Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa Kibbaatti guyyaan dhumaa godaantonni akka bahan kenname dhiyaannaan Embaasiin Itoophiyaa lammileen akka of eeggatan hubachiise
Afrikaa Kibbaatti gaggeessitoonni sochii farra godaantotaa namoonni godaansaan biyyattii keessa jiran akka bahaniif guyyaan dhumaa kennan dhiyaachuu hordofee, Embaasiin Itoophiyaa Piritooriyaatti argamu godaantonni "of eggannoo" akka taasisan hubachiise.
Godaantonni Afrikaa Kibbaa keessa jiran hanga Kibxata dhufu, Waxabajji 30, 2026tti akka biyyattii gadhiisanii bahaniif gaggeessitoonni sochii farra godaantotaa guyyaa kaa'aniiru.
Dursaan sochii godaantota seeraan alaarratti akka hojjetu ibse 'March and March' jedhamu Jaasintaa Angobeesee Zuumaa ibsa kenneen guyyaan dhumaa kaa'ame kun eegamaa jiraachuu dubbateera.
Embaasiin Itoophiyaa Piritooriyaa jiru hubachiisa Waxabajji 25, 2026 baaseen, haala lammilee Itoophiyaa biyyattii keessa jiran ilaalchisee "mootummaa waliin walitti dhufeenya barbaachisu" gochaa jiraachuu beeksiseera.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa "godaaantotarra haleellaan humnaa" akka hin geenye eegumsa akka taasisu ibsaa turuu yaadachuun, mootummaan biyyattii "guyyoota itti aananitti hojii nagaa eegsisuu isaa akka cimsu ni eegama," jedheera.
Embasiin Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti argamu ''ajjeechaafi badii'' lammiilee Itoophiyaarratti raawwataa jiruun ''gaddi cimaa'' itti dhagahamu beeksisees ture
Haata'u malee, godaantotarratti haleellaan raawwatamuu akka danda'u yaaddoo jiru ibseera. "Haalonni godaantotarratti gochi seeraan alaafi haleellaan raawwatamuu danda'an akka jiran wantonni agarsiisan ni jiru," jechuun ibsa kanaan hubachiiseera.
"Mirgo sarbamuufi yaadodon nageenyaa" jiraachuu kan ibse Embaasichi, sababa kanaaf godaantonni Itoophiyaa biyyattii keessatti argaman "sochii guyyaa guyyaa keessan haala of eeggannoo abuun akka taasiftan" jechuun lammilee hubachiiseera.
Qaamoleen mootummaa fi gurmaa'ina hawaasaa naannoo jiran waliinhariiroo akka qabaataniifis gorseera. Qaamolee kanneen waliin "odeeffannoo wal jijjiiruun gamanumaan of eeggannoo barbaachisaaa akka taasisaniif Embaasiin ni hubachiisa," jechuun akeekkachiiseera.
Embaasichi ji'a lama dura garaagarummaa guyyoota muraasaa keessatti Itoophiyaanonni afur ajeeffamuun isaanii wayita dhaga'ametti mootummaan biyyattii ajjeechaa ilaalchisee "hatattamaan tarkaanfii akka fudhatan" fi "bakkawwan rakkoon itti mul'atanitti eegumsa addaa" akka taasisaniif gaafachuu isaa beeksisee ture.
Embaasichi ibsa yeroo sana baaseen ajjeechaawwan kunneen jibba namoota biyya biraatii dhufaniif qaban waliin kan wal qabate ta'uu akka danda'u ibsee ture.
Isaan booda hiriirawwan farra godaantotaa Afrikaa Kibba akeessatti heddummaateera. Viidiyoowwan haleellaa godaantota biyyoota gara garaarratti raawwataman agarsiisu jedhamanis gadhiifamaa turaniiru.
Sochiiwwan kanneenirraa kan ka'een godaantonni yaaddoo keessa waan galaniif Naajeeriyaa fi Gaanaan lammileen isaanii Afrikaa Kibbaa keessa baasaniiru.
Gaggeessitoonni sochii kanaa godaantonni sanada seera qabeessa ta'e hin qabne Afrikaa Kibbaa keessaa akka ba'an guyyyaa dhumaa kaa'ameerratti Waxabajji 30 hiriirri akka gaggeeffamu beeksisaniiru.
"Nama kamirraaniyyu miidhaa geessisuun kaayyoo keenya miti. Nuti wanti gaafannu yoo jiraate godaantonni seeraa alaa biyya keenya gadhiisanii akka ba'aniifi mootummaan seeruma duraan jiru akka kabachiisu qofadha," jechuun dursaa March and March dubbateera.
Guyyaan dhumaa akka godaanonni bahan kenname kun Gamtaa Afrikaa jalatti kan argamuufi qaama murtii kennu kan ta'e Komishinii Dhimma Namoomaafi Mirgoota Namaarraa qeeqi irratti dhiyaateera.
Komishinichi ibsa Waxabajji 25 baaseen gareen gurmaa'aniif Afrikaa Kibbaa keessa jiran "lammileen biyyoota Afrikaa biroorra" guyyaan dhumaa kaa'aniin "yaaddoon guddaa" akka itti dhaga'ame ibseera.
Ibsichi, "Komishinichi oppereeshinii Dudulaa fi Maarch -Maarch jedhamuun gareen gurmaa'an keessumaa godaantota biyyoota Afrikaarraa dhufanirratti gochi doorsisuu, haleellaa fi tarkaanfiiwwan humnaa cimsee balaaleffata," jedha.
Gochi akkasii kun Chaartera Mirgoota Namoomaafi Namootaarratti ibsaman kan cabsu alkka ta'e Komishnichi ibseera.
Itti gaafatamummaan seerota godaantota waliin wal qabatan kan qabu, "dhaabbileen mootummaa hayyamameef qofa" akka ta'e kan yaadate Komishiniin kun, mootummaan biyyattii eegumsa godaantotaaf taasisu akka cimsuuf gaafateera.
"Karaa seeraan alaatiin seera raawwachiisuuf sochii warra taasisan" keessatti gareewwan hirmaatan "diiguu fi dhaabsisuudhaaf tarkaanfii cimaa" akka fudhatuuf hubachiiseera.