Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Qondaalli Kaanaadaa quunnamtii saalaa irratti maaskii keewwadhaa jedhan

    Nama mana keessaniin ala jiraatu waliin quunnamtii saalaa raawwttu yoo taheef maaskii keewwachuu yaalaa jechuun gorsan qondaalli fayyaa Kaanaadaa.

    Dr Teereezaa Taam wal-dhungachuu dhiisuun immoo filtamaa dha jedhan.

    ‘’Weerara Covid19 hir’isuuf akkuma sochiiwwan biroo walitti dhiyeenya qaamaa fa'i irra of eeggannu, yeroo qunnamtiin saalaa raawwatamus vaayirasichaan qabamurraa of eeguun barbaachisaa dha,’’ jedhan.

    Yoo danda’ame immoo yeroo weerara kanaa cirumaa quunnamtii saalaa raawwachuu dhiisuun nagaa keenya tiksa jedhan.

  2. Lammilee mana hidhaa Sa’udii keessa jiranirrattti mootummaan maal jedhe?

  3. UN Sudaan Kibbaatti gidduugala nageenya kabachiisuu Lobonok bakka jedhamutti banuuf

    UN Sudaan Kibbaatti gidduugala nageenya kabachiisuu Lobonok bakka jedhamutti banuuf.

    Bakki kun bakka eegdotni itti aanaa pirezidaantii Jeemsi Wani Igaa jaha ji’a darbe itti ajjeefamanidha.

    Dursaan ergama nagaa kabachiisaa Sudaan Kibbaa Deevid Shiirer, gidduugalichi naannichatti eegumsa gochuuf nu gargaara jedhan.

    Naannichatti namoota deeggarsa kennan irra haleellaan baay’een dhaqqabaa ture, akka ibsa garee nagaa kabachiisaa UN Sudaan Kibbaa jiruutti.

    Gareen finciltoota ‘National Salvation Front’ (Nas), jedhaman kan jeneraala waraanaa duraanii Toomaas Sirilloo siwaakaan gaggeeffamu, haleellaa ji’a darbe eegdota itti aanaa pirezidaantii irratti gaggeeffame raawwachuu ibsaniiru.

    Gareen kun waliigaltee mootummaa fi mormitoota hidhannoon qabsaa’an gidduutti bara 2018 raawwatee waraanni akka dhaabbatu taasifame keessa hin jiran.

  4. Qorichoonni 'Isterooyidii' namoota Covid-19 itti hammaate lubbuu baraaru

  5. Nama Covid-19n qabameef maaltu barbaachisa, akkamiin kunuunsu?

  6. Bulchiinsota US’tti talaalliin Covid-19 ji’a Sadaasaa keessa raabsamuufi

    Filannoon Ameerikaa gaggeeffamuuf guyyoota muraasa dura talaallii kana rabsuuf karoorsuun shakkii uumeera.

    Dhaabbatni Ittisa fi To’annoo Dhukkubaa Ameerikaa(CDC)n qondaalotni fayyaa kutaa biyyaa 50 talaallii Sadaasa, 1 rabsamuuf akka qophaa’an himeera.

    Dokimantiiwwan sadii haalawwan talaalliiwwan maqaan adda hin baane akka raabsaman himu Hagayya 27 ergameera.

    Qajeelfamani ergame kun talaallichi ogeessota fayyaaf, warreeen umriin isaanii 65 ol taheefi dhukkubichaaf haala adda taheen saaxilamaniif dursa kenna.

    Talaalliiwwan vaayirasii kanaa yaalii irra jiran danuu yoo tahan, gariin sadarkaa dhumaarra jiru.

    Ogeessi gameessi Ameerikaa dhimma dhukkuboota daddarboo, Antoonii Foochi bu’aan talaallii kanaa gaarii yoo tahe, yaaliin isaa otoo hin xumuramiin dhiyaachuu danda’a jedhu.

    Garuu, saayintistoonni kaan immoo dhimma kana siyaasatu oofa sodaa jedhu qabu.

    Saaskiyaa Poopeeskuu immoo Ariizoonaatti qorataa ittis dhukkubaati.

