Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchistar Yunaayitidiifi Arseenaal xumura Yuurooppaa Liig irratti wal-arguu maluu?
Tapha dirree isaaniirratti 1-1 wal-qixa kan ba'e Arseenaal gara Islaaviyaa Piraahaatti imaluun 4-0'n moo'uun deebi'eera.
Leenjisaan Arseenaal Maayikil Arteettaan ga'umsa garee isaanii yoo jajan, qabxii yeroo murteessaa ta'etti argannedha jedhaniiru.
Imala Liigii Awurooppaa kanaan Arseenaaliif taphni akka Kamisa darbee ulfaata jedhamee eegame hin turre.
Gareen ittiin morkatan dirree isaanii dhufuun wal-qixa ba'uunsaa tapha lammeessoo dirree Arseenaaliin ala taasifame daran ulfeessa jedhamee yaadamee ture.
Arseenaal yoo waancaa kana injifatan, iddoo dorgommii Chaampiyoons Liigii keessatti bara dhufu isaan hirmaachisu argatu.
Niikoolaas Peeppee, Laakaazeet (2) fi Bukaayoo Saakaa taphattoota galchii lakkoofsisuun gareesaanii gara waancaatti tarkaanfachiisan ta'aniiru.
Tapha itti aanuunis garee Ispeen Viyaariyaal waliin waancaaf darbuuf morkatu.
Gama biraatiin Maanchistar Yunaayitid Giraanaadaa qabxii waliigalaa 4-0'n moo'uun gara xumura walakkaatti darbeera.
Yunaayitid tapha jalqabaa dirree isaaniin ala 2-0'n moo'uun isaanii hin dagatamu. Tapha Oldi Tiraafoordi irratti taasinaniin ammoo, galchii Eediinsan Kaavaaniifi taphataan Giraanaadaa of-irratti lakkoofsiseen moo'uu danda'ani.
2017'tti dorgommii kana kan moo'an Yunaayitidoonni erga Soolshaayer isaan leenjisuu eegalee as xumura walakkaaf qofa darbuu kan danda'ani.
Tapha xumura walakkaa irrattis garee Xaaliyaan Roomaa waliin yoo falmatan, taphattoonni Yunaayitid duraanii Ismooliingi fi Miikitaariyaan gara dirree isaanii duriitti nidhufu jedhamee eegama.
Yunaayitidiifi Arseenaal morkattoota isaanii moo'uun xumura irratti wal-arguu malu jechuun ogeessoonni kubbaa miilaa xiinxalan himuutti jiru.