Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Alaabaa fi kabaja torbee jaalattoota saala wal fakkaataa tapha Masirii fi Iraan irratti agarsiifamuuf qophaa'e
Har'a Iraanii fi Masiriin tapha gaggeessan irratti alaabaan warra jaalattoota saala wal fakkaataa bal'inaan agarsiifama. Taphni kunis kabaja isaaniif jecha durumaan adda bahe.
Moggaasi 'Pride Match' jedhus kennameeraafi. Sababni isaa ammoo taphni kun torban kabaja jaalattoota saala wal fakkaataa dura guyyaa Jimaataa irra waan bu'eefi.
Leenjisaan garee biyyaalessaa Iraan Amiir Gaalenooyi dhimma kana irratti gaafatamanii ture.
''Waan lafarra hin jirre tokkoof deebii kennuu hin barbaachisu'' jedhe.
Garee isaa taphichaaf qopheessuu irratti qofa akka xiyyeeffatu hime.
Qindeessitoonni sagantichaa tapha kana irratti agarsiisa adda addaa waa'ee mirgaa fi hamattummaa jaalattoota saala wal fakkaataa ibsu qopheessu.
Istaadiyeemii keessa ammoo alaabaan isaanii halluu sabbata waaqayyoo qabu bal'inaan mirmirfama.
Masirii fi Iraan keessatti jaalattoota saala wal fakkaataa tahuun seeraan dhorkaadha.
Biyyoonni lameenuu dhimma kubba miilaa irratti qofa xiyyeeffanna jedhan. Leenjistoonni biyyoota lameenii gaaffii dhimma kana irratti isaaniif dhiyaateef deebii kennuu hin barbaanne.
''Kan as jirruuf kubba taphachuuf malee dhimma biraaf miti'' jedhe leenjisaan Iraan.
''Akka amantaa keenyaatti waan kun dhorkaa fi waanuma hin jirredha. Kanaaf nuyi waa'ee kubba miilaa, miidhagina taphichaa dubbanna malee waa'ee waan lafarra hin jirree tokko hin dubbannu'' jedhe.
Koreen qindeesitootaa Siyaatil kabajni guyyaa LGBTQ+ kun itti yaadamee tapha Masirii fi Iraan irratti akka tahu yaadamee osoo hin taane osoo ramaddiin isaanii hin bahiin dura kan murtaa'edha jedhan.
Koree Qindeessitoota Waancaa Addunyaa Siyaatil keessaa tokko kan tahe, Heedaa Maaklendon, ''gammanneerra. Akkaataatti ati jiraachaa jirtu waliin wal simuu dhiisuu mala, akkaataatti biyya keessanitti jiraattanis osoo hin taane waan nuyi ittiin adda taanu kana bartanii akka galtaniifi'' jedhe.
"Taphichi waa'ee Masirii fi Iraan osoo hin taane waa'ee Siyaatilidha,'' jedhe taphataan kileba Siyaatil lammii Weelsi tahe Jees Fiishlook.
Innis miseensa koree qindeessituu waancaa addunyaa Siyaatilidha.
Kanaaf agarsiifni karoorfame kun maalummaa Siyaatil kan namatti agarsiisudha jedhe.
Masirii fi Iraan kabajni kun duudhaa fi amantaa uummata isaanii waliin waan hin deemneef akka jijjiiramu kana dura FIFA gaafatanii ture. Garuu hin eeyyamamne.
FIFA'n alaabaan jaalattoota saala wal fakkaataa istaadiyeemii keessatti ni eeyyamama. Garuu kun kabaja ''Ulfina Jaalattoota Saala Wal fakkaataa FIFA osoo hin taane torban kabaja sagantichaarra tapha Waancaa Addunyaa gaggeeffamu tokkodha'' jedhe.
Deeggartoonni biyyoota lameenii waan biyya keenyatti hin beekamnedha jechuun saganticha akka hin fudhane dubbataniiru.
Masirii fi Iraan yoo qabxii argatan lameenuu carraa gara 32tti darbuu qabu.