Ibin Baatuutaa: Imalaa fi hayyuu Islaamaa jaarraa 14ffaa biyyoota 40 waliingahe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Waxabajjii 13, 1325 hayyuun Morookoo Abuu Abdullaah Muhaammad Ibin Batuutaa, yeroo baayyee Ibin Baatuutaa jedhamuun waamamu imala seenaa addunyaa keessatti ajaa'iba jedhamuun jajame jalqabe.

Imallisaa waggaa soddomaaf ture Kaaba Afrikaa hanga Chaayinaa waliingahe, addunyaa bara gidduugaleessaa jaarraa 14ffaaf beekumsa guddaa gumaache.

Insaayikilooppiidiyaa Biriitaanikaan Ibin Baatuutaan imalaa Musliimaa guddicha tahuu ibsuun, Guraandhala 24, 1304tti Taanjiir, Morokootti akka dhalate hima.

Baatuutaan kitaaba imalaa beekamaa ''Imala Ibin Baatuutaa'' Rihlaa jedhamu barreesse.

Kitaaba kana keessatti imalasaa Chaayinaafi Sumaatraa(Indooneezhiyaa har'aa), biyyoota Islaamaa mara dabalatee biyyoota 40 fi ikuweerkiloomeetira 120,000, waliingahe galmeesseera.

Dhalootaafi jalqabbii imalaa

Ibin Baatuutaan maqaan guutuusaa Abdullaa Muhaammad Ibin Abdullaa al-Lawaati al-Taanjii Ibin Baatuutaa jedhamu Guraandhala 25, 1304 magalaa Morookoo ho'ituuTaanjiira jedhamtu keessatti dhalate.

Namni kuni maatii haayyuu Islaamaa tahanirraa kan dhalate yoo tahu falaasama seera Islaamaafi Quraana akkaan qara'eera. Tahus baratanii akkasumaan lafa taa'uun isa hin hawwatu ture. Fedhiin waa baruufi Hajji deemuun halkan hirriba isa dhorka, guyyaa isa hin teessisu ture.

Yeroo ganna 21 Ibin Baatuutaan Haajji deemuuf Taanjiir irraa imala jalqabe. Imalli kuni garuu jalqaba imala dheeraa akka tahe hin beekne ture. Galmisaa duraa Makkaa ture, garuu daandiin kennama amantii, fedhii saayinsiifi jaalala imalaa isa fudhatee bade.

Imalli Ibin Baatuutaa gammoojjii Afrikaa Kibbaa lafa wanbadeen guutte keessatti jalqabe. Maagriib keessa bahee magaalawaan Tileemseeniifi Bejaayaa yeroo ammaa Aljeeriyaa keessa jiran darbee, Tuunis fi Tiriipoolii daawwate.

Yeroo Masrii gahu magaalaa guddoo Kaayiroo argee dinqame, Kaayiroon bara gidduugalaa keessa magaalaa guddoofi akkaan ho'ituu turte.

Masjiida Sulxaaneetii Maamluuk, gabaa ho'aa, dhaabota saayinsiifi magaalaa Aleeksaandariyaa daawwate.

Jalqaba galmisaa Haajji deemuun hayyoota amantii Masrii, Sooriyaa,Hejaaz akkasumas barsiisota Suufii irraa barachuun beekumsa isaa bal'ifachuu ture.

Beekumsi nama isa tarfaase tahuunsaa, hojii seeraa akka argatu gochuun dabaltaan saayinsii Islaamaa hayyoota beekamoorraa barachuunsaa dhaddacha hogganoota biyyoota biraa birattii keessummaa kabajamaa akka tahu isa godhe.

Yeroo Masrii ture jaalalli inni imalaaf qabu ittuu boba'e haala kanaan biyyoota addunyaa hamma danda'uu daawwachuuf murteesse.

Hiriyyootisaa bara sanaa kan imalan sababa qabatamaa daldala, imala amantiifi barnootaaf yoo tahu inni garuu jaalala biyya haaraa arguuf qaburraan kan ka'e imalasaa itti fufe.

Sulxaanoti, hogganootaafi namooti beekamoo biyya inni daawwate keessa turan arjoomaafi gaarummaan waan isa simataa turaniif galii argachuun imalasaa akka itti fufu isa taasiseera.

Haajjiifi imala itti fufuu

Kaayiroorraa ka'ee Ibin Baatuutaan Masrii gara olii gara Galaan Diimaatti imalee achii deebi'ee ammoo Sooriyaa dhaqee kaaraavaanii Makkaa deemuutti makame.

Adeemsa Haajji bara 1326tti xumuruun booda gara Kaaba Iraaqitti imalee Baagidaad daawwate, magaalan kuni wiirtuu Kaalifoota Abaasiid jedhamanii turte.

Achitti mootii impaayar Monguul, Abuu Sayiid Iraaniin(1316-1336) bulche waliin wal arge magaalawwan Parshiyaa Isfaanaah fi Shiraaz daawwachuun aadaafi qarooma isaanii jajate.

Ibin Baatuutaan bara 1327 hanga 1330 Makkaa fi Madiinaa keessatti yeroo callisaafi ibaadaa dabarsus namummaansaa akkasumaan deemuu jaalatu garuu isa hin teessisne.

Hajji deemuun amantiidhaan isa jabeessuun dabalataan addunyaa Islaamaa biraaa keessatti aadaan danuu arge fedhii imalaaf qabu ittuu jabeesse.

Jiddaa irraa doonii yaabbatee yabaltoota waliin Galaana Diimaarraan Yaman qaqqabee, achii imalasaa qofumaan itti fufe.

Ammas Adeen irraa ka'ee gara qarqara Afrikaa bahaatti imale, achittis magaaloota daldalaaa Kilwaa(Taanzaaniyaa) daawwate. Yeroo deebi'u imaltuunsaa gara kibba Arabiyaa, Omaan, Hormuuz, kibba Parshiyaafi Galoogalaanarraa goree bara 1332tti Makkaatti deebi'e.

Daandii gara Hindii geessu

Makkaatti karoorri haaraa qalbiisaa keessatti guddate. Waa'ee Sulxaana Deelihii Muhaammad biin Taaklaak naannicha (bara 1325-1351), bulcheefi hayyoota Musliimaaf arjaa tahe dhagahuun dhaddacha isaa irratti qaadii(daanyaa) tahee hojjechuuf carraa yoo argate yaaluuf murteesse.

Ibin Baatuutaan karaa maramaa filachuun gara kaabaa deemee ammasa Masriifi Sooriyaa keessa kute.

Achii doonii yaabbachuun gara Anaatooliyaa lafa amma Tuurkii jedhamtu yeroo bulchiinsa sulxaanetotaan qoodamte keessa deddeeme.

Yeroo imalasaa waan inni galmeesse madda ragaa seenaa yeroo sulxaaneetiin Seeljuuk dhaabbatee bulchiinisi Otomaan ka'uusaaf ragaa taheera. Ibin Baatuutaan hogganoota naannootiin gammachuun simatama ture.

Imalasaa itti fufee Galaana Gurraacharraan baha Awurooppaa Ulaa Kireemiyaafi laga Volga River, Saariyaa bulchhinsa Golden Horde Khan Uzbeek(1312-1341) qaqqabe.

Naannoo Saariyaa jedhamurraa gara Bulgaariyaafi laga Kaamaatti imale. Konistaantinooppil amma Istaanbul jedhamtu haadha warraa mootii Baazantiin waliin daawwate.

Akka Insaaykilooppiidiyaa Biriitaanikaan ibsutti Ibin Baatuutaan magaalaa guddoo Baazantiin kana iftuufi qulqulluu jechuun ibsuu agarsiisa.

Ibin Baatuutaan namoota amantii hin qabne irratti akkuma Musliimota kaanii ilaalcha jabaa qabaatus waan inni waa'ee Konistaantinooppil ''Room lammaffaa' jedhamtu barreesse nama danooma fudhatuufi waa baruuf fedhii qabu akka tahe agarsiisa.

Haa tahu malee biyyoota Kiristaanaa, Hinduuifi Waaqa tokkotti hin amannerra yeroo biyyoota Islaamaa deemu gammadaa ture.

Konistaantinooppil irraa deebi'ee lafa margaa Raashiyaa keessa bahee kallatti Hindiitti qajeele.

Iddoo Saaraayi jedhamurraa kaaraavaanota waliin gara Gidduugala Eeshiyaatti imalee magaalota durii Buukhaaraa, Saamaarkaadn fi Baalki fa'a daawwate.

Ammas karaa wal-xaxaa kaaba Iraan Koorasaniifi Afgaanistaan keessa deemee tulluu Hindii Kuush darbuun booda Hindii, lafa Sulxaaneetii Deelihii qaqqabe.

Achitti (qaadii) daanyaa tahuun filamee Sulxaan Muhaammad biinTaaglaak tajaajiluu jalqabe. Ibin Baatuutaan waggaa dheeraaf Hindii keessatti dabarse. Bulchiinsa hawaasaa wal-xaxaafi hariiroo amantiifi aadaa baayyee arge.

