Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni murtii Indiyaa namoota bara 2008 boombii dhoosuun himatamanirratti du'a murteesse
Manni murtii Indiyaa namoota bara 2008 bulchiinsa Gujarat keessatti dhohiinsa boombii balaafamaa lubbuu namoota hedduu galaafatee fi dhibbaan kan lakkaa'aman madeesse raawwatan jedhee himaterratti adabbii du'aa dabarse..
Magaalaa wiirtuu daldalaa Gujarat kan taate Ahmedabad keessatti balaa dhohiinsa boombii raawwateen namoonni 57 du'anii, dhibbatti kan lakkaa'aman ammoo miidhamaniiru.
Manni murtii Ahmedabad namoota biroo yakka kana keessatti hirmaatan jedhe 11 hanga umriinsaanii biyya lafaarraa darbutti mana hidhaa akka turan murteesseera.
Namoonni itti murtaa'e kunneen mana murtii olaanaatti himatasaaniitiin falmuu danda'u jedhameera.
Adoolessa 26, 2008 sa'atii tokko keessatti dhohiinsi boombii walitti fufiinsaan yeroo 20 magaalaa Ahmedabad keessatti bakkeewwan gabaa, iddoowwan jireenyaa, geejjibaa uummataa fi hospitaala keessatti raawwate.
Boombiin osoo hin dhohin hafe hedduunis erga balaan sun raawwatee booda bakkeewwan haleellaan itti raawwatee argamaniiru.
Gareen hidhattoota muslimaa ofiin jedhan-Indian Mujahideen - ergaa karaa email miidiyaalee hedduuf eragniin haleellaa sana raawwachuu ibsaniiru.
Gareen kun bara 2010 keessas jaarmiyaa oomisha daabboo guddicha Jarmanii Indiyaatti argamurratti haleellaa raawwachuun namoota 17 ajjeesanii hedduu erga madeessanii booda, mootummaan Indiyaa gareen kun shororkeessaa ta'uu labse.
Magaalaa Ahmedabad keessatti dhohiinsa boombii mudateen walqabatee namoonni 78 himatamaniiru, himatamtoota keessaa `namni Ayaz Saiyed, boodarra qorattoota yakkaa gargaaruun waliin hojjechaa ture.
Namoota 28 irraa ammoo himati isaanii adda citeera.
Manni murtii tokko tokkoo maatii miidhamtootaaf beenyaan doolaara Ameerikaa 1,337 yookiin ruuppiin 100,000 akka kaffalamuuf ajajeera.