Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Son Heung-min osoo ilmakoo ta'ee midhaan hin kennuuf'- Leenjisaa Man Yunaayitid
Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Olee Gunaar Solvaayar, tapha walqoccolloon itti baay'ateen Totenhaam Hootspar 3 fi 1'n erga mo'atanii booda, ''Surraan tapha kubbaa miilaa badeera'' jechuun taphicha ibsan.
Goolii jalqabaa taphataan Maanchistar Yunaayitid Edisan Kaavaanii, goolii sana galchuun dura taphataan gareessaa balleessaa raawwachuu abbaan seeraa ragaa viidiyoon deggerameen erga mirkaneessee booda goolichi haqameera.
Taphataan Tootenhaam Son Hewung-Min, taphataan Yunaayitid Iskoot Maaktoominaay harkasaatiin fuulasaarraan miidhaa geessisuu himatee osoo lafatti kufee jiruutti goolii kan gale.
Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Olee Gunaar Solvaayar taphichi erga xumuramee booda aariidhaan wayita yaada kennan: ''Osoo taphataan koo(ilmikoo) akkas godhee, hanga gareen koo dhufee na kaasutti jedhee lafa ciiseera ta'ee nyaata dhowwachuudhaanin adaban ture. Sababni isaa kun gocha nama qaanessuudha,'' jedhan.
''Surraan taphaa guutummaatti badaa jira.''
Taphataan Tootenhaam Son falmii yeroo dheeraa booda goolii yunaayitid haqsiisee, goolii jalqabaa ofiisaa galchuun taphi boqonnaa duraa 1 fi 0'n olaantummaa Tootenhaam'n xumurame.
Tapha boqonnaa boodaan garuu goolii taphattoonni yunaayitid Fireed, Kaavaanii fi Giriinwuud galchaniin taphichi 3 fi 1'n xumurameera.
Solvaayar taphichi booda akkas jedhan,''Osoo balleessaan Son irratti raawwatame ifa ta'ee jiraatee abbaan seeraa dhimmicha yoo ilaaleyyuu rakkoo hin qabu ture, gooliin garuu mirkanaa'uutu irra ture. Nuti gocha Son raawwateen hin gowwoomsamne, abbaan seeraa garuu gowwoomsameera,'' jedhan.
Leenjisaan Tootenhaam Joozee Moriinhoo gamasaaniin,''jalqabarratti waan tokkon isinitti hima. Solvaayar waa'ee Son yaada sana erga dubbatanii booda anaan na gaafachuu dhiisuunsaanii baay'ee na ajaa'ibeera,'' jedhan.
''Osoo anatu kana jedhe ta'ee silaa maaltu ta'a ture? Baay'ee nama gaddisiisa. Akka warra kaan ilaalanitti anaan ilaaluu dhiisuun isaanii baay'ee na gaddisiisa.''
"Waa'ee Son yoo na gaafattan, Oleen abbaasaa ta'uu dhabuutti carra qabeessa. An abbaasaati. Abbaan yoggayyuu ilmasaa sooruu qaba. Ilma keef jettee dafqa keerraa hatta,'' jedhan Joozee Moriinhoo.