Ayyaana Iid al-Faxir Finfinnee: Dargaggoo daa'ima baatii 10 dabalatee maatiitti deebisan

Maxxanfame

Sagada Ayyaana Idii A.L.I Ebla 24, 2014 Finfinnee gaggeeffameerratti hookkara uumameen maatiin ijoolleerraa adda bahanii turan walitti fiduuf dargaggoonni socho'aa turan.

Suuraa daa'imman isaan bira jiraniifi bilbila Fesbuukii gubbaa qooduun daa'imman 100 ol maatii waliin walitti fiduu dargaggoon kuni himaniiru.

Guyyaa Wiixataa lakkoofsa maatii akkasumas daa'imman badanii argaman Fesbuukiif Tiwiitara gubbaa qoodaa turani.

Daa'imman maatiirra adda bahan masjiida Tabaarak (Meksikoo Jarman Masjiid kan jedhamu), Majiida naannoo Filwuhaa argamu akkasumas buufata poolisii Dambalitti akka turan ta'eera.

Poolisiin magaalaa Finfinnee sagadni Iidii osoo hin gahiin dura naannoo Muuziyeemii yaadannoo 'Qay Shibbir' jedhamutti ''namootni dhuunfaa jeequmsa kaasaniin qabeenya irra miidhaan gaheera,'' jedhe.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture poolisiin namoota dhagaa darbatanitti gaazii imimmaanessituu yeroo dhukaasu mul'ata.

Dabalataan viidiyoo qoodame irratti namootni kaan warra gara humna nageenyaa fi gamootti dhagaa darbatan dhaabsisuuf yaalaa osoo jiraniis agarsiisa.

Hanga yoonaa kanneen salaataaf bahaniifi humnoota nageenyaa gidduu walitti bu'iinsi akka dhalatu sababni maal akka ta'e hin beekamu.

Namoonni BBC'n dubbise garuu kallattii dubartoonni sagadaa turan biratti qawwee yookiin dhukaasi imimaanessu yeroo dhukaafamu dhagahuu himaniiru.

Mootummaan federaalaa ibsa baasen kanneen amantii dahoo godhachuun hookkara uumanirratti tarkaanfii fudhatu akka cimsu himeera.

Muddama kanaan lubbuun nama darbe akka hin jirre akkasumas bakkeewwan kaan nagaan kabajamuu mootummaan ibseera.

'Ayyaana akkanatti dabarsuun gaddisiisaadha'

Dargaggoon BBC'n dubbise Anuwaar hiriyyoota isaa waliin ta'un erga rakkoon dhalate booda tokko masjiidatti geessuun daa'imman 120 - 150 maatii waliin walitti fiduu hime.

''Namoonni daandirra turan marti boo'aa turan, dubartoonni, abbootiin ni boo'u. Naannichatti dubartoonni imimmaanessituun miidhaman turani,'' jechuun haala ture ibsa.

Ijoollee abbaa irraa, haadharraa adda bahan masjiida Tabaarakiifi Fil Wuhaatti erga geesse booda baay'ee isaanii maatii waliin walitti fiduu dubbateera.

''Ijoollee isaanii yeroo dhaban boo'utti ka'ani. Yeroo maatii isaanii argatan miira ture ibsuun nama rakkisa. Kuni meeshaa bade ture argachuu miti, ijoolleedha. Gammachuu maatii ibsuun nama rakisa.''

Ijoolleen ala maanguddoofi kanneen dhukkubsatan kanneen badan keessaa akka ta'an hime.

Ayyaana akanatti dabarsuun ''gaddisiisaa'' ta'u himee, ''miindaa isaa namarraa osoo hin taane Uumaarraa arganna'' jechuun ibse.

'Daa'imni baatii 10 badee argamuu dhagenyeerra'

Dargaggoon biraa maqaa naaf dhoksaa jedhemmoo hookkara kanaan daa'imni baatii kudhanii bade buufata poolisii Dambal akka argamu dhagahuu himeera.

''Haati rifattee dubartii biraatu buufata poolisii geesse. Nama majiliisa dalagurraa odeeffadhe. Daa'imni hanga yoonaa maatii waliin wal arguu isaa hinbeeku.''

Isaan ala daa'imman waggaafi walakkaa akkasumas daa'imi ganna lamaa badanii argamuu BBC'tti himeera.

Hookkara kanaan dubartoota akkasumas dubartoota ulfaa imimmaanessituun miidhaman gara hospitaala geessuuf haala mijeessaa turuu hime.

''Ijoolleen baduun isaanii nuus nu dhukkubsa jenneeti walitti fiduu kan eegalle. Maatiin ijoollee isaanii yeroo argatan gammachuun utaalaa turan,'' jedhe.

Dargaggoon biraa BBC'n dubbise immoo ''anis ijoolleen koo badanii argamaniiru. Maatiin ijoollee isaanii yeroo argatan cookan turani. Maal jedhee sitti himu? Tokko tokko nu galateeffatu.

''Kaan boo'aa deemu,'' jechuun maqaa naaf dhoksaa jechuun hime.

Daa'imman lakkoofsa maatii isaanii hin beekne sodaan boo'aa akka turan hime. Dargaggoonni kuni daa'immaniif bishaaniifi nyaata qopheessuun hamma maatiin walitti dhufanitti eegaa turan.

Adeemsa maatii ijoollee waliin walitti fiduu keessatti hawaasa musliimaan ala hordoftoonni amantii biroos akka isaan gargaaran dargaggoonni kunneen BBC'tti himaniiru.

''Miira mucaan bade gaafa argamu jiru namni mucaa qabu ni beeka. Daa'imman maatii waliin yeroo walitti fiddu gammachuu guddaa argatta.

''Nuti kana kan goonu amantin keenya waan nu ajajuufi,'' jedhe dargaggoon hojii akkanaa hojjetaa ture.