Maanchistar Yunaayitid rukuttaa peenalitii '%100 mirkana tahe' argachuu qaba ture jedhan Ole Gunnar Solskjaer

Maxxanfame

Abbootiin murtii kubbaa miilaa ''dhiibbaan alaa'' irra jira jedhan leenjisaan Maan Yunaayitid Ole Gunnar Solskjaer, erga kilabni isaanii rukuttaa peenaalitii 'mirkana tahe' dhorkamee booda.

Taphni Dilbataa Cheelsii waliin ture 0-0 qabxii taheen obba'e.

Gaaffiin kubbaa harkaan tuquu Callum Hudson-Odoi abbaa murtichaan kan kuffifame yoggaa tahu, Istuwaart Atwel dirreen ala bahuun iskiriniirratti kan ilaalan tahus yaada isaanii hin jijjiirre.

''Rukuttaa peenaalitii (adabbii) ture. Erga peenaalitiin nu kennamee wacni kahee qabee, peenaalitii dhorkamuun keenya na yaaddeessa,'' jedhan Solshaayer.

Tapha hedduu nama hin harkifne Istaamford Birijiitti taphatame kana keessaa, taateen kun qalbii namootaa hawwateera.

Hadsan-Odoyi fi Meson Giriinwuud, kubbaa karra eegaan Cheelsii Edwaard Meendii harkaan rukute dhuunfachuuf yaalaa turan.

Kubbichi taphattoota lamaanuurra waan bu'e fakkaata. Giriinwuudiin ciqileesaa oliirratti, Hadsan-Odoyi ammoo harkaan tuqe. Abbaan murtee Atiwel garuu rukuttaa penaalitii hin kennine, taphicha ittuma fufsiisan.

Tahus garuu, dirree keechaa bahuun iskiriinii akka ilaalan abbaa murtee viidiyoo ilaaluun (VAR) gaafataman.

Atwel gara alaa bahuun kophaatti erga tv keessa ilaalanii booda, lakkii taphataan kun harkasaa gara kubbaatti hin sochoosne jechuun, murteesaanii duraanitti cichan.

Yunaayitid erga barri taphaa darbee erga eegalamee qabee rukuttaa peenaalitii 22 argateera. Kunis kilaba kamuu rukuttaa afuriin caala.

Kanaanis leenjisaan Livarpuul Kilooppi fi leenjisaan Cheelsii duraanii Laampaard, kilabni isaanii maaliif anga'ootarraa deeggarsi akkasii akka hin godhamneef gaafatan.

''Leenjistonni abbootii murtiirra dhiibbaa godhan jiru,'' jechuun Solshaayer Sky Sports'tti himan. ''Abbootiin murtii waanti kun akka isaan hin dhiibne nan amana. Garuu murteen kun hedduun na dinqe.''

Maaliif rukuttaan akka hin kennamne amma galeeraafi taanaan kan gaafataman Solshaayer: ''Lakkii. Tasumaa. Keessattuu taphicha dhaabanii, erga ala bahee ilaalee booda,'' jedhan.

Leenjisaan Cheelsii Toomaas Tukel garuu taatee kana haala addaan ilaalan.

''Akkamiin kun murtee VAR tahuu dandaya? Taphataan diimaa uffate harkaan tuqee, peenaalitiif ilaalamaa?,'' jedhe.

''iPad irratti ilaaleera. Abbaan murtee maaliif deemee ilaaluu akka isa barbaachise naaf hin galle. Tahus peenaalitiin kennamuu dhabuusaatti gammadeera. Otoo kenname silaa, wanti hunduu in babbada ture.''