Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraanitti adabbiin du’aa bara darbe keessa haalaa rifaasisuun dabale - gabaasa
Bara darbe erga hogganaan amantii jabessan Ibraahiim Raayisii pireezidantii tahaniin booda lakkoofsi namoota adabbii du’aan ajjeefamanii harka 25 dabaleera jedhan dhaabotni mirga namoomaaf duulan lama.
Dhaabotni mirga namoomaaf falman Iran Human Rights (IHR) fi Together Against the Death Penalty (ECPM) jedhaman bara darbe sababa kanaan yoo xiqqaate namoonni 333 ajjeefamaniiru jedhan.
Adabbiin du’aa yakka qoricha sammuu si’eessu ykn hadoochuun wal-qabatu-126 yoo tahu kan bara 2020 irraa dachaa shaniin caala jedha gabaasni isaanii.
Lakkoofsi gabaasota kunneen keessatti hammatame kan ifatti mootuumaan beeksiseefi maddeen Iraan keessa jiran irraa kan argame dha.
Baatii Onkololeessaa keessaa ogeesii mirga namoomaa UN Jaavaayid Rehimaan ajjeechaawwan Iraan keessatti raawwataman hundi sadarkaa jechisiisuun, ‘’akkasumaan sababa malee lubbuu namaa baasuu,’’ jechuun, biyyattiin adabbii du’aa seera idila addunyaa sarbu akka dhaabdu gorsan.
Seera yakkaa Iraaniin namoonni yakkoota seera idila-addunyaan ‘’akka malee cimaa’’ hin taane, kanneen akka qoricha sammuu hadoochu daddabarsuu fa’iin du’aan adabamuu danda’u.
Akka Jaavaayid jedhutti himannaawwan ifa hin taane kanneen akka ‘’diina Waaqaa’’ fi ‘’malaammaltummaa lafarraa’’ jedhan namoota mormiirrattii bahan hidhuuf oolaniiru. Kunis himannaadhaaf ragaan gahaa otoo hin jiraatiinidha jedha.
Abbootiin seeraa namoonni dirqisiifamanii dhugaa akka bahan taasisu. Dararaafi dhiibbaa garagaraa uumuun balleessaa akka raawwatan amansiisu jechuunis hima.
Gabaasa gaafa Kamisaa dhaabota IHR fi ECPM dhaan baheen namoota adabbii du’aan ajjeefaman 333 keessaa harka 16.5 qofaatu mootummaa biyyattiin ifatti beeksifame.
Qondaalotni biyyattii ajjeechaa daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun wal-qabatee raawwatame hin gabaasne. Iraan bara 2017tti seera farra-naarkootikii erga fooyyeesiteen as lakkoofsi kuni bara darbe akkaan ol ka’eera.
Pireezidant Raayisii erga filannoo mo’ataniin baatii tokkoon booda, Adoolessa keessa ajjeechaan lakkoofsa guddaa tahe-51 raawwate. Achiin Fulbaana, Mudde jechaa itti fufe.
Walumaagala dubartoonni 17 kan ajjeefaman yoo tahu, lakkoofsi kuni kan bara 2020 irraa saddeetiin dabaleera.
Dubartoota adabbiin kuni irratti raawwatame keessaa Zahaaraa Ismaa’el fi Maariyaam Kariimi abbootii manaa isaan dhaanan, ajjeesuun kan himataman keessa jiru.
Abukaatoon Zahaaraa dhiirota baayyee fuula isheetti yeroo ajjeesan argaa dhukkuba onneen gaggabdus, qondaaloti garuu qaama ishee lubbuu hin qabne fannisan jedhe.
Dhiiroti lama immoo yakka yeroo ijoollummaa isaanii raawwataniin du’aan adabaman. Akka gabaasichi jedhutti, kan Armaan Abdoolaalii jedhamu bara 2013 yeroo dargaggeessa ganna 17 ture jaalalleesaa ajjeesuun himatamee duuti itti murame. Otoo hin ajjeefamiin duras iddootti fannifamanii ajjeefaman baatii tokko keessatti al torba geeffamee ture.
Gabaasni kuni ajjeechaan kuni namoota ‘’sabaan xiqqaa tahan’’ irraa dhufanitti baay’ata. Warri Baaluuchiis jedhaman kanneen bara 2021tti ajjeefaman keessaa harka 21 qabatu. Tahus lakkoofsa uummata biyyattii keessaa garuu harka 2-6 qofaa dha jedha.
Hogganootni dhaabota IHR fi ECPM Mahmuud Amiir-Mogddaamii fi Raafaa’eel Cheenaal-Hazaan biyyooti Lixaa dhimma adabbii du’aa Iraan keessatti geggeefamuufi sarbama mirga namoomaa biroof achitti raawwataman furuuf waligaltee niwuukileeraa Iraan 2015 deebisuu as deebisuu barbaaddu qabachuun falmuu qabu jedhan.