Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaampiyoons Liigii Awurooppaa: PSG fi Cheelsiin mirgaan galan
Taphoota Chaampiyoons Liigii Awurooppaa Roobii galgala taphataman lamaan Cheelsiin 2 fi 0n Poortoo yoo mo'atu, PSGn ammoo 3 fi 2n Baayer Muuniik injifateera.
Kiliyaan Mbaappee goolii sadi keessaa lama lakkoofsisuun kilabni isaa Paris St-Germain, chaampiyoonaa bara dabree kan tahan Bayern Munich dirreessaanirratti mo'ataniiru.
Gama Cheelsiin ammoo erga tapha Pirimeer Liigiin haala hin eegamneen West Biroomin mo'amanii booda, tapha gaarii agarsiisuun morkattootasaanii Poortoo mo'atan.
Taphni PSG fi Muunik kun bara dabre tapha waancaaf falmatame ture. Taphichis si'aa'ina cimaan kan taphatamaa ture oggaa tahu, silaa ammallee irra deebiin jarri lamaan kun waancaaf taphatanii dassa ture - hin ta'uuf malee.
Taphattoota isaanii qaxalee tahan keessaa kan ganni isaa 22 Mbaappen daqiiqaa sadi gidduutti goolii isa jalqabaa lakkoofsise.
Boodarras Marquinhos tokko itti daruun lamaafi duwwaan kan dursaa turan tahus, jifataan Muunik Eric Maxim Choupo-Moting boqonnaan dura tokko galchuun 2fi 1n boqonnaa bahan.
Baayer Muunik taphasaanii cimsachuun Tomaas Muller goolii lammaffaa galchuun walqixa tahan. Kana booda namuu si'aa'inaan taphicha hordofuu eegale.
Tahus garuu otoo baay'ee hin turiin, dargaggeessi qaxaleen sun galchii isaaf lammeessoo, kilabichaaf ammoo sadeessoo galchuun taphichi akkasiin obba'e.
Cheelsiif ammoo galchiin jalqabaa Mason Mount boqonnaan dura galche, hamileesaanii Pirimeer Liigii gubbaa gadibu'eef jajjabina taate.
Kilabni kun Sambata dabre West Biroomiin 5 fi 2n haala hin eegamneen erga mo'amanii booda, Kepa Arrizabalaga fi Antonio Rudiger ammoo bakka leenjiitti waldhabanii turan.
Ben Chilwel ammoo galchii ishee lammaffaa kilabichaaf lakkoofsisuun, aaragalfii uumeef. Miira kanaanis marsaa lammeessoo Kibxata taphatu.
Mbappe
Mbaappeen taphoota Chaampiyoons Liigii baranaa irratti hirmaate saddeet irratti galchii saddeet lakkoofsiseera.
Goolii Roobii galche lamaan kana dura, tapha Baarseloonaa irratti goolii sadiin hatiriikii hojjetee ture.
''Akkuma Baarseloonaatti dubbadheen, tahoota akkasii nan jaaladha.
''Yeroo hunda mo'achuu baadhus... garuu kanan as dhufeef dhokachuuf miti. Taphoota akkasii nan jaaladha, goolii murteessoo taate galchuun ammoo guddoo dansa,'' jechuun dubbate Mbaappeen.
Taphni morkattoota lamaanii gidduu marroon lammeessoo, Paarisitti Kibxata Ebla 13 taphatama.