Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'iinsa amantii tibbana Itoophiyaa mudateerratti qorannoon walabaa akka taasifamu UN gaafate
Tibbana Itoophiyaatti walitti bu'iinsota amantii mudate jedhan mootummaa Itoophiyaan qorannoo walabaa, gadi fagoofi ifa ta'e akka taasifamu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii(UN) gaafate.
Ibsa gaafa Dilbataa Komishinarri Olaantuu Mirgoota Namoomaa UN baasaniin walitti bu'iinsa Kiristaanota Ortodoksiifi Musliimota gidduu mudateen yoo xiqqaate namoonni 30 du'uu isaanii himan.
Akkasumas namoota 100 ol irratti miidhaan dhaqqabuu Misheel Baachelee himaniiru.
A.L.I Ebla 18, 2014 magaalaa Gondar bakka owwaalchaarratti walitti bu'iinsi eegale hookkaratti babal'atee namoonni 20 ol du'u, 150 ol irrattimmoo miidhaan dhaqqabuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa ibsee ture.
Eegasii Hoogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Naannoo Amaaraa Obbo Dassaalany Xaasaw lakkoofsi namoota du'anii 14 fi kan madaa'an dhibbaa ol ta'u ibsan.
Rakkoo Gondaritti mudate booda haalichi magaalota naannolee biroo jiranitti akkasumas gara magaalaa Finfinnee waan babal'ate fakkaata jedhaniiru ibsa baasan keessatti.
Ibsa isaanii keessa Gondaritti Masjiidonni lama gubachuufi lama biroo immoo gar-tokko manca'uu isaanii hubachuu ibsan.
Walitti bu'iinsa Gondar booda haleellaa haaloo ba'umsaan Naannoo Kibbaa Godina Silxee hordoftoonni amantaa Ortodoksii lama ibiddaan gubamanii akkasumas namni tokko reebamee ajjeefamuu himan.
Dabalaniis, Manneen kiristaanaa shan gubataniiru jechuun ibsan. Dabaarqitti akkasumas Naannoo Affaariifi Dirree Dawaatti hookkarri turuu ibsaniiru.
A.L.I Ebla 20, 2014 Magaalaa Dabaarqitti masjiidonni lama akka gubatan kana dura Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa ibsee ture.
Komishinarri Olaantuu UN kuni lubbuun akka baduuf, manneen amantaa akka manca'aniif kannaan badii dalagan seeraan akka gaafataman gochuun haleellaa dabalataa hambisuuf fayyada jechuun jala sararanii ibsan.
Hookkaroota kanneen walqabatee magaalota afuritti yoo xinnaate namootni 578 gadi hin taane poolisiin to'atamuu ibsamuu isaa ibsa baherra eerameera.
Baacheleet adeemsi seeraa kanneen to'annoo seeraa jala jiran loogii malee seera mirga namoomaa idil-addunyaa bu'uura godhateen akka raawwatu gaafataniiru.
Ergaa isaaniin amantii gidduu walitti bu'iinsi akka hin uumamne ittisuuf mootummaan hawaasa miidhameefi namoota haleellaarra hafan hirmaachisuun taatewwan kanaaf furmaata akka kennu gaafatan.
Gondariifi walitti bu'iinsa magaalota birootti mudateen ala solaata[sagada] Iidii Finfinneerratti hookkarri ka'ee humnoota nageenyaafi qabeenyarratti miidhaan dhaqqabu mootummaan ibsee ture.
Maatiifi daa'imman ayyaanaaf bahanillee wal jalaa baduun mudateera.
Rakkoo Finfinneetti uumameen walqabatee namoonni 76 to'annoo jala ooluu poolisiin ibsuun ni yaadatama.