Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'insa Gondar booda bakkeewan biraattis dhaabbileen amantaa manca'an
Guyyoota dura magaalaa Gondaritti walitti bu'insa ka'e hordofee dhaabbilee amantaa bakkeewan birootti argaman adda addaa irra mancaatiin dhaqqabuu himame.
Mana-maree Dhimma Islaamummaa Naannoo Amaaraatti Itti-Gaafatamaan damee Masjiidaafi Beekumsaa Haajii Usmaan Umar BBCtti akka himanitti, kaleessa ALItti Ebla 20 bara 2014 magaalaa Dabaarqitti masjiidotni lama gubachuun yoo xiqqaate namootni lama ajjeefamuu BBCtti himan.
Haleellaa Kibxata darbe magaalaa Gondaritti Musliimota irratti raawwatameen namoonni 20 yoo ajjeefaman, 150 ol madaa'uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa beeksisee ture.
Haleellaa kanaan masjiidonni, dhaabbileen daldalaa fi manneen jireenyaa Musliimotaa hedduun gubachuus ibseera.
Gama biraan ammoo naannoo Kibbaa Godina Silxee magaalaa Waraabeetti kaleessa Eebla 20,2014 mana amantaa Kiristaanaa lama irra macaatiin akka dhaaqabe Waajjiri kutaa Lallaba Haadiyyaa fi Silxee Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa baaseen himeera.
Mancaatii manneen amantaa irratti dabalataan qaqqabuu, namootni reebamuufi miidhaan irra gahuu ibsichi eerera.
Godina Silxeetti maaltu mudate?
Waajjirri Kutaa Lallaba Haadiyyaafi Silxee Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa baase irratti hordoftoonni amantaa Islaamaa salaataa yommuu bahan dhaadannoo qabachuun guutuu Bataskaana Qulqulluu Ruufaa'el irraa buusuun, akkasumas meeshaaleen kadhannaaf oolan gubaniiru,'' jedhe.
Dabalataan Bataskaana Qulqulluu sankuuraa Gabri'eel ''humnoota mankareeressitootaan'' guutummaa guutuu manca'uu ibsa waajjirichi baase irratti eerameera.
Dabaarqitti maaltu mudate?
Mana-maree Dhimma Islaamummaa Naannoo Amaaraatti Itti-Gaafatamaan damee Masjiidaafi Beekumsaa Haajii Usmaan Umar, magaalaa Dabaarqitti yoo xiqqate namonni lama ajjeefamuufi masjiidonni akka gubatan ibsan.
Magaalaa Dabarqitti haleellichi kan dhaqqabe naannichatti bataskaanni gubateera odeeffannoon jedhu erga dhagahamee akka tahe Haajii Usmaan himaniiru.
Sababii ka'umsa ta'uufiitu barbaadame malee rakkoon hawaasa Musiliimaatti haqatamu hin jiru,'' jedhan.
Komunikeeshiniin naannoo Amaaraa, waajjira Komunikeeshinii Gondar kaabaa wabii godhachuun akka himetti, A L I kaleessa Ebla 20,2014 magaalaa Dabaarqitti kan argamtu balaa abiddaa Bataskaana Maaramii Goxiit irra gahe hordofee ''rakkoon nageenyaa salphaan mudatee ture gara tasgabbiitti deebi'eera'' jedhe.
Tarkaanfii akkamiiti fudhatame?
A L I Ebla 20,2014, humni nageenyaa waliinii federaalaa ibsa baaseen walitti bu'insa Gondaritti mudate keessatti kanneen hirmaataniifi hokkaricha akka itti caalu gochuu keessatti hirmaataniiru jedhamuun shakkaman 280 ol to'annoo jala ooluu ibse.
Ibsichi walitti bu'insa magaalaa Gondaritti hordoftoota amantaa Kiristaanaafi Islaamaa gidduutti ka'e ka'umsa godhachuun bakkeewan biroottis amantaa dahoo godhachuun hookkara kaasuuf namoota socho'aa turan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhe.
Ibsi kun kan dhagahame pirezidaantiin naannoo Amaaraa Yiliqaal Kaffaalee [PhD] ''naannicha qaxanaa jeequmsaa gochuuf qaamolee hojii shororkeesummaa hojjetan irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhanna'' erga jedhaniiti.
Pirezidaantichi kaleessa Televizhinii naannichaa irratti ibsa kennaniin waan magaalaa Gondaritti mudate balaaleffachuun yakkamtoota seeratti dhiyeessina jedhan.
MM Abiy Ahimed ammoo fuula Tiwiiterii isaanii irratti Itoophiyaa keessatti haleellaan eenyuuniyyuu balleessuuf godhamu hunda keenya irratti waan godhamudha.
Warra balleessaa hojjetan balaaleffannee warra miidhaman waliin dhaabbanna malee balleesicha balleessaa biraan akka itti caalu gochuu hin qabnu'' jedhan.
Haleellaa Gondaritti mudateen yoo xiqqaate namootni 20 ol ajjeefamuu Manni Maree Dhimma Islaamaa naannoo Amaaraa ibseera.