Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan Tigraayitti 'qaamolee adeemsa nagaa gufachiisan' akeekkachiiste
Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jiru adeemsa nagaa Tigraay ''qaamoleen gufachiisaa jiran,'' gochasaaniirraa of qusachuun tattaaffiiwwan marii nagaaf taasifamaa jiran akka tumsan akeekkachiise.
Imbaasichi dureewwan siyaasaa fi dhaabbilee siivilii mariiwwan siyaasaa keessatti hirmaachuu akka qabanii fi waliigalteen Piriitooriyaa, waliti bu'iinsa waaraan furuuf mallattaa'e, guutummaatti hojiirra ooluu akka qabu irratti akeekkachiisa kenne.
Ibsa Jimaata (Waxabajjii 26, 2026) baase keessatti adeemsa nagaa buusuuf taasifamaa jiru ''qaamoleen xiyyeeffannaan akka gufatuuf irratti hojjechaa jiran,'' gocha akkanaa dhiisuun marii qindeessummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu tumsuutti ''hatattamaan akka deebi'an,'' eere imbasiin US.
Ibsi kun erga Ameerikaan qondaalota TPLF fi maatiiwwan isaanii nageenya Itoophiyaa sarbuuf hojjechuu keessatti hirmaannaa qabu jechuun dhorkaa viizaa irra keessaa torban booda ba'e.
Ministeerri dhimma alaa US miseensota TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti muddamni hammaate waraana balaafamaa deebisee kaasuuf sodaachisaa jiraachuu eeruun, qaamolee kana keessatti hirmaatan jedhe irra dhorkaa viizaa kaa'e.
TPLF dhorkaa viizaa Ameerikaan irra keesse kana ''haqa qabeessa miti,'' jechuun balaaleffateera.
Tarkaanfiin Ameerikaa kun haala qabatamaa fi dhugaa Tigraay ilaalcha keessa kan hin galchinee fi mootummaa federaalaa ''itti gaafatamaa kan hin goonedha,'' jechuun qeeqan aanga'oonni TPLF.
Ibsi imbaasiin Ameerikaa har'a baase qaamolee adeemsa nageenyaa gufachiisan jedhe maqaa hin eerre.
TPLF bulchiinsa yeroo bu'uura waliigaltee Piriitooriyaan ijaarame diiguun erga mana maree waraana dura ture deebisee muddamni mootummaa federaalaa waliin hammaateera.
Manni maree kun labsii falmisiisaa dirqama tajaajila loltummaa fi adabbii du'aa of keessaa qabu akka hojiirra oolu ajajeera.
Namoonni dirqamaan waraanaaf guuramaa jiraachuu maddeen BBC Tigrinyaatti himaniiru.
Aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa Obbo Geetaachoo Raddaa fi Ambaasaaddar Reedwaan Huseen TPLF ''yeroo dhihoo keessatti waraana eegaluuf qophiitti jira jechuun dhihoo kana himataniiru.
Himaticha kan hale TPLF faallaa kanaa naannoo Tigiraayitti jeequmsa kaasuuf kan socho'aa jiru mootumma afederaalaati jechuun himate.
Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa dhimmoota nageenyaa Baha Afrikaatti deeggarsa akka godhaniif Gamtaa Afrikaan bakka bu'uun waliigaltee Piriitooriyaas akka mallatteeffamu gargaaranii ture.
Waxabajji 4 bara 2018 gara Maqalee imaluun gaggeessitoota TPLF waliin mari'atanii ture.
Obaasaanjoon mariin taasisan ''milkaa'aa'' ture yeroo jedhan hoggantoonni TPLF ammo wlaitti dhufeenyi mootummaa federaalaa waliin qabnu waan adda citeef deebisnee walitti dhufuuf haala kan mijeessu ture jedhan.
Ibsi Imbaasii Ameerikaa har'a baase ammo haala siyaasaa fi mirga namoomaa naannoo Tigiraay keessaa hordofaa akka jiru eera.
Ameerikaan deeggarsa namoomaa murteessaa fi lubbuu oolchu naannoo Tigiraayiif kennitu akka itti fuftu kan hime imbaasichi naannichi gara tasgabbiitti deebi'uun ammo waan murteessaa akka tahe himeera.
Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru gara fuulduraatti hoggantoonni naannoo Tigiraay daawwatan hoggantoota naannichaa fi dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin akka marii taasisan himeera. Garuu yoom akka daawwannicha karoorsan hin himne.