Chaayinaan 'yakkamtoota' qaaneessuuf adabbii ummata fuulduratti raawwattu eegalte

Maxxanfame

Kibba Chaayinaatti poolisiin namoota baleessaa raawwataniiru jechuun shakkee afur, balleessaan saanii itti himamaa ummata keessaa akka deeman wayita taasifaman suuraan mul'isu baherra.

Dhiirooni afran kunneenis seeraan ala karaa daangaa sababii Covid-19'n cufameen namoota dadabarsuun kan himatamaniidha.

Namoonni kunneenis daandiiwwan Kibba Chaayinaa bulchiinsa magaalaa Jiingish keessatti argaman irra akka naanawan taasifamaniiru.

Kana hordofunis miidyaalee hawaasaa fi miidiyaa motummaa irratti yaadniwwan adda addaa dhimmicharratti kennamaa jiru.

Namoonni dhimmicha hordofanis suuraafi suur-sagalee namoota kanneenii miidyaa hawaasaa irratti kan qoodan yoo ta'u, namoonni arfanis poolisiin dabaalamanii daandiiwwan magaalattii irra deddeebiifamaa turan. Kunis kan raawwatame guyyoota lamaan dura jedhameera.

Kana malees namoonni kunneenfullisaanii kan haguugamee yoo ta'u, garu waraqaan maqaafi suuraansaanii qabate irratti maxxanfamuun naanneeffamaa turan.

Miidiyaa motummaa kan ta'e Giiyaangeshi Deeyiliin akka gabaaseetti, namoonni kunneen daangaa waliin walqabatee balleessaa kan raawwatan yoo ta'u, akkasumas qajeelfamoota tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf kaa'amanis cabsaniiru.

Maddi oduu kun dabalataan, haalli tatamsa'inavaayirasii gama daangaa jiruu baayyee yaaddeesaafi wal xaxaa akka ta'e hime.

Yeroo jalqabaatiif koronaavaayirasiin keessatti kan argame Chaayinaan, waliigalatti namoonni 114,365 vaayirasichaan qabamuufi kanneen 4,849 ta'an sababiidhuma kanaan du'u ibsite jirti. Kibxata darbee ammooo namoonni haaraan 203 vaayirasichaan qabamu gabaafameera.

Wayita ammaa kanattis biyyattiin qajeelfama cimaa tatamsa'ina vaayirasichaa zeroo gochu dandeessiisu hojiirra olchaa jirti.

Kana malees Chaayinaan hanga ammaatti ummatashee parsanataa 85 guutummaan talaaluun himameera.

Namoonni arfan kunneenis maqaafi suuraa isaanii waliin akka daandiiwwan irra deddeebiifaman erga taasifamaniin booda, miidyaa hawaasaa Chaayinaa kan ta'e Weboo irratti mata duree marii ta'eera.

Namoonni tokko tokkoos gochaan poolisotaa kun gosa addabbii mootoonni waggoota dhibba hedduun dura raawwataa turan akka ta'e ibsuun kan morman yoo ta'u, kaan ammoo murtee tatamsa'ina weerarichaa ittisuuf raawwatame akka fudhatan himan.

Miidyaan motummaa kan biraa Beeshingi Niiwus tarkaanfiiwwan kana fakkaatanis kan olaantummaa seeraa fi ittigaafatamummaa poolisii hin hordofne ta'u gabaaseera.

Biiroon Nageenya Ummata Magaalatii gamasaatiin, tarkaanfii poolisii deegareera. Itti dabaluunis tarkaanfiichi adeemasa namoota yakkaafi gocha naamusa cabsuu raawwatana bakkuma arganiitti adabuufi barsiisuudha jedheera.

Qondaaltoonni Chaayinaa bara 2007tti haaluma walfakkatuun namoota addabbiin du'aa itti murtaa'ee ummata fuuldura daandiiwwan irra akka dedebiifamaniif seera gaafatu haquunsaani ni yaadatama.

Odeessaalee dabalataa argachuuf: