Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni hokkora salaata Finfinneetiin shakkaman 76 to’atamuu mootummaan hime
Motummaan Federaalaa namoota 76 kanneen adda durummaan hokkoraafi jeequmsa sirna salaata Finfinnee irratti hirmaatan to’annoo jala oolchuu beeksise.
Gama biraatiin ammoo bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi naannoolee Oromiyaafi Amaaraas qaamolee amantaa dahoo godhachuun jeequmsaafi hokkora uuman hin obsinu jedhaniiru.
Koreen Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Federaalaa ibsa Ebla 2, 2022 galgala keessa baaseen, namoonniifi gareewwan kaayyoo hokkoraafi jeequmsaa qaban sagantaa Finfinnee jeeqan jedhe.
Sababii ka’umsa jeequmsaa hin taanen sagantaa ayyaana salaataa irratti hokkora isaadiyoomiin alatti naannoo muuziyeemii yaadannoo wareegamtoota Fannoo diimaa biratti ka'en humnootiin nageenyaafi qabeenyaa irra miidhaan qaqqabuu hime.
Kanaanis namoonni adda durummaan shakkama 76 to’annoo jala oolchuu Koreen Waloo nageenyaafi Tasgabbii beeksiseera.
Miidhaa qabeenyaafi humnootii nageenyaa irra gahe jedhameen alatti hirmaattoota ayyaanichaa irra miidhaan qaqqabee akka hin jirrees himeera.
Hookkara Ayyaana Idii irratti Finfinneetti dhaqqabeen maatiin ijoolleerraa adda bahuufi, qabeenyis manca'u ibsameera.
Hookkara Finfinnee dura torban darbe walitti bu'iinsa bifa amantaa qabu fakkaatuun Gondaritit mudateen lubbuun namoota 20 darbu himamee ture.
Eegasii manneen amantaa gara garaa akka haleellaan irratti raawwatu ka'umsa ta'eera.
Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa baasen bakkeewwan Itoophiyaa hedduu ayyaanichi nagaan xumuramuu ibse.
Rakkoo Finfinneetti qunnameef qaamolee amantii dahoo godhatanii socho'an kan yakke mootummaan, ''Mootummaan tarkaanfii finxaaleyyiirratti fudhatu cimsee itti fufa,'' jedheera.
Ibsi maal jedhe?
Hordoffiifi gamaggama humni waloo kun taasiseen irra caalaan hirmaattota ayyanichaa salaata irratti hirmaachuun gara mana isaaniitti deebi’uuf kan bahanidha jedheera.
Haa ta’u malee, ‘‘Namoonni fi gareewwan tokko tokko haaloo qabachuufi dhoksaadhaan ergama dhoksaa diinota keessaa fi alaa fudhachuun wal danda’uu biyyi keenya ittiin beekamtu diiguuf,'' socho'aa turan jedhe.
Dabaluunis, ''ummaticha amantaadhaan qooduufi adda baasuun biyya diiguuf, keessattuu erga yeroo dhiyootiin asi naannolee biyyattii hunda keessatti walitti bu’iinsa cimsuuf yaalii taasisaa jiru,’’ jedheera.
Qaamoleen kunneenis naannolee tokko tokkootti meeshaalee qara qaban, asixaawwan mankaraaristoota biyya alaafi barreeffamoota walitti bu’iinsa kakaasan qabachuun gara qophichaa dhaquusaanii kanneen to’annoo jala oolfaman harkatti adda baasuu ibseera.
Naannoon Amaaraa gama isaatiin, qaamolee amantaa dahoo godhachuun hokkoraafi jeequmsa uuman seeratti dhiyeessuuf ummanni motummaa waliin dhaabbachuu qaba jechuun waamicha taasise.
Ibsa naannichi haala yeroo irratti baase kanaan, ‘‘hokkorri dahoo amantaatii tibbana naannichatti Gondariitti raawwatame kan nama qaanneessuufi kan duudhaa tokkummaafi waliin jiraachuu barootaaf ummata jidduutti ijaaramee cabseera,’’ jedhe.
Kunis gochaa diinota alaafi keessaa amantaalee Islaamaafi kiristaanaa jaalalaafi tokkummaan jiraachaa ture walitti buusuun bu’aa siyaasaa argachuuf jecha kan raawwatamee akka ta’e motummaan naannichaa ni hubata jedhe.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama isaatiin, ibsa haala yeroo irratti baaseen, ‘‘Shira diinota keenyaa fashaleesaa badhaadhina biyya keenyaa ni dhugoomsina’’ jedhe.
Finxaaleyyiin sabaafi amantaa dawoo godhatanii socho'an 'ergama humnoota alaa galmaan gahuuf yaalii isaan Magaala Finfinnee keessatti taasisan' hordoftoota amantichaaniifi sochii qindaawaa qaamolee nageenyaan fashalee jira jedheera.
‘‘Ummanni keenya ammas tokkummaafi duudhaa waliin jireenyaa gabbifatee as ga'e cimsee itti fufuun Baandota amantaafi saba dawoo godhachuun biyya keenya diiguuf socho'an secca'ee of keessaa baasuu qaba,’’ jechuun waamicha dabarse.
Mootummaanis tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu, finxaaleyyiifi shororkeessitoota ergama diinota biyyarratti fudhatu jabeessee kan itti fufu ta'uu ibseera.
Ummannis mootummaa cinaa akka dhaabatu waamicha dabarseera.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees 'kanneen keessoo keenya jiraniifi diinonni keenya walta'un nagaa ummataa booressuuf' socho'aa jiru jechuun hime.