuun barruun 'the Daily Nation' poolisii eeruun gabaase.

    Viidiyoon wayita namni kun dhimma pirezidaanti Uhuruu Keeniyaataa fi Itti Aanaa isaanii Wiiliyaam Ruutoo irratti dubbatu agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti baay'inaan qoodamaa ture.

    Wiiliyaam Ruutoo waliin hojjechuun yoo isiniif hin mijanne mootummaa keessan diigaa, aangoo gadi dhiisaa jechuun pirezidaantichatti dubbataa ture namni kun.

    Wiiliyaam Ruutoon erga namni kun hidhamee yaada tiwiitarii irratti barreesaniin,''hooggantoonni wayita dubbatan arrabso fi jecha badaa irraa of qusachuu qabu'' jedhan.

    ''Jecha hin taanee fi naamusa cabsu haadhaa fi dure biyyaatti darbachuun aad-male jedhan.

  15. 'Weerarri Covid-19 Itoophiyaatti hammaate nu yaaddessa' Sudaan Kibbaa

    Aanga'oonni fayyaa Sudaan Kibbaa biyya ollaa isaanii Itoophiyaa keessatti weerarri Covid-19 hammaachaa dhufuussaatiin yaaddahuu beeksisan.

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas Itoophiyaatti vaayirasichi jalqaba erga gabaafamee torbee darbe lakkoofsa olaanaa glameessuu beeksiseera.

    Dandiin Qilleensaa Itoophiyaa guyyuu gara magaala guddoo Sudaan Kibbaa Juubaatti balali'a. Kun ammoo vaayirasichi Itopphiyaatti haammaachuu isaatiin yaaddoo ogeeyyii fayyaa jabeesseera.

    Haala weerara kanaan yaaddahuu kan ibsan dubbii himaan Ministeera Fayyaa biyyatti, ''tarkaanfilee of eeggannoo jabeessuu qabnaa'' jedhaniiru.

    Balaliin xiyyaaraa biyyoota lamaan gidduu akka itti fufu himanii, biyyootni lameenuu tarkaanfilee of eegganno lammiilee isaanii eegu hojiirra olchuu qabuu jedhaniiru.

    ''Hanga dirqamni dhufutti'' balalii Finfinneerraa ka'uun gara Jubaa dhufu simachuu akka itti fufaniis ibaniiru.

  16. Sudaanitti lolaan iddoowwan arkiyoolojii balaaf saaxile

    Lagni Naayil akka malee guutee lolaa uumameen iddoowwan arkiyoolojii murteessoo ta'an Kaaba magaalaa Kaartuum jiran balaaf saaxilamanii jiru.

    Hambaa addunyaa ta'uun kan galmaa'ee piiraamidoonni qarooma Meero'ee duriin ijaaraman Al-Bajrawiya kanneen miidhaman keessaa tokko jedhu arkiyoolojistoonni.

    Aanga'oonni biyyattii bishaan ujummoon harkisanii achii baasanii iddoowwan seena qabeessa ta'an kana baraaruuf akkasumas qalqala cirrachaan guutameen keenyan tolchanii lolaa irraa ittisuuf yaalaa jiru.

    Sudaan rooba hamaa roobeen balaan lolaa guddaa kan ishee mudate yoo ta'u, mootummaan labsii yeroo muddamaa labsee jira.

    Namootni 100 ta'an balaa lolaa kanaan lubbuu dhabaniiru.

    Lolaan masaraa MM Sudaan Abdallaa Hamdook kan Kaaba Kaartuum jirullee gahee ture garuu achitti miidhaa hin dhaqqabsiifne.

  17. Filannoon Tigraay "balaa guddaa federeshinii Itoophiyaarratti aggaamame"

  18. Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galuun siyaasaan walqabataa?

  19. Pirezidaantiin Naayijeeriyaa warra aangoo marsaa sadaffaa barbaadan morman

    Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhammaduu Buhaarii yaada biyyoonni lixa Afriikaa aangoo marsaa sadaffaaf qabachuuf qaban morman.

    Hooggantoonni yeroo turtii aangoo heera mootummaatiin murtaa’e kabajuu qabu jedhan.

    Pirezidaantichi yaada kana kan kennan erga gitoonni isaanii kan Ivory Coast Alassane Outtara fi kan Giinii Alfaa Kondee marsaa sadaffaaf akka dorgomuu fedhan ibsaniiti.

    Pirezidaanti Buhaariin walga’ii gamtaa biyyoota lixa Afriikaa, Ecowas, Niijeer magaalaa Niyaamii keessatti taa’amerratti kana dubbatan.

    Walga’ii kanarratti dureewwan biyyoota saddeetii kan hirmaatan yoo ta’u humni waraanaa Maalii Hagayya darbe gaafa bultii 18 aangoo qabate akka dabarsee kennus akeekkachiisaniiru.

    Biyyoonni lixa Afriikaa hookkara biyyattiitti dhalate booda Maaliirra qoqqobbii kaa’aniiru, waggaa tokko keessatti filannoon akka gaggeeffamus gaafatan.

  20. Ashamaa!

    Gabaasi kallattii keenya kan Fulbaana 08, 2020 asirraa eegala.

    Gabaasawwan guyyoota darbanii argachuuf asii gadi dabarsaa.Odeessaalee kaaniif marsariitii keenya mil'adha, yaada qabdan karaa Facebook keenyaa nuun gaha.

    Oolmaa Gaarii!