Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ejansiin Atoomikii Addunyaa To'atu gabbisa nikularaa Iraan ilaaluuf ogeeyyii Tehraanitti erguuf

Gaggeessaan Ejansii Anniisaa Atoomikii Addunyaa (IAEA) Raafaa'el Giroosii ogeeyyiin to'annoo nikularaa gara Iraan akka imalan beeksise; Iraan ammoo sagantaa nikularashee ammatti to'annoof banaa gochuuf akka walii hin galle himti.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ejansiin atomikii UN ogeeyyii niwkilaara to'atan gara Iraanitti akka ergu beeksisus Iraan garuu walii hin galle

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo waliif mallatteessuu hordofee, Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) ogeeyyii niwkilaaraa Tehraanitti akka ergu beeksise.

    Gaggeessaan ejansichaa Raafaa'el Giroosii ogeeyyiin niwkilaaraa kan ergaman akkaataa waliigaltee US-Iraanin ta'uu ibsan.

    [Gabbisa yuraaniyaamii Iraan irratti] to'annoon ni taasifama. Akkaataa isaa: guyyaa, adeemsa fi bakka isaa yeroo dhiyootti irratti hojjanna," jedhan.

    Waliigaltee US-Iraan waliif mallatteessan irratti, yuraaniyaamiin Iraan sadarkaa olaanaatti gabbiste hordoffii Ejansii Anniisaa Atoomikii Addunyaatiin akka mancaafamu ifatti ibsameera.

    Haa ta'u garuu, ministeerri dhimma alaa Iraan ibsa baaseen wiirtuwwan nikularaa Iraan haleellaa USfi Israa'eliin miidhaman to'annoof banaa kan ta'an waliigaltee xumuraarra erga gahamee booda ta'uu akka qabu ibse.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Ejansiin nikulraa UN dhimma nikulra Iraan hordofuuf ogeeyyii to'annoo anniisaa atoomikii gara Tehraanitti akka ergu ibse.

    Iraan ammoo kun qaama waliigaltee US waliin taasise miti jechuun haalaa turte.

    Ulaan Hormuuz banamuurraa kan ka'e doonii daldalaa Itoophiyaa GIBE jedhamtu dabalatee dooniwwan daldalaa heddu darbaa jiru jedhame.

    Odeessa biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Karaa Marsariitii, YouTube, Whatsapp, fi Facebook BBC Afaan Oromoo seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!