Filannoon naannoo Raashiyaa burjaajiin isa mudateera jedhame
Filannoon naannoo Raashiyaan guyyoota sadiif gaggeessaa turte xumuramee sagaleen lakkaawamaa jira.
Paartiin biyya bulchu 'United Russia' filannoo kana waliigalatti akka injifate kan ibsaa jiru ta'us, magaalaa guddoo biyyattii ishee sadaffaa taate Novosibirsk fi Tomsk jedhaman keessatti garuu dhaaba mormituun injifatameera.
Bulchiinsa Puutiin qeequun kan beekamuu dhiyeenya suummeffameera jedhamuun kan dubbii ijoo miidiyaale ta'e Aleeksii Naavaalyii wajjiin dhaaba hidhata qabutu magaalota kanatti injifate
Filannicha burjaajiin isa mudateera komiin jedhu dhagahameera.
Gareen of danda'uun to'annoo gaggeessu Golos jedhamu, buufataalee filannootti taajjabdoonni akka hin taajjabne aanga'ootaan danqamaniiru jedheera.
Sagaleenis hatameera gabaasni jedhu dhagaahamuullee dubbate.
Weerara Covid-19 to'achuuf akka gargaaru sagaleen guyyoota sadiif akka kennamu raawwachiiftotaan murtaaheera.
Mormitootni garuu yeroon filannoo dheereffamuun bu'aan filannoo sobaa akka hojjetamu haala mijataa uumeera jedhanii qeeqan.