    ’’Yeroon talaallichi kennamuuf karoorfame fayyaan hawaasaa akka siyaasatti hin laaqamneefi nageenya uummataarra dhibbaan hin geenye yaaddoo qaba,’’ jedhan

    Talaallichi kan kennamu filannoo dhufuuf dhiibbaa taasisuuf akka hin taane amanuun nama rakkisa jedhan.

  7. Summiin kanniisaa kaansarii harmaa yaaluuf oola jedhe qorannoon

  8. Keeniyaan qabeenya warreen al-shabaab deeggaran jette uggurte

    Keeniyaan qabeenya namoota sagalii garee hidhataa Somaaliyaa al-shabaab deeggaru jetteen uggurtee jirti.

    Ministirri dhimma keessaa biyyattii tarkaanfiin kun shororkeessummaa isa biyya keessaa ittisuuf taasifame dha jedheera.

    Ibsa Ministirri Tika Biyya Keessoo, Fireed Maataayaangii kennaniin qabeenya lammiilee Keeniyaa sagal kan qabanne akka isaan kana booda garee al-shabaab biyya keessaa hin deeggarre mirkaneessuufi jedhan.

    Gareen kun namoota, filachaa, barsiisaafi fi ajandaa finxaalessummaa fi shororkeessummaa leenjisaa turuullee akeekan.

    Ibsi kun kan bahe erga pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan, gaggeessitoota addunyaa, weerarri Covid19 gochaan shororkeessummaa akka jabaatu, baqattoonni akka hiraarfamaniifi hidhatoonnifi meeshaaleen waraanaa sasalphaan akka dhalataniif sababa tahaa jira jechuun himan booda dha.

    Keeniyaan loltootashee bara 2011tti Somaaliyaatti erga bobbaasteen as al-shabaab irraa haleellaan garagaraa irra gaheera.

  9. Marsariitiin dhuunfaa ministira mummee Indiyaa hatame

    Dhaabbanni Tiwiitarii marsariitiin dhuunfaa ministira mummee Indiyaa Naareendraa Moodii hatame jedhe.

    Marsariitii sana irraatii gara fuula Tiwiitarii isaanii ergaan hordoftoota isaanii tola ooltummaaf qarshii akka arjooman gaafatu dhufaa ture jedhe Tiwiitariin.

    Dhaabbatni Tiwiitarii dhimma kana waan hubateef marsariitii isaanii eeguuf tarkaanfii fudhachuu ibseera.

    Baatii Adoolessaa keessa dorgomaa pireezidantummaa Joo Baaydaniifi biiliyenarri Ameerikaa Elan Maask haleellaa saayibarii irra gahuun booda akkaawuntiin nama beekamaa hatamuun kuni isa sadaffaati.

    Fuulli Tiwiitarii Moodii hordoftoota miiliyoona 2.5 qabu akkaawuntii ifattii beekamu dha.

    Fuulli Tiwiitarii dhuunfaa isaanii hordoftoota miiliyoona 61 qabu hanna kanaan dhiibbaan irra hin geeenye.

    Dubbii himaan Tiwiitarii,’’dhimma kana ammallee qorachaa jirra, haa tahu malee akkaawuntiin biraa hatamuu hanga yoonaa quba hin qabnu,’’ jedhan.

    Baatii lama dura akkaawuntiiwwan 130 tahan haleellaa saayibariif saaxilamaanii turan.Haa tahu malee lakkoofsa muraasatu to’annoo hattoota kanaa jala oole jedhan.

  10. Ashamaa akkam bultan?

    Tamsaasni keenya kallattii kan Kamisa har'aa jalqabeera!

    Odeessaalee biyyaafi addunyaan itti jirtu jala jalaan isiniif gabaasna.

    Nu waliin turaa.

  11. Xumurre!

    Kunneen odeessaalee gabaasa kallatti har'aan isin biraan geenye keessaa:

    • Baqattuun Covid-19n qabamte heelikooptararratti deesse
    • Weellisaa beekamaa Akon Senegaalitti magaalaa 'Akon City' ijaaruuf
    • Finfinneen guyyaa tokkoof daabboo ummataaf tolaan raabsuufi
    • Suuraa ajaa'ibaa naachaafi ilamoolee isaa

    Kaanis gadi dabarsuun argachuu dandeessu.

