Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Salaata Iid al-Faxir Finfinnee irratti jeequmsi ka'ee akka ture poolisiin magaalattii ibse
Poolisiin magaalaa Finfinnee jeequmsa kabaja ayyaana Iid al-Faxir har'aa irratti mudateen qabeenyi manca'uu beeksise.
Poolisiin magaalittii sagadni Iidii osoo hin gahiin dura naannoo Muuziyeemii yaadannoo 'Qay Shibbir' jedhamutti ''namootni dhuunfaa jeequmsa kaasaniin qabeenya irra miidhaan gaheera,'' jedhe.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture poolisiin namoota dhagaa darbatanitti gaazii imimmaanessituu yeroo dhukaasu mul'ata.
Dabalataan viidiyoo qoodame irratti namootni kaan warra gara humna nageenyaa fi gamootti dhagaa darbatan dhaabsisuuf yaalaa osoo jiraniis agarsiisa.
Namoota sagada Iidiif dhufaniifi humna nageenyaa gidduutti walitti bu'insi akka ka'u kan godhe beekamuu baatus namootni BBC'n dubbise jalqaba kallattii dubartoonni sagadaa turaniin sagaleen rasaasaa ykn gaazii imimmaanessituu dhuka'uu dhagahuu isaanii himaniiru.
Viidiyoon miidiyaa hawwaasa irratti qoodame fuulleen Muuziyeemii yaadannoo Qay Shibbir jedhamu dhagaa itti darbatamaa tureen caccabuun harca'aa ture.
Dabalataan daandii gidduu abaaboo dhaabbatan irras miidhaan gahuu agarsiisa.
Taatee kana hordofee ibsa poolisiin baase irrattis tahe namootni saganticha hordofuu deeman BBC'n dubbise waa'ee miidhaa nama irra gahee waan jedhan hin qaban.
Maaltu mudate?
Namni BBC'n dubbise maatii isaa waliin solaata Idiif gara Istaadiyeemii deemee ture Mahaammad, jeequmsa mudateen sagadni osoo hin xumuramiin hordoftootni amantichaa addaan faffaca'an.
Sirna sagadaa sana irra namootni hedduun akka turan kan hime Mahaammad ''anaafi maatiin koo solaataaf kan dhaabbanne gara kallattii Carqosiin ture,'' jedhe.
Mahaammad sagadaan dura ''rakkoon mudachuu waan danda'uuf of eeggannoodhaan sagadaa'' ergaan jedhu erga darbeen booda akka sirna solaataa jalqaban hima.
Haa tahu malee osoo sagada irra jiranii sagalee rasaasaa tahuu boombii imimmaanessituu kan adda hin baasne irra dedeebiin gara dirree Masqalaatii dhagahamaa ture jedhe.
''Kallattii dubartootni sagadaniin jeequmsaa fi fiigicha argine. Solaata adda kutuun kan bahaa turan namoota hedduu argine. Nuyis ijoollee qabannee waan jirruuf wal dhidhiituun akka hin jiraanneef gara booddeetti baqanne,'' jedhe.
Namni biraan ayyaanichaaf deemee naannoo Dirree Masqalaa bakka rakkoon kun itti mudate turuu hime Saadaam, jalqaba bakki waan wal hanqateef dubartootni walitti qabamuun Dirree Masqalaatti salaatuu jalqaban jedhe.
Jalqaba naannicha poolisiin akka hin turre kan hime Saadaam booda poolisiin federaalaa dhufuun bakka sanaa akka ka'aniif gaafate.
Dubartootni salaatnee kaana jennaan didanii boombii imimmaanessituu itti dhukaasan. Sana booda warri dhiiraas isaaniif birmachuun dhagaa darbachuun jalqabe jedhe.
Dubartootni ijoollee qabatan akka jiran kan hime Saadaam namootni hedduun baqatanii addaan faffaca'anii maatiin wal barbaadaa jira jedhe.
Yeroo baqatan kanas namootni wal irra deemuun kanneen miidhaan qaamaa irra gahe akka jiran arguu himeera.
Mooraa agarsiisa magaalittii ykn Egzibishinii keessaa dhagaan hordoftoota Islaamaatti darbatamaa akka ture kan himu Saadaam, eenyu akka tahe garuu hin barre jedhe.
Miidhaa guddaan qabeenya adda addaa irra gahuus argeera jedhe.
Namootni lubbuun miidhaman hin argine kan jedhu Saadaam amma erga haalichi tasgabbaa'ee namootni bakkichatti deebi'uun ijoollee isaanii fi miseensota maatii wal dhaban barbaadaa jiru jedhe.
Poolisiin magaalaa Finfinnee amma hordoftootni amantaa Islaamaa tasgabbaa'uun gara dhufanitti nagaan deebi'aa jiru,'' jedhee ka'umsa jeequmsa kanaafi dhimmoota kanaan wal qabatan uummataaf nan beeksisa jedheera.
BBC'n dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa barbaacha gara poolisii magaalaa Finfinnee fi Federaalaatti bilbilus hoggantoota isaan ilaallatu argachuu hin dandeenye.
Torban darbe magaalaa Gondaritti walitti bu'insi dhimma amantaa of keessaa qabu mudachuun lubbuun namootaa darbuun isaa hawaasa Musliimaa dheekkamsiisee ture.
Walitti bu'insa Gondariin yoo xiqqaate namootni 20 ol tahan ajjeefamuu Manni Maree Dhimma Islaamaa naannoo Amaaraa beeksiseera.
Walitti bu'insa Gondar boodas kutaalee biyyattii adda addaatti walitti bu'insi biraa uumamuun manneetii amantaa irra miidhaan gaheera.
Dabalataan manni maree dhimma Islaamaa kun magaalaa Dabaarqittis masjiidotni biroo lama gubachuu ibseera.
Guyyaama wal fakkaataarra Godina Silxeetti bataskaanota lama irra mancaatii guddaan dhaqqabuu Kutaan Lallaba Godina Haadiyyaa fi Silxee beeksiseera.