Ibin Baatutaan aangoon Hindiitti argate kuni balaa akka qabu beeka ture. Sulxaan Muhaammad biinTaaglaak hammuma arjaa tahe biyyattii sibiilaan abbaa irrummaan bulcha ture. Warra Hinduufi Musliimaa cunqursa ture. Ibin Baatuutaan sulxaanni kuni yeroo kufee ka'u isa waan argeefi hiryyootisaa garajabummaa isaaf yeroo saaxilaman waan hubateef sodaa addaan hin citne keessa jiraata ture.

Fakkiin Sulxaan Muhaammad biin Taaklaaq Baatuutaan kaase haala xiinsammuu inni irra ture sirriitti agarsiisa. Sodaafi gara laafummaa keessa ture barreefama isaatiin haqaan ibseera. Of eeggannoo barbaachisu hunda godhus dheekkamsa sulxaana kanarraa hin hafne, garuu dunnasaatti otoo aduun hin seeniin araraamee bara 1342 Chaayinaatti ambaasaaddara tahee filame.

Deelihii gaabbii tokko malee gadhiisee deemus karaansaa garuu baalaafi dhiphuurraa bilisa hin turre. Embaasiin isaa finciltoota Hinduudhaan haleelamee innu xiqqoomaaf lubbuu baafate.

Kibbalixa Hindii yeroo gahu waraana naannoo hamaa tahe keessatti of arge, dhumarratti dooniinsaa iddoo Kaazhikooda jedhamutti jalaa caccabde.

Baatuutaan sodaa amala aariifi dheekkamsaa sulxaanicharraa qabuun gara Maaldiivistti deeme. Achittis qaadii tahuun waggaa lamaaf tajaajilaa ture.

Maaldiivas irraa gara Sirii Laankaa deemuun teessuma lafaa bareedaafi galma amantii Budahaa daawwate.

Hindii kibbabahatti iddoo Koroomaandeel jedhamutti dooniinsaa dhidhimnaan ammas gara Maaldiivis deemee gara Beengaaliifi Asaamitti qajeele.

Yeroo kanatti gara Chaayinaafi Sumaatraa deebi'ee deemuuf murteesse. Achitti sulxaanni Musliimaa doonii haaraa kenneef achumaan gara Chaayinaa imale. Ibin Baatuutaan bakka deeme hundatti waan arge, namoota, iddoofi aadaa tokko, tokkoon galmeessaa ture.

Chaayinaafi Deebii

Imala Ibin Baatuutaan taasise keessaa kan inni gara Chaayinaa taasise akkaan adda ture. Bara 1345 magalaa daldalaan ho'ite Guwaanzhuu qaqqabe. Ibin Baatuutaan Chaayinaa yeroo deeme waan galmeesse addunyaa warri Awurooppaas tahe Arabaa bira hin geenye ijaan argee agarsiise.

Baatuutaan dhaddacha guddaa Beejiing, tujuba qaroomaafi bulchiinsa Chaayinaa gaafa argu dinqame. Daandii daldalaa mammaramaa fi aadaafi duudhaa Chaayinaa kana tokko lamaan galmeesse. Galmeen imaltuu Chaayinaa Ibin Baatuutaa addunyaa bara Gidduugalaa daldalaafi dippiloomaasiidhaan walitti hidhamuusaa agarsiise.

Ibin Baatuutaan imala dheeraa Baha Fagoo keessa taasiseen booda gara Morookootti deebi'uuf bara 1346 imala jalqabe. Imala deebii kanaanis Indoonezhiyaa, Maalaabaar, Galoogalaana Baagidaadfi Sooriyaa keessa bahe. Sooriyaatti Duuti Gurraacha bara 1348 yeroo nama fixu hubate. Ergasii irra deebiin magaalawwan Masrii baayyee daawwate.

Wagguma kana yeroo dhumaaf Makkaa daawwate. Kana booda Aleeksaandariyaa Masrii irraa ka'ee Tuunis dhaqee Sardiniyaafi Aljeeris keessa bahee magaalaa Morookoo Feez qaqqabe. Bara 1349tti Feez magaalaa guddoo Maariiniid Sulxaan Abuu Inaaniin bulti turte.

Ammallee biyyoti Musliimaa inni hin agarre lamatu jira. Erga Morookoottti deebi'ee yeroo gabaabaan booda gara bulchiinsa Gaaraanaadaa, Ispeen yeroo Muurii- hogganoota kaaba Afrikaafi Arbaan bulaa turtetti qajeele. Waggaa lama booda bara 1352 imala gara lixa Sudaan jalqabe.