    Boru ganamaan walitti dachaana, hagasitti nagaan turaa!

  12. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamnii kuma 54 caale

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 21,360'f qorannoo koronaavaayirasii taasisteef keessaa vaayirasichi namoota 1,105 irratti argamuusaa ministirri fayyaa beeksiseera.

    Kanaanis lakkoofsi namootaa biyyattii keessatti Covid-19 qabamanii 54,409 gaheera. Kanneen keessaa kan har'aa 416 dabalatee namoonni 19,903 bayyanataniiru.

    Gama biraatiin lubbuun namoota 18 kan darbe yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 846 sababa koronaavaayirasii lubbuusaanii dhabaniiru.

    Kanneen qorataman keessaa 3,493 naannoo Oromiyaa irraa yoo ta'an, naannichatti namoota 146 irratti koronaavaayirasiin argamuusaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibseera.

    Naannicha keessatti hamma ammaatti namoonni 6,591 vaayirasichaan qabamaniiru.

    Itoophiyaan hamma ammaatti namoota 949,813'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

  13. Meeksikootti namoonni gaddarra turan 6 hidhattootaan ajjeefaman

    Meeksikoo magaalaa Meeksikootti namoonni gaddarra turan jaha namoota hidhataniin ajjeefamaniiru.

    Namoonni hidhatan kunneen namoota dargaggeessa balaa doqdoqqeen du’eef gaddarra turan irratti si’a 60 dhukaasaniiru.

    Poolisiin sababni dhukaasichaa maal akka ta’e hamma ammaatti kan hin beekne yoo ta’u, gandi sun bakka yakki hedduminnaan itti raawwatamu ta’uusaa ibseera.

    Haleellaa kana boodas hamma ammaatti namoonni to’annaa jala oolfaman hin jirani.

    Miidiyaan biyya keessaa namoonni afur battalumatti du’uu fi tokko ammoo osoo hospitaala geeffamu karaarratti du’uusaa gabaaseera.

    Haleellaa kanaanis namoonni 15 biroo kan madaa’an yoo ta’u, isaan keessaa lama daa’immani.

    Ji’oota shan jalqabaa bara 2020’tti namoonni 20,494 ajjeefamaniiru. Yeroo walfakkaatutti bara 2018’tti namoonni 19,357 ajjeefamaniiru.

  14. “Kophaa keenya hidhamnee jirra, guyyaas galgalas nutti cufamee turra"

  15. Ameerikaan tumsa barbaacha talaallii Covid-19 WHO dursu keessaa of baafte

    Bulchiinsi Tiraamp tumsa idil-addunyaa barbaachaa fi raabsa talaallii Covid-19 Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) dursu keessaa of baasu beeksise.

    Sababa WHO keessa jiruuf tumsa kana keessaa of baasuu 'The Washington Post' gabaaseera.

    Tumsi biyyootni 172 keessatti qooda fudhachaa jiran kun "talaalliin sirriin erga argamee booda biyyoonni hundi qixa hiree talaallicha argachuu akka qabaatan" hojjeta.

    Dubbi himaan Waayit Haawus Juud Diir ibsa kennaniin Ameerikaan michoota ishee idil addunyaa waliin ta'uun vaayirasicha ittisuu irratti ni hojjetti jedhanii, malaammaltoota kan jedhan WHO fi Chaayinaa waliin garuu akka hin hojjenne dubbatan.

    Donaald Tiraamp amma dura Chaayinaaf looga jechuun irra deddeebiin WHO qeeqaa turan.

    Ogeeyyiin fayyaa biyyoonni badhadhan akka Ameerikaa fi kaan talaalliin yoo argame ofii isaaniif qofa godhachuu barbaadu jechuun yaaddoo qabu ibsatu.

  16. ‘Mootummaan Taanzaaniyaa filannoo ji'a dhuftuu dursee mormitoota ukkamsuutti ciche’-HRW

    Jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu ‘Human Rights Watch‘ mootummaan Taanzaaniyaa filannoo ji’a dhufu filatamu durseetu mormitoota fi dhaabbilee miti-mootummaa humnaan ukkaamsuutti cichaa jira jedhe qeeqe.

