Namni adabbiin du’aa itti murtaa’ee eeggachaa ture dhukkubsatee du’e

Maxxanfame

Namichi kutaa Kaalifoorniyaa keessatti guddattuu ganna 12 fi dubartoota afur ajjeesuun himatamee adabbiin du’aa irratti murtaa’e, dhukkubsatee du’uusaa anga’oonni himani.

Namni ganna 77 Roodnii Alkaalaa, mana hidhaa Kaaliifoorniyaa naannoo Korkooraa jedhamu dhiyeenyatti hoospitaala argamu keessatti Sanbata Duraa ganamarra du’uusaatu himame.

Roodnii Alkaalaa sagantaa TV tokkorra dhiyaatee ‘‘Dating Game Killer’’ maqaa jedhuun beekamtii erga argatee booda ture 2010 keessa himannaan irratti banamee yakkamaa kan jedhame.

Kan Kaalifoorniyaa keessatti raawwate dabaluun Niiw Yoorki keessattis dubartoota lama ajjeesuu isaa amanee ture.

Alkaalaan guddattuu ganna 12 kan ajjeese bara 1980 yoo ta’u, ajjeechaafi ukkaamsaa raawwateen Kaawuntii Ooreenji keessatti ture duuti kan irratti murtaa’e.

Ta’us murteen kun mana murtii olaanaa Kaalifoorniyaadhaan kaafamee irra deebiin akka ilaalamu murtaa’ees ture.

Adeemsa dhaddachaa lammaffaa kanaanis murteen wal-fakkaatu irratti murtaa’ee ammas 2003’tti irraa kaafame.

Waggoota itti aananittis qorattoonni ragaa ajjeechaawwan biroo itti raawwate Alkaalaa irratti arganneerra jedhani.

Namni kunis shamarree ganna 12 sana dabalatee dubartoota umriin 18-32 keessa jiran afur ajjeesuun mirkanaa’ee yakkamaa ta’e.

Yakki nama kanaa yeroo jalqabaaf kan saaxila ba’e bara 1978 sagantaa TV jaalalleewwan walitti fidu irratti erga dhiyaateen booda dha.

Sagantaa kana irratti dubartiin tokko dhiirota sadii dhiyaataniif keessaa deebii isaanii irratti hundaa’uun tokko keessaa filatti ture.

Wayita sanattis Alkaalaa kan filatte ta’us, waltajjii duuba waan itti dubbateen murtee ishee akka jijjiirte beeksifte.

Sana hordofuun ture qorannoon irratti banamee innis balleessaa isaa aan mane.