Kuni imalasaa dhumaati(gammojji Sahaaraa hanga lixa Afrikaa). Gammoojjii Sahaaraa erga qaxxaamureen booda Imaapaayara Maalii keessatti waggaa tokko dabarse, kuni yeroo biyyattiin Maansaa Suleeyimaan jalatti bulaa turte dha. Isa inni ijaan argee galmeessetu madda seenaa Afrikaa lixaa murteessaa tahe.

Dhuma bara 1353 irratti Ibin Baatuutaan gaaffii sulxaana Morookootiin biyyatti deebi'e seenaafi galmee imaltuusaa jecha salphaan barreesse, barreessaan yeroosii Ibin Juzzay(bara 1355 du'e) walaloofi jecha miidhagaan isa Baatuutaan itti himurraa katabe.

Ergasii Baatuutaan ija uummataa jalaa dhokate. Akka jedhamutti taanaan du'asaan dura Morookoo keessatti qaadii tahee hojjechaa ture. Bara 1368-1377 akka du'eefi bakka dhalootasaa Taanjiiritti akka awwaalame ragaan Insaayikilooppiidiyaa Biriitaanikaan ni ibsa.

Hambaa seenaasaa

Imalli Ibin Baatuutaa iskuweer kiloomeetira 120,000fi biyyoota 40 kan haguuge yoo tahu kuni kan abuuraa beekamaa Xaaliyaanii Maarkoo Pooloo fa'iin ol.

Qalbifannaa fi ibsi inni tokko lamaan barreesse foddaa addunyaa jaarraa 14ffaa ittin ilaallu nuu taheera. Joograafii, aadaa, diinagdee, teessuma lafaafi siyaasa kutaa addunyaa baayyee ittiin argineerra.

Keessumaa waan inni barreesse addunyaa Islaamaa bara Gidduugaleessaa sirriitti agarsiiseera.

Daldala akkaan bal'aa, walirraa barachuu hayyootaa, akkasumas hariiroo aadaa bara sanaa ibseera. Imalli Baatuutaa Hajji deemuun addunyaa Islaamaa akka tokko taasisu fa'a jala muree kaa'eera. Kunimmoo beekumsa walii kennuun Musliimota gidduu eenyummaan waloo akka jiraatuuf haala mijeesseera.

Kana malees galmeen imalaa Ibin Baatuutaa joograafii, seenaafi antirooppooloojii irratti dhiibbaa guddaa qaba. Galmeen iddoofi aadaa biyyoota kanaan dura hin beekamiin tokko lamaan kaa'ame hayyoota seenaafi qorattoota qabeenya odeeffannoo badhaase. Kitaabnisaa gara afaanota baayyeetti hiikame hamma har'aattillee hayyoota gidduutti dhimma mariiti.

Yeroo imalasaa Baatuutaan hogganoota biyyaa 60 ol akkasumas ministaroota, bulchitootafi namoota beekamoo kaan argateera.

Kitaabasaa keessatti namoota 2,000 qaamaan argateefi iddoo awwaalcha isaanii daawwate eereera. Barreefama Ibin Baatuutaa keessatti dogoggorri guyyaafi maqaa namootaa baayyee xiqqootu argame. Maqaafi iddoon inni eere qaamota walabaanillee mirkanaa'uu danda'u.

Galmeen imalaa kuni waan inni saaxile biraan jireenya dhuunfaa Ibin Baatuutaa dha. Muslimni jaarraa 14ffaa seera Islaamaafi falaasama Suufii walitti araarseti jiraachaa ture. Falaasama guddaa qabaatus jireenya yeroosii garuu otoo itti hin dabalaiin otoo irraa hin hir'isiin dhaloota booda dhufuuf eenyummaasaa isaa sirrii agarsiise.

Imalli Ibin Baatuutaa Waxabajjii 13,1325 jalqabe dheebuu iddoo haaraa beekuufi beekumsaaf qabu ilmoo namaa seena keessa qajeelche. Imalliisaa dheebuu dhuunfaa iddoo fagoo deemuu qofa osoo hin taane beekumsa bara gidduugalaaa gara fuulduraatti kan dabarse dha.

Hambaan seenaa Ibin Baatuutaa imaltoota dhaloota baayyee qarooma danuu ilmoo namaa akka isaan qorataniif ammas kaka'umsaa fi dammaqina tahuu itti fufeera.