    Kana malees miidiyaaleen dhimmoota koronaavaayirasii fi siyaasaa falmii kaasan biroo akka hin gabaasne daangessuu jaarmiyaan kun qeeqera.

    Miseensonni paartii mormituu17 fi namoonni mootummaa qeeqan biroos hidhamuu jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu kun ibseera

    Dhaaabbileen filannoo dur biyyattiin gaggeessite hordofaa turan filannoo Taanzaaniyaa filatamuuf jirurratti akka hin argamne komishinii filannoo biyyattiin ugguramaniiru.

    Haala siyaasa biyyatti amma keessa jiru gamaggamuun taajjabdoota muraasa qofatu filannoon bilisaa fi haqummaa qabu ni filatama jedhee eega.

  17. Loltuun Israa’el lammii Paalestaayiin jilbaan mormarra ejjachuun balaaleeffannaa uume

    Hiriira mormii Weest Baankii keessatti bahameerratti loltuun Israa’el rogeessa Paalestaayiin Kahiri Hanoon jedhamu sekondii 50’f mormarra jilbeeffatee lafatti gadi qabaa ture.

    Wayita sanatti harkisaallee dubaatti hidhaadha ture.

    Ta’iin kun Paalistaayinoota biratti balaaleffannaa guddaa uume. Waraanni Israa’el garuu namicha to’achuuf tarkaanfii of-eggannoon fudhatame jedhe.

    Mormii lammileen Paalastaayin qubannaa seeraa idil-addunyaa cabsu Israa'el mandara Shufaa jedhamutti ijaartu balaaleffachuuf Kibxata bahanirratti ta’iin kun waraabame.

    Israa’el seera idila addunya cabsa jette hin fudhattu.

    Namni loltuun irratti jilbeeffate Haanon gaazexaa Israa'el tokkotti akka himetti maanguddoonni muraasni loltoonni nun tuqan jedhanii hiriira bahanii, akka nama jeequmsa uumeetti haleeluu himatan.

    Ta’i kanas poolisiin Ameerikaa Joorjii Filooyid Minaappoolis keessatti daqiiqaa baay'eef jilbaan mormarra ejjachuun kan ajjeeseen wal madaalchisee dubbate Aab Haanon, "anas miira sana fakkaatutu natti dhaga’ame" jedhe.

    Boodarra gadhiifamun manasaatti galeera.

    Suuraan ta’ii sana agarsiisu garuu, miidiyaalee Paalestaayiin dhuunfachuun sirumayyuu qondaalli mootummaa tokko ‘gocha gara jabummaati’ jedhee qeeqe.

  18. Lolaan walakkaa Matahaaraa liqimsee, Affaaritti namoota 72,000 qe’eerraa buqqise

  19. Baqattuun Covid-19n qabamte heelikooptararratti deesse

    Dubartiin baqattuun koronaavaayirasiin qabamte Itaalii odola Laampeedusaatti gara hospitaalaa geeffamaa osoo jirtuu heelikoopitara keessatti deesse.

    Dubartiin kun wayita gara kutaa dahuumsatti geeffamtuutti koronaavaayirasiin qabamuunshee kan barame.

    Doonii baqattoota 535 qabatee gara biyyattii seenuuf tureerraa kan baraaramte dubartiin enyummaanshee hin beekamne tun yeroo ammaatti daa’imashee waliin magaalaa Paalermoo hospitaalatti argamti.

    Bara kanatti baqattoonni 19,400 ta’an gara Itaalii kan seenan yoo ta’u, isa bara darbee kan baqattoonni 5,200 biyyattiin seenan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu kana bara kanaa caalmaa qaba jedha gabaasni Rooyitarsi.

    Bara 2020’tti baqattoonni Afriikaa Kaabaa 40,000 ta’an galaana Meeditiriyaaniin qaxxaamuruun bishaan irraan gara Awuroppaa seenaniiru, isaan keessaas namoonni 443 du’aniiru yookiin achi buuteensaanii hin beekamne jedha UN.

    NGO’n doonii kana baraare akka jedhetti baqattoonni 353 doonicharra turan guyyaa kaleessaa magaalaa Paalermoo akka qubataniif hayyama argataniiru.

    Isaanis adda baafamanii tursiifamu jedhameera.

  20. Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte